Hidhattoonni kun amma yoonatti lubbuu namoota 37,000
caalanii dabarsuun, walwaraansi hidhattoota kana wajjin waggoota kurnan darbe
ture namoota mil. 2.5 qe’eesaaniirraa godaansiseera.
Naajeeriyaatti seerri nama yakka gudeeduu raawwate kolaasuu ragga'e
Mana hidhaa Sa’udii keessa turuun ‘ si’ol keessa akka turuuti’
Keeniyaan yaalii talaallii Covid-19 kan AstiraaZenekaa fi yuunvarsiitiin Oksifoord waliin ta’uun hojjechaa jiran irratti hirmaachuufi.
Keeniyaan yaalii
talaallii kana keessatti qooda fudhachuutiin biyya lammaffaadha. Biyyi Afrikaa biraan
talaalliin kun keessatti yaalamaa jiru Rippabilika Afrikaa Kibbaadha.
Talaalliin Keeniyaan keessatti hirmaachuuf jirtu kun garuu Roobii
darbe UK keessatti namni qorannichi irratti yaalamaa jiru tokko dhibamuun hin
oolle kan jedhu shakkamee addaan cite.
Yaaliin taasifamu kun talaalliin kun hangam naga qabeessa akka
ta’ee fi hangam akka dandeettii dhibee sana ofirraa ittisuu gahaa uumuu danda’a
kan jedhu murteessuuf gaggeeffama.