Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Loltoonni NATO 30,000 ta'an Noorweeyitti shaakala waraanaa gochuuf jiru
Loltoota 30,000, xiyyaarota waraanaa 200 fi dooniiwwan 50 biyyoota 27 irraa babbahan leenjii waraanaa Noorweeyiidhaan hogganamuufi ‘Cold Response’ jedhamu irratti hirmaatu.
Haguuggii Tamsaasa Kallattii
Baandiin loltuu Yukreen keellaarra dhaabbatanii ‘Don’t Worry, Be Happy’ jechuun sirban
Yeroo hammaataa kana keessatti lammiileen Yukreen yeroo sirban ykn muuziqaa taphachiisan viidiyoon qoodamaa tureera.
Magaalaa Liviiv keessa ogeessi piyaanoo naannoo buufata baaburaatti imaltoonni baabura qabachuuf otoo isa biraa jarjaranii inni ‘’What a beautiful world’’- ‘’addunyaa bareedaa’’ jechuun sirbaa ture.
Shamarreen dahoo keessa teessee ‘’Let it Go’’jechuun sirbaa turte.
Baandiin Yukreen immoo wallee Bobby McFerrin’s ‘’Don’t Worry, Be Happy’’ jechuun sirban.
'Namoota Yuukireen keessaa baqatan miliyoona 2 keessaa 800,000 daa'immani'
Dhaabbanni daa'imman irratti hojjetu 'Save the Children' jedhamu namoota Yuukireen keessaa baqatan miliyoona 2 keessaa 800,000 daa'imman akka ta'an beeksise.
Daa'imman kunneen hedduun isaanii kophaa isaanii kan baqatan ta'uus himeera.
"Maatiin daa'imman isaanii oolchuuf tarkaanfii abdi kutannaa isa dhumaa fudhachaa jiru. Kunis ijoollee isaanii ollaa fi hiriyoota isaanii waliin akka baqatan gadhiisuudha jedhan. Ofii duubatti hafanii qe'ee isaanii eeguuf warra murteessanidha" jedha hojjetaan dhaabbatichaa Iriinaa Saghooyaan.
Daa'imman kana keessaa mucaan ganna 11 Baha Yuukireen irraa ka'uun kiiloomeetira 1,200 kophaa isaa imale Isloovaakiyaa gahe isa tokko.
Harmeen isaa akkawoo isaa kan socho'uu hin dandeenye dhiistee baqachuu waan hin dandeenyeef ture Hasan kophaa isaa kan baqate.Asii dubbisaa: Mucaa ganna 11 waraana Yuukireen baqa km 1200 kophaa imale
Waraana Yuukireen guyyaa 14ffaa maaltu haarawa?
Raashiyaan Yuukireen erga weerartee guyyaa 14 ta'eera. Wantoonni haaraan sa'aatii 12 darban keessatti ta'an kunooti:
- Roobii ganama Kiyiiv dabalatee magaalota Yuukireen hedduu keessatti sagaleen akeekkachiisa haleellaa qilleensaa dhageessifamaa ture.
- Magaalaa Kaaba-Baaha Yuukireen Samii jedhamtu kan guyyoota darban humnoota Raashiyaan qilleensarraa haleellamaa turte keessaa lammilee nagaa baasuun milkaa'inaan xumurame jette Yuukireen.
- Pireezidantiin Yuukireen Volodimiir Zeleniiskin waajjira isaa Kiyiiv jirurraa paarlaamaa UKf haasawa hin eegamne taasiseera.
- Jechoota MM duraanii UK Wiinistan Churchil ergifachuun Raashiyaa 'bosona, dirree, qarqara galaanaa fi karaa irrattillee ni lollaan' jedhee dubbate.
- Pireezidantiin US Joo Baayidan boba'aa fi dhagaa cilee Raashiyaarraa gara Ameerikaa galu guutummaatti ugguruu labsan.
- UN akka jedhutti namoonni miliyoona lama Yuukireen keessaa baqataniiru - kunis erga Waraana Addunyaa 2ffaa as rakkoo baqattummaa Awurooppaa keessatti dhalate isa guddaadha.
- Dhaabbileen bebbeekamoon biyyoota Lixaa akka McDonald's, Starbucks fi Coca-Cola Raashiyaa keessatti hojii dhaabuu beeksisan.
Mucaa ganna 11 waraana Yukireen baqa km 1200 kophaa imale
Midhaan harka nuusa addunyaaf kan dhiyeessan Raashiyaafi Yukireen wal waraanuun eenyufaa miidha?
US boba'aa Raashiyaa irratti qoqqobbii kaahuu beeksifte
Pireezidentiin US Joo Baayidan boba'aa gaaziiifi dhagaa kasalaa Raashiyaarraa Ameerikaa galu guutummaatti dhorkamuu beeksisan.
Qoqqobbiin kun lammiileen Ameerikaa dhiibbaa bulchiinsa Puutiin irratti taasifamu isa kan biraaf qophaa'uu agarsiisa jedhan.
''Waraana Putiin warra deeggaran duukaa hin taanu'' jedhan Baayidan.
Qoqqobbiin kun gatii boba'aa akkaan akka dabalu sababa ta'a jedhamuus partileen ijoon lameen US qoqqobbii kanaaf deeggarsa isaanii kennaniiru.
Baayidan murtee eegamaa kana dabarsuu durayyuu gatiin boba'aa akkaan dabalee barmeelli tokko $130 galeera.
Murteen US kun Gamtaa Awurooppaa kan boba'aa Raashiyaa irratti hirkatan caalatti ariifatee dhagaahame.
UK'niis akkuma US qoqqobbii walfakkaataa kaahuuf jirti.
Raashiyaan loltoota Siiriyaa Yuukireenitti erguuf yaalaa akka jirtu qondaalli Ameerikaa himan
Raashiyaan loltoota Siiriyaa maallaqaan qacartee Yuukireen keessatti duulchisuuf yaalaa akka jirtu qondaalli olaanaan waraana Ameerikaa tokko himan.
Pireezidantiin Raashiyaa Vilaadimiir Puutiin loltoota biyyoota ambaa Yuukireen keessatti loluu danda’u jedhanii amanan dabalataan garasitti erguu akka barbaadan qondaalli kun himan.
Raashiyaan bara 2015 Pireezidantii Siiriyaa Baashar al-Asaad gargaaruuf mootummaa biyyattii deeggartee duuluun walwaraansa biyyatti keessatti jijjiru keessatti qooda olaanaa gumaache.
Wixata darbe kana barruun ‘Wall Street’ Raashiyaan guyyoota muraasaan asitti loltoota Siriyaa filataa akka jirtu qondaaltota Ameerikaa wabeeffachuun kan gabaase yoo ta’u, ‘’ogummaa lola magaalaa keessaatti qabaniin magaalaa guddoo Yuukireen Kiyeev qabachuuf nu garagaaru jedhanii abdatu,’’ jedheera.
Roogeeyyii Siiriyaatiin kan hooggamu miidiyaan’ Deir Ezzor 24 news network’ jedhamu ji’a dabre akka gabaasetti, Raashiyaan lammilee Siriiyaa naannoo mootummaan to’aturra Yuukireen dhaqanii ji’oota ja’aaf akka waardiyyaa ykn eegdutti tajaajilaniif doolara Ameerikaa 200-300 kaffalti.
Qondaalli olaanaan waraana Ameerikaa lakkoofsa lammilee Siriyaa galmaa’anii meeqa akka ta’an tilmaanu akka hin dandeenye himaniiru.
Pireezidantiin Chaayinaa waraanni Yuukireen mariin akka furamu waamicha dhiyeessan
Pireezidantiin Chaayinaa Shi Jinpiing haala Yuukireen keessa jiru yaaddeessaa fi of-eggannoo cimaa kan barbaadu,’’ jedhan. Shi Jinpiing walgahii Pireezidantii Firaansi Immaanu’eel Maakirooni fi Chaansilara Jarman Olaaf Sholtiiz waliin karaa intarneetii taa'aan irratti kana dubbachuu isaanii CCTV’n gabaase.
Pireezidant Shiin haalli Yuukireen keessa jiru to’annoon ala akka hin taaneef xiyyeeffannoon jalqabaa kennamuufi qaba, biyyoonni sadan marii nageenyaa Raashiyaa fi Yuukireen giddutti mariyatamuu walta’iinsaan deeggaruu qabu jedhan.
Chaayinaa fi Raashiyaan hariiroo dippiloomaasii kan cimsatan yoo ta’u, Beejing gocha weerara Raashiyaan Yuukireen irratti raawwatte balaaleffachuus ta’ee, deeggaruu irraa of qusatte.
Yaa'ii Mana Maree Nageenyaa Dhaabbata Biyyoota Gamtoomaniirratti Chaayinaan weerara Raashiyaa balaleeffachuurratti sagalee hin kennine.
Yuukireen keessatti yoo xiqqaate namoonni nagaa 1,207 miidhaman - UN
Guraandhala 24 erga Raashiyaan Yuukireen weerartee namoonni nagaa 1,207 waraana keessatti miidhamuu UN hime.
Lakkoofsi kun namoota 406 ajjeefamanii fi 801 madaa'an dabalata - haata'u malee lakkoofsichi kanaa ol ta'uu akka malu Dubbi-himtuun Komiishinii Mirgoota Namoomaa UN Liiz Tiroosel himte.
Miidhamni hedduun haleellaa qilleensarraa fi meeshaalee waraanaa dhohaniin kan dhaqqabe ta'uu fi gamoowwan manneen jireenyaa dhibba hedduu magaalota Yuukireen keessatti barbadaa'uu UN himeera.
Gaazexeessaan tokko ajjeefamuunis gabaafameera.
Naannolee Raashiyaan to'atte keessatti deeggartoonni Yuukireen, naannolee ammallee to'annoo mootummaa Yuukireen jala jiran keessatti ammoo deeggartoonni Raashiyaa hidhamaa fi dararamaa jiraachuun akka isa yaaddesse UN dabalee hime.
Raashiyaa keessatti namoonni waraana mormuun hiriira bahan 12,700 ta'an hidhamuu ragaan UN ni mul'isa.
Lammiileen nagaa karaa darban akka banamuuf UN gaafate
Qindeessaan Olaanaa Deeggarsa Namoomaa UN Maartin Girifiitis Yukireeniifi Raashiyaan lammiileen nagaa karaa darbaa akka qabaatan taasisuu qabu jechuun dubbatan.
Ulaan kuni deeggarsi namoomaa namoota deeggarsa barbaadan bira akka gahus ni gargaara.
Dhaabbati Biyyoota Gamtoomanii (UN) fi dhaabbileen kaan namoota kuma dhibbaan lakkaa’amaniif deeggarsa kennaa jira.
Haa ta’u malee, rakkoon nageenyaa bakkeewwan muraasa akka hin geenye isaan dhorkeera.
Dubbiin UN kan dhagahame qaamoleen lamaan lammiileen nagaa bakka waraanni jiru akka hin baane situ uggure jechuun wal himachaa erga turaniin boodadha.
Malli daddabarsa maallaqaa addunyaa ‘Swift’ maali?
Qubeen 'Z' maaliif mallattoo deeggarsa waraanaa Raashiyaa tahe?
Gaggeessaan waraana Raashiyaa ajjeefame-Yukireen
Waraana Raashiyaa keessatti komaandarri olaanaa, lola magaalaa Yukireen Kaarkiiv keessatti ajjeefamuu tajaajilli intelijensii ministeera ittisaa Yukireen hime.
Oduu kana BBCn qaama walaba ta'erraa mirkaneeffachuu hin dandeenye.
Aanga'oonni Raashiyaa garuu dhimma kana irratti yaada hin kennine.
Akka ibsa ministeera ittisaa Yukireenitti, qondaalli waraanaa Raashiyaa ajjeefame kun, Viiitalii Geraasimoov kan jedhamu yoo ta'u meejer Jenaraalaafi itti-aanaa ajajaa Damee Waraana Raashiyaa Giddu-galeessaa 41ffaati.
Qondaalonni olaanoo waraana Raashiyaa biroo hedduun ajjeefamaniiru akka ibsa kanaatti.
Intelijensiin Yukreen akka jedhutti Geraasimoov, waraana Chichiinyaa lammeessoofi oppereeshinii Siiriyaa keessatti qooda fudhatee ture. "Kireemiyaan" deebiyuu keessatti ammoo madaaliyaa argateera.
BBC diplomatic correspondent Paul Adams shares this thought on reports of Gerasimov's death.
Aanga'oonni Yukireen suura nama tokkoo kan Geraasimoov jedhan qubee diimaa jalatti barreessanii jecha "Liquidated" waliin tiiwiitara irratti qoodaniiru.
Gabaasaan dhimma dippilomaasii BBC Paawul Adaams
Pirezidantiin Yukireen 'waraana kana mo'achuudhaaf Kiyeev keessaa hin ba'u' jedhe
Pirezidantiin Yukireen Voloodmiir Zeleniskiin waraana Raashiyaan biyya isaaniirratti bante mo'achuudhaaf magaalaa guddoo biyyattii Kiyeev keessaa hin ba'u jedhe.
Zeleniskiin ergaa viidiyoo haaraa qoodeen waajira isaa magaalattii keessa jiru keessa akka turu himeera.
Hin dhokadhu. Eenyuunuu hin sodaadhu. Waraana kana mo'achuudhaaf hanga barbaachisetti ... eessayyuu hin deemu, asuman tura, jedhe.
Zeleniskiin ergaa viidiyoo kana Wixata galgala waajira isaa Kiyeev jiru keessaa gadi dhiise.
Raashiyaan boba'aasheerra yoo qoqqobbiin kaa'ame dhiyeessii akka dhaabuu dandeessu himte
US jeettii waraanaa akka baha Awurooppaatti ergituuf dhiibbaan taasifamaa jira
Waraana Raashiyaan Yukireen irratti banteen walqabatee, seera baastonni US bulchiinsi Baayidan jeettiiwwan waraanaa gara Baha Awurooppaa, Polaand akka erguuf dhiibbaa taasisaa jiru.
Kana ammoo yoo Waarsaaw [magaalaa guddoo Polaand] xiyyaara ishee Kiyeeviif ergitedha.
Polaand biyyoota Baha Awurooppaa muraasa xiyyaarota Raashiyaatti hojjetaman of harkaa qaban keessaa tokkodha.
Xiyyaarota Polaand kana ammoo paayiletoonni Yukireen akkamitti akka balaliisan ni beeku.
Pirezidantiin Yukireen Zeleniskiinis akka isaaniif dabarfamanii kennamaniif gaafataniiru.
Waarsaaw hanga ammaatti xiyyaarota ishee kana Kiyeeviif dabarsitee kennuuf hin murteessine.
Dhimma kana irratti US ammoo "kana murteessuun mirga birmadummaa Polaand" jetteetti.
Poland kana murteessinaan garuu US akka jeettiiwwan waraanaa ergituufiif seera baastonni Ameerikaa kun dhiibbaa gochaa jiru.
Waraanni Raashiyaa-Yukireen maalirra gahe?
Waraanni Raashiyaan Yukireen irratti bante guyyaa 13ffaa qabateera. Sa'aatii 24 keessatti wantonni ijoon ta'an kunooti:
- Yukireen sababa haleellaa Raashiyaan gaggeessaa jirtuun lammileen nagaa magaalaa keessatti danqaman keessaa bahuu hin dandeenye jetti.
- Lammileen Yukireen kuma dhibba hedduu ibsaa kan irraa cite yoo ta'u, jiraattonni magaalaa ulaa galaanaa taate Maariyoopool ammoo nyaanniifi bishaaniyyu jalaa dhumaa jira.
- Mariin waraana dhaabuu marsaa sadaffaa Raashiyafi Yukireen taasisan waliigaltee xiqqoo tokko qofaan goolabameera. Mariin nagaa buusuu marsaa afraffaa Kibxata har'aa gaggeeffama.
- Biyyoonni akka US, Firaans, Jarman fi UK weerara "sababa malee" Rashiyaan Yukireen irratti banteef gatiin akka itti cimu gochuu ittuma fufna jedhan.
- Qoqqoobbiiwwan biyyoonni Lixaa irra kaa'an haaloo ba'uu jecha Raashiyaan gaazii uumamaa Awurooppaatti ergitu nan kuta jechuun sodaachisaa jirti.
- Ergaa karaa viidiyoo dabarsaniin, pirezidantiin Yukireen Voloodimiir Zeleniskiin, "hanga waraana kana injifannutti magaalaadhuma guddoo biyyattii, Kiyeev, keessan tura" jedhan.
- Dhaabbileen akka Kookaa-Kollaafi Maakdoonaald sababa Raashiyaa keessaa bahuu didaniif fayyadamtoonni mormii lagachuu irratti gaggeessuuf malu jedhamaa jira.
- Yukireen waraanaa magaalaa Karaakiiv cinaatti gaggeeffameen komaandara waraanaa olaanaa Raashiyaa ajjeeseera jette - oduun kun dhugaa ta'uu garuu BBCn hin mirkaneeffanne.
Jiilli qondaaltota Yuukireen marroo 3ffaaf Raashiyaa waliin mariyachuuf Beelaruus qaqqaban
Jiilli qondaaltota Yuukireen marroo sadaffaaf qondaalota Raashiyaa waliin mariyachuuf Beelaruus qaqqabuusaanii miidiyaaleen biyyattii gabaasan.
Marii marroo lammaan duraan taa’ame ture bu'aa qabatamaa hin fidne.
Mariin kun irra deebiin ulaa gargaarsa namoomaa hundeessuurratti xiyyeefata - Haleellaan Raashiyaa magaalota Kibba fi Baha Yuukireenitti wayita ittifufe kanatti, lammileen nagaa Yuukireen waraanaa jalaa akka miliqan eeyyama akka argataniif mariin kun taa’ama.
Mariin kanaan dura taa’ame ulaan gargaarsa namoomaa itti kennamu akka hundaa’uuf Sambata darbe yaalamee ture, labsiin dhukaasa dhaabu cabuu isaatiin otoo hin milkaa’in hafe.
Dilbata halkan wixineen Raashiyaan dhiyeessite namoonni Kiyeev irra gara Raashiyaa fi Beelaarusitti baqatan karaa bahan argatu jedhamee ibsamuu hordofuun Ministirri Muummee Ittaanaa Yuukireen Irina Vereschuk fudhatama dhabsiisan. MagaalotaYuukireen afur keessaa isaan xixiqqoo akka Mariyupool fi Sumi qofatu karaa baqannaa kutaalee Yuukireen biraa wajjin walqunnamsiisu qaba.
Dubbi- himaan Pirezedantii Yuukireen dhimma kana fudhatama dhabsiisan.
Lammileen Yuukireen miliyoona 1.7 amma yoonatti biyya waraanan goolamte Yuukireen keessaa baqataniiru, Raashiyaan garuu guyyoota 12ffaaf weerara biyyattii ittifufte.
Hakima Chernihiv: 'Amman du'uutti hospitaalicha keessaa hin bahu'
Magaalaan Kaaba Yuukireen Chernihiv jedhamtu haleellaa hamaa loltoota Raashiyaa jala turte.
Raashiyaan garuu namoota nagaarratti qiyyaafachuu haalte, hakiimni Yuukireen garuu waan kana faalleessu dubbate. hakiimni magaalichaa Oleg Revkoo jedhamu akka himetti, hospitaala inni keessa hojjatu dabalatee hospitaalonni magaalota biroo keessa jiraniis boombiin haleelamaa turan.
''Hospitaalonnis akkuma wanta biraatti haleelamu, of eeggannoon tokkollee hin taasifamuuf,'' jedha Oleg Revkoo.
Oleg Revkoon guyyoota shanan jalqabaa wayita Raashiyaan eegaltetti magaalicha qarqara, buufata xiyyaara iddoo lollii hamaan itti gaggeeffamaa turerraa kiilomeetira tokko hin guunne fagaatu, mana isaa kutaa lafa jalaatti dhokate.
''Manichi iddoo loltoonni Raashiyaa kallattiin itti dhukaasaniirra ture,’’ jedhe Oleg Revkoo. Guyyoota afuriif olloota koo saddeet wajjinan iddoo dhokannaa keessa ture,
Baaldii bishaan ittiin waraabamu akka mana fincaanitti itti gargaaramaa turre,’’ jedhe.
Yeroo lolli qabbanaa’u iddoo dhokatee bahuun hospitaala wirtuu magaalichaatti argamu dhaqe. Sana booda haleellaan loltoota Raashiyaa ittuu caale jedhe.
''Namoonni kanneen madaa’an hospitaala fidu. Namoota harkaafi miilli isaanii irraa cite, akkasuma kanneen garaan jige, kan argaaf gaarii hin taane fidu,''jedhe.
Amman danda’e hospitaalicha keessa turuun murteesse jedhe.
''Amman du’uutti hospitaalicha keessan tura, kuni dirqama kooti. Magaalichi hanga yoomiif qabamee akka turu hin beeku, ani uummata koo waliin asuman tura,'' jedhe Oleg Revkoo.