Itoophiyaatti lakkoofsi namoota Covid-19n du'anii 828 gahe

Lakkoofsi namoota Itoophiyaa keessatti koronaavaayirasin qabamanii 53, 304 gaheera. Walumaa galatti namoonni 828 sababa koronaavaayirasii lubbuu dhabaniiru.

Haguuggii Tamsaasa Kallattii

  1. ‘Cimtee yoo hojjatte abjuun kee dhugooma’

    Kaaysee Maaduun

    Dhalataan Naayijeeriyaa Kaanaadaa Albertaatti ministira haqaa ta’anii muudaman.

    Kaaysee Maaduun nama gurraacha jalqabaa aangoo kanaaf muudamanidha.

    Obbo Maaduun akka namoonni dandeettiisaaniitti fayyadamanii bakka gahuu barbaadan gahaniif nan hojjadha jedhaniiru.

    “Yoo cimtee hojjattee fi seeraaf bitamte galmakee gahuu dandeessa, sunis Kaanaadaa bulchiinsa Albertaa keessatti dhugaadha,” jedhaniiru.

    “Yeroo maraa abjuun kiyya Albertaa keessatti qofa dhugooma jedhee yaada ture, sababni isaas asitti wanti sirraa eegamu jabina hojii keetii malee, bifa gogaa keetiiti miti,” jedhan.

    Obbo Maaduun guyyaa lammiileen Naayijeeriyaa eessaa akka dhufaniifi loogii irra gahu osoo hin taanee, dandeettiisaaniitiin kaayyoosaanii galmaan akka gahan arguun barbaada jedhan.

  2. Poolisiin Finfinnee ibsa paartiin IZEMA kennuuf ture dhorke

  3. Itoophiyaatti lakkoofsi namoota Covid-19 qabamanii kuma 48 caale

    Itoophiyaan sa'aatii 24 darbanitti namoota 18,776'f qorannoo koronaavaayirasii kan taasifte yoo ta'u, vaayirasichi namoota 1,733 irratti argamuu ministeerri fayyaa Itoophiyaa ibse.

    Kanaanis lakkoofsi namootaa biyyattii keessatti koronaavaayirasiin qabamanii 48,140 gaheera.

    Sa'aatii 24 darban keessatti namoonni haaraa 13 yoo du'an, hamma ammaatti namoonni 758 sababa Covid-19 lubbuusaanii dhabaniiru.

    Gama biraatiin namoonni haaraa 586 dhukkubicharraa bayyanatan dabalatee biyyattiitti namoonni 17,415 bayyanataniiru.

    Itoophiyaatti hamma ammaatti namoota 850,236'f qorannoo koronaavaayirasii taasiftee jirti.

    Haala Itoophiyaa
  4. US'tti walakkeessa Fulbaana dhuftutti lakkoofsi namoota Covid-19 du'anii 200,000 ol ta'uu mala

    Sirna awwaalchaa

    Madda suuraa, Getty Images

    Ameerikatti lakkoofsi namoota sababa koronaavaayirasii du'anii walakkeessa ji'a Fulbaanatti 200,000 ol ta'uu danda'a jedhe Wirtuun Ittisaa fi to'annaa dhibee US (CDC).

    CDC'n raaga lakkoofsa namoota koronaavaayirasiin torbeewwan afran itti aananitti du'uu malan jedhu baase.

    Dhuma torbee Fulbaana 19'tti namoonni 4,000 - 8,300 du'uu danda'u jechuun CDC'n tilmaamasaa kaa'eera.

    Lakkoofsi du'aanii guddaan guyyaa san galmaa'uu danda'u 207,000 ta'uu danda'a.

    Ameerikaa keessatti yoo xiqqaate namoonni 180,000 Covid-19 lubbuusaanii kan dhaban yoo ta'u, kunis addunyaarraa biyya jalqabaa ishee taasise akka gabaasa Yuunivarsiitii Joons Hoopkiinsitti.

    Addunyaarratti hamma ammaatti namoonni 832,608 du'aniiru jedha gabaasni Yuunivarsiitii Joons Hoopkiinsi.

  5. Masriitti Masjiidonni Bitootessa booda yeroo duraas salaataa Jumaa’aaf banaman

    Namoota salaata irra jiran

    Madda suuraa, EPA

    Masriitti Masjiidonni gurguddoon eega ji’a Bitootessa sababa Covid-19 cufaman booda yeroo jalqabaaf salaata Jumaa’aaf banamaniiru.

    Namoonni salaataaf deemanis tarkaanfiilee ittisa koronaavaayirasiif gargaaran akka maaskii godhachuu, walirraa siquu akkasumas afannaa salaataa kan mataasaanii qabatanii turan.

    Masjiida

    Madda suuraa, Reuters

    Biyyattii keessatti namoonni 98,000 koronaavaayirasiin kan qabaman yoo ta’u, namoonni 5,300 ammoo du’aniiru.

    Suuraalee kunneen yeroo Musliimonni Masjiida irra deebiin baname Al-Azhaar magaalaa Kaayiroo keessatti argamutti salaatan mul’isa.

  6. Heelikoptarri kufee caccabuun lubbuun namoota lamaa darbe

    Heelikoptara kufee caccabe

    Madda suuraa, LASEMA

    Balaa heelikoptaraa Naayijeeriyaa magaalaa Leegositti mudateen namoonni lama du’uusaanii qondaalonni himan.

    Hogganaan balaa tasaa biyyattii Olufemi Oke-Osanyintolu akka miidiyaa biyya keessaaf ibsanitti, yeroo heelikoptarri kufee caccabu sanitti namooni sadi heelikoptaricha keessa turuusaaniifi namni sadaffaan haalan miidhamee hospitaala geeffamu himan.

    Heelikoptarichis manneen jireenyaarratti kan kufee caccabe.

    Heelikoptarichi kan eenyuu akka ta’ee fi balaa kanaaf maaltu sababa akka ta’e hamma ammaatti wanti beekamu hin jiru.

    Ta’us daandii xiyyaaraa Naayijeeriyaa, Buufata Xiyyaaraa Idil Addunyaa Murtaalaa Mohaammad jedhamu kan bakkicha argamu yoo ta’u, xiyyaaronni xixiqqoonii fi jeettonni dhuunfaa bakka sanitti ni balali’u.

    Maxxansa X irra dabri
    Qabiyyee X hayyamtaa?

    Barreeffamni kun qabiyyee [social_media-site]n dhiyaatan qaba. Tarii 'cookies' fi teknolojiiwwan biraa fayyadamuu waan danda'aniif, osoo tokkoonsaa gadi hin buufamiin dura hayyama keessan gaafanna. Osoo hin simatin dura Ximaammata cookies fi imaammata mateenyaa dubbisuu barbaadda ta'a. Qabiyyee kana ilaaluuf 'waliigaluun itti fufi' filadhu.

    Hubachiisa: Qabiyyee marsariitiiwwan alaatiif BBCn itti gaafatamummaa hin fudhatu.

    Xumura maxxansa X

  7. Doorsisni ajjeechaa badhaafamaa Noobeliirra gahe akka qoratamu UN gaafate

    Doktar Deenis Mukwigii

    Madda suuraa, EPA

    Ibsa waa'ee suuraa, Doktar Deenis Mukwigii

    Ribbabliki Dimookiraatawaa Koongoo (DRC) doorsisa ajjeechaa Dooktar Deenis Mukwigiirra gahe akka qorattu Dhaabbani Biyyoota Gamtoomanii gaafate.

    Doktar Deenis waraana keessatti saalqunnamtii akka tooftaa dhimma itti bahuun akka hafuuf tattafachuusaaniif bara 2018 badhaasa Noobelii nama biraa tokko wajjin qooddatan.

    Tibbana garuu ajjeechaan dorsifamuu himataniiru.

    Sababni dorsifamaniimmoo namoonni 18 ji’a darbe biyyatti keessatti ajjeefamu qeequsaaniifi.

    Dhaabbata Biyyoota Gamtoomaniitti hoggantuun gartuu mirga namoomaa Micheel Bachalet doorsifni ajjeechaa kun qaama walabaan qoratamuu qaba jedhan.

    Pirezidantiin Dimokiraatik Rippabilika Koongoo Feliix Tishekeedii torban darbe keessa mootummaan dorsisa irra qaqqabe ni qorata, nageenyummasaaniis ni eega jedhaniiru.

    Dr. Deenis ispeeshalistii fayyaa qaama wal hormaata yoo ta'an bakka doorsifni isaan dhaqqabetti kilinika dhunfaasaanii banataniiru.

  8. 'Yaasiin Jumaa Itoophiyaa turuu fedha' jedhe mootummaan Keeniyaa

  9. Ugaandaatti bakakkaan ijoollee 10 ajjeese

    Bakakkaa

    Madda suuraa, Getty Images

    Kaaba Lixa Ugaandaa magaala Aruwaa jedhamtu keessatti bakaakkaan ijoollee 10 galaafate.

    Ijoolleen umriin isaanii 13-15 gidduu ta'e bokkaa keessa osoo kubbaa miilaa taphatanii bokkaan cimnaan godoo citaatti dheessan keessatti bakakkaan itti bu'e.

    Ijoollee kana keessaa sagal battalumatti yoo lubbuu dhaban, tokko ammoo osoo Hospitaala geeffamaa jiru lubbuun bahe.

    Ijoollee sadii ammoo balaa kana jalaa lubbuun oolanii, Hospitaala naannichaa tokkotti yaala argachaa jiru.

    Tibba kana naannoo amma balaan kun qaqqabe roobni cimaan bakakkaa makate bu'aa jira.

    Balaan kun bara 2011'tti mana barnootaa tokko keessatti bakakkaan ijoollee 18 erga galaafatee isa hammmataadha jedhameera.

    Baruma sana namootni 28 biroon bakakkaan lubbuu isaanii dhabaniiru.

  10. Hogganaan bulchiinsa hidhamtootaa Finfinnee poolisiin qabamanii akka dhiyaatan ajajame

  11. Afrikaatti lakkoofsi Covid-19 hir'achuun 'of-eeggannoon' ilaalamuu qaba

    nama ho'i qaamaa safaramaa jiru

    Madda suuraa, EPA

    Jiddugalli To'annoo fi Ittisa Dhibeewwanii (Africa CDC) torbee darbe lakkoofsi namoota Ardii Afrikaa kessaatti Covid-19'n qabamanii dhibbeentaa 20'n hir'achuu hime.

    Kuni oduu gaarii ta'uun haalamuu baatus, kan hir'ate tarii lakkoofsi namoota qoratamanii waan hir'ateef ta'uu waan maluuf 'of-eeggannoon' ilaalamuu akka qabu hubachiise.

    Biyyoonni Afrikaa hedduun akkanumaan namoota qorachuu dhiisanii iddoo namoonni qabaman gabaafaman qofatti qorannoo taasisuu eegalanii jiru.

    Dhaabbati kun Tuniiziyaa, Morookoo, Yugaandaa fi Burkinaa Faasoo keessatti vaayirasichi ariitiin tamsa'aa jiraachuutti yaadda'uu hime.

    Biyyoota Bahaa fi Kaaba Afrikaa keessattillee lakkoofsi namoota vaayirasichaan qabamanii dabalaa jiraachuu eereera.

    Ardi Afrikaa keessa walumaagalatti lakkoofsi namoota vaayirasichaan qabamanii miliyoona 1.2 ol yoo ta'u, 28,000 ol kan ta'an du'aniiru.

  12. Museveeniin Covid-19 akka badu guyyaa kadhannaa labsan

    Namicha kadhatu

    Madda suuraa, Getty Images

    Pireezidantiin Yugaandaa Yoweerii Museveeniin Sanbata guyyaa kadhannaa biyyaalessaa Covid-19 gochuun labsan.

    Yaada isaa lammii Yugaandaa 'Waaqni mul'ata itti agarsiise' tokkorraa akka argatan himan.

    "Waaqni mul'ataan akka ani kadhannaa biyyaalessaa qindeessuu itti hime. Kunis akka Waaqni Covid-19 irraa nu oolchuufi. Kanaaf Hagayya 29 bara 2020 guyyaa kadhannaa biyyaalessaa fi guyyaa ayyaanaa godhee labseera," jedhan.

    Namni hunduu manaa fi dallaa isaa keessa turee akka kadhatu jedhanii marsaalee hawaasaa irratti barreessan.

    Yugaandaan amma dura namoota vaayirasichaan qabaman 2,679 fi kan vaayirasichaan du'an 28 akka qabdu himte.

    Bitootessa darbe erga vaayirasichi biyyattii seeneen booda mootummaan uggura jajjabaa labse.

  13. Hospitaala Yuunivarsitii Gondaritti hakimoonni 20 ol Covid-19n qabaman

  14. Sudaanitti lolaa laga Naayiliin lubbuun namoota 86 darbe

    Qonnaan bulaa Sudaan magaalaa Kaartum Hagayya 17

    Madda suuraa, Getty Images

    Ibsa waa'ee suuraa, Sudaan magaalaa Kaartum Hagayya 17

    Sudaanitti sababa lolaa waqtii gannaatiin hanga Kibxata darbeetti namootni 86 lubbuu dhabuufi manneen 18,000 ol ta'an dhiyeenya magaalaa Kaartuumitti manca'uu Reuters Ministeera dhimma biyya keessaa waabefachuun gabaase.

    Jiraattotni magaalaa Kaartum lolaa akka kanaa arginee hin beeknuu jedhu.

    Lolaan kun sababa hangi bishaanii laga Abbayyaa akkaan dabaluu isaan dhufa jedhama.

    Itoophiyaan hidha laga Abbayyaatti bishaan guutuu eegaluun lolaan miidhamuurraa nu baraara abdii jedhu qabaachuu, Ministirri Jallisii Sudaan Yaasiir Abbaas dubbatu.

    Erga hanga bishaanii Blue Nile safaruu eegalamee bara 1912 as yeroo duraaf gidduu galeessaan meetira 17.43 gahuus dubbatan.

    Haaluma walfakkaatuun magaalaa guddoo Nijeer Nayamiittis balaa lolaa tibba kana mudateen yoo xiqqaate namootni 45 ta'an yoo du'an, walakkaa miiliyoonaa kan ta'an qe'ee isaaniirraa buqqa'aniiru.

    Nijeer

    Madda suuraa, Getty Images

  15. Amma nu gahe, MM Jaappaan Shinzoo Abee 'sababa fayyaaf aangoo gadhiisuuf'

    MM Jaappaan Shinzoo Abee

    Madda suuraa, Reuters

    Ministirri Muummee Jaappaan Shinzoo Abee sababa fayyaasaaniif jecha aangoo gadhiisuuf akka jiran, miidiyaan biyya keessaa gabaase.

    Abeen dhukkuba garaacha keessaa 'ulcerative colitis' jedhamuun waggoota dheeraaf kan dhukkubsataa turan tahuus, dhiyeenya kana itti cimuu hin oolle jedhame.

    Miidiyaan mootummaa NHK akka gabaasetti, namni ganna 65 kun mootummaa isaanirratti rakkoo tahuu hin barbaanne.

    Jalqaba torbee kanaatti Abeen ministira muummee walitti fufinsaan yeroo dheeraaf tajaajilan ka jalqabaa tahanii turan - bara 2012tti aangoo qabatan.

    Namni kun 2007ttis dhukkubuma kanarraa ka kahe battalumatti aangoo ministira muummee isaanii gadhiisanii turan.

    Dhukkubni ulcerative colitis jedhamu kun mar'immaan isa guddaa kan miidhu yogguu tahu, Abeen ijoollummaa isaaniirraa qabeetu kanaan dhukkubsachaa turan.

  16. Lammii Itoophiyaa miidhamtoota qaamaa wiilchariirraa kaase

  17. Dargaggeessi hiriira mormii Wiiskoonsin irratti nama lama ajjeese himatame

    kenooshaa

    Madda suuraa, EPA

    Ameerikaa Wiiskoonsinitti hiriira namni gurraachi Jeekoob Bileek jedhamu rasaasa poolisiin dhahamuu balaaleffachuuf bahame irratti, dargaggeessi namoota sadi rasaasaan dhahee, lama kan ajjeese himatame.

    Namni ganna 17 Kaayil Riitanhaawus iddoo hiriirri itti bahame Kenooshaatti hojii gamoowwan mormitootarraa eeguurra akka ture himeera.

    Dargaggeessi kun ajjeechaa raawwateen wal qabatee yakkoota jahaan himatame.

    Marsaalee hawaasaa isaa irratti deeggaraa Tiraamp akka ta'ee fi waa'ee poolisii fi qawwee jaalala akka qabu ibseera.

    Ajjeechaan inni raawwate kun mormii rasaasaan dhahamuu Bileek guyyaa sadaffaa irratti yoo ta'u, mormiin kun battala poolisiin rasaasa torba Jeekoob Bileekitti roobsetti dhohe.

    Jeekoob Bileek lubbuun jiraatus deebi'ee miilan deemuu danda'uu isaa sodaa akka qaban abukaatonni isaa himaniiru.

    Dhimmi rasaasaan dhahamuu nama gurraacha kanaa qoratamaa jira.

  18. Humnoonni Addaa Tigraay itti baqachuu N. Amaaraa ibse, N. Tigraay balaaleeffate

  19. Masriin lammiilee filmaatarratti hin hirmaanne miiliyoona 50 himachuufi

    Dubartii Masrii filachaa jirtu

    Madda suuraa, AFP

    Ibsa waa'ee suuraa, Filannoo Seeneetiif namni hedduun hin baane

    Angawoonni Masrii waan jedhan, lammiileen biyyattii miiliyoona 50 ol tahan filannoo Seeneetii dhiyeenyaarratti waan hin hirmaanneef, ni himanna jedhan.

    Komishiniin filannoo biyyattii kana kan murteessuuf dirqame, filannoo qopheesseerratti namoota haalaan muraasa qofaatu argame - filattoota keessaa %14 callaa.

    Lammiileen kunniin filachuu dhabuusaaniitiin haga doolaara Ameerikaa 32 yookaan Birrii 1150 adabamuu dandayu.

    Xiinxaltoonni garuu namoota haganaa irratti himata banuuf deemuun waan milkaa'u hin fakkaatu jechuun shakkii qaban ibsu.

    Miidiyaalee hawaasaarrattis murtee kana hordofee qoosaa garagaraatu deemaa ture.

  20. Ya deebine!

    Yooyyaa, ammallee yooyyaa!

    Tamsaasa keenya kallattii JImaataan walitti deebineerra.

    Odeessaalee biyya keessaafi alaa wayitaawoo tahan isanii dhiyeessina - yeroo yeroon fuula kana refresh gochuun haaromsaa.

    Dhiyaadhaa!