Itoophiyaan lammilee 274 Saa’ud Arabiyaa irraa gara biyyaatti deebifte

Ministeerri Dhimma Alaa Itoophiyaa har’a lammileen Itoophiyaa 274 Sa’ud Arabiyaarraa gara biyyaatti deebifamuu ibse. Lammileen biyyatti deebi'an buufa xiyyaaraa idila- addunyaa Boolee gahaniiru.

Haguuggii Tamsaasa Kallattii

  1. Balaa abiddaa Origooniin namoota hedduu achi buuteen isaanii dhabame

    balaa ibiddaa Origoon

    Madda suuraa, Reuters

    Balaa abiddaa Ameerikaa kutaa biyyaa Origoon keessatti mudateen namootni hedduun achi buuteen isaanii dhabamuu aanga'ootni himan.

    Ameerikaa keessatti kutaalee biyaa gara garaa 12 keessatti abiddawwan saafaa 100 boba'aa jiru.

    Origoon keessatti amma dura nama afur kan ajjeese yoo ta'u iddoo kaanitti namni 11 lubbuu dhabeera.

    Bulchituun Origoon Keet Bieaawon namoonni kudhanii ol achi buuteen isaanii dhabamuu gabaasa akka qaban himan.

    Jiraattonni Origoon 40,000 ol qe'ee isaaniirra buqqa'anii daannoo yeroo keessa jiru.

  2. Ashamaa!

    Gaabasaalee addunyaa kallattiin isin biraan ga'uuf deebineerra.

    Dhiyaadhaa!

  3. Itoophiyaatti namoonni 789 Covid-19 qabamuun, lubbuun namoota 12 darbe

    Itoophiyaatti sa’aatii 24 keessatti namoonni 789 Covid-19’n haaraa qabamuun, lubbuun namoota 12 darbe.

    Har’a namoonni 384 dhukkubicharraa bayyataniiru.

    Waliigalatti lakkoofsi namoota vaayirasichaan qabamanii 63,300 ol darbee , lakkoofsi namoota sababa vaayirasichaan du’anii 986 ga'eera.

    Amma yoonaatti namoota Itoophiyaatti vaayirasichaan qabaman keessaa 24,024 bayyanataniiru.

    Covid-19 Itoophiyaa
  4. Jijjiiraan taphattootaa akkuma itti fufeen taphni Piriimer Liigii har'a jalqabe

  5. Shammarran Chibook butamanii turan yeroo jalqabaaf qormaatatti dhiyaatan

    Misheel Obaamaan barattootni Bookoo Haraam bute akka gadhiifaman gaafata turte

    Madda suuraa, he Office of First Lady

    Ibsa waa'ee suuraa, Misheel Obaamaan barattootni kun akka gadhiifaman gaafata turte

    Naajeriyaa magaalaa Chibook jedhamturraa shamarran 200 caalaan hidhattoota Bookoo Haraamiin bara 2014 butaman yeroo jalqabaaf qorumsa sadarkaa lammaaffaa qoramuuf jiru.

    Qorumsi isaan qoraman kan waggaa jahan kana yeroo butamaniin walfakkaata.

    Egumsi naannoo manneen barnoota kanatti cimeera. Amma barattootni kun qe’eesaaniirraa otoo hin fagaatiin qormaata fudhachuu isaaniitti gammaduuhima.

    Waggaa jahan kana barattoonni shamarranii erga hidhattootaan butamanii fudhatamanii manneen barnoota naannichaa cufamanii turan.

    Barattoonni kun butamuun sadarkaa idil- addunyaattu xiyyeeffannoo argatee, haati warraan pirezedantii duraanii Ameerikaa Baaraak Obaamaa, Misheel, akka baraaramaniif waamicha dhiyeessaa turte.

    Haata’u malee, barattoota butaman keessaa 100 ammallee eessa akka jiran hin beekamu, badanii hafan.

    Hidhattoonni kun amma yoonatti lubbuu namoota 37,000 caalanii dabarsuun, walwaraansi hidhattoota kana wajjin waggoota kurnan darbe ture namoota mil. 2.5 qe’eesaaniirraa godaansiseera.

  6. Naajeeriyaatti seerri nama yakka gudeeduu raawwate kolaasuu ragga'e

  7. Mana hidhaa Sa’udii keessa turuun ‘ si’ol keessa akka turuuti’

    Lammilee Itoophiyaa mana hidhaa Sa'ud Arabiyaa jiran

    Madda suuraa, LINGO WEYN

    Lammileen Itoophiyaa Sa’ud Arabiyaatti godaananii mana hidhaa keessa jiran, achii gadhiifamuuf tumsa gaafataa jiru.

    Dargaggeessi tokko bilbila miliqfamte mana hidhaa galfameerratti wayita dubbate, "Si’ol keessa waanin ture natti fakkaate,’’jedhe dararama achi keessa jiru wayita ibse.

    Dargaggoon kun AFPtti akka himetti, manni hidhaa Kibba biyyattii Jizaan keessatti argamu hidhamtoota walitti heddummataniin dhiphateera. Kana malees namoonni achi keessatti dhibamuufi of ajjeesanillee jiru.

    Lammilee Itoophiyaa Sa’ud Arabiyaatti godaanaan hedduun haala kana keessa jiraachuutu gabaafame.

    Mootummaan Itoophiyaa sababa weerara koronaavaayirasiin iddoo namoonni kun wayita biyyatti deebifaman tursiifaman gahaa akka hin qabne ibsee ture.

    Kaleessa garuu daa’immaniifi dubartoota 147 gara biyyaattii deebisuun ibsameera.

  8. TPLF filannoo naannoo Tigiraay mo’ate

  9. Loltoonni Senegaal 100 Covid-19’n qabaman

    Loltuu Senegaal

    Madda suuraa, AFP

    Ibsa waa'ee suuraa, Loltoonni Senegaal bara 2012 Gaambiyaatti nagaa eegumsaaf ergaman

    Waraanni Senegaal akka beeksisetti,loltoonni 100 ergama nagaa eegumsaaf Gaambiyaatti bobbaafaman vaayirasichaan qabaman. Loltoota kanarratti garuu mallattoon dhibichaa hin mul’atu ture.

    Gurmuun waraanaa loltoota 600 qabu biyyatti deebifamanii addatti tursiifamaniiru.

    Loltoonni Senegaal nagaa eegumsaaf akka Gaambiyaatti bobbaafaman gartuu michummaa dinagdee biyyoota Lixa Afrikaa ECOWAS bara 2012 murteessee ture.

    Loltoonni kun pirezedantiin duraanii Gaambiyaa Yayhaa Jaameh aangoo wayita Adama Barrow dabarsan bulchiisa isaanii deeggaruuf bobbaafaman.

  10. Keeniyaan yaalii talaallii Covid-19 Oksifoorditti hirmaachuufi

    Ogeettii qorannoo gaggeessaa jirtu

    Madda suuraa, Reuter

    Keeniyaan yaalii talaallii Covid-19 kan AstiraaZenekaa fi yuunvarsiitiin Oksifoord waliin ta’uun hojjechaa jiran irratti hirmaachuufi.

    Keeniyaan yaalii talaallii kana keessatti qooda fudhachuutiin biyya lammaffaadha. Biyyi Afrikaa biraan talaalliin kun keessatti yaalamaa jiru Rippabilika Afrikaa Kibbaadha.

    Talaalliin Keeniyaan keessatti hirmaachuuf jirtu kun garuu Roobii darbe UK keessatti namni qorannichi irratti yaalamaa jiru tokko dhibamuun hin oolle kan jedhu shakkamee addaan cite.

    Afrikaa Kibbaa keessatti namoonni 1,000 talaallii shaakalamu keessatti hirmaataniiru.

    Keeniyaa keessatti yaalii talaallii gaggeeffamu keessatti hojjetoonni fayyaa yoo xiqqaate 400 ta’an magaaloota qarqara biyyattii jiran Mombaasaa fi Kiliif keessaa babba’an ni hirmaatu.

    Akka mootummaan biyyattii gabaasetti, magaalonni kunneen Ebla keessa bakkeewwan koronaavaayirasiin itti hammaate ture .

    Yaaliin talaallii AstiraaZenekaafi Yunvarsiitii Oksifoordiin gaggeffamaa jiru kun kanneen biroo sagal gurguddoo akka addunyaatti yaalamaa jiran keessaa isa tokkodha.

    Hirmaattonni garaa garummaa torban afuriitiin lilmee lamatu kennamaaf.

    Yaaliin taasifamu kun talaalliin kun hangam naga qabeessa akka ta’ee fi hangam akka dandeettii dhibee sana ofirraa ittisuu gahaa uumuu danda’a kan jedhu murteessuuf gaggeeffama.

    Bu’aan qorannoo jalqabaas Sadaasa keessa himama.

  11. Kutaan biyyaa Naayijeeriyaa warri dirqiin gudeedan akka kolaafaman murteesse

    Kutaan biyyaa Kaaba Lixa Naayijeeriyaatti argamu Kaduunaa jedhamu dhiirri yakka dirqiin gudeeduu raawwate akka kolaafamu murteesse.

    Komishinarri dhimma dubartootaafi misoomaa hawaasummaa Kaduunaa, Hafsaat Baabaa, Manni Maree naannichaa murte dabarse kanaan murtee gaarii yakka dirqiin gudeeduu xiqqeessudha jedhan.

    Itti aansuun bulchaan kutaa biyya Kadunaa wixinee kana yoo mallatteessan seera kutaa biyyaa kana hundatti raawwatamu ta'a.

    Akka wixinee kanaatti yakkamtootni yakka gudeeddii waldhaansa baqaqsanii yaaluun kolaafamu.

    Ji'a Waxabajjii keessa aanga'oonni Naayijeeriyaa sababa yakka dirqiin gudeeduu, miidhama dubartootaafi daa'immaniin labsii yeroo muddamaa labsanii turan.

    Miidhamatootni dirqiin gudeeduu hawaasa keessatti qullifamuu sodaachuun yakka irratti waan qaqqabuuf lakkoofsi namoota yakka dirqiin gudeeduun himatamanii biyyattii keessatti xiqqaadha.

    Dubartii Naayijeeriyaa

    Madda suuraa, Getty Images

  12. 'Filannoon Tigraay faallaa heeraati jechuuf bu'uurri heeraa hin jiru'

  13. Maatiin Lumumbaa deebi'uun ilkaanii 'waan gariidha' jedhan

    Paatris Lumumbaa

    Madda suuraa, AFP

    Maatiin goota walabummaa Koongoo Paatris Lumumbaa, manni murtii ilkaan nama kanaa maatiif deebiyuu qaba jechuun dabarse gammachuun simatan.

    Ilma obboleessaa ykn obboleettii Aabba Lumumbaa ka tahe Jean Jacques Lumumba murteen kun tarkaanfii sirriidha jedhe.

    ''[Lumumbaan] goota boonyee hin awwaallannedha. Murteen manni murtii Beeljiyem dabarse tarkaanfii nuti dhugaasaa baruuf goonu keessatti murteessaadha... achi gahuuf gulantaa hedduutu jira,'' jedhe Jacques.

    Namoonni lama aabba Lumumbaa waliin ajjeefaman - Joseef Okitoo fi Maawuriis Mipooloo jedhaman ''gootota Koongooti''. Dhugaan haala ajjeechaa isaanis ifa tahuu qaba jedhan.

    Manni murtii Beeljiyem keessaa tokko, ilkaan reeffa Lumumbaarraa fudhatame intalasaa kan taate Juuliyaanaaf akka deebiyu murteesse.

    Juuliyaanaan mooticha Beeljiyem ilkaanichi akka deebiyuuf xalayaan gaafattee turte.

    Aabba Lumumbaan 1960tti erga biyyattiin kolonii Beeljiyem jalaa walaba baatee, Ministira Muummee Koongoo jaqabaa tahuun tajaajilan. 1961tti milishootaan butamanii ajjeefaman.

    Mootummaan Beeljiyem du'asaanii keessatti harka akka qabu amanuun, 2002tti ifatti dhiifama gaafaeera.

    Ejensiiwwan basaasaa Biriteeniifi Ameerikaas du'asaanii keessatti hirmaachuu hin oolan jedhama.

    Ilkaan nama kanaas poolisii Beeljiyem reeffasaanii awwaaluuf jedhuun irraa buqqa'ee fudhatamuu hin oolu jechuun AFPn gabaaseera.

    Boodarras angawoota biyyattiin irraa fudhatame.

  14. Oromoofi bara haaraa Itoophiyaa, (Odeessa 2018 keessa hojjetame)

    Keelloofi magra

    Itoophiyaan bara haaraa kabajataa jirti. Garuu ammoo lammileen biyyattii hedduun 'barri haaraa kun nan ilaallatu' jedhanii yaadu.

    Kunis ilaalcha lakkofsi baraa ykn kaalandarri biyyattiin itti dhimma baatu 'kan koo miti' jedhu irraa madda.

    Bara haaraa kana kabajuu dhabuun "akkaataan Itoophiyaadhuma mataa ishee itti ilaalu irraa madda" jedha gaazexeessaa Olaansaa Waaqumaa.

    "Itoophiyaan sabootni biyyattii qabeenyaafi beekumsa isaanii walitti fidanii kan uuman miti. Barri Itoophiyaan itti fayyadamtu kunis kan gama tokko qofarraa dhufedha jedhee waanan yaaduuf ani akka bara haaraatti hin kabaju" jedha.

    "Itoophiyaan amma jirtu kuni ana kan na ibsitu miti kan jedhu Olaansaan, kaalandarichi ammoo kan Itoophiyaati kanaaf ana nan ibsu" jedha.

    Oromoon bara haaraa qaba?

  15. Dhaha yookaan kaalaandara Oromoo:, Harawaatoo hanga Tokkee, lakkoofsa baraa Oromoo Horroo

    Ijoollee keelloo baatan
  16. 2013 - ergaawwan baga geessanii

    Maxxansa X irra dabri, 1
    Qabiyyee X hayyamtaa?

    Barreeffamni kun qabiyyee [social_media-site]n dhiyaatan qaba. Tarii 'cookies' fi teknolojiiwwan biraa fayyadamuu waan danda'aniif, osoo tokkoonsaa gadi hin buufamiin dura hayyama keessan gaafanna. Osoo hin simatin dura Ximaammata cookies fi imaammata mateenyaa dubbisuu barbaadda ta'a. Qabiyyee kana ilaaluuf 'waliigaluun itti fufi' filadhu.

    Hubachiisa: Qabiyyee marsariitiiwwan alaatiif BBCn itti gaafatamummaa hin fudhatu.

    Xumura maxxansa X, 1

    Maxxansa X irra dabri, 2
    Qabiyyee X hayyamtaa?

    Barreeffamni kun qabiyyee [social_media-site]n dhiyaatan qaba. Tarii 'cookies' fi teknolojiiwwan biraa fayyadamuu waan danda'aniif, osoo tokkoonsaa gadi hin buufamiin dura hayyama keessan gaafanna. Osoo hin simatin dura Ximaammata cookies fi imaammata mateenyaa dubbisuu barbaadda ta'a. Qabiyyee kana ilaaluuf 'waliigaluun itti fufi' filadhu.

    Hubachiisa: Qabiyyee marsariitiiwwan alaatiif BBCn itti gaafatamummaa hin fudhatu.

    Xumura maxxansa X, 2

    Artsitiin fakkii muuziirratti kaastu Anna Chojnicka jedhamtus, Afaan Amaariffaatin ergaa baga geessanii keelloo muuziirratti kaasuun dabarsite.

    Maxxansa X irra dabri, 3
    Qabiyyee X hayyamtaa?

    Barreeffamni kun qabiyyee [social_media-site]n dhiyaatan qaba. Tarii 'cookies' fi teknolojiiwwan biraa fayyadamuu waan danda'aniif, osoo tokkoonsaa gadi hin buufamiin dura hayyama keessan gaafanna. Osoo hin simatin dura Ximaammata cookies fi imaammata mateenyaa dubbisuu barbaadda ta'a. Qabiyyee kana ilaaluuf 'waliigaluun itti fufi' filadhu.

    Hubachiisa: Qabiyyee marsariitiiwwan alaatiif BBCn itti gaafatamummaa hin fudhatu.

    Xumura maxxansa X, 3

  17. Talaalliin Covid-19 yaaliirra ture adda cituun hagam yaaddessaadha?

  18. Firaans Covid-19 hammaachuu eegallaan tarkaanfii jabeessite

    FIraans, dubartii maaskii uffatte

    Madda suuraa, Getty Images

    Firaans guyyaatti lakkoofsa namoota Covid-19n qabamanii olaanaa erga galmeessifteen duuba, tarkaanfii ittisa vaayirasichaa jabeessite.

    Biyyattiin Kamisa darbe sa'aatii 24 keessatti nama 10,000 vaayirasichaan qabaman argatte.

    Walgahii pireezidantii fi aanga'oonni fayyaa biyyattii har'a godhatan booda tarkaanfiin haaraa ni labsama.

    Aanga'oonni fayyaa tarkaanfii jajjabaa fudhachuun barbaachisaadha jedhu.

    Pireezidant Imaanu'eel Makiroon ammoo tarkaanfii hojiirra ooluu danda'u fi barbaachisaa ta'e akka fudhatamu himanii, namni 'sodaachuu' hin qabu jedhan.

    Firaans lakkoofsa namoota Covid-19n du'anii qabaachuun addunyaarraa torbaffaarra jirti.

    Lammileen biyyattii 30,800 ol vaayirasichaan du'aniiru.