Itoophiyaatti lakkoofsi namoota Covid-19n du'anii 828 gahe

Lakkoofsi namoota Itoophiyaa keessatti koronaavaayirasin qabamanii 53, 304 gaheera. Walumaa galatti namoonni 828 sababa koronaavaayirasii lubbuu dhabaniiru.

Haguuggii Tamsaasa Kallattii

  1. Burundiitti hidhattoonni yoo xiqqaate nama 15 ajjeesan

    Kaartaa Burundii

    Kibba Burundiitti haleellaa hidhattoonni raawwataniin yoo xiqqaate namoonni 15 ajjeefamuu akka hin oolle gabaafamaa jira.

    Haleellaan kun Kutaa biyyattii Rumoongee jedhamu Aanaa Bugaraanaa jedhamu keessatti Dilbata darbe eegalee hanga Wiixataatti itti fufee ture.

    Namoonni hedduun qe'ee gadi dhiisanii baqatanii bosonaa keessa jiru.

    Gareen finciltootaa biyya ollaa DRC keessa maandheffatan nutu haleellaa raawwate jechuun marsaalee hawaasaa irratti maxxansaniiru.

    Aanga'aan mootummaa olaanaa tokko haleellaan kun namoota bara 2017 hokkora sodaa Ruwaandaatti baqatan gara Burundii deebisuun wal qabata jedhan.

  2. Aljeeriyaan heera haaraa irratti riifarandamii gochuuf guyyaa qabatte

    lammilee Aljeeriyaa

    Madda suuraa, Reuters

    Pireezidantiin Aljeeriyaa Amdelmajiid Taboone heera mootummaa haaraa irratti baatii lama booda Sadaasa 1 riifarandamiin akka gaggeeffamu himan.

    Wixineen Heeraa baatilee muraasa dura dhiyaatee ture aangoo hedduu mana maree bakka bu'ootaa fi Ministira Muummee biyyattiif kenna jedhamee ture.

    Bara darbe mormii uummataan pireezidantiin waggaa 20f aangoorra turan Abdulaziiz Butoofliikaa erga aangoorraa kaafamanii as biyyattii keessatti riifoormiin akka godhamu dhiibbaa jabaatu jira.

  3. 'Duulli miidiyaalee nurraa haa dhaabbatu' - Obbo Baqqala Garbaa

  4. Hong Koongitti namni 'yeroo jalqabaaf' Covid19n lammata qabame

    Saayintistoonni Hoong Koong namni ganna 30 baatii afuriif walakkaa booda koronaavaayirasiin yeroo lammataaf qabamuusaa gabaasaniiru.

    Qorannoon isaanii haalli vaayirasichi qaama nama kanaa miidhe ‘gargari’ dha jedhan.

    Kunis akka addunyaatti namni yeroo lammataaf vaayirasii kanaan yoo qabamu 'kan jalqabaati' jedhan.

    Dhaabbatni Fayyaa Addunyaa garuu dhimma kana dhukkubsataa tokkoon qofa murtessuurraa of eeguun barbaachisaadha jedheera.

    Ogeessotni lammata qabamuun darbee darbee ni jiraata garuu hamaaf hin saaxilu jedhu.

    Hanga yoonaa akka addunyaatti namoonni miiliyoona 23 tahan vaayirasii kanaan qabamaniiru.

    Warreen kana dura qabaman qaamni isaanii sirna ittisa dhukkubaa waan horatuuf lammata akka isaan hin qabamne ni gargaaraan.

    Sirni ittisa qaamaa jabaan immoo warreen akka malee dhukkubsatanii fayyan keessatti argame.

    Haa tahu malee ittisni hangam jabaa akka taheefi hangam akka turu hin beekamne.

    Koroonaavaayirasii

    Madda suuraa, Getty Images

  5. Ashamaa!, Dachaane!

    Gabaasi kallattii keenya kan Kibxaataa Hagayya 25 asirraa eegala.

    Odeessaalee gaggabaaboo guutuu addunyaarraa argannu asirratti isiniif qoodna, gabaasaalee guyyoota darbani gadi dabarsuun argachuu dandeessu.

    Oolmaa Gaarii!

  6. Tamsaasni Wiixata galgalaa xumurame!

    Tamsaasni BBC Afaan Oromoo Wiixataa goolabame.

    Boru Kibxata. Ganama walitti deebina.

    Mammaaksa kanaan isinitti dhaammanne.

    Maammaksa yoo qabdu ta'e asiin nuuf ergaa.

    Gaaritti.

  7. Belaaruus badhaafamtu Noobelii dhimma yakkaarratti gaaffiif waame

    Magaalaa guddoo biyyattii Miniskitti mormii guddaan taasifameera

    Madda suuraa, Getty Images

    Ibsa waa'ee suuraa, Magaalaa guddoo biyyattii Miniskitti mormii guddaan taasifameera

    Hiriira mormii guddaa magaala guddoo biyyatti Miniskitti bahame hordofuun poolisiin Belaaruus badhaasa Noobeelii karaa Ogbarruu bara 2015 kan injifatte Istvitilanaa Aleeksiviich qorachuufi.

    Aleeksiviich mana maree mormituun biyyattii hundeessan keessatti miseensadha.

    Dubartiin mootummaa Belaarus mormituufi mana maricha hundeessitemmoo yeroo ammaa biyya Belaarus waliin waldhabdee qabdu Luutiniyaa jirti.

    Manni maree kuni dhimma filannoo biyyattirratti mudate booda kan hundeeffame.

    Istvitilanaa Aleeksiviich guyyaa kaleessaa namoonni kuma dhibbaa tokko ol pirezedantii biyyatti mormuuf hiriira bahan booda waamamte.

    Pirezidantiin biyyatti Aleksaandar Lukashenkoo deebi'anii filatamuun isaanii mormii guddaa kaaseera.

    Guyyaa hara'aa Wiixata hoogganni paartii mormitoota lama Belaarusitti hidhamuun ni yaadatama.

  8. Aleeksi Naavaalni ‘summaa’u hin oolle’ jedhan doktaroonni

    Pirezidantii Raashiyaa qeequun kan beekamu Aleeksi Naavaalni yeroo ammaa hospitaala Jarmanitti yaala argataa jira.

    Hospitaalichi haala fayyaa nama bulchiinsa Puutin mormuun beekamurratti ibsa baaseen summaa’u akka hin oolle ibseera.

    Haalli inni irra jiru ‘cimaadha garuu lubbuuf kan yaaddessu miti’’ jedheera ibsa baheerratti.

    Kamisa darbe ture Aleeksiin achuma Raashiyaa keessatti balaliirra osoo jiru summaa’un isaa kan dhagahame.

    Deeggartoonni isaa shayii buufata xiyyaaraa Toomisk jedhamutti dhugetti summiin naqamuu hin oolle jedhanii shakku.

    Aleeksii Naavaalni

    Madda suuraa, Reuters

  9. Lakkoofsi namoota Itoophiyaatti Covid-19 irratti argame 42,000 caale

    Itoophiyaan namoota dabalataa 1,472 irratti koronaavaayirasiin argamuu beeksiste.

    Ministeerri Fayyaa namoonni dabalataa 14 du’uun lakkoofsi waliigalaa namoota vaayirasichaan lubbuu dhabanii 692 gahu ibse.

    Itophiyaan qorannoo kan guddiste yoo ta’u sa’aatii 24 darbees 18,851 qorachuu beeksiste.

    Haa ta’u malee, adaaduma qorannoon dabalu hammi namoota qabamanis dabaleera.

    Yeroo ammaa 275 wal’aansa addaa kan argataa jiran yoo ta’u 267 immoo bayyanachuun isaanii gabaafameera.

    Hanga ammaa qorannoo 775, 908 taasifameen namoota 42,143 irratti vaayirasichi argamu ibsi ministeerichi baase agarsiisa.

    Kanneen irratti argame keessaa 15,262 yoo bayyanatan, 26,187 ammallee vaayirasichi irra jira.

    Kanneen Ministeeri Fayyaa vaayiraaichi guyyaa har’aa irratti argame jedhee ibse keessaa 236 Oromiyaa kan jiraatan ta’u Biiroon Fayyaa naannichaa beeksiseera.

    Ibsa Ministeera Fayyaa
  10. Saayintistoonni 'dhukkubsataa jalqabaa lammata Covid-19 qabame' argachuu ibsan

    Saayintistoonni Hong Koong nama koronaavaayirasiirraa bayyanatee deebi’e vaayirasichaan qabame argachuu isaanii beeksisan.

    Dhukkubsataan fayyaa qaba ture jedhame kuni ji’a afur boodadha vaayirasichi deebi’e kan isa qabe.

    Haa ta’u malee, Dhaabbanni Fayyaa Addunyaa namoonni dhukkubsataa tokkorra hundaa’un yaada waliigalaa keennurraa akka of qusatan dhaameera.

    Koronaavaayirasii yeroo maayikiroskoppiin ilaalamu

    Madda suuraa, Getty Images

  11. Qabiyyeen xalayaa dhimma Obbo Lidatu Ayyaaloorratti MM Abiyyiif barraa'e maali?

  12. Biyya namoonni Covid-19'n du'an 60,000 caale Meeksikootti tatamsa'inni 'hir'ataa jira'

    Meeksikootti lakkoofsi namoota Covid-19’n du’anii 60,000 caale

    Madda suuraa, Rooyitars

    Meeksikoon biyyoota US Ameerikaa fi Biraazilitti aante, lakkoofsa namoota vaayirasichaan addunyaarratti du’anii hedduu qabaachuun sadarkaa sadaffaarra jirti.

    Pirezidantiin biyyattii Andiriyaa Maanu’eel Loopez Obiraadoor kaleessa weerarri vaayirasichaa ilaalchisuun wayita ibsa kennan gadii hir’ataa jiraachuu kaasaniiru.

    Torban 33’f lakkoofsi namoota du’anii walitti aanee hir’ateera, lakkoofsi namoota haaraa vaayirasichaan qabamanii fi du’aniis hir’ateera jedhanii dubbatan.

    Pirezidantichi wayita lakkoofsi namoota du’anii 60,000 darbetti kana dubbatan.

  13. Saantimoonni warqee waggaa 1,100 dura okkoteen awwaalamanii turan argaman

    saantimoota warqee

    Madda suuraa, EPA

    Israa’elitti dargaggoonni saantimoota warqee 425 hubboo supheetiin awwaalame qotanii baasan

    Saantimoonni kun waggoota 1,100 dura hubboo keessa kaa’amanii awwaalaaman.

    Warqeewwan kana dargaggoonnii tola-ooltummaan iddoo qorannoo arkiyoolojii giddugaleessaa biyyatti keessatti otoo qotanii argatan.

    Saantimoonni kun islaamummaan wayita jalqabu, bara kaalifeet Abbaasid keessaa maallaqa turan yoo ta’an tokkoon isaanii giraama 845 ulfaatu .

    Saantimoonni awwaalaman kun mana jireenyaa qananiif magaalota naannichaatti ijaaramu tokko bituu ni danda’a.

    Garuu eenyutu bara sana akka awwaale fi saantimni kun kan eenyuu akka ta’e baruun hin danda’amne.

    Daarektarrii abbaan taayitaa hambaalee durii Israa’el Liyaat Nadav- Ziiv, saantimoonni warqii ammas baayyatu iddoo tokkootti arguun ‘hedduu baratamaa miti’ jedhan.

    Warqeen albuuda gati-jabeessaa dhalootatti darbee fayidaaf oolu danda’u ta’uu dubbatu.

    Namni wagggaa 1,100 dura awwaalee saantimoota kana fudhachuu danda'aa jedhanii dubbatu, waa'een saantimoota kanaa iccitii isaa baramuu baatus.

    Dargaggoon qotee saantimoota kana baase Ooz Kohiin ‘’ lafa qotee biyyoo otoon hammaaruun ‘waan ajaa’ibaa tokko arge , saantima warqee’’' jedheera.

    saantimoota

    Madda suuraa, EPA

  14. Itoophiyaatti lakkoofsi namoota Covid-19n du'anii 828 gahe

  15. Viidiyoon hantuutaa gadhiifame qondaaltota hospitaalaa rakkoo buuse

    Hantuuta

    Madda suuraa, Getty Images

    Vidiyoon hantuuti baay’ee hospitaalota gurguddoo Zaambiyaa keessaa tokko ta’e keessa yeroo mi’a dhukkubsataa baleessan agarsiisu qondaaltota hospitaalichaa rakkoo buuseera.

    Siree dhukkubsataa bira yeroo hantuutonni kunneen mi’a dhukkubsataa balleessan viidiyoon agarsiisu miidiyaa hawaasummaa biyyattiirratti ijoo dubbii ta’eera.

    Rakkoo kanaa booda Ministirri Fayyaa biyyattii Chitaalu Chilufiyaa atattamaan hispitaala Kitiwee naannoo Koppeerbelt jiru daawwataniiru.

    Bulchiinsa hospitaalichaa irrattis tarkaanfii naamusaa fudhataniiru.

    Viidiyoon kuni mootummaaf arrabsoodha jechun kanneen itti gaafataman sirreessuu akka qaban dhaaman.

    Maxxansa X irra dabri
    Qabiyyee X hayyamtaa?

    Barreeffamni kun qabiyyee [social_media-site]n dhiyaatan qaba. Tarii 'cookies' fi teknolojiiwwan biraa fayyadamuu waan danda'aniif, osoo tokkoonsaa gadi hin buufamiin dura hayyama keessan gaafanna. Osoo hin simatin dura Ximaammata cookies fi imaammata mateenyaa dubbisuu barbaadda ta'a. Qabiyyee kana ilaaluuf 'waliigaluun itti fufi' filadhu.

    Hubachiisa: Qabiyyee marsariitiiwwan alaatiif BBCn itti gaafatamummaa hin fudhatu.

    Xumura maxxansa X

  16. Artistii fuulli ishee maal akka fakkaatu hin beekne

  17. Amma nu gahe, Guyyoo Waariyoofi Dajanee Xaafaaf mirgi wabiin eegameef

    Guyyoo Waariyoo fi Dajanee Xaafaa

    Ajjeechaa artist Haacaaluu Hundeessaan booda to'annoo jala kan oolan gaazexeessaan OMN Guyyoo Waariyoo fi qondaalli olaanaa KFO Dajanee Xaafaa mirgi wabii eegameefii akka gadhiifaman manni murtii murteesse.

    Obbo Dajanee Xaafaa, Guyyoo Waariyoo, Miishaa Adam fi Koorsaa Dachaasaa wabii birrii 10,000n akka gadhiifaman Mana murtii Federaalaa Sadarkaa Jalqabaa ramaddi Araadaa ajajuusaa abukaatoon isaanii Obbo Dajanee Fiqaaduu BBCtti himaniiru.

    Abbaan alangaa himata hundeessuf guyyootni 15 naaf yaa kennamu jedhee gaafatee akka ture fi isaan immoo mormuu isaanii natti himaniiru.

    Haa tahu malee oliyyannoon irratti gaafatamuu haati warraa gaazexeessaa Guyyoo Waariyoo BBCtti himteetti, ''har’uma murtaa’ee ergan qarshii kaffalee xumuree booda mana murtiitti yoon deebi’u, ol-iyyannoo dhaan faayiliin deebi’eera,’’ naan jedhan jetti.

    Guyyoo dabalatee namoota manni murtii gadhiisee afur irratti ol-iyyannoon gaafatamee faayilli deebi’eera jedhamus himti.

  18. Ruwaandaan namoota haaraa Covid-19'n qabaman olaanaa galmeessifte

    Ruwaandaan Dilbata darbe namoota Covid-19'n qabaman haaraa 200 galmeessifte. Kuni vaayirasichi biyyattiitti erga mul’atee isa olaanaadha.

    Namoonni qabaman baayyeen immoo kan argaman magaalaa guddoo biyyattii Kigaalii keessatti.

    Ruwaandaan hanga yoonaa namoota dhukkubichaan qabaman 3000 kan qabdu yoo tahu,1000 ol torbee lamaan darban keessatti qabaman.

    Namoonni vaayirasii kanaan lubbuu dhaban 12 dha.

    Torbee darbe gabaawwan gurguddoo lama torbee tokkoof cufamanii turan.

    Lakkoofsi dabaluun kun magaalattii keessa dhorkaawwan akka haaratti kaa’amuu danda’u yaaddoo jedhu fideera.

    Biyyoota Sahaaraan gadi jiran keessaa dhorkaa kaahuun Ruwaandaan kan jalqabaati.

    Biyyattiin dhihoo kana tuuriziimii bantus, manneetii barnootaa, ispoortiin jamaan godhamuufi sagantaaleen bashannanaa akkuma cufamanitti jiru.

    Ogeessa fayyaa mana yaalii keessatti qorannoo taasisaa jiru

    Madda suuraa, AFP

  19. Dargaggoonni 13 dhorkii Covid-19’f kaa’ame cabsuun ragadaa turan lubbuu dhaban

  20. Humni waraanaa Liibiyaa Jeneraal Haftaar waamicha dhukaasa dhaabuu hin fudhu jedhe

    Waraana Jeneraal Haftaar

    Madda suuraa, Reutures

    Humni waraanaa cimaa koomaandar Kaaliif Haaftaariin hogganamuufi baha biyyattiitti buufatee jiru, mootummaa Liibiyaa Mootummoota Gamtoomaniin deeggaramurraa waamicha dhukaasa dhaabuu dhiyaate hin fudhadhu jechuu Rooyitars gabaaseera.

    Dubbii himaan Waraana Biyyaalessaa Liibiyaa Jeneraal Haftaar hogganu kanaa, waa’ee dhukaasa dhaaburratti inni labsame olola miidiyaati jedhan.

    Waraanni Biyyaalessaa Liibiyaa haleellaa mootummaan naannoo magaalaa Siirti irraan gahu hunda ofirraa qolachuuf qophii dha jedheera.

    Lolli gareewwan lamaan gidduutti adeemsifamu ji’oota lamaan darbaniif osoo hin ka'in turus, waliigalteen dhukaasa dhaabuu garuu sababii gama lamaaniin wal komachuun jiruuf hin milkaa’in hafeera.