Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Loltoonni NATO 30,000 ta'an Noorweeyitti shaakala waraanaa gochuuf jiru
Loltoota 30,000, xiyyaarota waraanaa 200 fi dooniiwwan 50 biyyoota 27 irraa babbahan leenjii waraanaa Noorweeyiidhaan hogganamuufi ‘Cold Response’ jedhamu irratti hirmaatu.
Haguuggii Tamsaasa Kallattii
NATOn maaliif Raashiyaaf bowwuu mataa ta’e, amma maal gochuuf qophaa'aa jira?
Raashiyaan hamlee lammiilee Yukireen cabsuuf magaalotatti bombii darbataa jirti - UK
Kana kan jedhe Ministeera Ittisaa UK dha.
Gabaasa guyyuu waraana Yukireen keessa adeemaa jiruurratti baasen ciminni ofirraa ittisuu Yukireen Raashiyaatti ajaa’iba ta’eera jedhan.
Raashiyaan magaalota Kaarkiv, Chernihiiv fi Maariypol irratti haleellaa banteetti.
Ministeerri Ittisaa UK haleellaa Raashiyaa kana duula biyyattiin bara 2016 Sooriyaa keessa banteen akkasumas bara 1999 Chechiniyaa keessa banteen wal fakkeessaniiru.
Yeroos waraanni Raashiyaa bakkeewwan ijoo irratti haleellaa cimaa bane.
Gabaasi Ministeera Ittisaa UK kuni sababa Yukireen ulaa dhiheessii Raashiyaarratti xiyyeeffannoo godhaniif adeemsi Raashiyaa laaffatu ibse.
Pirezidant Putiin garuu kana mormaniiru.
Senaatarri US Puutiin akka ajjeefaman gaafachuun Raashiyaa dheekkamsiise
Barattootni Afrikaa Yukireen jiran hangami, maaliif Yukireeniin filatan?
Amma nu gahe, Namoonni miiliyoona 1.5 ol ta’an Yukireen keessaa baqatan – UN
Namoonni miiliyoona 1.5 ol ta’an Yukireen keessaa gara biyyoota ollaa baqachuu Dhaabbanni Biyyoota Gamtoomanii beeksise.
Akka Komishinarri Olaanaa baqattootaa Filippoo Giraandii jedhanitti kunneen guyyoota 10 keessa kan baqatanidha.
Taateen kuni erga Waraana Addunyaa Lammaffaa booda rakkoo baqattootaa saffisaa Awurooppaa keessa mudatedha.
Lammiileen US 3,000 ta’an Yukireeniif loluuf galmaa’an : VoA
Lammiileen Ameerikaa 3,000 ta’an Raashiyaatiin loluuf waamicha Yukireen fudhachuu isaanii qondaalli Embasii Yukireen US jiru VoA’tti himan.
Biyyoonni Lixaa meeshaa waraanaa erguu malee waraana erguun akka hin lolle ibsaniiru.
Taatullee Raashiyaafi qondaaltota akkasumas dureeyyii biyyattiirratti qoqqobbii kaa’aa jiru.
Putiin garuu qoqqobbii kana labsii waraanaan wal fakkeessaniiru.
Pirezidantiin Yukireen Volodomiir Zeleniskiifi kaan lammiileen biyyoota biroo dhufanii Raashiyaa akka lolaniif waamicha taasisaa turaniiru.
Guyyoota muraasa dura Zeleniskiin akka dubbatanitti lammiileen alaa 16,000’tti tilmaamaman Yukireen bira dhaabbatanii loluuf fedhii agarsiisaniiru.
UN mormii wayita ibsutti Puutiin 'Qoqqobbii dabaltanii dubbii hin hammeessinaa' jedhan
Chaayinaan gocha waraana Yuukireen hammeessu kamuu akka mormitu ibsite
Ministirri Dhimma Alaa Chaayinaa Waang Yi biyyisaanii tarkaanfiiwwan waraana Yukireen hammeessan kamiyyuu hin fudhattu jechuun Ministira Dhimma Alaa Ameerikaa Antonii Bilinkenitti himan.
Tarkaanfii ‘’abiddatti boba’aa dabaluu’’ jechuun ibsan kana keessatti waa’ee qoqqobbii fi doorsisa biyyoota lixaa eeran, akka gabaasa miidiyaa biyyattiitti.
Gabaasa barruu Global Times keessatti Wang Yi marii kallattiin Yuukireen fi Raashiyaa gidduutti gaggeeffamu akka jabeessan himan.
Qondaaltonni lameen torbee lamaan kana keessatti yeroo lama bilbilaan dhimma waraana Yuukireen irratti dubbatan.
Waraanni kun Chaayinaaf qormaata cimaa ta’eera.
Biyyi addunyaarratti diinagdee jabaa qabdu kun haleellaa Raashiyaan raawwatte balaaleffachuus ta’e deeggaruu irraa of qusatteetti.
Chaayinaan Awurooppaan akka waraanamtu hin feetu, hariiroo tarsimaawaa fi waraanaa ammoo Moskoo waliin cimsachuu feeti.
Qondaalli Chaayinaa kun US, Nato fi Gamtaan Awurooppaa Raashiyaa waliin ‘’dubbii haqa qabeessa’’ akka gaggeessan akkasumas yaaddoo Raashiyaan Nato irraa qabdus akka hubataniif gaafataniiru.
Putiin qoqqobbii biyyoota Lixaa labsii waraanaatiin walfakkeessan
'Namni du'aa jiru hunduu sababa keessani' jechuun Zeleniskiin warra Lixaa komatan
Ashamaa!
Akkam bultan.
Dilbata ganamaan walitti deebineerra.
Waa’ee waraana Raashiyaafi Yukireen ijoo dubbii addunyaa ta’e akkuma yeroo kaanii jala jalaan isin biraan geenya.
Dhihaadhaa!
Yukireen labsiin dhukaasa dhaabuu hojiirra oolaa hin jiru jette
Dhukaasa dhaabuun namoonni nagaan magaalota Mariyupooli fi Volnovakaa keessa akka bahan labsame ture yeroo biraatti dabarfame.
Kantiibaan magaalaa Mariyupool akka himanitti, namoonni nagaan magaalichaa bahuun kan yeroo biraatti dabarfame gama Raashiyaatiin hojiirra oolchuf qophii miti jedhan. Jiraattoonni gargar bittimanii iddoo dhokatan barbaaddachuu qabu jedhan.
Jiraataan magaalaa Mariyupool BBCtti akka himetti, dhukaasa dhaaburratti waliigalamullee, haleellaan boombii ittifufe jedhan.
Dhukaasa dhaabuun silaa sa’aatii 3:00 ykn akka sa’atii biyyattiitti (07:00 GMT) eegala ture.
Injinarri ganna 44 Aleksaandar jedhamu akkas jedhe:''Amma magalaa Mariyupool karaa gubbaan jira, daqiiqaa shan hin caallee kessatti dhukaasa dhaga’aan jira.''
Kaawuunsiliin magaalaa Mariyupool toora Telegaraamii gubbatti, poolisoonni sagalee guddistuu gargaaramuun magaalichaa bahuun yeroo biraatti darbuu isaafi odeeffannoo haaraa jiru akka ibsamu beeksise.
'Lammiileen Yukireen 66,000 biyya ormaatii loluuf biyyatti deebi'aniiru'-Ministira Ittisaa
Ministirri Ittisaa Yukireen lammiileen biyyattii 66,000 ta'an kan biyyoota ormaa jiraachaa turan biyya isaaniif loluuf biyyatti deebi'aniiru jedhan.
Xiinxaloonni hedduun weerara Raashiyaan walqabatee dhagaahamu loltootni Yukireen kan Raashiyaan qabduun yoo wal biratti madaalamu hangam lakkoofsaan xiqqaa akka ta'eedha.
Ministirri ittisaa Yukireen Oleeskii Raaznikoov tiwiitara isaanii gubbaatti ergaa maxxansaniin lammiileen Yukireen 66, 224 biyya isaaniif loluu filatanii biyya ormaatii biyyatti deebi'aniiru jedhan. ''Warri Yukireen warra injifatamu miti'' jedhan.
Raashiyaan magaalota Yukireen lama keessatti yeroof dhukaasa dhaabuu labsite
Raashiyaan erga Yukireen weerartee guyyoota 10 guute. Amma yoonatti maaltu ta’aa jira?
·Ministirri Ittisa Raashiyaa yeroof dhukaasa dhaabuun deeggarsi namoomaa namoota nagaa magaalota Kibba Baha Yukireen Mariyupool fi Volnovakaa akka qaqqabu Sambata sa’aatii 4:00 ykn akka sa’aatii Mooskootti (07:00 GMT) irraa kaasuun akka hojiirra oolu beeksise.
·Yuukireen yeroodhaaf dhukaasni magaalota lamatti dhaabachuu mirkanessitetti.
·Mariyupool magaalaa buufata doonii guddoo yoo taatu,guyyoota hedduuf humnoota Raashiyaan qabamtetti. Magaalaa Volnovakaa keessatti lola cimaatu adeemaa ture.
·Kantiibaan magaalaa Mariyupool namoonni nagaan‘’uggura’’ humnoota Raashiyaa jalaa akka baqatan akka eeyyamamuuf gaafatanii turan.
·Iddoowwan birootti lolli itti fufeera. Dho’iinsi hedduun magaalaa Kaaba-Baha Yuukireenitti argamutu Karkiiv keessaa dhaga’amaa ture.
·Magaalaa gara Baha Yukireenitti argamtu Sumi loltoonni Raashiyaa marsanii kan jiran yoo ta’u, sa’aatii 11(02:00 GMT) tti haleellaan boombii eegalamuu miidiyaalee Yuukireen gabaasan.
Nageenyi Awurooppaa akkuma duranii waan dhabame fakkaata
Waan amanamu miti, kuni bara 2022tti raawwatamaa jiraa? jechuu dhiisuu qabna. Bara Bara 1914 ykn 1939 yeroo ture caala amma amansiisaa miti.
Nageenyi yeroo hunda akka salphaatti dhabamu danda’a- Waanti fiixee Awurooppaa bakka fageenyarratti uumame hunda keenya miidha.
Taatullee waantonni hundi yeroo geeddaraman ta’iiwwan gurguddoorraa barachuun waan salphaa miti.
Gaaffiin dhalootaa keenyaa ijoon Gamtaan Sooviyet diigamuu hordofee akkataan qabiinsa Raashiyaa murtoo sirriirratti kan hundaa’e moo sirrii miti kan jedhu.
Raashiyaan fayyadama Feesbuuk fi tiwiitaraa daangessite
Qaamni mootummaa Raashiyaa kominikeeshinii hordofu waraana Yukireeniin walqabatee fayyadama feesbuukiifi tiwiitara irratti daangaa tolchuu beeksiseera.
Dhaabbatichi erga bara 2020 feesbuuk miidiyaalee Raashiyaa irratti dhiibbaa loogiirratti hundaa'e lakkoofsaan 26 galmeessee harkaa qabaa jechuun miidiyaa hawaasaa kana uggure.
Feesbuuk gama isaan miidiyaalee Raashiyaa mootummaatti hidhata qaban gulaaluu itti fufeera.
Tiwiitarris Raashiyaa keessatti daangeffamee waan jiruuf itti fayyadamni isaa rakkisaa ta'aa jira.
Pireezidantiin dhimmoota idila addunyaa dhaabbata Meta Nik Kileeg ''dhiyootti lammiileen Raashiyaa miiliyoonaan lakkaa'aman madda odeeffannoo amanamaarraa adda cituuf jiru'' jedhan.
Odeeffannoo haaraan hanga ammaa maali?
Raashiyaan Yukireeniin haleeluu erga erga eegaltee har'a guyyaa kurnaffaa isaa qabateera.
- Magaalotni Yukireen haleellaa jabaa humnoota Raashiyaa jala jiru, bakki uummatni nagaan jiraatus haleelamaa jira. Humnoonni Raashiyaa karaa Kaabaa, Bahaafi Kibbaa lola jabeessanii kan jiran ta'us inni karaa Kibbaa akkaan cimaa dhufeera.
- Pireezidantiin Yukireen Volodimiir Zeleniskii warri Lixaa daangaa qilleensaa Yukireen irraa balalii dhorkuu(No fly zone) labsuu dhabuu isaaniif komataniiru. ''Namni du'aa jiru hunduu sababa keessani'' ittiin jedhaniiru
- Kaampaniiwwan warra Lixaa Raashiyaa keessaa bahuu kan itti fufan yeroo ta'u Maayikiroosooft, Saamsang, LVMH warra haaraa tajaajila isaanii Raashiyaa adda kutaniidha.
- BBC dabalatee miidiyaaleen walabaa dhiibbaa mootummaa Raashiyaarraa kan ka'e hojii adda kutaniiru. Paarlaamaan Raashiyaa waraana Yukireeniin walqabatee seera itti miidiyaalee hordofu raggaaseera.
Gabaasa kallattii Sanbataa
Ashamaa!
Gabaasa keenya kallattii dhimma Yukireeniifi Raashiyaatti deebineerra.
Odeeffannoowwan haaraa ammaa eegaleee isin biraan gahuu itti fufna.
Raashiyaan tamsaasa tajaajila BBC irratti uggura tolchite
Tamsaasni BBC tajaajila afaan Raashiyaa biyyattii keessatti uggurame.
BBC'n dabalataan dooche Weelee, Meduuz fi Radio Liberty irratti uggurri taasifamuu tajaajilli oduu mootummaa Raashiyaa RIA beeksise.
Paarlaamaan Raashiyaa seera odeeffannoo dhugaa hin taane kan waayee humna waraanaa tamsaasuun seeraan kan adabsiisu ta'uu labseera.
Mooskoon tarkaanfiin Raashiyaan Yukireen irratti fudhatte waraana osoo in taane ''opireeshinii humna waraanaa addaati'' jetti.
Dubbii himaan BBC ''odeeffannoo mirkanaa'aafi of danda'e argachuun mirga namoomaati'' jedhanii ''torbanitti lammiilee Raashiyaa miiliyoonaan lakkaawwaman kan BBC News hordofan hiree kana dhorkamuu hin malle'' jedhan.
Uggurri kun jiraatus lammiileen Raashiyaa BBC News akka hordofan mala dhiyeessina jedhan.
Miidiyaalee idila addunyaan dabalataan miidiyaaleen walabaa Raashiyaa hedduun dhiibbaa irra gahurraa kan ka'e cufamaniiru gariin ammoo uggura jala jiru.