Itoophiyaan lammilee 274 Saa’ud Arabiyaa irraa gara biyyaatti deebifte

Ministeerri Dhimma Alaa Itoophiyaa har’a lammileen Itoophiyaa 274 Sa’ud Arabiyaarraa gara biyyaatti deebifamuu ibse. Lammileen biyyatti deebi'an buufa xiyyaaraa idila- addunyaa Boolee gahaniiru.

Haguuggii Tamsaasa Kallattii

  1. Filannoon naannoo Raashiyaa burjaajiin isa mudateera jedhame

    Saanduqa sagalee

    Madda suuraa, Reuters

    Filannoon naannoo Raashiyaan guyyoota sadiif gaggeessaa turte xumuramee sagaleen lakkaawamaa jira.

    Paartiin biyya bulchu 'United Russia' filannoo kana waliigalatti akka injifate kan ibsaa jiru ta'us, magaalaa guddoo biyyattii ishee sadaffaa taate Novosibirsk fi Tomsk jedhaman keessatti garuu dhaaba mormituun injifatameera.

    Bulchiinsa Puutiin qeequun kan beekamuu dhiyeenya suummeffameera jedhamuun kan dubbii ijoo miidiyaale ta'e Aleeksii Naavaalyii wajjiin dhaaba hidhata qabutu magaalota kanatti injifate

    Filannicha burjaajiin isa mudateera komiin jedhu dhagahameera.

    Gareen of danda'uun to'annoo gaggeessu Golos jedhamu, buufataalee filannootti taajjabdoonni akka hin taajjabne aanga'ootaan danqamaniiru jedheera.

    Sagaleenis hatameera gabaasni jedhu dhagaahamuullee dubbate.

    Weerara Covid-19 to'achuuf akka gargaaru sagaleen guyyoota sadiif akka kennamu raawwachiiftotaan murtaaheera.

    Mormitootni garuu yeroon filannoo dheereffamuun bu'aan filannoo sobaa akka hojjetamu haala mijataa uumeera jedhanii qeeqan.

  2. Jijjiiramuu nootii birrii Itoophiyaa irratti wantoota beekuu qabdan

  3. Ibiddi doormii barattootaatti qabate lubbuu ijoollee 10 dabarse

    Balaa ibiddaa

    Madda suuraa, Fedeco Radio

    Kaaba dhiha Taazaaniyaa naannoo Kageraa jedhamutti, doormii mana barnootaatti ibiddi qabate lubbuu barattoota 10 dabarsee, ijoollee 7 biroos madeesse wal'aansarra jiru.

    Doormii ibiddi itti qabate kana keessa ijoollee dhiiraa ganna 6-10 ta’anitu jiraata ture.

    Sababni balaa ibiddaa kana qaqqabsiise ammatti kan hin baramne yogguu tahu, poolisiin qorataan jira jedhe.

    Qondaalli poolisii naannichaa eenyummaa ijoollee balaa ibidda kanaan miidhamanii adda baasuufillee akka rakkatan kaasuun, qorannoon qaccee sanyiii akka barbaachisu ibse.

    Ji’oota muraasa duras doormii barattoota sadarkaa lammaffaa magaalaa guddoo biyyatti Dar es Salaam keessatti balaan ibiddaa biraa, lubbuu barattoota sadii dabarseera.

  4. Paartiin mormituu Naannoo Tigraay filannoo tibbanaarratti rakkoo himate

  5. Pirezidaantiin Belaarus deeggarsa humna poolisii Raashiyaarra argachuuf

    Puutiiniifi Aleksaanda Lukaashenkoo

    Madda suuraa, Reuters

    Pirezidaantiin Belaaruus Aleksaandar Lukaashenkoo mormii walitti fufiinsaan biyya keessatti isaan mudataa jiru irratti mari’achuuf gara Raashiyaatti qajeeluun pirezidaantiin Raashiyaa Vlaadmiin Putiin waliin wal argan.

    Kunis erga mormii cimaan biyya keessatti mudatee Putiin waliin yoo wal argan kan jalqabaa yoo ta’u, hooggantuun paartii mormituu Svetlaanaa Tikhaanovskaayaa ‘‘abbaa hirre waliin marii taasisuuf nan gadda’’ jette.

    Pirezidaanti Putiin Aleksaandar Lukaashenkoo akka hoogganaa seera qabeessaatti kan fudhatan ta’uu himuun, mormiin to’annoon ala taanaan humnootiin poolisii Raashiiyaa jidduu galuuf qophaa’oo ta’uu himan.

    Mr Lukaashenkoon gamtaa cimaa Raashiyaa didaa turan illeen biyyoonni lamaan aadaa walitti dhufeenya cimaa qabu.

    Leenjiin loltootaa waloos dhiheenya Lixa Belaarus Magaalaa Brestiitti eegalaniiru.

    Guyyaa Dilbataatti yoo xinnaate namoonni kuma 100,000 magaalaa guddoo biyyattii Minsk fi magaaloota biraa keessaatti bahuun Mr Lukaashenkoon aangoo akka gadhiisaniif gaafatan.

    Poolisini biyyatti ammo namoota 400 ta’an to’annoo jala oolchuu beeksiisan.

    Oggantuun paartii mormituu fi ammatti biyyaa ala kan jirtuu Ms Tikhaanovskaayaan ‘‘Putiin waanuma barbaaddee waliigalulleen dandeettii seeraa akka hinqabneen si yaadachisu barbaada’’ jechuun midiyaa hawaasa isheerratti barreessite.

    ‘‘Waliigalteen oggnaa seera qabeessa hintaane waliin taasifamu kamuyyuu motummaa haaraan ni diigama sababii ummanni Beraaluus Kanaan booda Lukaasheenko waan hinamanneefi filatamusaatti isa hiideegareef. Ummata Beraalus osoo hintaanee abbaa hirree waliin marii taasisuu keetti nan gadda’’ jettee jirti.

    Mr Lukaashenkoo kan waggoota 26 biyyattii ogganan filannoo tibbanaan waliin dhahuun filatamu labsan jechuun mormiin guddaa erga mudate amma ji’a dabrseera.

  6. Magaalaa hakiima tokkittiin dhukkubsattoota Covid-19 wal'aantu

  7. Qorataan Noorway erga 'qoratamee' booda biyyatti deebi’e

  8. Yoshihide Sugaa MM Jaappaan ta’uufi

    Paartiin Jaappaan bulchaa jiru hogganaa haaraa Ministira Muummee duraanii Shinzo Abee bakka bu’u filate.

    Nami haaraa filaman Yoshihide Sugaa yoo ta'an Ministira Muummee ta’u jedhamee eegama.

    Shinzo Abeen ji’a dura ture sababa rakkoo fayyaan fedhiin aangoorraa kan ka’an.

    Nami dhihoo Shinzo Abee ta’aniifi imaammata isaanii itti fufisiisu jedhaman kuni Barreessaa Kaabinee ta’un bulchiinsa ammaa keessa dalagaa turan.

    Yoshihide Sugaan ilma qonnaan bulaa goraa oomishaniiti.

    Yoshihide Sugaa

    Madda suuraa, Reuters

  9. Namni koronaavaayirasiirraa fayyee lammata qabamuu danda'aa?

  10. Jalqabbii hidha haaromsa guddicha Abbayyaa hanga bishaan guutamuutti

  11. Mootummaan Kaliifaa Hafxaar mormii ummataan aangoo gadi dhiise

    Kalifa Haftaar

    Madda suuraa, Getty Images

    Liibiyaa keessatti mootummoota lamaan wal morkataa biyya bulchan keessaa mootummaan humna waraanaa Jeneraal Kaliifaa Hafxaariin durfamu aangoo gadi dhiise.

    Sambataa fi Dilbata darbe hiriirtonni maandhee Jeneraal Kaliifaa kan magaalaa Beengaazii keessatti argamu abiddaan gubanii daaraa godhaniiru.

    Bakka qabiyyee jeneraalichaa taate ‘Al-Maj’ jedhamtus haleelaniiru.

    Dubbi himaan Jeneraal Kaliifaa, bulchiinsi isaanii hiriira nagaa deggerus garuu qabsochi shororkeessitootaa fi garee ‘Muslim Brotherhood’ jedhamaniin akka butamu hin iyyamu jedhan.

    Hanga yoonaa mormiin uummataa, mootummaa UN’n deggeramu kan magaalaa Tirippoolii buufate irratti ture.

    Mootummaan Jeneraal Kaliifaa Hafxaar kan Raashiyaadhaan deeggaramu bara 2019 keessa mootummaa biyyattii Tirippoolii buufate cabsuuf yaalullee hin dandeenye.

    Deeggarsa mootummaa Turkii irraa argateen mootummaan biyyattii jalqaba bara kanaa jeneraalicha aangoo giddu galeessaarraa moggaatti baaseera.

    Raashiyaa, Yunaayitid Arab Imireetis(UAE) fi Masriin jeneraal Kaliifaa Hafxaar yoo deeggaran, Turkii, Qaataar fi Xaaliyaaniin ammoo mootummaa UN’n deeggaramu tumsu.

  12. Itoophiyaan nootii birrii 200 haaraa ifoomsite, kaan jijjiirte

  13. Lakkoofsi namoota Itoophiyaatti Covid-19’n du’anii 1,000 caale

    Itoophiyaatti qorannoo 7,162 gaafa Dilbataa taasifameen namoonni haaraa 413 vaayirasichaan qabamaniiru.

    Namoonni dabalataa 17 du’ullee Ministeerri Fayyaa beeksiseera.

    Lakkoofsi waliigalaa namoota vaayirasichaan qabamanii 64,301

    Kanneen keessaa 24,983 dhukkubicharraa dandamatan.

    Lakkoofsi waliigalaa namoota vaayirasichaan lubbuu dhabaniimmoo 1013 gaheera.

    Itoophiyaan hanga ammaa 1,138,012'f qorannoo taasifteetti.

    • Covid-19 Itoophiyaatti - Bitootessaa hanga Hagayyaa
  14. Mormitoonni mootummaa Maalii Chaartara Ce’umsaa didan

  15. Lakkoofsi namoota Covid-19'n qabamanii inni olaanaan galmaa'e

    Ogeessa fayyaa ho'ina qaama namaa safaraa jiru

    Madda suuraa, HINDUSTAN TIMES

    Dhaabbati Fayyaa Addunyaa (WHO) weerara koronaavaayirasii tibbanaan guyyaattii lakkoofsa namoota qabamanii isa olaanaadha jedhe galmeessuu ibseera.

    Sa’atii 24 darban keessatti namoonni 307,930 ta’an vaayirasii kanaan qabamuu ibse.

    Akka gabaasa dhaabbata kanaatti namoota sa’atii 24 darban keessatti sababa dhibee kanaan lubbuu dhaban 5,500 dabalatee lakkoofsi namoota hanga ammaatti vaayirasichaan du’anii 917,417 ga’eera.

    Lakkoofsi guddaan kan galmaa’e Indiyaa, US fi Biraaziil keessatti.

    Akka addunyaatti namoonni hanga ammaatti Covid-19’n kan qabaman miiliyoona 28 kan caalan yoo ta’u, kanneen keessaa walakkaa kan ta’an Ameerikaa irraati.

    Kanaan lakkoofsi olaanaan guyyaatti galmaa’e 306,857 yoo ta’u, innis Fulbaana gaafa bultii 06, 2020 ture.

  16. Deebineerra

    Ashamaa! Tamsaasa kallattii keenya kan Wiixata eegalleerra.

    BBC Afaan Oromoo ulaa kanaan odeessaalee biyya keessaa fi alaa gaggabaabsee isin biraan ga'uuf tokko jedhee eegaleera.

    Keessattuu odeessaalee waa'ee koronaavaayirasiirratti xiyyeeffatan baay'inaan argattu.

    Baga bacaqii gannaa keessaa gara booqaa birraatti ceetan!

    Nagaan oolaa!

  17. Qonnaan bultoota buqqa'aniif kondomiiniyamii 'kennaan jira' - Bulchiinsa Finfinnee

  18. Dubartiin harkashee ofirraa murte gowoomsuun himatamte

  19. Afgaanistaan Taalibaan waliin marii nagaa 'seena-qabeessa' eegaluufi

  20. Poolisiin ajjeechaa Joorjii Filooyidiin himatame yeroo jalqabaaf mana murtiitti dhiyate

    Poolisiin ajjeechaa Joorjii Filooyidiin himatame Deeriik Choovin mana murtiitti dhiyate.

    Poolisii Minaayaapolis kan ture Deeriik ajjeechaa Joorji Filooyidiin himatame yeroo mana murtiitti dhiyaatu kun kan jalqabati.

    Deeriik yeroo morma Joorjiirra gara daqiiqaa saddeetiif jilbeeffatee ture viiidiyoon waraabameera.

    Namootni poolisii turan biroo sadii biroon ammoo yakka ajjeechaa irratti hirmaachuun himatamaniiru.

    Moormiitoonni hedduun mana murtii fulduratti walitti qabamanii haqa akka barbaadan ibsaniiru.

    Ajjeechaan Joorjii addunyaa maratti hiriiraa mormii guddaa kaaseera.

    Deeriik Choovin