Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.

Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi

Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf

Ameerikaa fi UKn boba'aa Raashiyaa gara biyya isaanii galurra qoqqobbii kaa'an

Pireezidentiin US Joo Baayidan boba'aa gaaziiifi dhagaan kasalaa Raashiyaarraa Ameerikaa galu guutummaatti dhorkamuu beeksisan. UKnis faana dhoofteetti.

Haguuggii Tamsaasa Kallattii

  1. Eegdotni daangaa Yuukireen harka kennachuu diduun ajjeefaman jajamaa jiru

    Odessi miira namoota hedduu tuqe falmii eegdotni daangaa Yuukireen odola xiqqoo ‘Snake’ jedhamtu irratti humna waraana galaanarraa Raashiyaa waliin godhanidha.

    Loltootni Yuukireen 13 odola Galaana Gurraacha ‘Black Sea’ jedhamtu irra eegumsarra turan humna waraanaa galaanarraa Raashiyaatti harka kennuu didan achuma lafa isaanii irratti ajjeefaman.

    Sagaleen waraabame Tiwiiterii, Tik Tok fi midiyaalee hawwaasaa kaan irratti akkaan qoodameera.

    Humni galaanarraa Raashiyaa ‘’meeshaa waraanaa kee kaa’ii harka kenni, hin tahu taanaan dhukaasan bana, ni dandeessaa?’’jedha.

    Loltootni Yuukireen ‘’dubbiin kanuma,’’ jedhanii booda dubbii safuu ‘’go f--- yourself’’ jechuun osoo dubbatanii dhagahameera.

    Pirezidaantiin Yuukireen Zeleniskiin gootummaa isaaniif galateeffatanii du’anii isaaniin booda ‘’gootota waraanaa jedhamuun akka badhaafaman himan.

    ‘’Odola keenya Ziinii[ Snake Island] hanga dhumaatti ittisanii, eegdotni daangaa hundi gootummaan ajjeefaman. Garuu abdii hin kutanne,’’ jedhan.

    Hundi isaanii iyyuu kana booda Gootota Yuukireen jedhamuun moggafamu. Yaadannoo bara baraa warra lubbuu isaanii Yuukireeniif kenneef haa tahu,’’ jedhan.

  2. Viidiyoo gamoo mana jireenyaa Kiyeev keessatti rokkeettii Raashiyaan haleelame agarsiisu

  3. Gaamtaan Afrikaa haleellaa Raashiyaan Yuukireen irratti banteen yaadda'uu ibse

    Gaamtaan Afrikaa haleellaa Raashiyaan Yuukireen irratti bante ilaalchisee yaaddoo qabu ibsee, waraana ardii guutuu waliin gahu hambisuuf dhukaasni hatattamaan akka dhaabbatu gaafate.

    Dura taa'aan AU ammaa kan ta'n pireezidantiin Senegaal Maakii Saal fi dura taa'aan komiishinii AU Muusaa Faakii ibsa baasaniin weerarichaan "daran yaaddofneerra" jedhan.

    "Raashiyaan ykn biyyi walitti bu'iinsa kana keessa qooda qabdu kamtuu seera idil-addunyaa, tokkummaa daangaa fi birmadummaa Yuukireen akka kabajan" gaafatan.

    Raashiyaan Kamisa weerara guutuu Yuukireen irratti erga eegalteen duuba loltoonni ishee kallattii hedduun Yuukireen lolaa jiru.

    Yuukireen gamanumaan namoonni hedduun ajjeefamuu fi kumaatamaan kan lakkaa'aman biyyaa baqachuu himteetti.

  4. 'Yuukireen ittisuuf kophaa lolaa jirra' - Pireezidantii Yuukireen

    Pireezidantiin Yuukireen Volodimiir Zeleniiskii Jimaata ganama TV biyyaalessaa irratti ergaa lammilee Yuukireeniif dabarsaniin, 'kophaa keenya Yuukireen ittisuuf lolaa jirra' jedhan.

    "Akkuma kaleessaa biyyoonni gurguddoon addunyaa alaala dhaabbatanii nu ilaalaa jiru.

    "Qoqqobbiin kaleessaa Raashiyaa akka hin amansiifne, samii keenya keessaa fi dachee keenyarratti argaa jirra," jechuun dubbatan.

    Pirezidaantichi har’a gara barii Raashiyaan haleellaa misaa’elaa hedduu magaalaa Kiyeev irratti raawwachuus mirkaneessaniiru.

    Misaa’elichi mana jireenyaa rukutuu akka hin hafne himanii buufata human waraanaa fi iddoo jireenyaa lammiilee nagaa irratti akka xiyyeefates himan. Raashiyaan lammilee nagaa irratti haleellaa hin raawwanne jechaa turte.

    Pirezidaantiin Yuukireen Volodimiir Zeleniskii ibsa karaa foddaa televizhiniin kenneen Raashiyaan akka dhukaasa dhaabduuf iyyatan.

    ‘’Raashiyaan waraana kana dhaabuun akkamiin akka weerarichi dhaabatu irratti ammas tahe booda nu waliin dubbachuu qabdi,’’ jedhan.

    ‘’Marichi yoo amma jalqabe kasaaraan raashiyaas xiqqaa taha.’’

    Itti dabaluun hanga haleellichi dhaabatutti ‘’nuyis biyya keenyarraa ittisuu ittuma fufna’’ jedhan.

    Halkan darbes haleellaan magaala guddoo irratti tahaa jiru akkaan dabalaa deemuu himan.

    Pirezidaantichi magaalicha gadhiisanii bahuuf akka karoora hin qabnes himaniiru. Amma nama Raashiyaan irratti xiyyeeffattee barbaaddu isa jalqabaa akka tahes ni beeku.

  5. Raashiyaan Kiyeev irratti haleellaa misaa'elaa raawwatte - aanga'aa Yuukireen

    Ministirri haajaa alaa Yuukireen Dimitiroo Kuleebaa Raashiyaan haleellaa misaa'elaa "suukkanneessaa" magaalaa gudditti Kiyeev irratti raawwachuu himan.

    Haleellaa akkanaa kan agarre bara Waraana Addunyaa 2ffaa wayita Naaziin Yuukireen haleele ture jedhan.

    Jimaata ganamarraa eegalee magaalaa guddittii Kiyeev keessattii fi naannawa isheetti dhohiinsi dhagaahamaa ture.

    Gabaasaan BBC achi jiru Pool Adams yoo xiqqaate dhohiinsa tokko dhagahuu hime.

    Gabaasaaleen akka mul'isanitti humni qilleensaa Yuukireen haleellaa misaa'elaa Kiyeev irratti raawwataman hedduu kan qolate yoo ta'u, xiyyaara waraanaa Raashiyaa Kiyeev gubbaa balali'aa turte rukutamtee gamoo mana jireenyaa irratti kufte.

  6. MM Niiw Zilaand Ambaasaaddara Raashiyaa biyyasheetii ari'achuuf

    Ministirri Muummee Niiw Ziilaandi Jaasiindaa Ardinar ambaasaaddaroota Raashiyaa biyyasaaniitti argaman ari'achuu akka filmaataati ilaalaa jiraachu dubbatan.

    Ministirri muummee tun akka jedhaniitti ambaasaaddaroota biyyaa gaggeessuun murtee salphaa ta'u baatulleen filmaata ta'u maluudha jedhan.

    Guyyaa Kamisaa ammoo biyyattiin namoota weerara Raashiyaa keessatti hirmaannaa qabu jetteen irra dhorkaa imalaa keessee jirti.

    Kana malees Niiw Zilaand marii dhimma alaa walitti dhufeenya dachaa Raashiyaa waliin qabdu kan adda kuttee yoo ta'u, meeshaalee waraana Raashaatiif galtee ta'u malanis ergurraa of qusattee jirti.

    Weerara Raashiyaa gochaa 'seeraan alaa' jechuun kan ibsan ministirri muummee tun, lubbuu namoota nagaa badiirraa oolchuufi badiinsii olaanaan osoo hin qaqqabiin dura loltoonni Raashiyaa duula waraanaa eegalan dhaabuun akka Yukireen keessaa bahaniif gaafatte.

  7. Humni waraanaa Raashiyaa buufata gabbisa niwukileeraa Chernoobil qabachuu qondaalonni Yuukireen himan.

    Humni waraanaa Raashiyaa buufata gabbisa niwukileeraa Chernoobil qabachuu qondaalonni Yuukireen himan.

    Gorsaan pirezidaantiin Maayikhaaloo Podoliyaak ,’’haleellaan galma hin qabne’’ Kamisa dhaqqabe ‘’hara Awurooppaa keessatti haleellaa sodaachisaa’’ taha jedhan.

    Dhohinsi buufata Chernobilitti bara 1986 mudate seenaa dhala namaa keessatti balaa niwukileeraa isa baay’ee hamaadha. Dhohinsichi lubbuu fi qabeenya irra miidhaa guddaa geesisee ture.

    Pirezidaantiin Yuukireen Raashiyaan weeraricha kan itti fuftu yoo tahe balaan kun irra deebiin mudachuu danda’a jedhan.

    '‘Humni ittisaa keenya akka balichi irra deebiin hin mudanneef lubbuu isaanii kennaa jiru'' jedhan pirezidaanti Volodimiir Zeleeniskii Tiwiitera irratti.

    ‘’Kun waraana guutummaa Yuukireen irratti banamedhas,’’ jedhan.

  8. Pireezidantiin Raashiyaa Vilaadmir Puutiin kan amma Yukireen irratti waraana bane eenyu?

  9. Taateewwan gurguddaa erga kaleessaatii mudatan maal fa'i?

    Raashiyaan erga Yukireen irratti haleellaa karaa qilleensaa, lafoofi karaa galaanaatiin eegalte har'a guyyaa lammaaffaa qabateera.

    Erga kaleessaatii asis taateewwan mudatan ijoowwan keessaa tokko Jimaata barii keessaa Magaalaa guddoo Yukireen Kiiyeev keessatti dhoohiinsi olaanaan dhagahamu CNNtu gabaase.

    Yukireen ammoo xiyyaara Raashiyaa tokkoo dhoofte kufiisuu kan himte har'amu ganama..

    Haaluma walfakkaatuun Pirezidaantiin Yukireen Voloodimiir Zelensikiin ergamtoonni Raashiyaa magaalaa guddoo galuu dubbatan.

    Waraanni kallattiiwwan adda addaatiin Yukireen irratti gaggeefamaa jiraachuun kan himamee yoo ta'u, jiraattoonni Yukireen kumaatamaan lakkaa'aman magaalaa guddoodhaa gara biyyoota ollaatti baqataa jiru.

    Kaan hedduun ammoo haleellaa raawwatamu baqachuun daandiiwwan baabuuraa lafa jalaa keessatti dahatanii jiru.

    Haata'u malee dhiiroonni biyyattii umuriinsaanii waggaa 18-60 ta'ee biyyaa akka hin baqanne dhorkamuun gabaafameera.

    Raashiyaatti ammoo waraanicha mormuun hiriirri magaaloota adda addaa keessatti kan gaggeeffame yoo ta'u, namoonni kumaan lakkaa'amanis humnootii nageenyaan to'atamuutu dhagahame.

    Ameerikaa dabalatee Gamtaan Awuroophaa fi biyyoonni miseensaa kaanis qoqobbaa garaa garaa Raashiyaarratti labsaniiru.

    Ergaan waan har'a ta'u ammoo isinii geenyaa nu hordofaa.

  10. Weraramuu Yuukireeniifi deebii addunyaa: qoqqobbii, baqattootaafi sodaa waraanaa

  11. Tamsaasa kallattii keenyaan walitti deebineerra!

    Hordoftoota keenya kaleessaa irraa kaafnee muddama Raashiyaafi Yuukireen jidduutti mudate ilaalchisuun tamsaasa kallattii kanaan isin biraan gahuu eegalleera.

    Har'a fuula keenya yoo hordoftan taateewwan gama sanatti mudataniif odeessaalee ijoo addunyaa mara irraa isin biraan geenya.

    Oolmaa nagaa qabaadhaa!

  12. Namoonni waraana Raashiyaa morman 1,700 ol hidhaman

    Namoonni waraana Raashiyaan Yukireen irratti gaggeessaa jirtu irratti magaaloota biyyattii hedduu keessatti mormuuf hiriiraaf bahan keessaa 1,700 ol ta'an hidhamu gabaasaaleen to'attoota walabaa beeksiise.

    Mooskoo keessatti namoonni 900 ol Seenti Peetersburg keessatti 400 ol to'atamuu dhaabbanni OVD-info jedhamuufi hiidhaa hiriira mormii hordofu beeksiise.

    Jidduugala Mooskoo, dhiheenya adabaabaayi Pushkiniitti namoonni kumaatamaan lakkaa'aaman walitti kan qabaman yoo ta'u, magaalaa Saayinti Petersburg keessatti ammoo kan gara 1,000 ta'an hiriiraaf bahuu AFPn gabaaseera.

    Dhaadannoon ''No to war'' jechuun dibata haalluutiin karra gamoo paarlaamaa Raashiyaa fulduratti qabatanii bahan.

    "Baayyee naheen jira. Firoonni kiyyaa fi kanneen jaalladhu Yukireen keessa jiruu'' jedhan Anaastaasiyaa Nestulyaa AFP wayita himaniitti.

    "Bilbilaan maalan isaaniitti himu danda'a? Achiitti du'aan jedhaanii?''

  13. Dhiiroonni Yukireen akka biyyaa hin baanee dhorkaman

    Lammiileen Yukireen warri dhiiraa kanneen umuriin isaanii waggaa 18 -60 jidduutti argaman akka biyyaa hin baane dhorkaman.

    Warreen dhiiraa Yukireen umurii jedhame kana jidduutti argaman akka biyyaa hin baane dhorkamusaanii Tajaajila Eegdoota daangaa bulchiinsa Yukireen (DPSA)tu hime.

    Itti dabaluunis tarkaanfiin kunis ''ittisa Yukireen fi soochii dhaabbilee yeroo cimsuudhaaf'' kiyyeeffateedha jedhan.

    Hiriirriiwwan dheeraan magaalaa gudditii Yukireen keessatti namoota sodaadhaan gara lixa biyyatiitti baqachuuf jiraniin bufataalee atobisiifi baabuuraatti mul'ataa jira.

    Dhorkaan yeroo kunis hanga labsii Kamisa ganama biyyatiitti labsamee hojiirra jiruutti kan turuudha jedhame.

  14. Badii fi dahannoo barbaacha Khaarkiv keessaa- Suuraadhaan

    Haalaa namoonni ammaan tana Yukireen bakkeewaan garaa garaatti keessatti argamaniifi waan magaalaan Khaarkiv fakkaattu suuraa muraasaan kunoo:

  15. Miniteerri Fayyaa lammiileen Yukireen 57 ajjeefamanii 169 madaa'uu hime

    Ministeerri Fayyaa Yukireen haleellaa Raashiyaatiin namoonni 57 ajjeefamanii kanneen 169 ta'an ammoo miidhaaf saaxilamuu hime.

    Weerara Raashiyaan Kamisa Yukireen irratti raawwatee hordofuun lammiileen 57 ajjeeffamanin kaan 169 ol madaa'u kan mirkanneesse Ministira Fayyaa Yukireen.

    Viiktoor Lyaashkoon sirni fayyaa biyyattii amma tasgabaa'aadha jechuu eeggansii oduu Yukireen Interfax'tu gabase.

    Haata'u malee, namoonni wallaansa deedeebiin argachu danda'an akka siree hospitaalaa tarii namoota barbaachisuuf gadhiisuun hospitaalawwanii bahaniif gaafatamu dhagahame.

  16. Loltoonni Raashiyaa magaalaa guddoo Yukireenitti dhiyatan

    Looltoonni Raashiyaa magaalaa guddoo Yukiren Kiiyeev irraa fageenya km 30 irratti argamu jedhame.

    Loltoottni Raashiyaa Kamisa waaree boodaa kaasuun kaampii waraanaa Antonoov Ykireen to'annoo jala galfataniiru.

    Gama biraatiin ammoo eegdoonni biyyaaleessaa Yukireen haleellaa deebiisanii qollachuu eegalu beeksiisan.

    Haleellaa lafoo, qilleensaafi galaanaarraa Yukireen irratti Kamisa ganama kan bantee Raashiyaan, mormii olaanaan ishee mudatulleen duulicha itti fuftee jirti.

    Waraanni Raashiyaa kallattiiwwan adda adaatiin haleellaa kan eegale yoo ta'u, wanaanni lafoo makaanaayizidii sibiila cimaa uffatanii saffiisaan gara magaalaa guddootti imala taasisaa jira.

    Kallattiin kibbaatiin ammoo karaa daangaa Beeraaluusiin akkasumas karaa kaabaatiin kallattiin Yukireeniitti qajaalaa jiru.

    Gabaasaan BBC Yukireeniitti argamu Pool Adamsi Raashiyaan ittaansee maal gochu akka dandeessu ifaa miti jedheera.

    Tarii loltoonni kaampii humna qilleensaa Yukireen to'atan bakkuma jiraniitti dhaabbachuun, waraanni meekaanaayizidii eeguu danda'u ta'a jedheera.

    Akkasi yoo hintaanee ammoo kaampii humna qilleensaa to'ataniin Kiiyeev irratti haleellaa raawwachuuf itti fayyadamu danda'u ta'a jedha.

  17. Gamtaan Afrikaa waraanni Yuukireen dhaabatee falli siyaasaa akka barbaadamu gaafate

    Gamtaan Afrikaafi Komishiniin Gamtichaa ibsa waloon weerara Yuukireen irratti baasaniin waraanni atattamaan dhaabatee mariin furmaatni siyaasaa akka barbaadamu gaafatan.

    Dura taa'aan gamtichaa pireezidant Maakii Saaliifi kan Komishinii Gamtaa Afrikaa Muusaa Faakii Mahaammat Finfinneerra ibsa baasan kan keessatti, ''Federeeshiniin Raashiyaafi qaamoleen naannichaa kaanis, seera idil-addunyaaf haa bitaman, walabummaa biyyaalessaa Yuukireeniifi tokkummaa daangaa ishee haa eegan jedhan.

    Qaamoleen lameen atattamaan waraana dhaabanii Dhaabbata Biyyoota Gamtoomanii jalatti mariin furmaata siyaasaa haa barbaadan jedhan.

    Kana gochuun addunyaa kana waraana pilaaneticha mudaturraa baraara jedhan.

  18. Kiyeevitti yeroon sochii uummataa daangeffame, Magaalaa Kiyeev guutuu keessatti sochii uummataarra daangaa yeroo kaahame.

    Kantiibaan magaalaa guddoo Yukireen Vitaalii Kilichikoo magaalaa Kiyeev guutuu keessatti sochii uummataarra daangaa yeroo kaahan.

    ''Hiriyyoota! har'aa jalqabee Kiyeev daangaa yeroo sochii ni keessi. Halkan sa'aa afurii hanga ganama sa'aa tokkootti'' jechuun daangaa yeroo sochii kaahame ibsaniiru.

    Murtoon kun ''wayita weerara jala jirru kanattiifi humna waraanaan bullutti nageenyaa jiraattota magaalaa guddoo kanaaf barbaachisaadha'' jedhan.

    Yeroo sochii daangeffame kana keessatti tajaajilli geejibaa kan hin jirre ta'us bufataaleen baaburaa namootaaf dahoo akka ta'aniif ni banamuu jedhameera.

    Gabaasaan dhimmoota dippiloomasii BBC, Kiyeev jiru Pool Adaams hidhattootni Raashiyaa buufata qilleensaa Antonoov magaalaa guddiittii irraa fageenya km 25-30 gidduu jiru to'achuu gabaseera.

  19. Yuukireen keessa qabatamaan ammatti maaltu ta'aa jira?

    Raashiyaan haleellaa Yuukireen irratti banuu hordofee haalli biyyattii keessatti qabatamaan mul'achaa jiru burjaajessaa fi akka malee saffisaan jijjiiramaa jira.

    Naannolee lamaan gama Baha Yuukireen jiran foxxoqnu malee jedhanirraa, gama kaabaan ammoo karaa Beelaarusiin, akkasumas karaa kibbaa ammoo Kireemiyaa irraan dabalatee Raashiyaan kalattii hedduun Yuukireeniin weeraraa jirti.

    Waraanni guddaan kallattii bahaan kan gaggeeffamaa jirudha.

    Jiraattonni magaalaa Yuukireen guddina isheetiin biyyattii keessatti lamaffaa taate keessa jiraatan akka jedhanitti dhukaasa gurguddaa dhaga'amaa jiru irraa kan ka'een foddaawwan gamoo gara garaa kirkiraa jiru.

    Haata'u malee, magaalaa guddoo biyyattii Kiyeev gara kaabaa jirtutti, akkasumas gama kibbaan ammoo magaaota ulaa galaanaa Bilaak Sii ta'an akka Odeesaa fi Mariuupool keessatti walitti bu'insi deemaa jira.

    Haleellan qilleensaa buufataawwan waraanaafi buufataawwan xiyyaaraa Yuukireen irratti Raashiyaan kan gaggeeffame yoo ta'u, naannawaa buufata xiyyaraa uddaa qarqara Kiyeevitti argamuttis lolli hamaan gaggeeffamaa jira.

    Humni waraanaa Yuukireen yoo xiqqaate xiyyaara waraanaa Raashiyaa ja'a drukkutanii akka kuffiisan yoo himan, Raashiyaan ammoo bakkawwan xiyyeeffannoo waraanaa Yuukireen 70 ol ta'an barbadeessuu dubbachaa jirti.

    Lammileen Yuukireen hedduun dahoo barbaadachaa jiru, kaan ammoo magaalaa guddoo biyyatti Kiyeev daabaletee magaalota gurguddoo keessaa baqachaa jiru.

  20. Qoqqobbiiwwan sadarkaa Raashiyaan weerara raawwatteen waligitu keenya’-Maakiroon

    Pirezedantiin Firaans Imaanu’el Maakiroon biyyisaanii qoqqobbiiwwan sadarkaa Raashiyaan weerara raawwatteen walgitu akka biyyattiirra ka’aan himan.

    Maakiroon akka himanitti, Raashiyaan qoqqobbii jabaan waraana, dinagdeefi damee annisaa Raashiyaa miidhu akka dabarfamuuf jiru eeguu qabdi jedhan.

    ‘’Rincica tokko malee Yuukireen deeggarra, dirqama walabummaafi nageenyaa michuuwwan keenya biyyoota Awurooppaa eeguu qabna,’’ jedhan.

    "Gochii kaleessa halkan raawwatame seenaa Awurooppaa keessa jijjire" jedhan, Maaakiroon biyyasaaniif karaa foddaa TV ibsa wayita kennan.

    ‘’Gocha waraanaa kanaaf dadhabbii malee, tasgabbiidhaan, kutannoofi tokkummaadhaan deebii kennina,’’ jedhan.