Yukireen loltoota Raashiyaa 5,600 ol ajjeesuu ibsite
Qondaaltonni Yukireen akka jedhanitti, loltoonni Raashiyaa 5,710 lola hamaa biyyattii keessatti guyyoota shan lakkoofsiseen ajjeefamaniiru.
Dhaamsa viidiyoo toora Feesbuukirratti maxxanfamerratti Dubbi-himaan waraana biyyattii loltoonni Raashiyaa 200 ol humnoota Yukireenin qabamu ittidabaluun himan.
Qondaalli biyyattii kun akka jedhanitti, taakota Raashiyaa198, xiyyaarota 29, konkolaattoota waraanaa 846 fi helokootaroota 29 mancaasan.
BBC’n qaama walabaarraa odeeffannoo kana hin mirkaneeffanne.
Ministeerri Ittisaa UK gama isaatiin humnoonni Raashiyaa wayita Yuukireen weeraranitti miidhaan jabaan irra qaqqabuu amana. Dilbata darbe qondaaltoonni Mooskoo humnootiin isaanii madaa’u amanan, kunis kan dhaga’ame loltootni Raashiyaa du’aan akka hin jirre himamu guyyoota muraasa booda.