Pirezidantiin Raashiyaa Vilaadmiir Putiin humni Nuukilara waraanaa
biyyattii ‘haala adda ta’een qophaa’ee akka eeggatuuf' ajajan.
Ajaji of eeggannoo olaanaatiin qophaa’ee akka eeggatuuf kenname
kun humna misaa’elii Raashiyaa nuukilara
baatuufidha.
Pirezidant
Putiin ministira ittisaa biyya isaanii Sergee Shuuyiguun dabalatee aanga’oota
waraanaa olaanootti akka dubbatanitti, biyyoonni Lixaa Raashiyaa irratti “tarkaanfii
sirrii hin taane fudhataniiru, qoqqobbii seeraan alaas” kaa’aniiru.
Pirezidaantichi ajaja kana kan dabarsan biyyoonni miseensa NATO
Raashiyaa irratti “ibsawwan dubbii kakaasan” baasaa jirti jechuun erga Mooskoon
himatteen booda.
Putiin biyyi isaanii
meeshaa waraanaa nukilaraa fayyadamuu akka dandeessu cinaa qabanii himaa kan
turan yoo ta’u, torban haasaa taasisaniin ammoo “eenyullee nu dhaabsisuudhaaf
yaallaan deebiin kennamu seenaa keessatti argamee kan hin beekne ta’a,” jechuun
akeekkachiisanii turan.
Ajaji of eeggannoon akka qophaa’aniif humna nuukilaraa raayyaa
biyya isaaniitiif pirezidaantichi amma dabarsan kun wanti dirqamaa ta’e tokko
yoo dhalateef atattamaan tarkaanfii fudhachuudhaaf kan dandeessisudha
jedhameera.
Raashiyaan
biyyoota addunyaa kanarra jiran keessaa nuukilara guddaa kan qabdu yoo ta’u,
biyyoonni miseensa NATO ta’an ammoo walitti humna nuukilara Raashiyaa
balleessuu danda’u qabu.
Kaayyoon ajaja Putiin amma loltoota isaaniitiif dabarsan kun
biyyoonni miseensa NATO ta’an deeggarsa Yukireeniif kennan akka dhaabaniif soda
uumuuf, akkasumas Raashiyaan humna qabdu hanga eessaatti fayyadamuu akka
dandeessu agarsiisuuf akka ta’e xiinxaltoonni ibsaa jiru.