Gamtichi talaaliin Raashiyaa Sputnik V yaaliidhaan sadarkaa sadaffaa irrra kan hin geenyeefi namoonni fedhiin talaalaman kumaatamni irratti hin hirmaannee jedha.
Doktaroonni kunneen daballii kaffaltii, jireenya wayyaa’aa fi
meeshaalee barbaachisoon hanga guutamuufitti jechuun kan fincila diddaa hojii
eegalan.
Waldaa doktaroota biyyattii ‘National Association of Resident
Doctors (Nard)’ jedhamuun kan hoogganamu fincilli kun, erga yeroo dhiyoo as
diddaa isa jalqabaati.
Tokko sadaffaan doktaroota biyyattii 42,000 ta’anii fincila
diddaa hojii yeroon turtiisaa hin beekamne kanarratti ni hirmaatu.