Itoophiyaatti lakkoofsi namoota Covid-19n du'anii 828 gahe

Lakkoofsi namoota Itoophiyaa keessatti koronaavaayirasin qabamanii 53, 304 gaheera. Walumaa galatti namoonni 828 sababa koronaavaayirasii lubbuu dhabaniiru.

Haguuggii Tamsaasa Kallattii

  1. Barruun miseensa paarlaamaatiin ‘garba’ jedhe qeeqame

    Daani'eel Oboongoo

    Madda suuraa, AFP

    Barruuleen Firaans sirna siyaasaa ‘conservative’ leellisu miseensa paarlaama Firaans dhalootaan Gaabon tahan, Daani’eel Obonoo ‘garba’ jechuun qeeqamaa jira.

    Keewwanni barruulee Vaaleras akkiitalees irratti bahe, lammiilee Afrikaa garbummaa karoorsuudhaan himata. Suuraa miseensa paarlaamaa kanaallee mormatti sibila kaa’eetu agarsiise.

    Ministirri mummee Firaans Jiin Kaasteeks, ‘’maxxansa jibbisiisaa’’ jechuun ceepha’an.

    Baruulleen kun Aadde Oboongoo dhiifama haa gaafatuyyuu malee barreefamichi garuu sanyummaa qabaachuu haaleera.

    Aadde Oboongoon paartii warra ‘left wing’ jedhamaniif itti gaafatamtuu Kora Biyyaalessaati. Uummata magaalaa Paariis immoo bakka buuti.

    Isheenis maxxansa ‘’jibbaan kan guutame, gadi-badii fi kan namaa hin hille dha,’’ jechuun barreessiteetti.

  2. Veenzuweelaan talaallii Covid-19 Raashiyaaf tola ooltota barbaadaa jirti

    Nikoolaas Maaduroo

    Madda suuraa, REUTERS

    Pireezidaantiin Veenzuleewaa Nikolaas Maaduroon namoota tola ooltummaan talaallii Covid-19 Raashiyaa fudhachuu barbaadan gaafachuuf akka ta’an ibsaniiru.

    Raashiyaan biyya jalqabaa talaallii Covid-19 argachuushee beeksifteedha.

    Ogeeyyiin garuu talaallicharratti yaaddoo qaban ibsachaa turan.

    Mootummaan Raashiyaa Veenzuweelaarraa liqaa heddu kan qabdi, Veenzuweelaanis yaalii talaallchaa keessatti qoodaa fudhachuu akka barbaaddu ibsitee jirti.

    “Guyyoottan dhufan keessatti namoota tola ooltummaan talaallicha fudhachuu barbaadaniif waamicha ni dhiheessina,” jedhan ibsa guyyaa kaleessaa kennaniin.

    Ibsi Pireezidaantii Maaduroo biyyasaanii keessatti hamma ammaatti namoonni fedhiidhaan talaallicha fudhachuu barbaadan akka hin jirre mul’isa.

    Ta’us garuu Ministirri fayyaa biyyattii Kaarloos Alvaardoo “namoonni 500 fedhiidhaan yaalii kanarratti hirmaachuu akka barbaadan” ibsaniiru.

    Mootummaan biyyattii yaalii talaallii koronaavaayirasii Chaayinaa fi Kuubaa keessattille hirmaachuu akka barbaaduu ibseera.

    Erga Raashiyaan talaallii Covid-19 argatte booda talaallichaan ‘Sputnik V’ jechuun kan moggaaste yoo ta’u, Pireezidaant Maaduroon argannoo Raashiyaaf baga gammaddan jedhaniinii turan.

    Dabalataanis akkas jedhanii turan: “Namni jalqaba talaallii kana fudhatu ana. Namoota biroof fakkeenya ta’uu barbaada,”jedhaniiru.

    Ta’us garuu ibsa guyyaa kaleessaarratti namoota 500 fedhiidhaan talaallicha fudhachuuf ta’an keessaa isaan tokko akka ta’an wanti ibsan hin jiru.

    Biyyattii keessatti namoonni 50,000 koronaavaayirasiin kan qabaman yoo ta’u, 381 ammoo du’aniiru.

    Ogeeyyii fayyaa lakkoofsi dhugaa kan himamee ol ta’uu danda’a jedhu.

  3. Manni Murtii galmee Obbo Lidatuu Ayyaaloo cufe, garuu hidhaa hin baane

  4. Naannoon Tigraay filannoo torban dhufu gaggeeffamuf qophaa'u beeksise

  5. Ijoolleen mana barnootaa yoo deemuu baatan hoo?

  6. Arbi 12 Zimbaabuweetti sababa hin beekamneen du'anii argaman

    Arba

    Madda suuraa, Reuters

    Qondaaltonni Zimbaabuwee du’a arba 12 paarkii biyyaalessaa Hiwaange keessatti raawwate qorachaa jiru.

    Arbi kunneen du’anii argamani, kumbiinis irraa hin cinne.

    Sababa bineensi kaand du'e hin jirreefu qondaaltonni kanneen adamsan summii fayyadamaniiru jedhanii hin shakkine.

    Sababa du’a isaanii baruuf saamudni dhiigaa arba kanneeni fuudhameera.

    Paarkiin Biyyaalessaa Hiwaange biyya Botiswaanaa kan barana arbi dhibba hedduu du’anii argaman daangeessa.

  7. Filannoo Covid-19 gufachiiseefi dirree siyaasaa Itoophiyaa tasgabbii dhabe

  8. Mootummaan UK qorannoo Covid-19 akka beeksisan rogeeyyiif kaffale

    Inistaagiraamarratti hordoftoota miiliyoona 1.5 kan qabdu Shaawuna Fiilips kanneen isaaniif kaffalame keessaati

    Madda suuraa, Youtube

    Ibsa waa'ee suuraa, Inistaagiraamarratti hordoftoota miiliyoona 1.5 kan qabdu Shaawuna Fiilips kanneen isaaniif kaffalame keessaati

    Mootummaan UK qorannoo Covid-19 fi namoota qabaman waliin xuxxqqaa qaban adda baasuuf akka isa gargaaru rogeeyyii miidiyaa hawaasummaa gubbaa maqaa qabanif qarshii kaffaluusaa mirkaneesse.

    Barreeffama dhimmi Covid-19 irratti barreessanif hammi isaanii kanfalame garuu hin ifa hin taane.

    ‘’Kanneen miidiyaa hawaasummaa gubbaa dhageettii qaban fayyadamne jechuun namoota miiliyoona 7 dhaqqabne jechaadha,’’ jedhan Dubbii Himaan mootummaa.

    Tajaajilli Fayyaa Biyyaalessaa UK (NHS) qorannoo Covid-19 fi namoota xuxxuqqaa qaban adda baasuuf duulatti jira.

    Kaffaltiin rogeeyyiif kanfalamu qaama duula miidiyaalee gara garaa fayyadamuun ummata hubachiisuuti jedheera mootummaan biyyattii.

    Inistaagiraamarratti hordoftoota miiliyoona 1.5 kan qabdu ‘ShaugnaPhillips’ kanneen isaaniif kaffalame kessaati.

    Isheenis barbaachisummaa qorannoo Covid-19 fi qoratamtee bu’aa sa’aatii 24 keessatti argachuushe barreessite.

  9. Biyyoota kudhan Covid-19 akka biyya isaanii hin seenne dhorkuu danda'an

  10. Qalbiin isaa ala kan bultee Mesiin qorannoo Covid-19 irraa hafe

    Mesii

    Madda suuraa, Getty Images

    Taphataan lammii Arjentiinaa kilaba Baarseloonaaf taphatuufi kubbaa miilaan addunyaarratti gurra guddaa qabu Liiyoonel Mesii qorannoo koronaavaayirasii gareen isaa taasisan irratti hin argamiin hafuun dhagahame.

    Gareen isaa yeroo mara shaakala osoo hin jalqabiin dura qorannoo Covid-19 kan taasisu yoo ta’u Mesiin garuu qorannoo kana irratti hin argamiin hafeera.

    Mesiin Kibxata darbe haala ittiin kilaba isaa Baarseloonaa gadi dhiisee deemurratti hoogganoota kilabichaa waliin osoo walii hin galiin hafaniiru.

    Qorannoo koronaavaayirasii irratti argamuu dhabuu isaatiin Mesiin garee isaa kana waliin taphachuu dhabuu malas jedhameera.

    Taphataan kuni ‘gadi na dhiisaa’ jechuun xalayaa aanga’oota Baarseloonaaf galfachuun isaa guyyoota muraasa dura dhagahameera.

    Taphataan cimaa addunyaa umuriin isaa ganna 33 ta’e kun xalayaa kilaba isaatti galfateen, waqtii jijjiirraa taphattootaa kana keessa Baarseloonaa akka gadhiisuu barbaadu beeksiseera.

    Mesiin Baarseloonaa akka gadi dhiisu dhagahamuu hordofee kilaboonni baay’een taphataa kana ofitti fudhachuuf gaafachaa jiru.

    Kilabiin Pirimiyeer Liigii Ingilizii, Maanchester Siitiifi kan Ameerikaa Niiwu Yoork Siitiin warra Mesii mallatteessifachuu yaalaa jiru jedhaman keessatti argamu.

  11. 'Barattoota Afaan Oromoon PhD barachuufi qorachuun seenaa dalagan'

  12. Gaarii bultanii?

    Tamsaasni Kallattii BBC Afaan Oromoo guyyaa Wiixataa eegale.

    Odeeffannoo wayitawaa jala jalaan isin biraan geenya.

    Nu hordofaa.

    Guyyaa gaarii!

    Nama daabee godhate
  13. Tamsaasni Kallatti har'aa xumurame.

    Tamsaasni kallattii BBC Afaan Oromoo har'aa xumurame.

    Wiixata ganama walitti deebina.

    Gaaritti!

  14. Quraanni Siwiidinitti gubachuun mufii kaase

    Konkolaataa fe'isaa mormitootaan gubate

    Madda suuraa, EPA

    Biyya Siwiidiin keessatti kanneen Quraanni gubachuu isaa mormuun daandiitti bahan poolisiitti bu'uun hookkarri dhalate.

    Namoonni 300’tti tilmaamaman poolisiitti kan bu’an erga finxaalessitoonni siyaasa mirgaa leellisan Quraana gubanii boodadha.

    Konkolaattonni yoo gubatan daawwitiin suuqiilee caccabeera. Kuni kan ta’e Magaalaa Kibba Swiidiin argamtuufi Maalmoo jedhamtee waamamtuu keessatidha.

  15. Covid-19: Itoophiyaan sochii ispoortii eegaluuf qajeelfama qopheessite

    Sababa weerara koronaavaayirasiin sochiin Ispoortii Itoophiyaatti dhorkamee ture eegalsiisuuf qajeelfamni dandeessisu qophaa'uu isaa Komishiniin Ispoortii Itoophiyaa beeksise.

    Komishinichi akka beeksisetti qajeelfama kanarratti qaamolee dhimmichi ilaallatu waliin mariin taasifameera.

    Deeggartoota garee Itoophiyaa

    Madda suuraa, Ethiopian Sport Commission

    Ibsa waa'ee suuraa, Deeggartoota garee Itoophiyaa
  16. UN baqattoonni 400 baraaraman hatattamaan akka gargaaraman gaafate

    Eejansiin baqattootaa UN baqattoonni 400 ta’an Galaana Meediteraaniyaan irratti dooniiwwan sadiin baraaraman akka simataman gaafate.

    Ibsi Dhaabbata Baqattootaa Addunyaa (IOM) waliin ta’uun baafame akka jedhutti, ‘‘gochaa lubbuu namootaa oolchuuf taasifamedha’’ jedheera.

    Baqattoota baraaraman
  17. 'Kosii gatuu bahe yoon deebi'u manni manca'eera'

    Torban muraasa dura ture dhoohinsi magaalaa guddoo Libaanositti lubbuu hedduu kan galaafate.

    Taateen daqiiqaa muraasaatti ta'e qabeenya hedduus mancaaseera.Kosii gatuu bahe yoon deebi'u wanta ta'e mudate sirreessuu hin dandeenye jedhu harmeen kuni.

  18. Siidaan MM jalqabaa Kaanaadaa 'duguuggaa sanyiin' himatamanii diigame

    Siidaa jigfame

    Madda suuraa, Getty Images

    Rogeeyyiin biyya Kaanaadaa magaalaa Moontiriyaal siidaa Ministira Muummee jalqabaa biyyattii Sar Joon A MaakDoonaaldi diigan.

    Bulchaan duraanii biyyattii kuni tarsiimoowwan hamaa dhuma jaarraa 19ffaa keessa namoota duraan naannoo sana turan fixe waliin maqaansaanii wal-qabata.

  19. Magaalota Awurooppaatti ''Covid-19 soba'' jechuun hiriirri mormii bahame

  20. Hindiin guyyaa tokkotti Covid-19’n namoonni hedduun qabamuun riikoordii cabsite

    Dooktara nama qorachaa jiru

    Madda suuraa, Getty Images

    Ibsa waa'ee suuraa, Hindiin amma yoonaatti namoonni miiliyoona 3.5 ta'an vaayirasichaan qabamuu beeksifte

    Lakkoofsi namoota Covid-19’n qabamanii miiliyoona 25 wayita darbe kanatti, Hindiin sa’aa 24 keessatti lakkoofsa olaanaa erga dhibeen kun eegalee as galmeessiftee jirti.

    Biyyi lakkoofsa ummataa biiliyoon 1.3 qabaachuun addunyaarraa 2ffaa irratti argamtu kun, guyyaa tokkotti namoonni 78,761 vaayirasichaan qabamuudha kan beeksifte.

    Erga weerarri kun jalqabee asis namoonni 63,000 dhibee kanaan lubbuu isaanii dhabuus himteetti.

    Hindiitti namoonni miiliyoona 3.5 vaayirasichaan kan qabaman yoo ta’u, kunis Biraaziiliifi US booda 3ffaa irra ishee kaa’a.

    Saffisni qorannoo harkifataa ta’e dhiibbaa vaayirasichaa guutummaatti mul’isaa hin jiru jechuun anga’oonni dubbatu.