Aanaa Baabbilee: Manniifi beeladni takka hin jirtu, nurraa gubaniiru

Loon balaa ibiddaan du'an
Ibsa waa'ee suuraa, Ibiddi qabsiifame manneeniifi beelada hedduu fixe
Maxxanfame

Kibxata darbe Godina Harargee Bahaa Aanaa Baabbileetti osoo namnii fi horiin mana jiranii namootni manneen jiraattotaatti ibidda qabsisaniin qabeenyi barbadahee, namoonniis miidhamuu buulchaan aanichaa beeksisan.

Walitti bu'insi naannoolee daangaa Oromiyaa fi Somaaletti itti fufiinsaan mudachaa jiraatus wanti Kibxata dhalate garuu adda nutti tahe jedhu bulchaan aanaa Baabbilee Obbo Ibraahim Umar.

''kana dura sababa walitti bu'iinsaatiin qe'eesaanii erga gadhiisanii bahanii bakka namnii fi horiin keessa hin jirretti ture kan raawwatu kun garuu osoo namniifi horiin keessa jiruu raawwatame.''

Kibxata barii naannoo sa'aatii kudha tokkotti gandootaa baadiyyaa aanichaatti namoonni ibidda qabsiisan. Bulchaan Aanaa akka jedhanitti namoota lamatu ibidda kanaan miidhamni irra gahe.

Namoonni balaan kaleessa isaan dhaqqabe abbaa warraa dhibba lama jedhan. Manneen jahatamas gubataniiru.

Balaa kanaan ''Kaleessa nama lama kan madaaye, namni du'e hin jiru,'' jedhaniiru.

Wanti akkanaa akka mudatu namni waan eegaa turef malee akka haala tureetti namni hedduu miidhamuu danda'a ture jedhu.

Haa ta'u malee, horiin bakkuma jiranitti gubataniiru.

''loon, jabbiloonnii fi re'ootni gubataniiru. Halkan sa'aatii 11tti araddaa tokko ganda lama keessatti raawwatame'' jedhu obbo Ibraahiim.

Gandi Barkallee gandoota lama balaan ibiddaa kaleessa itti dhaqqabe kessaati. Namootni balaan kun irra gahe bulchiinsa aanaatti baqatani jiru.

jiraataan naannichaa, Ahmad Naasir akka nutti himetti, benzilaan dhufanii gubani.

''Dhufaniituma ibidda nutti qabsiisan Beenzinaa fi waa cufaan. Manuma keessa jirruu fi mana beeladaa kanuma ibiddaan gubatu agarree keessaa baqannee baane'' jedha Ahimad.

Miidhaa qaqqabes yoo himu, ''manaa fi beelada nurraa miidhame malee mataan keenya baheera. mannii fi beeladni garuu hin jirtuu takka hin jirtu nurraa gubaniiru'' jedha.

Bulchaan aanaa sababni waldhabbii nama lamaatu gosaa fi naannootti guddate jedhu. Haa ta'u malee, jiraattonnis ta'e bulchitoonni jarri ibidda qabsiisan qawwee hidhachuu isaanii himu. Dhukaasnis ture.

Jiraattonni waraana addaa naannoo Somaaleetu balaa kana geessise isa jedhan bulchaan haa qoratamu malee shakkii qabaachuu dubbatan.

''Ragaalee kan guutuu hin qabu. walitti hidhamiinsi jira'' jechuun himaniiru.

Balaan akkanaa torban lama dura gandoota kaanittillee mudachuu himaniiru. Waldhabdeen garuu ji'a lama dura eegale jechuun BBC'tti himaniiru.

Jiraattonni deeggarsi mootummaa akka gahaa hin taane himanis bulchaan aanaa garuu gargaarsa taasisuuf socho'aa jiraachuu dubbataniiru.

Aanaan Baabbilee Harargee bahaatti daangaa naannoo Somaaleerratti argamti.