Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.

Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi

Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf

Ameerikaa fi UKn boba'aa Raashiyaa gara biyya isaanii galurra qoqqobbii kaa'an

Pireezidentiin US Joo Baayidan boba'aa gaaziiifi dhagaan kasalaa Raashiyaarraa Ameerikaa galu guutummaatti dhorkamuu beeksisan. UKnis faana dhoofteetti.

Haguuggii Tamsaasa Kallattii

  1. Ministeera Ittisaa Yukreen: ''lola kanaan ala Awurooppaanis nagaa hin taatu''

    Mootummaan Yukireen diddaa Raashiyaa irratti taasisu lola egeree Awurooppaa tiksuuf taasifamu gochuun himaa jira.

    Minisitarri Ittisaa biyyattii Oleesksii Reezniikoov barreeffama dheeraa Feesbuukii irratti baasaniin loltuu, poolisii, ogeessota fayyaa fi lammiilee nagaa biyyattii lolarratti hirmaatan leellisan.

    ''Naannoo keessan ilaalaa mee. Namoonni baayyeen sodaa isaanii injifatanii Kireemliiniin/Moskoo morkachaa jiru,'' jechuun barreessan ministirichi

    Dabaluunis:''Warreen Kiyiivin sa'atii lama keessatti qabanna jedhan, eessa jiru? Isaan hin argu.

    Rakkoon akka jirutti tahus, uummatni addunyaa dhiyeenyatti hordofaa, suni guyyaa sadiitti akka hin raawwanne gargaareera,kana boodas akkasuma,'' jedha.

    ''Waraana kanaan ala fi uummata keenyaan ala,Awurooppaan nagaa hin taatu. Unuun ala Awurooppaan hin jiraattu.''

  2. Pirezidaantiin Yukireen kan Raashiyaan waraana irratti bantee, Voloodmiir Zeleniskiin eenyu?

  3. Erga kaleessaatii Yuukireenitti waan haaraa maaltu jira?

    Yoo amma kan gara fuula keenyaa dhuftan ta’e, taateewwan ijoo halkan keessa gama Yukireeniifi Raashiyaatiin ta’an kunooti:

    ·Magaalaa guddoon Yukireen Kiyeevitti haleellaa biraa mudataa bule. Namoonni kumaata hedduu buufataalee baaburaa lafa jalaa keessatti dahoo kan galan yoo ta’u, qondaaltoonnis haleellaa misaa’eelaarra akka of eegan akeekkachiisan. Miseensi mana maree tokkos Raashyaan ‘’waanuma qabdu hundaan nu haleelti’’ jedhan.

    ·Gabaasaaleen kuusaa boba’aa Kiyeeviin alaa akkasumas ujummoo boba’aa Khaarkiv keessaa irratti dhohinsawwan dhagahamuu gama Sanaa bahaa jira.

    ·Ummanni hedduun Yukireen irraa gara biyyoota ollaa kan akka Poolaandi fa’iitti baqataa jiru. Magaaloota Yukireen keessatti ummanni qawwee hidhachuufi boombii qaruuraa irraa hojjachuun magaalaa isaanii ittisuuf yaalaa jiru.

    ·Biyyoonni lixaa kan akka US, Jarmaniifi Neezarlaandi Yukireeniif meeshaa waraanaa dabalataa kennuuf waadaa galaniiru.

    ·Biyyoonni lixaa baankiiwwan Raashiyaa filataman tajaajila Swift- sirna komumikeshinii baankiin maallaqasaa daangaa malee akka dadabarsu taasisu irraa haquuf- kunis dhaabbilee Raashiyaa waan sirnoota maallaqa addunyaatiin adda kutuuf tarkaanfii cimaadha.

    ·Akkasumas abbootiin qabeenyaa Raashiyaa akka lamummaa biyyoota biraa fi sirnawwa maallaqaa eessattuu hin arganneef qoqobbii kaa’aniiru.

  4. Weeraramuun Yukireen Chaayinaatti maaliif qormaata jabaa ta'e?

  5. Odeessa kallattii keenyaan walitti deebiine

    Hordooftooti BBC Afaan Oromoo attam jirtu. Odeessa keenya kallattii kan Dilbataa amma eegaleera.

    Yoo nu hordoftan odeessaalee ijoo addunyaafi kan biyya keessaa isin biraan geenya.

    Dilbata nagaa qabaadha!

  6. 'Beekamtiin Putiin qaba ture akkaan hir'achuu danda'a'-Ogeessa imaammata Raashiyaa

    Raashiyaa keessatti hiriirawwan mormii waraanni hin barbaachisu jedhan hedduun gaggeeffamaa akka jiran ni beekna.

    Namoonni Raashiyaa baayyee bebbeekamoo ta'aniifi dhiibbaa uumuu danda'an hedduunis miidiyaalee hawaasummaa isaaniirratti waraana Putiin Yukireen irratti bane kana mormuun barreessaniiru.

    Amma ammoo gorsaa Kiremiliin kan ta'e - Jeneraal Daarektara Mana Maree dhimmoota Idil-addunyaa Rashiyaa (RIAC)Andiree Kortuunoov - BBCtti akka himetti Waraana Raashiyaan Yukireen irratti banteef sababii kennuufiifiin hin danda'amu.

    Jaalleewwan isaa isa waliin ministeera dhimma alaa keessa hojjetan baayyeen wanta ta'aa jiru kana arguun isaanii "baayyee akka isaan ajaa'ibee, rifaasiseefi kan jedhan wallaasisellee" hima.

    Murteen waraana banuu kun Kireemiliin keessatti murtaa'e jedhaan amanas jedhe ogeessi kun.

    Karoorri jalqabaa Pirezidant Putiin, oppereeshinii kana torban lama keessatti xumuruu akka ta'es dubbata.

    “Akkuma jedhe yoo ta'eef miidhaan qaqqabu murtaa'aa ta'a, kana gochuu hanqanaan garuu beekamtiifi fudhatama inni qabu akka malee hir'ata."

  7. Waancaa Addunyaaf darbuuf tapha Raashiyaa waliin qabdu akka hin taphanne Poolaand beeksifte

    Polaand tapha Waancaa Addunyaatiif taasifamu Raashiyaa waliin qabdu akka taphachuu hin feene ibsite.

    Sababa Raashiyaan Yukireen irratti waraana banteef, Waancaa Addunyaa bara 2022 tiif tapha Raashiyaa waliin gaafa Bitootessa 24 Mooskootti gaggeeffamuuf ture waliin taphachuu akka hin feene pirezidantiin federeeshinii kubbaa milaa Polaand himaniiru.

    "Amma jecha qofaan miti, amma qabatamaan yeroo itti socho'anidha," jedhe Sezaarii Kuleesziin.

    FIF'n durratti ejjenno wal fakkaataa akka qabaachuun danda'amuuf Polaand federeeshiniiwwan kubbaa miilaa Cheek fi Siwiidin waliin dubbachaa jirtis jedhe.

  8. Yuukireen loltoota Raashiyaa qillensarraan bu'uuf yaalaa turan qolachaa bulle jette

    Namoota magaalaa guddoo Yuukireen, Kiyeev, keessa jiraatanitti halkan edaa dheeraa ture. Sababiin isaa ammoo xiyyaarota boombii darbatan.

    Kana malees, karaa lafootiin yeroo humnoonni Raashiyaa seenuudhaaf dhufanitti daandii irratti lola hamaati gaggeeffamaa bule jedha humni ittisaa magaalaa Kiyeev.

    Humni waraanaa Yuukireen akka jedhetti, haleellaa daandii guddaa gara magaalaatti seensuun dhufe ganama har'aa qolachuu ibseera.

    Kana malees, loltoota Raashiyaa xiyyaara irraan dhufanii buufata xiyyaaraa kibba Kiyeev jiru keessatti bu'uuf yaalaa turan dhowwineerra jedhan.

    Yeroodhuma sanatti xiyyaara guddoo loltoota qabatee dhufes dhoofnee kuffiisneerra jedhan.

  9. Lammiileen Yukireen 198 ajjeefamaniiru- Ministeera Fayya

    Ministeerri Fayyaa Yukireen namoonni 198 ta'an weerara Raashiyaa wajjin walqabatee ajjeefamaniiru jedhan.

    Ministirri Fayyaa Yukireen Viktoor Liyaashikoo daa'imman sadii dabalatee namootni 198 Kamisa darbe Raashiyaan Yukireen irratti waraana erga bantee ajjeefamaniiru jechuun miidiyaa hawaasaa gubbaatti maxxansan.

    Namootni 1,115 madaahan keessaa ammoo 33 daa'iimman ta'uu ibsan.

    Kun miidhaa namoota nagaarratti raawwatamedha.

  10. Biyyoonni Lixaa Yuukireeniif meeshaa waraanaa ergaa jiru

    Biyyoonni Lixaa meeshaalee gargaarsa namoomaaf oolaniifi meeshaalee waraanaa Yuukireeniif erguuf waliigalan.

    Humna waraanaa Raashiyaa dura dhaabbatanii falmaa kan jiran warra Yuukireeniif kan ta'an meeshaaleen waraanaafi wantonni barbaachisan biroon biyyoota Lixaarraa ergamaafiif wayita jiranitti, Firaans irraas dabalataan ergamuutti jira.

    Pirezidanntiin Yuukireen Zeleniskiin fuula Tiwiitara isaarratti akka barreessetti, gita isaanii Pirezidaantii Firaans Imaanu'eel Maakiroon waliin Sambara haraa waliin dubbachuu eeranii, "gama dippilomaasiitiin dirreen addaa banameera," jedhe.

    Zeleniskiin itti dabaluun, "Tumsi farra-waraanaa hojiirra jira," jechuun ergaa Tiwiitara isa kanarratti barreesseen himeera.

    Pirezidaantiin Firaans gama isaatiin ergaa Sambata har'a viidiyootiin dabarsaniin,"waraanni kun kan yeroo dheeraatiif turudha. Kanaaf qophaa'uun nurra jira," jedheera.

    Ministirri Humnoota Waraanaa UK Jaams Hiippey akkuma kana UK fi biyyoonni biroo 25 ta'an "gargaarsa namoomaafi meeshaa waraanaa" dabalataa Yuukireeniif erguuf waliigalaniiru jedhe.

  11. US fi biyyoonni Lixaa biroo Pirezidaant Putiin fi Ministira Dhimma Alaa isaaniirra qoqqobbii kaa'an

  12. Magaalaan guddoo Yuukireen, Kiyeev, misaa'elii lamaan haleelamte

    Rooyitars akka gabaasaa jirutti kibbi-lixa magaalaa Kiyeev ganama kana misaa'eloota lamaan haleelameera. Haleellaan gaggeeffame kun maal irratti akka xiyyeeffate hanga ammaa wanti ifa ta'e hin jiru.

    Akka mootummaa magaalaa Kiyeev jedhutti, haleellaa misaa'eloota lamaan gaggeeffaman keessaa tokko gamoo mana jireenyaa rukkute.

    Akka Rooyitars jedhutti ammoo misaa'eliin tokko bakka buufata xiyyaaraa magaalaa guddoo Kiyeev, Zhuliany jedhamutti dhiyoo rukkute.

  13. Meta'n sabaa-himaaleen mootummaa Raashiyaa beeksisa akka hin dabafanne dhorke

    Abbaa qabeenyaa miidiyaalee hawasummaa Facebook, Instagram, akksumas Whatsapp kan ta'e dhabbanni Meta, sabaa-himaleen mootummaan Raashiyaa guutummaa addunyaarra jiran beeksisas ta'e qabiyyeewwan ittiin galii argamsiifatan kamiyyu fuula isaarratti akka hin baafane dhorke.

    Kampaaniin kun dabalataan sabaa-himaalee mootummaa Raashiyaa adda baasanii dhorkuun kun akka itti fufu itti-gaafatamaan imaammata nageenya Facebook Naataaneel Giliicher fuula Tiwtara isaarratti beeksiseera.

    Tarkaanfiiwwan kunneen hojiirra oolaa akka jiran kan hime itti-gaafatamaan kun Sambataafi Dilbatallee itti fufu jedheera.

  14. Guutummaa magaalota Raashiyaa keessatti hiriirri waraana mormuu gaggeeffamaa jira

    Lammileen Raashiyaa kumootaan lakkaa'aman waraana Raashiyaan Yuukireen irratti bante mormuudhaan magaalota biyyattii hedduu keessatti daandiitti bahan.

    Suuraawwan hiriirtonni magaalaawwan Raashiyaa gurguddoo lama - Mooskoofi St. Piitersiberg keessa dhaadannoo 'Waraanni hin barbaachisu' jedhu barreeffatanii qabatanii daandiirra yeroo deeman ni mul'ata.

    Mormiin kun hanga magaalaawwan faffagoo cabbii keessatti hammaatu akka Vovoosibiriskiitti, akkasumas kibba Raashiyaatti kan argaman akka Saaybeeriyaa keessattis gaggeeffamaa jira.

    Haata'u malee, mormitoonni hirira bahan kunneen humni poolisii guddaan isaan kan mudate yoo ta'u, namoonni 1,800 ol ta'an marfamanii to'atamaniiru.

    Suuraawwan hiriirtotaa keessaa muraasni kunooti:

  15. Hanga ammaatti loltoonni Raashiyaa 3,500 ajjeefamaniiru -Yuukireen

    Humni waraanaa Yuukireen odeeffannoo maxxanseen akka ibsetti, miidhaan guddaan Raashiyaa irra gaheera.

    Akka odeeffannoo fuula Facebook irratti bahe kanaatti loltoonni Raashiyaa waraana kana irratti hirmaatan 3,500 ajjeefamanii, 200 kan ta’an ammoo booji’amaniiru.

    Itti dabaluunis, hanga ammaatti Raashiyaan xiyyaarota 14, helikooptaroota 8 fi taankiiwwan 102 dhabdeetti jedhan.

    BBCn garuu odeeffannoo jedhame kana qama walaba ta’erraa mirkaneeffachuu hin dandeenye.

    Raashiyaan ammoo hanga ammaatti ibsa waraana kanaan walqabatee namoota ajjeefamaniiru jedhame kana hin fudhatiin jirti.

  16. 'Black Sea' irraa misaa'eliin Yuukireenitti dhukaafame

    Gabaasaaleen dhaga'amaa akka jiranitti, 'Black Sea' irraa misaa'eliin Yuukireenitti dhukaafameera.

    Yeroo waraanichi itti hammaatee demaa jiru kanatti haleellawwan qilleensarraa hedduunis bakkoota gara garaatti gaggeeffamaa jiraachuun gabaafamaa jira.

    Odeeffannoo jiran itti fufnee akkuma arganneen ballinaan isiniif dhiyeessina.

  17. Ergaan loltoonni Yuukireen 13 ajjeefamuu dura waraabanii kaa'an ijoo dubbii ta'e

  18. Pirezidaatiin Yuukireen US gargarree isin baafanna jennaan didan-Gabaasa

    Pirezidantiin Yuukireen Voloodimirii Zeleniskiin gaaffii US gargaarree Kiyeev keessa isin yaa baasnu jette fudhachuu diduu isaanii miidiyaaleen US gabaasan.

    Mr. Zeleniskiin, "Waraanni asitti gaggeeffamaa jira. Ani meeshaa waraanaan barbaada malee, baqachiisanii na baasuu miti," jedhan akka Assoosheetid Pirees qondaala nageenyaa eeruun gabaasetti.

    Mr. Zeleniskiin weerara Raashiyaatiif deebii kennaniif miidiyaalee hawaasaarratti leellifamaa jiru.

  19. Joon Simpson: Kun 'Cold War' haaraadhaa?

  20. Magaalaa Kiyeevitti dura dhaabbaanna jabaan waraana Raashiyaa mudate

    Waraanni Raashiyaa kana magaalaa guddoo Yukireenitti duule halkan edaa haleellaa jajjabaa gochaa turus humnoota Kiyeev irraa dura dhaabbannaa jabaan isa mudachuu aanga'oonni warra Lixaa gabaasan.

    Raashiyaan saffisa barbaadduun Kiyeev to'achuu dhabuufi dura dhaabbannaan ishee mudate haleellaa akkaan jabaa raawwachuuf sababa ta'aaf sodaan jedhu dhalateera.

    Dippiloomaatiin warra Lixaa tokko sodaan koo yeroo qabatanii turaniin yoo hin milkaahiin haleellaa raawwatan hin filatan ta'a'' jedhan.

    Karaa Putiin filate kanaan waraanichi isaaf filannoo osoo hin taane waan dirqama ta'uun irra jiruudhaa jedhan.