Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.

Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi

Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf

Loltoonni NATO 30,000 ta'an Noorweeyitti shaakala waraanaa gochuuf jiru

Loltoota 30,000, xiyyaarota waraanaa 200 fi dooniiwwan 50 biyyoota 27 irraa babbahan leenjii waraanaa Noorweeyiidhaan hogganamuufi ‘Cold Response’ jedhamu irratti hirmaatu.

Haguuggii Tamsaasa Kallattii

  1. Raashiyaan qoqqobbii irra kaa'ame qoqqobbiin deebifte

  2. Tamsaasa kallattii dhimma waraana Yukireen

    Akkam jirtu!

    Gabaasa kallattii dhimma waraana Raashiyaa fi Yukireen qabannee deebineerra.

    Odeessaalee dhimma waraana kanaan walqabatu hunda marsariitii keenya BBC News Afaan Oromoo irraa ni argattu.

    Nagaan oolaa!

  3. Mariin Raashiyaafi Yukireen dhukaasa dhaabuurratti bu'aa osoo hin buusiin xumurame

  4. Imbaasiiwwan Raashiyaa fi Jarman Finfinnee jiran Facebook irratti wal-ifatan

  5. UK’n abbaa qabeenyaa Cheelsii Roomaan Abramoovich qoqqobde

    Mootummaan UK abbaa qabeenyaa kilaba kubbaa miilaa Cheelsii Roomaan Abramoovich qoqqobe.

    Biliyeenarri lammii Raashiyaa Abramoovich, dureeyyii Raashiyaa torba dhiibbaa siyaasaa uuman qabeenyi isaanii akka hin sochoone uggurame keessaa tokko.

    Ministirri Maallaqaa UK barreeffamni toora intarneetiirratti maxxanse, Abraamoovich ‘’deeggaraa Kireemiliini’’ fi Pireezidantii Raashiyaa Vilaadimiir Puutini jedha.

    Abraamoovich garuu kanaan duras Pireazidant Puutin fi Kireemlin waliin hidhata karaa maallaqaa hin qabu jedhe waakkate.

  6. Yunayitiid Arab Imireet omisha boba’aa akka dabaltu beeksisuu hordofee gatiin boba’aa hir’ate

    Miseensa biyyoota boba’aa biyya alaatti ergan-OPEC kan taate Yunayitiid Arab Imireet omisha boba’aa akka dabaltu beeksisuu hordofee gatiin boba’aa salphaa ‘Brent crude’ gabaa addunyaaf ka’uumsa ta’e %17 gadi hir’ate.

    Dhiyeessiin boba’aa Raashiyaan Yukireen weeraruu hordofee jeeqamuusaatiin torban muraasaaf gatiin boba’aa garmalee dabalee ture.

    Gatiin zayita boba’aa Guraandhala 24 irraa kaase %30’n dabaluun, torban kana keessa otoo deebi’ee hin hir’atiin barmeelli tokkichi $139 qaqqabee ture.

    Gatiin boba’aa dabaluun addunyarratti namoota hedduu yaaddessees ture.

    Pirezedantii Ameerikaa Joo Baayiden dabalatee hogganantoonni biroos dhiibbaa gatiin boba’aa maatiirratti qabu hir’isuuf waadaa seenanii turan.

    Waggaa tokkoo oliif gatiin boba’aa dabalaa ture, garuu tibbana Raaashiyaan Yukireen weeraruun qoqqobbii irra kaa’ameen gatii boba’arratti dhiibbaa uume.

    Raashiyaan addunyaaf boba’a %7 ta'u dhiyeessaa kan turte yoo ta’u, omisha zayita boba’aa isheef gabaa barbaadutti jirti.

    Ameerikaafi Kanaadaan boba’aa Raashiyaa bitu yoo lagatan, UKn xumura bara kanatti biyyattiirraa bituu dhaabuuf jirti.

  7. Ministiroonni dhimma alaa Raashiyaafi Yukireen mariif Tarkii galan

    Ministirri dhimma alaa Raashiyaa Sargee Laaviroov, akkasumas gitni isaa kan Yuukireen Dimiitiroo Kuleebaa nagaa buusuu irratti mari'achuuf Tarkitti argamaniiru.

    Pireezidantiin Tarkii Resiip Tayyiip Erdoogaan bakka argamanitti ministiroonni dhimma alaa biyyoota lamaanii magaalaa Tarkii Antaalaay keessatti marii ni jalqabu jedhamee eegamaa jira.

    Pireezidantiin Tarkii mariin ministiroonni dhimma alaa lamaan taasisan "waliigaltee dhaabbataan dhukaasa dhaabuuf karra bana jedheen abdadha" jedhan.

    Waraana Raashiyaan Yukireen irratti bante torban lama kan guute ta'ullee, mariin hanga har'aatti taasifaman waraanni kun akka dhaabbatuuf bu'aa qabatamaa ta'e hin argamsiifne.

  8. Guutereez : ‘Dhiiga dhangalaasuu dhaabaa'

    Barreessaa Olaanaan Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii (UN) Antoniyoo Guutereez waraanni hiika hin qabne kun hafee dhiiga dhangalaasuun dhaabbachuu qaba jedhan.

    Barreessaan Olaanaa UN kun haleellaa boombii hospitaala haadholiifi daa’immanii Mariyupool irratti raawwatame "sukanneeessaadha" jechuun balaaleffatan.

    Yukireen dhaabbilee wal’aansaa fayyaa boombiin kan haleeltu Raashiyaadha jechuun himatte.

    Haleellaan kun namoota 17 madeessuun, daa’immaaniifi namoota biroos caccabaa gamoo jala awwaaleera.

  9. 'Raashiyaan haleellaa meeshaa waraanaa keemikaalaa raawwachuu malti' - Waayit Haawus

  10. Ameerikaan loltoonni Raashiyaa 6,000 ta'an Yuukireenitti ajjeefamuu himte

    Qondaalli Ameerikaa torban lamaan waraanni Yuukireenitti jalqabametti loltootni Raashiyaa 5,000-6,000 ta’an ajjeefamuu CBS tti himan.

    Lakkoofsi loltota mada’aanii immoo 15,000- 18,000 ta’u jedhamee yaadama jedhan qodaalli maqaan isaanii akka dha’amu hin feene tokko.

    Qondaalli kun tilmaamni kun miidhaan baay'ee guddaan irra qaqqabu agarsiisa jechuun maddiitti, hamma loltoota du’anii kan bara waraana addunyaa lammaaffaan wal bira qaban.

    Yuukireen garuu loltoonni Raashiyaa lola keessatti du’an 12,000 ta’u jette. Raashiyaan torban darbe loltoonni 500 hin caalle Yuukireenitti jalaa du’uu himte.

    Shakkiin gartuuwwan waraanarratti hirmaatan gidduu jiruufi hololli walitti dabalamuu isaarraan kan ka’e himanna gama lamaanii adda baasuun rakkisaa taasise.

  11. Waraanni Yuukireen gabaa dhaabbilee waraanaa dhuunfaa ho'ise

  12. Waraanni Raashiyaa fi Yukireen interneetii addunyaa walitti hidhe kukkutuuf jiraa?

  13. Yuukireen: Maaltu haarawa?

    Waraanni Raashiyaa fi Yuukireen torbee sadaffaa qabate; maaltu haarawa?

    • Ministiroonni haajaa alaa Raashiyaa fi Yuukireen Tarkii galaniiru. Kamisa magaalaa Antaliyaa keessatti ni mari'atu jedhamee eegama.
    • Pireezidantiin itti aantuu Ameerikaa Kaamalaa Hariis Poolaand galaniiru. Kunis erga biyyootni lamaan jeettii waraanaa gara Yuukireen erguu irratti waliigaluu dhabanii booda.
    • Aanga'oonni Waayit Haawus Raashiyaan guyyoota dhufan meeshaa waraanaa keemikaalaa fayyadamuun lammilee nagaa irratti haleellaa raawwachuu akka maltu akeekkachiisan.
    • Loltoonni Raashiyaa 5000-6000 ta'an Yuukireen keessatti ajjeefamuu akka hin oolle US tilmaamte.
    • Pireezidantiin Yuukireen Voloodimiir Zeleniiskiin haleellaan Raashiyaan hospitaala haadholii Maariyuupool irratti raawwatte 'yakka waraanaati' jedhan. Namoonni 17 madaa'aniiru.
    • Dhaabbileen daldalaa bebbeekamoon hedduun dabalataan Raashiyaa keessatti hojjechuu dhaabaa jiru.
  14. Jarman xiyyaara waraanaa gara Yukireenitti hin ergu jette

    Polaand jettii waraanaashee Raaashiyaatti hojjetame, MiG-29 karaa buufata US Jaramanitti argamuun Yukireeniif dabarsuuf yaada dhiyeessite Ameerikaan diduu ishee hordofee Jarman gara Yukireen jeettii waraanaa hin ergu jette.

    Chaansilarri biyyattii Olaaf Scholz Jarman ''meshaawwan ittisaa gosa hundaa'' meeshaalee waraanaa dabalatee Yukireeniif kenniteetti jedhan.

    Kanneen keessa garuu xiyyaaronni waraanaa keessa hin jirani jedhan.

    Mootummaan UK garuu balaliistonni Nato fi jeettonni isaanii xiyyaaraa waraanaa Raashiyaa haleeluun ''amansiisaa miti'' jedhaniiru.

    Dubbii himaan MM UK Booris Joonsan mootummaan isaanii ‘’meeshaa Yukireen feetu kennuuf qophii ta’u irra deddeebiin’’ ibsaniiru.

    Kana dura UK’n meeshaa gara Yukireenitti ergitu dabaluufi meeshaalee farra taankii 1,615 salphoo ta’an akkasumas misaa’eli fageenya gabaabaa ergaa akka jirtu himte.

    Biyyoota miseensa Nato hin taane Siwiidiniifi Fiinlaand dabalatee hanga ammaa biyyootni 14 meeshaa waraanaa Yukireeniif erganiiru.

    Biyyootni lameen kun qofti meeshaa farra taankii kumaan lakkaawamu erganiiru.

    Jarman farra taankii 1,000 fi misaayeloota US'tti hojjetaman 500 Yukireeniif gumaachiteetti.

  15. 'Mariin Tarkiitti taasifamu waliigaltee dhukaasa dhaabuu waaraaf karra bana'- Tayiip Erdohaan

    Raasihiyaan Yukireeniin erga weerartee yeroo jalqabaaf ministiroonni haajaa alaa biyyoota lameenii Kamisa dhuftu biyya Tarkiitti wal-arganii mariyachuuf jedhu.

    Pireezidantiin Tarkii Resiip Tayiip Erdohaan kibba biyyattii magaalaa Antalya jedhamutti mariin aanga'oota lamaan gidduutti godhamu ''waliigaltee dhukaasa dhaabuu waaraaf karra bana'' amantaa jedhu qabaachuu dubbataniiru.

    Raashiyaan ammallee kaayyoo Yukireenirraa qabdu waraanaanis ta'e mariin akka milkeessitu dhaadachaa wayita jirtutti, Erdohaan mariin kun milkaahuu danda'a abdii jedhu maaltu akka itti hore ifa miti.

    Tarkiin miseensa NATO amma puutiin irraa haajaa qaban taatus, pireezidantiin Tarkii Erdohaan garuu wanta Yukireenirratti ta'aa jiru mormuu bira darbee akka biyyoota Lixaa biroo tarkaanfiiwwan fudhachuurra daandii mataa isaanii hordofaniiru.

    Waan Yukireenitti ta'aa jiruun gammachuu akka hin qabne ibsaniis qoqqobbiin ka'amaa jiru garuu ummata Raashiyaarratti xiyyeeffate jechuun mormii akka qaban akeekaniiru.

  16. Barattuu saree ishee waliin Yukireenirraa baqatte

    Barattuun ganna 20 lammii Indiyaa taate, Yukireenii yeroo baatu saree ishee ishee Zaayiraa jedhamtu fudhattee baate qeeqaa fi dinqisiifannaa argataa jirti

    Aryaa Adriinii, xuuxillaa ishee ji’a shanii Zaayiraa qabattee balalii mootummaan Indiyaa qopheesseen magaalaa Romaaniyaa irraa gara Indiyaa imala dadhabsiisaa taasifteetti.

    Yukireenitti waraanni yeroo jalqabu, Ariyaan yaadni ishee hundi,’’waan fedheyyuu yoo dhufe, Zaayiraa dhiisee hin deemu,’’ kan jedhu ture.

    Magaalaa Viinitsiyaa hanga daangaa Romaaniyaa geessutti km20 saree ishee Zaayiraa baattee, laguun itti dhufeemmoo dhukkubsachaa lafoo adeemaa turte.

    Bineelda akkanatti jaalachuunsheen leellifamaa jiraattus, namoonni gariin immoo namoonni balaarra otoo jiranii mootummaan Indiyaa bineelda akkamiin xiyyaaraan fudhata jechaa turan.

    Aryaan garuu Zaayiraan iddoo namootaaf qophaa’e hin fudhattu, man’ee keessa teessetu Romaaniyaa irraa gara Delihii imalle jette.

    ‘’Ani barattuu fayyaa dha-lubbuu kamiyyuu otoo hin loogiin baraaruu akka qabnu baranne. Ishee dhiisee bahuun koo eenyuniyyuu hin fayyadu ture,’’ jette

  17. Meeshaaleen waraanaa biyyoonni Lixaa Yukireeniif kennan jijjirama fide qabaa?

  18. Amma nu gahe, Ministiroonni haajaa alaa Raashiyaa fi Yuukireen Tarkiitti wal-arguufi

    Ministirri haajaa alaa Raashiyaa Sargee Laaviroov fi kan Yuukireen Dimitroo Kuleebaa Tarkiitti akka wal-arguuf jedhan Ministeerri haajaa alaa Raashiyaa hime.

    Aanga'oonni lamaan erga Guraandhala 24 Raashiyaan Yuukireen weerartee yeroo jalqabaaf wal-argu.

    Laaviroov fooramii dippiloomaasii udul-addunyaa irratti hirmaachuuf gara Tarkii Antaaliyaa kan imalan yoo ta'u Achitti Kuleebaan wal argu jechuun miidiyaan Raashiyaa RIA Novosti dubbi himtuu ministeera haajaa alaa Raashiyaa Maariyaa Zakaroovaa waabeffachuun gabaase.

    Yaada kana kan dhiyeessan ministira haajaa alaa Tarkii Meeviluut Kaavusoogluu yoo ta'an, sadi ta'anii akka mari'atan kan jedhudha.

    Marichi Kamisa Bitootessa 10 akka taa'u amma dura kan gabaafame.

    Biyyoonni lamaan amma dura marroo lamaaf kan mari'atan yoo ta'u, bu'a qabatamaa hin argamsiifne.

  19. Akaakayyuun Iskootilaand tokko Raashiyaa waraanuuf Yukireenitti duulan

  20. Raashiyaan namoonni nagaa magaala keessaa akka bahaniif dhukaasa dhaabuu beeksifte

    Moskoon namoonni nagaa magaalawwan haleelamaa jiran keessa jiraatan akka bahaniif dhukaasa dhaabuu miidiyaaleen Raashiyaa gabaasan.

    Gargaarsa namoomaaf dhukaasa dhaabuun kuni yeroo sadaffaaf kan raawwate yoo tahu, warreen kanaan duraa hin milkoofne jetti Raashiyaan.

    Guyyaa kaleessaa qondaaloti Yukreen namoota 5000 ol magaalaa Saamii irraa baasuu himuun, namoota jumlaan yoo baasan kuni kan jalqabaati jedhan.

    Haa tahu malee yaaliin wal-fakkaataa warreen magaalaa Cheernihiiv jiraniif taasifamus, Raashiyaan daandii itti bahamu haleeluu dhaabuu didde jette Yukreen.