Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.

Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi

Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf

Loltoonni NATO 30,000 ta'an Noorweeyitti shaakala waraanaa gochuuf jiru

Loltoota 30,000, xiyyaarota waraanaa 200 fi dooniiwwan 50 biyyoota 27 irraa babbahan leenjii waraanaa Noorweeyiidhaan hogganamuufi ‘Cold Response’ jedhamu irratti hirmaatu.

Haguuggii Tamsaasa Kallattii

  1. Zelenskiin ‘boba’aa Raashiyaa lagadhaa’ jedhan

    Pirezedantiin Yuukireen Voloodimiir Zelenskiin ammas qoqqobbiin dabalataa Raashiyaarratti akka dabarfamu waamicha dhiyeessan.

    Ibsa guyyuun kennan kessatti Zelenskiin weerarri ittifufe kun ’’Raashiyaan karoora Yuukireenirratti baafatte akka dhiisuu hin barbaanne agarsiisa,’’ jedhan.

    Kanaafuu ''qoqqobbii haaraan Raashiyaarratti akka buufamu barbaanna,'' jedhan. Zelenskiin alergii boba’aa Raashiyaa lagadhaa keessattuu, zayita boba’aafi oomisha zayita boba’aa Raashiyaa lagadhaa,'' jedhan.

    Tarkaanfii cimaan kun lagannaa oomisha biyyattii ta’uu kaasaniiru.

  2. Ministirri Dhimma Alaa Raashiyaa gitasaanii kan Yuukireen wajjin wal arguufi

    Ministirri Dhimma Alaa Raashiyaa Sergee Laaviroov gitasaanii kan Yuukireen Dimitroo Kulebaa waliin Kamisa dhuftu Antalyaa, Tarkiitti wal arguuf jiru.

    Walgahuun qondaaltoota biyyoota lamaanii wayita Raashiyaan Yuukireen weeraruu ittifufte gaggeefama.

    Yuukireen akka ibsitetti, haleellaan rookkeettii iddoo manneen jireenyaa magaalota hedduu keessatti ittifufuu fi keessattuu magaalaan guddoo biyyatti Kiyeev haleellaan humna guutuu irratti raawwatamaa jira.

  3. ‘Daangaa NATO inchiin tokko osoo hin hafiin ni eegna,’- Antooni Bilinken

  4. Chaayinaa fi Indiyaan Raashiyaa fi Yukireen dhukaasa dhaabuun akka mari'atan gaafatan

    Ministirri Dhimma Alaa Chaayinaa Wang Yi Waldaan Fannoo Diimaa biyyasaanii Yukireeniif gargaarsa gochuuf akka jiru himan.

    Raashiyaa fi Yukreen dhibdee gidduusaaniitti dhalate marii dhippiloomaasii qofaan furachuu akka qabanis deddeebi'anii gaafatan.

    Hariiroon Chaayinaa fi Raashiyaa yoomiyyuu taanaan kan sharafamu miti kan jedhan qondaalli kun, walitti dhufeenyi biyyoota lamaaniis akkaan bal'aa ta'uu himan.

    Aab Wang Yi kana kan dubbatan erga MM Awustiraaliyaa Scott Morrison Chaayinaan gocha Raashiyaan mormuu akka qabdu akeekkachiisaniiti.

    Ministirri Muummee Indiyaa Narendra Modi gamasaaniin Pireezidantiin Raashiyaa Vilaadmiir Putiin gitasaanii kan Yukireen Volodimiir Zeleniskii waliin kallattiin mari'achuu qabu jechuun dhaaman.

    Rooyitarsi maddeen isaa wabeeffachuun akka gabaasetti, Pireezidanti Putiin haala marii Yuukireen waliinii ilaalchisuun waan irra jiran Ministira muummee Narendra Moditti himaniiru.

  5. Waraanni Yukireen dhiheessii 'soorata addunyaaf hamaadha'

  6. Putiin ulaa deeggarsaa gara Raashiyaatti banuun Yukireen aarse

    Raashiyaan ulaa deeggarsaa gara biyya isheetti geessu banuun sirrii miti jechuun Yukireen balaaleeffatte.

    Yukireen baqattoota sababa waraanaan baqatan gara Raashiyaa yookiin Belaarus akka deeman banuun ‘‘safuu kan cabse’’ jetteetti.

    Lammiileen Yukireen mana isaanii gadhiisan daangaa Yukireen keessa bahun isaaniif eeyyamamuu qaba jechuun Dubbii Himaan Pirezidant Zeleniskii himaniiru.

    ‘‘Kuni safuu kan cabsedha,’’ jechuu isaanii Rooyitars gabaaseera.

    ‘‘Kunneen lammiilee Yukireenidha, gara daangaa Yukireen baqachuuf mirga qabu,’’ jedhan.

    Tarreen ulaa banamee miidiyaa Raashiyaa RIA’dhaan ifa taasifame lammiileen Yukireen gara Raashiyaafi Belaarus baqachuu akka danda’an agarsiisa.

    Miidiyaaleen Faransaay garuu Imaanu’el Maakroon ulaa deeggarsaa gara Raashiyaafi Belaarus akka qajeelu hin gaafanne jechuun gabaasaa jiru.

    Magaalota afur eeraman keessaa xixiqqooleen - Mariupol and Sumy – kan jedhaman qofatu bakkeewwan Yukireen birootti qajeelchuu danda’a.

    Ummati magaalaa guddoo Yukireen Kiiv jiran gara michuu Raashiyaa Belaarus akka imalan, kanneen Karkiiv jiranimmoo gara Raashiyaa akka imalan ulaan ni banamaaf.

    Gaafa Wiixataa Raashiyaan dhukaasa dhaabuun lammiilee lola baqataniif magaalota Yukireen garagara keessatti ulaa deeggarsaa akka bantu beeksisuu hordofeeti kuni kan barame.

  7. Dorgomaan Jiminaastikii Raashiyaa mallattoo waraana deeggaru godhate qoratamaa jira

    Dorgomaan Jimnaastikii Raashiyaa Ivaan Kuliyaak dorgomaa isaa lammii Yukireen biratti ergaa mallattoo waraana biyyaalessaa deeggaru uffatee booda qoratamaa jira.

    Taateen kuni gaafa Sambataa Qataaritti mudate.

    Federeeshiniin Jimnaastikii Idil-addunyaa (FIG) Ivaan irratti qorannoo akka eegale ibseera.

    Dorgommiirratti nahaasa kan argate Kuliyaak laphee isaarratti qubee ‘Z’ tolfatee kan warqii argate atileetii Yukireen Iliyaa Kovtuun bira fudhatee ol bahe.

    Qubeen Z mallattoo weerara Raashiyaan Yukireen irratti bante ta’eera.

    Taankiifi meeshaa waraanaa Raashiyaarratti kaafameera, namoonni siyaasaa waraana kana deeggaran uffataniiru.

    Taphichi dorgomtoota Raashiyaafi Belaarus sababa waraanaan dorgommiirraa dhorkamaniif carraa dhumaati.

    Wiixataa eegalee atileetonni, qondaaltonni akkasumas murteessitoonni Raashiyaafi Belaarus dorgommii federeeshinii Jimnaastikii Idil-addunyaarratti hin hirmaatani.

  8. Pirezidantiin duraanii Afrikaa Kibbaa Putiin deeggaran

    Pirezidantiin duraanii Afrikaa Kibbaa Jaakob Zumaa waraana Yukireen waliin adeemaa jiruun Vilaadimiir Putiin deeggaran.

    Putiin nama ‘’nagaati’’ jechuunis jajan.

    Biyyoonni Lixaa sababa weerara Raashiyaan biyyattiirratti qoqqobbi jabaa ka’aniiru. Dhaabbileen idil-addunyaa bebbeekamoos Raashiyaatti hojii dhaabaa jiru.

    Akka ibsa faawundeshiniin isaanii baasetti murteen Putiin amansiisaadha.

    ‘’Hundi keenya addunyaa kana keessatti nagaa barbaanna. Lubbuun akka hin dabarreef kanneen lola keessa jiran dafanii nagaa akka fidan dhaamna,’’ jedha ibsichi.

    Zumaan bara 2018 sababa himannaa malaammaltummaan paartii isaanii ANC’n aangoorraa kaafaman. Isaan garuu himannaa irratti ka’u ni balaaleeffatu.

  9. Lammiileen Afrikaa Yukireenitti dheebotan cabbii baqee dhugaa jiru

    Lammiileen Naayijeeriyaa, Gaanaafi Somaalii barattoota dhibbaan lakka’amaniifi magaalaa Kaaba-baha Yukireen Simii keessatti rakkattanii jiranidha.

    Magaalaa kana Raashiyaan haleelaa turte.

    Gabaan hin jiru, bakki maallaqa baafatan hin dalagu, bishaan dhugan waan dhabaniifis cabbii baqe dhugaa jiru.

    Barataan Hindii Vipin Yadaav jedhamullee achuma kanneen magaalatti keessa rakkatan keessaati.

    Akka tilmaama isaatti barattoonni alaa 1,300 ol ta’aniifi Baangilaadesh, Paakistaaniifi Turkiitii dhufan dabalatee achitti rakkataniiru.

    Bilbilaan gaazexeessaa BBC Daanii Ayeberhaarditti kan dubbate Yadaav guyyoota 4-5’f wanti nyaatan hin jiru jedhe.

    Mootummoonni Naayijeeriyaafi Gaanaa lammiilee isaanii biyyatti galchaa jiru.

  10. Ilaalcha: Waraanni Afrikaa keessaa maaliif hamma Yukireen xiyyeeffannoo dhabe?

  11. Raashiyaan haleellaa bal'aa Kiyeev irratti gaggeessuuf qophaa'aa jirti- Yukireen

    Raashiyaan magaalaa guddoo Yukireen irratti haleellaa bal'aa ta'e gaggeessuudhaaf waraana ishee qopheeffataa jirti jechuun aanga'oonni humna ittisaa Yukireen akeekkachiisan.

    Waraanni Yukreen ibsa haala yeroo irratti kenneen akka beeksisetti, Raashiyaan haleellaa magaalaa guddoo Yukireen irratti raawwachuuf jirtuuf humna qindeeffataa jirti.

    Kanaaf ammoo taankiiwwan waraanaafi loltoota lafoo motoraan deeggaraman gara magaalaa dhiyeenyatti argamtu Irippin jedhamtutti galchaa jiraachuu himaniiru.

    Ajajoonni waraanaa Raashiyaa humna waraanaa isaaniitiif boba'aa karaa daangaa Belaarusiifi Chernooveliin fe'aafiif turan jedhameera.

    Kallattii biraan ammoo waraanni Raashiyaa magaalota Kaarikiiv, Chernihiiv, Suumii, akkasumas kibba Mikolaayiviiv marsuu irratti akka xiyyeeffachaa jiru aanga'oonni Yukireen ibsaniiru.

  12. Sababa waraana Yukireen gatiin boba'aa akkaataa waggaa 13 keessatti dabalee hin beekneen dabale

  13. Waraanni Raashiyaa maaliif wanta yaade 'hin milkeessine?'

    Aanga'oonni Yunaayitid Kingidam waraanni Raashiyaa sa'aatii 48 darban keessa milkaa'inni argamsiisan hin jiru jedhan.

    Akka aanga'oonni UK kun jedhanitti taataan, cimanii ofirraa ittisuun waraanni Yukireen agarsiisaa jiru kan waraanni Raashiyaa tilmaameen ol itti ta'eera.

    Dabalataan ammoo loojistikiin harkifachuun waraanni Raashiyaa akka karoorseen fuulduratti deemuu isaan dhorkeera jedhameera.

    Ministeerri Ittisaa UK ibsa guyyuu dhimma nageenyaarratti kenneen, hanga har'aatti waraanni Raashiyaa carraa wanta yaade milkeessuun isaa dhiphaadha jedheera.

    Haata'u malee, humni qilleensaa Raashiyaa ammallee magaalota Yukreen baayyee keessatti manneen jireenyaafi dhaabbileen gara garaa haleeluu akka itti fufeeru ministeerri ittisaa Yukreen himeera.

  14. Tamsaasa kallattii waraana Raashiyaa-Yukireen

    Akkam jirtu hordoftoota BBC Afaan Oromoo?

    Waraanni Raashiyaa-Yukireen torban lama guutuuf deemu kun maalirra jira? Lafarratti Yukireen keesatti maaltu ta'aa jira?

    Dhiibbaan waraana kanaa addunyaa irratti maal qaqqabsiise? Xiinxala maaltu kennamaa jira?

    Tamsaasa kallattii kanatti dhiyaadhaa.

  15. Nagaan bulaa!

    Tamsaasi kallattii BBC Afaan Oromoo Dilbataa xumurame.

    Gadii buusaa dhimmoota ijoo gabaasne argachuu dandeessu.

    Gaaritti.

  16. Waraanni Raashiyaa hanga ammaatti magaalaa guddoo Yukireen maaliif to'achuu dadhabee?

  17. Raashiyaan hanga ammaa xiyyaara waraanaa 88 dhabde – Yukireen

    Ministeerri Ittisaa Yukireen erga waraanni eegalee Raashiyaan xiyyaarota waraanaafi helikoftarii 88 dhabuu ishee gabaasa baasen beeksise.

    Balalistoonni Raashiyaas qabamuu hime.

    BBC’n ragaa kana qaama walabaarraa mirkaneessuu hin danda’u. Raashiyaan erga waraanni eegale miidhama irra gahe beeksifteetti.

    Akka ekispartoonni waraanaa jedhanitti Raashiyaan ofirraa ittisuu Yukireeniin ajaa’ibsiifamuu hin oolle. Raashiyaan garuu kana ni mormiti.

  18. 'Yukireen mirkanatti waraana kana ni injifatti'-Biliinkeen

  19. Haleellaan Raashiyaan buufata niwukilaraa Yuukireen irraan geesse hagam cimaadha?

  20. Namoonni Raashiyaatti waraana mormuuf bahan hidhaman - garee hordofu

    Namoonni 600 ol waraana Raashiyaan adeemsisaa jirtu mormuuf daanditti bahan magaalota 21 keessatti hidhamuu gareen dhimma kana hordofu hime.

    Gareen OVD-Info jedhamu akka jedhetti kunneen erga mormituun Raashiyaa Aleeksii Navaalnii lammiileen biyyattii waraana mormuun daanditti akka bahan erga waamicha taasise booda hidhamani.

    Gareen kuni miidiyaa biyya keessaa eeruun akka himetti namoonni 200 ol ta’an magaalaa Saayibeeriyaa Novosibirsk jedhamtu keessa hidhamaniiru.

    Erga waraanni guyyoota 11 dura eegalemmoo namoonni 8,000 ol hidhamuu hime.

    Dilbata Raashiyaatti mormiif namoonni osoo hin bahiin dura gaafa Sambataa biyyoota Awurooppaa garagaraatti namoonni waraana mormuun daandiitti bahaniiru.