Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.

Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi

Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf

Ameerikaa fi UKn boba'aa Raashiyaa gara biyya isaanii galurra qoqqobbii kaa'an

Pireezidentiin US Joo Baayidan boba'aa gaaziiifi dhagaan kasalaa Raashiyaarraa Ameerikaa galu guutummaatti dhorkamuu beeksisan. UKnis faana dhoofteetti.

Haguuggii Tamsaasa Kallattii

  1. Ministironni biyyoota G7 qoqqobbii Raashiyaarra kaa'an irratti mariyachuuf

    Ministironni olaanoo Landan jiran gita isaanii biyyoota G7 irraa ta'an waliin sa’aatiiwwan muraasa dhufanitti mariyachuuf jiru.

    Mootummaan qoqqobbii jajjabaadha jedhu karoorse har’a waaree booda Ministirri Muummee wayita paarlaamaaf ibsa kennan ifoomsuuf jira.

    Mootummaan qoqqobbiin kun biyyoota michuu waliin ta’uun hojiirra akka oolu barbaada.

    Wixinee qoqqobbiiwwan dhiyaatanii turan otoo hin milkaa’in hafuu hordofee Ministiroonni yeroo barbaachisaa ta’etti qoqqobbiin dabalataa akka hojirra oolu eegu.

    Qoqqobbiin kunis imalaafi qabeenyi namoota dhuunfaa dabalataan akka hin sochoone gochuufi qoqqobbii baankootarra kaa’amu dabalata.

    Kana malees, qoqqobbichi warshaalee ijoo biyyattii teeknolojii, anniisaafi keemikalaarratti hojjatan ni dabalata.

    Ministiroonni kunneen akkaataa Raashiyaan sirna faayinaasii UKttii akka hin fayyadamne daangeessuun danda’amurratti ni mariyatu. Warreen ‘Labour’ Raashiyaan sirna faayinaansii iswifti irraa akka ugguramtu barbaadu.

    Kana malees UK’n deeggarsa meeshaalee waraanaa Yuukireeniif kennuu karoorsiteetti garuu loltoota biyyattiitti hin bobbaastu.

  2. Ministirri Dhimma Alaa Raashiyaa: Biyyoonni Lixaa seera idil-addunyaa hin kabajan

    Ministirri Dhimma Alaa Raashiyaa Sergee Laaviroov humnoonni Raashiyaa haleellaa cimaa Yuukireen irratti bananillee Raashiyaan ammallee mariidhaaf qophiidha jedhan

    "Kan nama gaddisiisu garuu michoonni keenya warri Lixaa seera idil-addunyaa hin kabajan. Isaan seera idil-addunyaa cabsuun "ajaja danbiiwwan bu'uura godhate" jedhan oofaa jiru," jedhan Laaviroov burqaa oduu mootummaa RIA Novosti irratti yeroo dubbatan.

    "Jaalleewwan keenya Ameerikaafi miseensota NATO biroo waliin mariiwwan bal'aafi gadi fageenya qabu taasifneerra," jedhan.

    Ammallee gara seera idil-addunyaafi dirqamoota idil-addunyaatti deebiyuudhaaf carraan ni jiraata jennee abdana jedhan Ministiri Dhimma alaa Raashiyaa kun.

    Raashiyaan, "marii gara haqaafi piriinsippiloota chaartera UNtti nu deebisaniif yeroo hunda qopiidha<2 jedhanLaaviroov.

  3. NATOn waraana Raashiyaan Yuukireen irratti bante hordofee karoora baafate

    NATOn waraana Raashiyaan Yukireen irratti bante hordofee karoora baafate

    Barreessaan Oalaana NATO Raashiyaan tarkaanfii waraanaa atattamaan dhaabdee, loltoota ishee Yuukireen keessaa baasuun karaa dippilomaasii akka filattu gaafate.

    Jeens Istooltenberg ibsa kenneen akka jedhetti, Raashiyaan Yuukireen biyya bilisaafi walaba taate weeraruuf karoora akka hin qabne waakkachuun irra deebitee seenaa hin malle biraa barreessisuuf jirti.

    Dhimmi hanga NATO michoota isaa eeguufi waraana irratti banamu irraa qolachuudha jedhe barreessan Olaanaa kun.

    Barreessaan olaanaa kun ibsa sa'aatii muraasa dura kennaniin, "haleellaan biyya miseensa NATO ta'e tokko irratti raawwatamu akka waan biyyoota miseensa dhaabbatichaa irratti raawwatameettti fudhatama," jedhan.

    Har'a qaamni NATOf murteessu, Manni Maree Noorz Atilaantik, biyyoota biroorra balaa gahuu malu ittisuufi eegumsa gochuuf karoora ittisaa akka qopheeffatu murteesseera.

    Kana jechuun NATOn humna isaa bakka barbaachisutti bobbaasuuf jira, jedhe Jeens Istooltenber.

    Pirezidantiin US Joo Baayidan loltoonni Ameerikaa gara Yuukireen akka hin deemne ifa godhaniiru.

  4. 'Lammiileen Itoophiyaa Yuukireen gara daangaa Poolaanditti baqatan jiru'-Lammii Itoophiyaa Kiyeev jirtu

  5. 'Puutin waraana akka malee hamaa Yuukireen irratti bane'-Booris Joonsan

    Ministira Muummee UK Booris Joonsan ibsa karaa foddaa TV kallattiin kennan irratti haleellaan Raashiyaa "jibbisiisaafi tarkaanfii gara jabummaa Puutiin, milkaa’ina malee goolabamu" jedhanii qeeqan.

    "Weerarri Raashiyaa kun haleellaa dimokiraasiifi bilisummaa Baha Awurooppaa, akkasuma addunyaarratti qaqqabe,'' jedhan.

    Itti dabaluun ‘’Puutiin waraana akka malee hamaa Yuukireenitti fide," jedhan.

    MM Booris Joonsan uummata Yuukireeniin‘’isiin waliin jirra, isiniif kadhanna,’’ jedhan.

    Nageenyaa biyya keenyaa eeguuf waan barbaachisu hunda ni raawwanna jedhan.

    UK’n biyyoota Awurooppaa keessaa biyya si’a jalqabaaf meeshaa waraanaa Yuukireen haleellaa akka ofirraa qolattuuf gargaarte ta’uu eeraniiru.

    Biyyoonni michuuwwan kaanis tarkaanfii walfakkaatu hordofan.

    Kana malees, wixinee qoqqobbii bal’aa dinagdee Raashiyaa laamshessuuf qophaa’eerratti har’a biyyoota michuuwwan keenya kaan waliin walii galuuf jirra jedha Joonsan.

  6. Waraanni Raashiyaa maal jechaa jira?

    Waraanni Raashiyaa maaliif akka weerara Yuukireen irratti banea sababoota hedduu tarreessuun ibsa kenne.

    Ibsa kanaan waanuma kanaan dura Raashiyaa jette; naanoolee lamaan baha Yuukireen finciltootaan qabamanii jiran deegaraa jirtu ittisuuf jecha haleellaa raawwachuu himan.

    Raashiyaan tarkaaniif kana kan fudhatte waan waraana Yuukireeniin haleellaan irratti raawwatameefiidha jette.

    Eksipartoonni garuu kun soba jechuun mootummoonni lixaa akka Raashiyaan weerara raawwqachuuf itti qophaa'aa turte torbanootaaf akeekkachiisaa turte jedhu.

    Raashiyaan ammoo haleellaan isheen raawwataa jirti kan ''baayyee of-eegganoon tta'uufi kan bu'uuraalee waraanaa qofarratti xiyyeeffatanidhaa jetti.

    Gabaasaaleen gama sanaa bahaa jiran ammoo lammiilee Yuukireen nagaa 30 ol ta'an ajjeeffamuu himaa jiru. Namoota ajjeefaman kanneen keessaa saddeeti ammoo buufata galaanaa Odessaatti misaa'eelaan ta'uun gabaafameera.

    Waraanni Raashiyaa ammoo humnootii waraanaa Yuukireen qawweefi bakka buufata isaanii gadhiisuun baqataa jiraachuu himan.

    Faallaa kanaa ammoo Yuukireen weerartoota Raashiyaa 50 ta'an ajjeessuufi jeettii isaanii rukkuttee kufiisuu himte.

    Haata'u malee, BBC mada walabaa ta'erraa hin mirkanneeffanne.

    Mootummaan Yuukireen ammoo lammiilee barbaadan kamiifuu qawwee kennaa jira.

  7. NATOn nageenya biyyoota miseensa isaa nan mirkaneessa jedhe

    Dhaabbanni Waiigaltee Waraanaa Atilaantika Kaabaa (NATO)n nageenya biyyoota miseensa isaa ta'anii nan mirkaneessa jedhe.

    Barreessaan Olaanaa NATO Yeniis Istooletenberg, kaayyoon NATO angafaa nageenya biyyoota miseensa dhaabbatichaa ta'an mirkaneessuudha jedhan.

    Barreessaan olaanaa kun ibsa saatii muraasa dura kennaniin, "haleellaan biyya miseensa NATO ta'e tokko irratti raawwatamu akka waan biyyoota miseensa dhaabbatichaa irratti raawwatameettti fudhatama," jedhan.

    NATOn biyyoonni akka Ameerikaa, Yunaayitid Kingodom, Firaans, Jarmaniifi Tarkii dabalatee biyyoota Awurooppaa hedduu biroo waliin miseensota biyyoota 30 of keessaa qaba.

    Yuukireen biyya miseensa NATO taate miti. Haata'u malee, Yuukireen miseensa NATO ta'uuf fedhii akka qabdu Pirezidant Zeleniskii kanaan dura ifatti dubbatanii ture.

    Mooskoon ammoo Yuukireen haala kamiiniyyu miseensa NATO ta'uu hin qabdu jechuun mormaa turteetti.

    NATOn Raashiyaan Yuukiren irratti waraana banuun ishee biyyoota miseensa dhaabbatichaa ta'an hollaa Yuukireen ta'an irratti yaaddoo nageenyaa uuma jedhee amana.

    Hollaa Raashiyaa kan ta'an Latiiviyaafi Istooniyaan biyyoota miseensa NATO a'anidha.

    Barreessaan NOTO ibsa isaaniitiin Raashiyaan humna caalaa dippilomaasii fayyadamuu qabdi jedhan.

  8. Weerarri Raashiyaan Yuukireen irratti raawwatte Awuroppaaf balaadha- Booriis

    Ministirri Mummee Yunaayitid Kingdom (UK) Booriis Joonsan weerarrri Raashiyaan Yuukireen irratti rawwatte kun ''ardii keenya Awurooppaaf balaadha,'' jedha.

    Booriis ergaa barreeffamaa karaa tiiwiitaraatiin dabarsaniin, Yuukireen ilaalchisuun ibsa akka kennan himuun, hoggantoota G7 waliinis marii akka taasisan himaniiru.

    MM Booriis ibsa muddama Awurooppaatti dhalate kana ilaalchisuun ganama kennaniin, weerara Raashiyaan Yuukireen irratti raawwattee ilaalchiisuun ejjennoo UK maal akka ta'u ibsa TVn akka kennan BBCtti himaniiru.

    Kunis ibsa bakka bu'uuta ummataa mana mareetiin akka biyyaatti kan sa'aatii 17:GMT irratti bahuun kan hordofamu ta'a jedhan.

    Akkasumas, MM Booriis erga Kamiisa ganama marii ministiroota yeroo balaa atattamaa (COBRA) hoggananiin booda, qoqophaawwan UKn Raashiyaara keessu marsaa ittaanuu maal akka ta'u akka beeksiisan eegama.

    Ergaa tiiwitara isaanii irratti, ''Putiin daandii dhiiga dhangalaasiisuu'' filate jedhu, michoota waliin ta'uudhaan ''deebii murteessaa' ta'e akka kennan dhaadataniiru Booriis.

    Qoqqobbaan marsaaa jalqabaa Wiixata darbe kan ibsame yoota'u, innis kan baankiiwwan Raashiyaa shaniifi abbootii qabeenyaa Raashiyaa biiliyenaroota ta'an sadii irratti kan xiyyeeffate ture.

    Haaluma kanaanis qabeenya jarreen kanneenii ni dhorkama jechuudha.

    Kanaan duras Ministirri Waajjira Dhimma Alaa Jams Kileevarlii weerara Raashiyaa Yuukireen irratti raawwatteef deebii kennuuf jecha tarkaanfii ''qoqqobbaa diinagdee olaanaafi cimaa Raashiyaan kanaan dura agartee hinbeekne'' akka taasifamu akeekkachiisanii turan.

  9. Waajjira Mummee Tikaa humna ittisaa Yukireen biratti ibiddi dhalate

    Haleellaa Raashiyaa Yukireen bakkeewwan garaa garaatti raawwatamaa jirtu hordofee waajjira Mummee Tika Ittisa Yukireen biraatti ibiddi olaanaan mulataa jira.

    Waajjiri kunis jiddugala magaalaa guddoo biyyattii Kiiyeeviitti kan argamuudha.

    Tarii aarri ibiddaa amma suuraa irratti mul'ataa jiru kunis gamoon osoo hin miidhamiin fuuldura gamichaatii ka'aa kan jiruu akka ta'e himameera.

    Namoonni uffannaa dambii uffatan boorsaawwan gara ibiddaatti yoo darbatan namoonni ijaan argan dubbataniiru.

    Yukireen jidduu galliiwwan ajaja waraanaashee muraasni haleellaa Raashiyaatiin miidhamu himtee jirti.

    Magaalaa Keeyiviin alattis, magaalaa Biroovaariitti, haleellaa misaa'eelii raawwatameen yoo xinnaatee namoonni jaha ajjeefamuu aanga'oonni dubbataniiru.

  10. 'Yeroon kun nageenya Awurooppaaf yeroo hamtuudha’ –Hogganaa ‘NATO’

    Barreessaa Olaanaan NATO Jensi Istoltelberg ’’Awurooppaatti waraana hammifi gosti isaa kan seenaati jennee yaadnutu adeema jira,’’jedhan.

    Ibsa karaa tamsaasa kallattii kennaa turan yoo ta’u, akkasuma gaaffilee simataa turan.

    Istoltelberg wagahii Kaawunsilii Kaaba Atilaantikaa waliin qaban goolabuufi biyyoonni hedduun marii ariifachiisa gaggeessuuf waliigalaniiru jedhan.

    ‘’Yeroon kun nageenya Awurooppaaf yeroo hamtuudha’’ jedhan.

  11. Haleellaa Raashiyaan Yukireen irratti raawwatte suuraadhaan

    Erga humnootiin Raashiyaa tarkaanfii waraanaa Yukireen irratti fudhachuu egaltee kaasee magaaloota Yukireen gurguddaa keessatti haleellaan miisaa'eeliifi dhukaasni dhagahamaa jira.

    Haleellaawwan Raashiyaadhaa raawwatamu eessatti gaggeeffamaa akka jiru ilaalchisee gabaasaalee hedduun bahaa jiru.

    Tarii warrabbiiwwan viidiyoo miidiyaalee hawaasaa irratti agartanii jirtu ta'a.

    Fakkeenyaaf suuraalee haleellaa kana mul'isan keessaa muraasni kunooti:

  12. Raashiyaan Yuukireen haleelu eegallaan daandiiwwan qilleensaa daangaa qilleensaa biyyatti lagatan

    Muddama Yuukireenitti dhalate hordofee daandiiwwaan qilleensaa Awurooppaa daangaa qilleensaa biyyattii lagachuun dhiibbaa aviyeeshinii Awurooppaarratti qabu suuraan kun ni agarsiisa.

    Yuukireen daangaa qilleensaa ishee balalii namoota nagaaf kan cufatte haleellaa Raashiyaan eegalte sa’aatiiwwan gara jalqabatti ture.

    Ministeerri Daldalaa UK Giraant Shaaps, Abbaa Taayitaa Siivil Aviyeeshinii xiyyaaronni daangaa qilleensaa Yuukireen keessa akka hin seenne mirkaneessuu akka qaban ajajaniiru.

  13. Jiraattoonni magaalaa guddittii Yukireen, Kiiyeev keessaa baqataa jiru

    Yuukireenitti jiraattoonni magaalaa guddoo Kiiyeev keessaa baqataa jiru.

    Raashiyaan miisaa'eloota jalaqabaa gara Yukireeniitti dhukaasuu hordoofee, jiraattonni magaalaa guddoo biyyattii keessaa baqataa jiraachuun dhagahame.

    Magaalaa Kiiyeev keessatti sagaleen akeekkachiiftuu yeroo balaa dhagahamuu hordoofee jiraattonni ariitiidhaan magaalattii gadhiisanii bahuuf daandiiwwan gurguddaa dhiphisaa jiru.

    Odeeffannoo miidiyaalee hawaasaa irratti baheen jiraattoonni naasuu olaanaa keessa galaniiru.

    Kanneen dahoowwan lafa jalaa dhohiinsa irraa of ittisuuf hojjataman keessa kan galanis jiraachutu himame.

    Jiraattoonni tokko tokkoos daandiiwwan irratti wayita kadhannaa taasisan TV'n kan argaman yoo ta'u, kaan ammoo maallaqa baankii yoo baasan mulataniiru.

  14. Raashiyaan maaliif loltoota ishee gara Yuukirenitti bobbaasuu barbaadde?

    Yuukireen Waadaa Kaaba Atilaantik ‘NATO’ fi Gamtaa Awurooppaa seenuuf ejannoo qabdu Raashiyaan balaaleffataa turte.

    Ammatti Yuukireen ergamtuu biyyoota Lixaa akka taate fi haala kamiinuu biyya sirrii ta’uu hin dandeessu jechuun Puutin qeeqan.

    Fedhiin ijoon Puutin immoo Yuukireen ‘NATO‘ tti akka hin dabalamne biyyoonni Lixaa wabiii ta’uusaanii agarsiisuu qabu jedhan.

    Biyyi qaama Gamtaa Sooviyeet durii turte Yuukireen, Raashiyaaa waliin hariiroo hawaasummaafi aadaa cimaa qabu. Bara 2014 Raashiyaan erga Yuukireen weerartee garuu hariiroon isaanii laafe.

  15. Yukireen balaliisawwan siviilii adda kutte

    To'attoonni balaliinsa xiyyaara siviilii Yukireen balaliinsa dhaabuu beeksiisan.

    Sababii naannoon qilleensa biyyattii balaaf saaxilamaa ta'eef murteen kun kan dabarfame.

    ''Naannoon qilleensaa balaliinsawwan siivilii balaadhaaf saaxiluu waan danda'uuf jecha balaliinsii akka adda citu taasifameera'' jechuun ibsa baaseera.

    Gama biraatiin ammoo loltoota Yukireen duraanii kanneen soorama bahaniif meeshaan waraanaa raabfamaa jiraachu gabaasaaleen bahaa jiru.

    Yukireen lammiileenshee walabummaa biyyasaanii raayyaa ittisaatti akka makamaniif waamicha taasiftee jirti.

  16. Puutiin Yukireen irratti haleellaan akka eegalamuuf ajaja dabarsan

    Pireezidantiin Raashiyaa Vilaadimiir Puutiin humni waraanaa isaanii naannoo Yukireen Doonbaa keessatti haleellaa waraanaa addaa akka gaggeessaniif ajaja dabarsan.

    Pireezidantiichi ajaja karaa TV biyyatiin dabarsaniin, loltoonni Yukireen kanneen finciltoota Raashiyaan deeggartu waliin wal waraanaa jiran meeshaa isaanii lafa kaa'uun gara manasaaniitti akka deebii'aniif waamicha dabarsaniiru.

    Puutiin itti dabaluunis Yukireen to'achuuf karoora akka hin qabnee ibsuun, haata'u malee qaamni kamuu gocha Raashiyaa irratti balaa qaqqabsiisu yoo raawwate deebiinsaa ariifachiisaa ta'a jedhaniiru.

    Yukireen ammoo Puutiin biyyattii gutummaan weeraruuf sochii eegalee jirti jechuun himmatteeriti.

    Ministeerri Dhimma Alaa Yukireen Diimitirii Kuleebaa akka toora tiwiitara isaanii irratti himaniitti, '' magaalootiin Yukireen nagaa ta'an irratti haleellaan raawwatamaa jira. Yulkireen ofiishee ni ittifti, ofi ittisaas turte jirti. Addunyaan Puutiin dhaabuu qabaata. Tarkaanfii fudhachuudhaaf yeroonsaa amma,'' jedhaniiru.

    Akkasumas magaaloota Yukireen tokko tokko keessatti dhukaasniifi dhoohiinsi dhagaahamaa kan jiruu yoo ta'u, naannawa buufata xiyyaaraa magaalaa guddoo biyyattii Kiiyeviitti argamuuttis dhukaasni dhagahamaa jiraachu gabaasaaleen bahaa jiru.

  17. Raashiyaan Yukireen irratti haleellaa bante

    Pirezidaaniin Yukireen Volaadimiir Zelansikii Raashiyaan biyyasaanii irratti haleellaa raawwachushee beeksiisan.

    Pireezidaantichi haleellaan miisaa'elaa Raashiyaadhaa raawwatamuu mirkanneeffachuu maddi oduu Rooyitarsi gabaaseera.

    Gama biraatiin ammoo pirezidaantiin raashiyaa Vilaadmiir Puutiin haleellaan Mooskoon raawwattee kan bu'uuraalee misoomaafi eegumsa daangaa Yukireen irratti ta'u hmaniiru.

    Minisittirri raayyaa Ittisa raashiyaa gamasaatiin waraaniisaanii haleellaa raawwachuu mirkaneessuun garuu kan irratti keeyyeeffatamee magaaloota osoo hintaanee bu'uuraalee misoomaa waraanaa, humna ittisa qilleensaa fi dhaabbilee humna qilleensaa Yukireen irratti ta'u ibsaniiru.

  18. Injifannoon Aduwaa walaloofi walleen akkamiin yaadatama?