Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.

Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi

Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf

Loltoonni NATO 30,000 ta'an Noorweeyitti shaakala waraanaa gochuuf jiru

Loltoota 30,000, xiyyaarota waraanaa 200 fi dooniiwwan 50 biyyoota 27 irraa babbahan leenjii waraanaa Noorweeyiidhaan hogganamuufi ‘Cold Response’ jedhamu irratti hirmaatu.

Haguuggii Tamsaasa Kallattii

  1. Haleellaan buufata nuukilaaraa balaa waraanichi qabu agarsiisa – Hogganaa NATO

    Ministiironni alaa biyyoota Lixaa deebii weeraramuu Yukireniif kennan gamaggamuuf Biraaselsitti walgahaniiru.

    Minisitirri Dhimma Alaa Ameerikaa Antoonii Bilinkenfi Barreessaa Olaanaan NATO Jensi Istoltenberg haleellaa buufata nuukilaaraa irra qaqqabe dabalatee gochoota Raashiyaa balaaleffatan.

    Zaporiziziyaan buufata nuukilaraa Awurooppaa isaa guddaa to’annoo Raashiyaa jala jirudha.

    Istoltenberg akkas jedhan: "Haleellaa namoota nagaarra qaqqabuufi halkan edaa haleellaan buufata nuuukilaraa irra qaqqabuu gabaasa argine ni balaaleffanna. Kun balaa waraanni kun qabu kan agarsiisuufi waraanicha goolabuun hangam barbaachisaa akka ta’e kan agarsiisufi Raashiyaan loltoota ishee hunda achii baasuun tattaaffii dippiloomasiitti deebi’u qabdi,’’jedhan.

  2. 'Wiirtuun nuukilaraa Raashiyaan qabamuun guutummaa addunyaaf yaaddoodha'

    Nuti fagoo irraa barsiisaa tokko, kan bakka loltoonni Raashiyaa wiirtuu nuukilaraa to'atan Zaporiziziyaa jedhamtu jiraaturraa dhageenye.

    Namni kun akka BBC Radio 4 Today programme irratti dubbatetti, yeroo loltoonni Raashiyaa halkan guutuu wiirtuu nuukilaraa kanatti dhukaasaafi boombii itti darbaachaa turan argeera.

    Gamoowwan jiran keessaa tokko abiddi qabateera, garuu akka carraa ta'ee buufata nuukilaraa sana miti kan gubate.

    Ta'us garuu dubbicha ammallee waan badaadha, "yoo xiqqaate garuu warshichi yeroof ooleera."

    Akkana jedhe: "Kun naannoo keenya qofaa miti yaaddoon isaa, Yukireen, akkasumas guutummaa addunyaatiifi, sababiin isaa ammoo hangan ani beekutti humni nuukilaraa kun sadarkaa Awurooppaatti isa guddichadha," jedhe namni kun.

    "Kun maraatummaadha, kun shororkeessummaadha, jechi ittiin ibsaniyyu nama dhiba. Waa'ee kanaa addunyaan callisuu hin qabu."

    Namni kun Raashiyaa keessaa hiriyyootaafi maatii akka qabu kan hime yoo ta'u, uummanni achi jiru garee lamatti hiramee jira jedha.

  3. Amma nu gahe, Humnoonni Raashiyaa buufata nuukilara guddicha Awurooppaa to'atan-Yukreen

    Humnoonni Raashiyaa wiirtuu nuukilaraa Yukireen, Zaporiziziyaa kan Awurooppaatti isa gudaa ta'e qabachuu isaanii aanga'oonni himan.

    "Hojjetoonni humni ibsaa maal ta'uuf akka jiru hordofaa jiru," jechuu Roohitars aanga'aa naannichaa miidiyaa hawaasummaa irratti barreessan eeruun gabaasera.

    Hojjetoonni buufataaleen humna ibsaa hojii isaanii kan itti fufan yoo ta'u, haala humni ibsaa biyyattii ta'uuf jiru ammoo hordofamaa jira.

    Har'a ganama haleellaa Raashiyaa hordofee bakka buufata nuukilaraa Awurooppaatti guddicha jedhame kanatti abiddi qabatee ture.

  4. Dooniin fe’isaa dho'e tokko qarqara Yukireenitti dhidhime

    Qarqara Yukireenitti dho’iinsa mudateen dooniin fe’insaa qabeenyummaan isaa kan warra Istooniyaa ta'e dhidhime.

    Akka namoonni jedhanitti, hojjattoonni doonicharra hojjatan lama afuuffee galaanarra bololi’uurra turan.

    Namoonni biroo afur jalqaba dhabamanii turan- Jahan isaaniiyyu boodarra tajaajila lubbu-baraarsaa Yukireenin baraaraman.

    Dooniin alaabaa Paanamaa ofirraa qabu kun qabeenyummaan isaa kan dhaabbata Istooniyaa keessa jiru Vista Shiippingi Ejensii jedhamuti.

    Istooniyaan miseensa NATO yoo taatu, Raashiyaa waliin wal daangessiti.

    Dooniin kun buufata doonii Kibba Yukireenitti argamu Chornomoriskii jedhamu, Odesaatti dhiyaaturraa guyyoota muraasa dura erga ba'ee booda qarqara Yukireen turte.

    Dho’insa sana maaltu akka qaqqabsiise garuu ammatti hin baramne.

    Waraanni Yukireen akka jedhetti, Raashiyaan magaala buufata doonii namoota miliyoonaa tokko qabdufi buufata doonii Odeesaa qabachuuf dooniiwwan waraanaa garasitti ergiteetti.

  5. Yukreen keessatti halkan edaa irraa kaasee waan ta'eefi ta'aa jiru

    Waraana Raashiyaan Yukireen irratti bante hordofee wantonni halkan edaa irraa kaasee ta'aa jiru kana fakkaata:

    • Wiirtuu nuukilara Yukireen 'Zaporizhzhia nuclear power plant' jedhamu kan dachee Awurooppaa keessatti isa guddicha jedhame haleellaa Raashiyaan gaggeessiteen abiddi qabate. Yukireen abidda kana dhaamsuu dandeesseetti.
    • Tajaajilawwan Yeroo Muddamaa Yukireen akka jedhetti, abidda wiirtuu nuukilaraa kanatti qabate hodofee namni miidhame hin jiru; balaan abiddaa kun bakka murteessaa wiirtuu nuukilaraa irras miidhaa geessise hin qabu. Haata'u malee, gamoon darbii shan qabu wiirtuu kanatti dhiyoo jiruufi bakka leenjiin itti kennamu miidhameera.
    • Haleellaa Raashiyaan wiirtuu nuukilaraa irratti raawwatte kun mormii jabaa biyyoota Lixaa irraa kan qaqqabsiise yoo ta'u, gochaan Raashiyaa kun "fokkisaa/hamaa" fi "maal na dhibdiidhaan" kan raawwatame nageenya Awurooppaa hundaaf yaaddoo kan uumedha jedhan.
    • Pireziantiin Yukireen, Zeleniskiin sa'aatii muraasa dura biyyoonni biroon gocha Putiin "nuukilaraan doorsisu" kana irratti tarkaanfii atattamaa fudhadhaa jechuun waamicha taaiseera.
    • Awurooppaanonni balaan akka bara 1986 nuukilariin Chernobyl itti baqee qaqqabe akka balaa addunyaa irratti hin fidneef "dammaqaa" jedhe. Raashiyaan wiirtuu nuukilaraa boombiidhaan haleeltee barbadeessuuf yaaluudhaan seenaa keessatti biyya jalqabaati jedhe Zeleniskiin.
    • Raashiyaan karaa kibba Yukireeniin of cimsaa kan jiru yoo ta'u, magaalaa barbachiftuu Keersoniin erga qabatanii booda dabalataan Maariyupool qabachuuf itti dhiyaachaa jiru.
    • Hanga yoonaatti namoonni miliyoona tokko ta'an Yukireen keessaa kan baqatan yoo ta'u, biyyoonni lacuu, Raashiyaafi Yukireen, ulaa lammileen nagaa ittiin bahan qopheessuuf waliigalaniiru.
  6. BBC'n Raashiyaatti daangeeffamuu miidiyaan biyyattii gabaase

    Abbaan Taayitaa Kominikeeshinii Raashiyaa biyyattii keessatti Tajaajila BBC Raaashiyaa akka uggure ykn daangeesse gabaasni miidiyaan mootummaa biyyattiitti hidhata qabu RIA’n gabaase.

    Miidyaaleen biroo lama Meduza fi ‘Radio Liberty’ jedhamanis ugguramaniiru jechuun gabaase.

  7. Joonsan: ‘Gochoonni Putiin of eeggannoo malee raawwatu Awurooppaa yaaddeesseera’

    Ministirri Muummee Biriiteen Booriis Joonsan, "gochoonni Pirezedant Putin of eeggannoo malee, maal na dhibdiidhaan raawwatu amma nageenya Awurooppaa hundumaaf yaaddoodha,’’ jedhan haasaa bilbilaa Pirezedantii Yukireen Voloodimiir Zeleniskii waliin taasisaniin.

    Wirtuu nuukilaraa Zaporiziziyaa Kibba Yukireenitti argamutti ibiddii qabachuu oduun jedhu battala dhaga'ametti bilbilaan kan haasa’an.

    Dubbi-himtuun Waajjira MM Booriis Joonsan waan mudate "garmalee yaaddeessa" ta’uu himan.

    Itti dabaluun, "hoggantoonni biyyoota lamaanii Raashiyaan haleellaa buufaticharratti raawwattu saffisaan akka dhaabduufi tajaajila yeroo muddamaaf daangaa malee banaa akka gootu," jedhanii gaafatan.

    Joonsan UKn haalichi caalatti akka hin hammaanne mirkaneessuuf waan dandeessu hunda raawwatti," jedhan.

    Kana malees, Joonsan Manni Maree Tasgabbii Dhaabbata Biyyoota Gamtoomanii sa’aatiiwwan muraasa atattamaan akka walga'an gaafachuun, UK’n dhimmicharratti Raashiyaafi biyyoota michuu waliin haasa’uufi jiru.

    Hoggantoonni biyyoota lamaanii dhukaasa dhaabuun murteessaa akka ta’erratti waliigalan,’’ jedhan Dubbi-himtuun Waajjira Minisitira Muummee Biriteen.

  8. Kantiibaa Enegodaar : Lolli wiirtuu nuukilaaraa keessa ture dhaabateera

    Wiirtuu nuukilaaraa Zaporiziziyaatti haleellaa meeshaa waraanaatiin ibiddiiitti qabatee bira namoonni ibidda dhaamsan qaqqabaniiru.

    Kantiibaan magaalaa Enegodaar Dimitiroo Orlov, lolli wiirtuu kana keessatti gaggeeffamaa ture dhaabachuusaa BBC Yukireniyaan gabaaseera.

    Lolli kun kan dhaabbate buufata nuukilaaraa kana keessa sa’aatiiwwan dheeraaf haleellaa boombii hamaan erga ture booda.

    Akka qodaallii To’annoo Balaa Yukireen himanitti, lolli gaggeeffamaa ture gamoo buufata nuukilaraaa darbii sadaffaa, arfaffaafi shanaffaarratti ibidda kaase.

  9. Abiddi wiirtuu nuukilaraa Yukireen qabatee ture dhaamsuun danda'ameera

    Haleellaa Raashiyaan irratti raawwatte hordofee abiddi buufata nuukilara Yukireen kan Awuroooppaa keessatti isa guddicha jedhametti qabatee ture dhaamsuun danda'ameera jedhame.

    Tajaajilawwan yeroo mudamaa Yukireen akka jedhetti, abiddicha wiirtuu nuukilaraa irraa dhaamsuu danda'aniiru.

    Akka gabaafametti taanaan abidda qabate kanaan namni miidhame hin jiru.

  10. Qondaaltonni Raashiyaa Putiin marsanii gorsaa jiran eenyufaadha?

  11. Zeleniskiin Awurooppaatiin wiirtuun nuukiralaa Zaporiziziyaa gubachaa jiraa 'dammaqaa' jedhan

    Pirezedantiin Yukireen Voloodimiir Zeleniskiin humnoonni Raashiyaa wiirtuun ‘niwukiralaa Zaporiziziyaa haleeluun gabaafamuu hordofee biyyoota Awurooppaa deeggarsa gaafatan.

    Ibsaa yeroo muddamaa Kiyeev irraa barii jala kennaniirratti Zeleniskiin balaan nuukilaraa mudachuu akka hin oolle akeekkachiisan.

    ‘’Biyyoonni Awurooppaa adaraa keessan dammaqaa,’’jedhan.

    Pirezedantiin Ameerikaa Joo Baayiden fi Daarektarri Jenerealaa Ejensii Atoomikii Addunyaa Raafa’el Giroosii garee hoggaansa Voloodimiir Zeleniskii dhimmicharratti waliin haasa’aniiru.

    Ejensii Atoomikii Addunyaa naannoo buufata niwukiralaatti tarkaanfii humnaa fudhachuun akka dhabaatu gaafachuun, yoo ri’aaktarri buufata niwukirala kanaa yoo haleelame balaa cimaa qabaachuu akeekkachiisan.

    Taatullee sadarkaa carallaa buufaticha keessatti jijjiramnidhuhe hin jiru, humoonni Raashiyaa haleellaa itti fufuun garuu yaaddoo uumeera.

  12. Dhaabbilee idil-addunyaa kamfaatu hojii Raashiyaa keessaa qaban addaan kutee?

  13. Tamsaasa kallattii waraana Raashiyaa-Yukireen

    Bakka jirtanitti akkam jirtu hordoftoota keenyaa?

    Waraana Raashiyaan Yukireen irratti bante ilaalchisee taatee qabatamaan bakka sana jiru toora kanaan kallattiin isin biraan geenya.

    Amma wiirtuun nuukilara Yukireen kan Awurooppaatti gudicha ta'e haleellaa Raashiyaan irratti raawwatteen ibiddi itti qabateera,

    Odeeffannoo hedduu isin biraan geenya.

    Nu waliin turaa.