Itoophiyaatti lakkoofsi namoota Covid-19n du'anii 828 gahe

Lakkoofsi namoota Itoophiyaa keessatti koronaavaayirasin qabamanii 53, 304 gaheera. Walumaa galatti namoonni 828 sababa koronaavaayirasii lubbuu dhabaniiru.

Haguuggii Tamsaasa Kallattii

  1. Arba du’a hiriyyaasheen gadditeef qorichi kennamuufi

    FIreedziyaa

    Madda suuraa, WARSAW ZOO

    Arba Afrikaa magaalaa guddoo Poolaand keessatti argamtuu Fireedziyaaf barri kun gaarii hin turre.

    Baatii Bitootessaa keessa arbi hangafti hoomaa Ernaa jedhamtu duunaan lakkoofsi arbotaa kunuunsa beeladootaa keessa jiranii sadii tahe.

    Keesumaa immoo duuti Ernaa hiriyyaashee Fireedziyaa gaddaa fi dhiphinaaf saaxile.

    Warreen arboota kana kunuunsan erga Ernaan duutee amalli Fireedziyaa geeddaramuu hubatan.

    ‘’Mallattoon dhiphinaa Fireedziyaan agarsiistu arba kaan waliin hariiroo uumuuf ishee rakkiseera.

    ''Arbooti hangafaa yeroo du’aan dhaban deebisanii bayyanachuuf ji’aa fi waggaa itti fudhachuu danda’a,’’ jetti hoggantuun dhaabbata kunuunsa arbaa Waarsaw Agneezkaa Kaazjuwaaskaa

    Akkanatti gadduun Fireedziyaa dhaabbatni kunuunsa bineelsootaa kun qoricha haaraa akka yaaluuf carraa baneera

    Hoggantuun dhaabbatich Agneezkaan dhangala’aan biqiltuu Kaanaabis irraa kan argamu yoo tahu dhiphina hir’isuu danda’a taanaan Fireedziyaa irratti yaaluuf jedhu.

    Dhangala’aan ‘CBD oli’ jedhamu kun hormooniiwwan serootooniin fi doppaamiin maddisiisan ni dammaqsa jedhameetu yaadama.

    Hormonniiwwan kun sammuu keessatti kan argaman yoo tahu mukaa’uufi dhiphina hir’isuutiin beekamu

    Arbi kun dhangala’aa kana fudhachuun kan jalqabaa yoo taatu hordoffiidhaafis nama hin rakkistu jetti hoggantuun dhaabbatichaa.

  2. Ashamaa!, Akkam jirtu?

    Gabaasa kallattii biraan deebinee jirra.

    Odeessaalee gaggabaaboo guutuu addunyaarraa arganne asii hordofaa. Kanneen biraaf ammoo marsariitii BBC Afaan Oromoo mil'adha.

    Yaada qabdan gama Facebook keenya nuuf barreessaa, Nagaan oolaa!

  3. Yeroon nagaa dhaammannu gahe.

    Tamsaasni kallattii BBC Afaan Oromoo Kibxata galgalaa xumurame.

    Roobii ganama walitti deebina.

    Halkan gaarii!

  4. Afrikaan pooliyoo 'waayild' irraa bilisa taate

  5. Taatoo fi daayirektara fiilmii Afgaanistaan rasaasaan haleelamte

    Saabaa Sahaar

    Madda suuraa, ULLSTEIN BILD/GETTY

    Ibsa waa'ee suuraa, Saabaa Sahaar

    Saabaa Sahaar Afgaanistaanitti dubartii jalqabaa daayirektara fiilmii yoo taatu, osoo konkolaataan imalaa jirtu irratti dhukaafameera jedhan qondaaltonni.

    Dubartiin ganna 44 tun hospitaala geeffamtus, miidhaan irra gahe ifa miti.

    Abbaan warraashee Emaal Zaakii osoo har’a hojiidhaaf Kaabul keessatti imalaa jirtutti hidhattoonni sadii konkolaataasheerratti dhukaasa banan jedha.

    Saabaan taatoo beekamtuu fi daayirektara fiilmii akkasumas falmattuu mirga dubartootaati.

    Yeroo konkolaataasheerratti dhukaasni banamu ishee dabalatee, eegdotashee lama, daa’imaa fi konkolaachisaatu ture.

    Eegdonni kan madaa’an yoo ta’u, konkolaachisaa fi daa’imni nagaasaanii ta’uu abbaan warraashee BBC’tti himeera.

    Obbo Zaakiin akka jedhutti, isaan manaa bahanii daqiiqaa shan booda sagalee dhukaasaa dhagahe. Yoo isheef bilbilu akka rasaasaan dhahamtee fi garaa keessa akka dhahamte natti himte jedha Zaakiini.

    “Yeroo ani bakkicha gahu hundisaaniiyyuu madaa’aniiru,” jedha. “Isheenis yaala sadarkaa duraa erga argatte booda gara hospitaala balaa tasaa achiinis gara hospitaala poolisii geessineen.”

    Saabaa Sahaar leenjii poolisummaa kan fudhatte yoo ta’u, ministeera hajaa biyya keessaa keessa hojjatti.

    Fiilmonnii fi sagantaaleen ishee haqaa fi malaanmaltummaarratti kan xiyyeeffataniidha.

    Aminsitii Intarnaashinaal akka jedhetti haleellaan wal fakkaataa taatotarratti, xiinxaltoota siyaasaarratti akkasumas falmattoota mirga namoomaarratti xiyyeeffatu biyyattii keessatti“baay’ee nama yaachisu” jedheera.

    Saabaa Sahaar fi abbaa warraashee

    Madda suuraa, EMAL ZAKI

    Ibsa waa'ee suuraa, Saabaa Sahaar fi abbaa warraashee
  6. Lammiileen Itoophiyaa harki caalu 'federaalizimii akka fedhan’ qorannoon agarsiise

  7. Itoophiyaatti lakkoofsi namoota Covid-19 qabamanii kuma 44 caale

    Itoophiyaan sa'aatii 24 darbanitti namoota 18,778'f qorannoo koronaavaayirasii taasiftee vaayirasichi namoota 1,545 irratti argamuusaa ministeerri fayyaa ibseera.

    Kanaanis lakkoofsi namoota Covid-19 qabamanii 44,688 gahe.

    Qorannoo sa'aatii 24 darban isa biraatiin ammoo namoonni haaraa 17 sababa Covid-19 lubbuusaanii kan dhaban yoo ta'u, hamma ammaattis namoonni 709 lubbuusaanii dhabaniiru.

    Gama biraatiin namoonni haaraa 534 yoo bayyanatan, walumaa galatti namoonni 15,796 bayyanataniiru.

    Haaluma wal fakkaatuun naannoon Oromiyaa sa'aatii 24 darbanitti namoota 3,578'f qorannoo koronaavaayirasii kan taasise yoo ta'u, namoota 211 irratti vaayirasichi argamuusaa Biiroo Fayyaa Oromiyaa ibseera.

    Naannicha keessatti hamma ammaatti namoonni 5,071 koronaavaayirasiidhaan qabamaniiru.

    Biyyattiin hamma ammaatti namoota 794,686'f qorannoo koronaavaayirasii taasiftee jirti.

    Ragaan Biiroo Fayyaa Oromiyaa kan Minsteera Fayyaa Itoophiyaatti dabalame kan bahedha.

    Haala Itoophiyaa
  8. Amma nu gahe, Afrikaan pooliyoo 'waayild' irraa bilisa taate

    Daa'ima talaallii fudhataaru

    Madda suuraa, AFP

    Afrikaan pooliyoorraa bilisa ta’uushee qaamni walabaa Komishiiniin Ragaa Naannoo Afriikaa jedhamu ibseera.

    Gosoota pooliyoo ‘Waayild’ [Wild Polio] jedhaman sadii keessaa lama kan badan yoo ta’u inni hafe Afrikaarraa baduutu ibsame.

  9. Ameerikaafi Sudaan ’tarree shorokessummaa keessaa bahuurratti mari’atan’

  10. Angoolaatti ijoolleen torba ‘seera Covid-19 kabachiisuuf jecha ajjeefaman’

    Mário Palma Romeu

    Madda suuraa, Mário Palma Romeu Family

    Humnoonni nageenyaa Angoolaa tarkaanfii Covid-19 ittisuuf bahe kabachiisuuf jecha Caamsaa fi Waxaajjii jidduutti ijoollee torba ajjeesuusaanii qorannoon Aministii Intarnaashinaal fi garee duula Angoolaa Omuungaa taasisaniin bira gahuusaanii ibsan.

    Ijoollee torba keessaa inni quxisuun daa’ima ganna 14 Maariyoo Palmaa Roomee, Maaritoo jedhamuun beekamu yoo ta’u, osoo suuqi deemu gaafa Caamsaa 14 ajjeefame.

    “Mucaan tokko madaa’ee osoo lafa ciisu rasaasni itti dhukaafame; inni kaan ammoo dhukaasa poolisiin bakka hiriyyoonni sochii ispoortiirraa jiran dhukaasetti ajjeefame.

    Dhiittaa mirga namoomaa akkanaaf labsiin yeroo muddamaa sababa miti,” jedhaniiru aayirektarri Aministii Intarnaashinaal Bahaa fi Kibba Afriikaa. Depiroos Mucheenaa.

    Ajjeechaan hundinuu magaala guddittii Luwaandaa keessatti kutaalee jiraattonni hiyeeyyii ta'an keessatti jiraatan keessatti raawwataman.

    Mucaan durumayyuu rakkoo fayyaa qabu tokko osoo maaskii hin godhatini poolisiin kan qabame yoo ta’u, innis akka adabbiitti akiroobaatii akka hojjatu ajajame, innis didee jennaan poolisichi mataasaarratti dhukaasa bane jedhu gareewwan mirga namoomaa kunneen.

    Innis hopsitaala geeffame lubbuunsaa darbite. Namoonni ollaasaa mucaan du'e sun rakkoo fayyaa onnee fi dhiibbaa dhiigaa akka qabu qondaaltotatti himaniiru.

    Ragaan qorannoo reeffaa hamma ammaatti hin baane.

    “Kaayyoon tatamsa’ina Covid-19 ittisuu lubbuu baraaruu fi lubbu eeguu ta’uu qaba. Yoo namoonni mootummaan ajjeechaa namootaaf sababa ta’an, kaayyoon kun ni caba,” jedha hogganaan Omuungaa Jo'aa'o Maalavindele.

    Aministiin qorannichi maatii fi hiriyyoota ijoollee miidhamaniirraa yaada fudhachuun taasifame jedheera.

    Innis ajjeechaa kanaaf miseensota Poolisii Biyyaalessa Angoolaa fi Humna Hidhataa Angoolaa harka keessaa qaba jechuun shakkiisaa ibseera.

    Gareen kun qorannoon qondaaltota biyyattiitiin taasifamu walaba kan hin taanee fi loogiirraa bilisa miti jedheera.

    Isaanis namoonni ajjeecha kana keessaa harka qaba dhiittaa mirga namoomaatiin seera akka dhiyaatanii fi maatiiwwan miidhamtootaa haqa akka argataniif waamicha dhiheesseera.

    Maxxansa X irra dabri
    Qabiyyee X hayyamtaa?

    Barreeffamni kun qabiyyee [social_media-site]n dhiyaatan qaba. Tarii 'cookies' fi teknolojiiwwan biraa fayyadamuu waan danda'aniif, osoo tokkoonsaa gadi hin buufamiin dura hayyama keessan gaafanna. Osoo hin simatin dura Ximaammata cookies fi imaammata mateenyaa dubbisuu barbaadda ta'a. Qabiyyee kana ilaaluuf 'waliigaluun itti fufi' filadhu.

    Hubachiisa: Qabiyyee marsariitiiwwan alaatiif BBCn itti gaafatamummaa hin fudhatu.

    Xumura maxxansa X

  11. Koronaavaayirasiin daree barnootaa gara kutaa horsiisa lukkuutti geeddare

  12. Afriikaa Kibbaatti lakkoofsi namoota Covid-19 qabamanii gadi bu'e

    Afriikaa Kibbaa

    Madda suuraa, Reuters

    Afriikaan Kibbaa sa'aatii 24 darbanitti namoonni 1,677 koronaavaayirasiin qabamuusaanii ibsitee, kunis eega ji'a Waxabajjii lakkoofsa namoota guyyaa tokkotti qabamanii isa xiqqaadha.

    Asiin dura guyyaa tokkotti namoota 15,000'tu vaayirasichaan qabama ture.

    Ogeeyyiin garuu lakkoofsi namoota vaayirasichaan qabamanii gadi bu'uunsaa yeroon hamtuun darbeera jechuu miti jedhu.

    Biyyattiin eega ji'a Bitootessa keessa namni jalqaba vaayirasichaan qabamuusaa mirkaneessite booda, namoota miiliyoona 3.5'f qorannoo koronaavaayiras taasiftee jirti.

    Ogeeyyiin akka jedhanitti,lakkoofsi gad bu'uunsaa "marroo lammaffaan" jiraachuu dhabuusaaf agarsiiftuudha jedhu.

    Ta'us garuu balaan vaayirasichaan saaxilamuu ammas akka jiruu fi namoonni tarkaanfiiwwan ittisa vaayirasichaa hojiirra akka oolchaniif akeekkachiisan.

    Guyyaa kaleessaa namoonni 100 yoo du'an, lakkoofsi namoota du'anii gara 13,000'tti ol guddateera.

    Biyyattii keessatti namoonni 611,450 koronaavaayirasiidhaan qabamaniiru jedha gabaasni Yuunivarsiitii Joons Hoopkiinsi.

  13. Ameeriikaa fi Chaayinaan marii daldalaa 'abdii qabu' gaggeessan

  14. Raashiyaan himannaa deeggartoota Aleeksi balaaleeffatte

    Masaraan mootummaa Raashiyaa himannaa deeggartoota Aleeksi Naavaalni balaaleeffate.

    Bulchiinsa pirezidantii Raashiyaa qeequun kan beekamu Aleeksi Navaalniin torban darbe gaafa Kamisaa eegalee summa’aaun isaa gabaafamaa ture.

    Guyyaa kaleessaa doktaronni hospitaala Jarman inni biratti wal'aanamaa jiru bu’aa qorannoo fayyaa isaa ifa yeroo godhanis ‘summaa’u hin oolle’ jedhaniiru.

    Aleeksi Naavaalniitin caasaa bulchiinsa Raashiyaatu summeesse himanni jedhu dhagahamus mootummaan balaaleeffateera.

    Dubbii Himaan mootummaa biyyattii Dimiitirii Peskoov himannaan sirriis miti, gurrayyuu itti hin kennine jedhan.

    Dabalataan, doktaroonni maaliif summaa’e jechuuf jarjarani jedhaniis gaafatan.

    Deeggartoonni isaa shayii buufata xiyyaaraa Toomisk dhuge yeroo turetti summaa’u hin oolle jedhanii shakku.

    Doktaroonni Jarman rakkoon fayyaa Aleeksi Navaalni 'lubbuuf kan yaaddessu miti' jechuun ibsaniiru

    Madda suuraa, Reuters

    Ibsa waa'ee suuraa, Doktaroonni Jarman rakkoon fayyaa Aleeksi Navaalni 'lubbuuf kan yaaddessu miti' jechuun ibsaniiru
  15. 'Hanga eegameen ol namoonni galmaa'aa jiru' - Komiishinii Filannoo Tigraay

  16. Majiliisni Itoophiyaa haleellaa masjiidaa fi ajjeechaa abbooti amantii balaaleffate

  17. Imala gara Sudaan MM Abiy Ahimad fi Ministira Haajaa alaa US Maayik Pompeewoo

    MM Abiy Ahmed, Ministira Haajaa Alaa US Maayil Pompeewoo

    Madda suuraa, AFP, Getty Images

    MInistirri Muummee Itoophiyaa Abiy Ahimad daawwannaa hojiif Kibxata ganama gara Sudaan qajeeluu waajjirri isaanii beeksisee jira.

    MM Abiy turtii isaanii Kaartuum ammaatiin pireezidantii mana maree walabummaa Sudaan Jeneraal Abdulfattaa al-Burhaan akkasumas MM biyyattii Abdallaa Hamdook waliin akka mari'atan eegama.

    Maxxansa X irra dabri
    Qabiyyee X hayyamtaa?

    Barreeffamni kun qabiyyee [social_media-site]n dhiyaatan qaba. Tarii 'cookies' fi teknolojiiwwan biraa fayyadamuu waan danda'aniif, osoo tokkoonsaa gadi hin buufamiin dura hayyama keessan gaafanna. Osoo hin simatin dura Ximaammata cookies fi imaammata mateenyaa dubbisuu barbaadda ta'a. Qabiyyee kana ilaaluuf 'waliigaluun itti fufi' filadhu.

    Hubachiisa: Qabiyyee marsariitiiwwan alaatiif BBCn itti gaafatamummaa hin fudhatu.

    Xumura maxxansa X

    Haaluma wal fakkaatuun ministirri haajaa alaa Ameerikaa Maayik Poompeewoo daawwannaa hojiif Kibxata Kaartuum akka galan eegama jechuun tajaajilli Oduu Sudaan gabaaseera.

    Maayik Pompeewoonis aanga'oota olaanoo Sudaan waliin akka wal arganii mari'atan gabaafameera.

    Deeggarsa Ameerikaa ce'uumsa Sudaaniif taasiftu, Sudaan tarree biyyoota shororkeessummaa deeggaranii jalaa baasuu fi hariiroon Sudaan Israa'el waliin qabdu dhimma ijoo marii aanga'oota Sudaan fi Ameerikaa ta'a jedhamee yaadama.

    Maayik Pompeewon dursanii gara Israa'eel imaluun aanga'oota biyyattii waliin mari'atanii turan.

    MM Abiy fi ministirri haajaa alaa US Maayik Pompeewoon guyyaa wal fakkaataa gara Sudaan imaluun aanga'oonni lamaan wal arganii mari'achuu malu jedhamaa jira.

    Dhimmi marii Hidha Haaromsaa Itoophiyaa biyyoota sadan jidduutti xumura osoo hin argatiin jiru, ajandaalee marii aanga'oota lamaanii keessa isa ijoo ta'uu mala.

  18. Booranni yeroo weerara Covid-19 Gumii Gaayoo eegale, Gumiin Gaayoo maali?

  19. Ameerikaatti poolisoonni fi namootni hiriira mormii bahan walitti bu'an

    Poolisii fi namootni erga namni gurraachi poolisiin rukutamee dheekkamuun hiriira mormii bahan Ameerikaa kutaa bulchiinsa Kenoshaa, Wiskoonsin, keessatti guyyaa 2ffaaf walitti bu’an.

    Poolisiin nama gurraacha Jeekob Bileek jedhamu erga rasaasaan rukuteeti mormiin kun kan jalqabe. Namni rasaasaan rukutame fayyaan isaa amma haala yaaddessaa keessa akka hin taane himameera.

    Poolisiin yeroo namni kun didee konkolaataa isaa keessa seenuuf jedhu irra deddeebiin rasaasaan rukute.

    Bulchaan naannichaa Toonii Eversi humna biyyaalessaa poolisii naannoo akka gargaraaniif waameera.

    Kunis bu’uuraalee misoomaa murtessoo tahan akka eeganiifi hiriirichi karaa nagaa akka gaggeeffamuuf jedhan.

    Namni kamuu mirga bu’uuraa isaa beekee aarii fi mufii qabu ibsachuu qaba jedhan.

    Bulchaan Kenoshaa seerota itti gaafatamummaa poolisii ilaallatan kanaan dura ifa godhan irratti turban dhufu mana mare waliin mari’achuuf waamicha taasisaniiru.

    Erga Joorji Filooyid poolisiidhaan Ameerikaatti ajjeeffameen as hirriiri mormii ajjeechaa poolisiin warra adii lammiilee gurraacha irratti raawwatu balaaleffatu bakka hedduutti gaggeeffamera.

    Ameerikaa, Wiskonsiin keessatti poolisiin namoota hirira bahan bittinse

    Madda suuraa, EPA

  20. Namichi Covid-19 sobadha jedhe haadha warraa isaa dhukkubichaan dhabe

    Namicha Haadha Warraa

    Madda suuraa, Facebook

    Filooriidaatti namichi Taaksii oofu kan koronaavaayirasiin sobadha jechaa ture haadha warraa isaa vaayirasichaan dhabe.

    Biraayan Lii fi haati warraa isaa Eriin vaayirasichi soba ta'uu intarneetii irraa dubbisanii turan.

    Sana booda qajeelfamoota ittisa dhukkubichaa fi gorsa ogeeyyii hojiirra oolchuu dhiisan. Maaskii uffachaa hin turre, waa'ee fageenya eeggachuus hin dhimmamani.

    Caamsaa darbe lamaan isaaniitu dhukkubsatanillee dafanii gara mana yaalaa hin deemne.

    Booda lamaan isaaniitu vaayirasichaan qabamuun isaanii mirkanaa'ee inni yoo dandamatu haati warraa isaa ganna 46 akka malee dhukkubsattee duute.

    Biraayan BBC'tti yoo dubbatu, "silaa jalqabarraa osoon gorsa dhagahee" jedhee gaabba. Haati Warraa isaa akka dhiifama isaaf gootullee abdata.

    "Kuni vaayirasii dhugumatti nama miidhudha. Waan darbe jijjiiruu hin danda'u, har'a qofan jiraachuu danda'a, fuulduraaf garuu wanta sirrii ta'e gochuun filadha," jedhe.