Itoophiyaatti lakkoofsi namoota Covid-19n du'anii 828 gahe

Lakkoofsi namoota Itoophiyaa keessatti koronaavaayirasin qabamanii 53, 304 gaheera. Walumaa galatti namoonni 828 sababa koronaavaayirasii lubbuu dhabaniiru.

Haguuggii Tamsaasa Kallattii

  1. Onneen kantibaa magaalaa Beeljiyeem faawonteenii keessaatti argame

    Saanduqa ziinkii xiqqoo onneen Pirii Deevid keessatti awwaalame

    Madda suuraa, VERVIERS.BE

    Onneen kantibaa jalqabaa magaalaa Beeljiyeem Viirvirs, Peeree Deevid 'dhagaa faawonteenii’ keessatti jaarraa tokko caaluf awwaalame argame.

    Peeree Deevid bara 1839 erga du’een booda onneen isaa dhagaa faawonteeni keessa bara 1883 olkaa’ame.

    Faawonteenii ykn siidaa bishaan miidhaginaaf yaa'u waliin tolfame wayita haaromfamu onneen isaa sanduuqa ziinkiirraa tolfamte xiqqoo keessatti kan argame.

    Magaalattiin Siidaa yaadannoo kabaja isaaf ta'u maallaqa walitti qabuun wayita ijaarsistu, eeyyama maatiisaatiin hakiimonni onneesaa fuudhuun siidaa sana keessa kaa'an.

    Amma sanduuqni kun gara goda hambaatti dabarfameera.

    Peeree Deevid wayita sanatti umrii ganna 68 kan du’e.

    Saanduqa ziinkii xiqqoo onneen Pirii Deevid  keessatti awwaalame

    Madda suuraa, VERVIERS.BE

  2. Dhaddachi dhimma Jawaarfaa ilaalu guyyaa guutuu akka ta'u jedhame

  3. Itoophiyaatti lakkoofsi namota Covid-19 qabamanii kuma 53 caale

    Itoophiyaan sa'aatii 24 darbanitti namoota 18,160'f qorannoo koronaavaayirasii taasisuun vaayirasichi namoota 1,173 irratti argamuu ministirri fayyaa biyyattii ibseera.

    Kanaanis lakkoofsi namoota biyyattii keessatti koronaavaayirasiin qabamanii 53, 304 gaheera.

    Gama biraatiin namoonni haaraa 493 kan bayyanatan yoo ta'u, hamma ammaatti namoonni 19,487 Covid-19 irraa bayyanataniiru.

    Sa'aatii 24 darban keessa namoonni haaraa 19 lubbuu kan dhaban yoo ta'u, walumaa galatti namoonni 828 sababa koronaavaayirasii lubbuu dhabaniiru.

    Biyyattiin hamma ammaatti namoota 928,453'f qorannoo koronaavaayirasii taasifteetti.

    Haala Itoophiyaa
  4. Amma nu gahe, Guyyoo Waariyoo gadi dhiifame

    Guyyoo Waariyoo

    Madda suuraa, OMN

    Gaazexeessaa OMN Guyyoo Waariyoo mana hidhaati bahuu maatiin BBC'f mirkaneessan.

    Manni Murtii Olaanaa Federaalaa dhaddacha kaleessatiin gaazexeessaa Guyyoo Waariyoo wabiin akka gadhiifaman murteessee ture.

    Abbaan alangaa Guyyoo Waariyoo irratti ragaa qabatamaa akka qabu himuun beellamni dabalataa akka kennamu gaafatee turus, manni murtii mirga wabii eegeefi akka bahu murteesse.

    Bu'uuruma kanaan har'a Kibxata Fulbaana 1 bara 2020 waaree booda mana hidhaatii baheera.

  5. Al- Bashiir bara 1989 mootummaa fonqolchuun murtiitti dhiyaatan

    Al-Bashiir namoota 27 wajjiin himataman biroo wajjin mana murtii Kaartumitti dhiyaatan

    Madda suuraa, ge

    Pireezidantiin duraanii Sudaan Omar al- Bashiir bara 1989 mootummaa fonqolchanii aangoo qabachuun himatamanii yeroo jalqabaaf mana murtiitti dhiyaatan.

    Omar al- Bashiir namoota himataman biroo wajjin iddoo shiboon dalleeffame keessa dhaabatanii, akkuma hidhamtoota birootti uffata adii uffatanii mul'atan.

    Omar al- Bashiir mormii itti jabaate hordofuun Ebla bara darbee qondaaltota waraanaa biyyattiin aangoorra bu'an.

    Sana booda malaammaltummaan himatamuun waggaa lamaaf akka hidhaman itti muramee ture.

    Pireezidantiin duraanii Sudaan al-Bashiir yakka sanyii duguuguun himatamanii mana murtii yakkaa idil- addunyaa ICCtti akka dhiyaataniif barbaadama turan.

    Hiriirtota isaan morman ajjeesisu, yakka waraana dalaguu fi Darfuuritti yakka farra dhala nama dalaguun himatamaniiru.

  6. 'Weerara lafaa Finfinnee' IZEMA'n qoradhe jedhu maali?

  7. Hakiimonni Naayijeeriyaa mormii hojii lagannaa jalqabuufi

    Harka hakiimaa meeshaa ittiin nama qoratan qabatee

    Madda suuraa, Getty Images

    Hakiimonni magaalaa guddoo Naayjeeriyaa, Abujaa jiraatan yeroo ‘hin murtoofneef’ Kibxata har’aa qabee hojii lagachuufi.

    Balaa yaalii Covid-19 raawwachuun dhufuuf kaffaltii hin qabnu kan jedhu immoo komii isaaniiti.

    Waldaan Hakiimota Rezidantii, qondaaloti hakiimota namoota sababii koroonaavaayirasiin adda baafamanii hospitaalaa fi wiirtuuwwan fayyaa keessa wal’aananiif kaffaltii kennuuf mootummaan waadaa seene hin raawwanne jedhan.

    Mormiin kun kan dhufe guyyoota 14 qondaalota kanaaf erga kennaniin booda tahuu himu.

    Hoggantoonni waldichaa, mootummaan kaffaltii hanga yoonaa hin kenninee fi guddina hojjettotaa boodatti qabe akka ilaalus barbaadu.

    Qondaaloti magaalaa Abujaa garuu hanga ammaa dhimma kanarratti deebii hin kennine.

    Haa tahu malee hakiimonni kunneen deebii hanga argatanitti hojiitti hin dachaanu jedhan.

    Naayijeeriyaa keessatti namootia 54,008 koroonaavaayirasiin yoo qabaman, 41,638 ammoo ya dandamatan,1013 ammoo lubbuu dhabaniiru.

    Abujaan, magaalaa daldalaa Leegoositti aanuun koroonaavaayirasiin badaa miidhamtee jirti. Lakkoofsi namoota vaayirasii kanaan qabamanis hir’achaa dhufeera.

  8. Dhohinsa Beeyruutiin 'harmeekoo duwwaa miti, hiriyaakoos dhabeera'

    Akeekkachiisa! Viidiyoon kun miira keessan jeequu mala.

    Hagayya 04, 2020 balaa dhohinsaa Libaanos buufata doonii magaalaa Beeyruuttiti mudateen, namoota 200tti siqan lubbuu dhaban keessaa tokko kan taate lammiin Itoophiyaa Iteenash Dachaasaa ishee tokko.

    Intallishee shamarree Qiddist Yetimgeetaa, ''harmeenkoo ALI Hagayya 9 nan dhufa jettee waadaa naaf galtee turte,'' jetti.

    Ibsa waa'ee viidiyoo, Balaa dhoohinsa Beeyiruut: Balaa kanaan 'harmee koo duwwaa miti, hiriyaa koos dhabeera'
  9. Zimbaabuweetti qonnaan bultootni adii lafa harkaa fuudhamee ture deebifachuuf

    Zimbaabuweetti qonnaan bultootni adii 3500 tahan lafa isaanii dhabani ture

    Madda suuraa, Getty Images

    Ibsa waa'ee suuraa, Zimbaabuweetti qonnaan bultootni adii 3500 tahan lafa isaanii dhabani ture

    Qonnaan bultootni adiin Zimbaabuwee lafti harkaa fuudhame akka deebifamuuf gaafachuufi.

    Mootummaan Zimbaabuwee qonnaan bultootni adii lafti isaanii bara 2000 hanga 2001 sababa sagantaa haaromsa lafaan harkaa fuudhame deebisachuuf gaafachuu danda’u jedhe.

    Akka ibsa ministeera Faayinaansii fi Ministeera Lafaa fi Qonnaatti, qonnaan bultootni lafa isaanii argachuu hin dandeenye bakka biraatii isaaniif kennama jedhan.

    Ministeerichi mootummaan xalayaa qonnaan bultootni gurraachaa biyyattii laficha ittiin fudhatan harkaa akka mulqu beeksiseera.

    Qonnaan bultootni lafti isaanii mootummaan jalaa fudhatamee ammas deebisachuu barbaadan ammoo waggaa 99’f liiziidhaan fudhachuu danda’u jedhan.

    Bara sagantaa haaromsa lafaa Zimbaabuwee qonnaan bultootni adii 3500 tahan lafa qonnaa isaanii dhabaniiru.

    Mootummaan Zimbaabuwee ji’a Caamsaa keessa beenyaa $3.5bn tahu qonnaan bultoota lafa isaanii dhabanii turaniif kaffaluuf waliigaleera.

  10. Lolaa cimaan lubbuu namoota 51 galaafate

    Rooba cimaan roobee lolaa uumameen lubbuun namoota 51 Niijer keessatti darbuu Rooyitarsi gabaase.

    Manneetiin 26,000 diigamuun namootni gara 280,000 tahan gargaarsa barbaadu jedhan pirezidaanti Mahaamaduu Isoofuu.

    Sudaanitti lolaan lubbuu galaafate

    Madda suuraa, Reuters

    Ibsa waa'ee suuraa, Sudaanitti lolaan lubbuu namootaa galaafate

    Sudaan keessatti namootni 89 sababa rooba cimaafi lolaan du’uu AFP’n qondaalota Sudaan wabeeffatee gabaasera

    Manneetiin 38,000 tahan manca’aniiru. Lagni Abbayyaa waggoota 100 dura akka beekamutti akka malee guutuu AFP’n ibsa ministeera bishaanii fi jallisii wabeeffachuun gabaasera.

    Nijeeritti lolaan lubbuu namootaa galaafate

    Madda suuraa, Reuters

    Ibsa waa'ee suuraa, Nijeeritti lolaan lubbuu namootaa galaafate
  11. Gambeellaatti gurmuun leencaa 'lubbuu namootaa galaafataa jira'

  12. Afrikaatti ijoolleen kuma 700 beela hamaaf saaxilamaniiru jedhame

    Dhaabbanni Tola ooltummaa 'Save the Children' Afrikaatti ijoolleen kuma 700 beela'aa jiru jedhe

    Dhaabbanni ‘Save the Children’ jedhamu biyyoota Afrikaa Saharaan gadii keessatti ijoolleen kuma 700 taahan sababa beela jabaan qarqara du’aatti argamu jedhe.

    Sababa uggura koronaavaayirasii ittisuuf biyyootni labsaniin jireenyi maatii hedduu gadi bu’eera. Nyaata madaalamaa argachuun baayyee qaalii fi ulfaataa tahera jedhe dhaabbanni kun.

    Dhaabbatichi ijoollee hanqina nyaata madaalamaan miidhaman kedduu Bahaa fi Kibba Afrikaa keessaa kilinika isaatti yaalii kennaaf akka jiru ibse.

    Weeraricha dura hawwaasni rakkoo keessa ture ammoo amma sababa lolaa hamaa, qe’eerraa buqqa’uu fi weerara awwaannisaa Baha Afrikaa keessaan amma hanqina nyaataaf saaxilamaniiru.

  13. 'Barnoota Sirna Gadaa eegaluuf hayyama eenyuuyyuu hin barbaachisu'

  14. Bidiruun tokko laga Naayil irratti dhidhimuun lubbuun namaa darbe

    Kaartaa Yugaandaa agarsiisu
    Ibsa waa'ee suuraa, Kaartaa Yugaandaa agarsiisu

    Dubartii tokkoo fi mucaan ishee Yugaandaatti osoo laga Naayil irra bidiruun imalaa jiranii dhidhimuun lubbuun isaanii darbe.

    Baha Jiinjaa jedhamutti gidduugala humna annisaa laga Naayil irra jiru daawwachuuf osoo imalaa jiranitti kan bidirittiin dhidhimte.

    Dubartii Suupper Shakiriyaa jedhamtu, abbaa warraa ishee Hasan Alwii fi ijoollee isaanii lamaan tahanii nama isaan daawwachiisu waliin madda laga Naayil daawwachuuf Dilbata galgala imalaa turan.

    Gidduutti motorri bidiruu sanaa tajaajila dhaabuun dhidhimte. Namni maatii kana oolchuuf yaalaa ture tokkos bishaanichaan fudhatamee ture.

    Loltootni hidha madda aannisaa eegaa turan Obbo Hasan Alwii, ilma isaa ganna 12 fi nama isaan daawwachiisaa ture lubbuun oolchaniiru.

    Hundi isaanii yaaliif hospitaala galaniiru. Dubbii himaan humna waraanaa Kaappiteen Edwiin Mawanda reeffi Suupper Shakiraa argamuu himuu,n kan miidhamaa biraa barbaadamaa jiraachuu himan.

  15. Booranatti namoonni dhibbaa ol foon gaala dhukkubsatee nyaachuun dhibaman

  16. Saa’udiin qondaalota ittisa biyyaa hojiirraa ariite

    Mootii Saalmaan

    Madda suuraa, Reutures

    Miseensota maatii mootii dabalatee qondaalotni Saa’udii hojiirraa ari’amaniiru.

    Mootiin Saalmaan Ilma mootii Fahaad bin Tarkii komaandara humna waloo Saa’udii fi Yaman kaasaniiru.

    Ilma isaanii Abdulaaziiz bin Fahaad bulchaa itti aanaarraa ka’aniiru.

    Namooti afur kaanillee dhimma maallaqa Minisitira Ittisa Biyyaa waliin wal qabatee qorannoon irratti gaggeefamaa jira.

    Ilmi mootii Mohaammad bin Saalmaan akka bulchaa biyyattitti ilaalamu malaamaltummaa hojjetame mormuun duulaa jira.

    Haa tahu malee hidhaan qondaalota olaanoo irratti taasifamaa jiru ilmi mootii kun aangoorra akka turuuf danqaa maqsuu irratti kan xiyyeeffate dha.

    Jalqaba waggaa kanaarratti Wall Street Journal, qondaalotni maatii mootii hidhamuu gabaasee ture, kunimmoo obboleessa mootii Ilma mootii Ahiimad bin Abduulaaziiz fi mootii duraanii Mohaammad Biin Naayeef dabalata.

    Bara 2017tti qondaalotni siyaasaa fi daldalaa hoteela Riitz Kaarlitan keessatti hidhamanii turan.

    Boodarra garuu doolaara biiliyoona 106.7 mootummaa Saa’uudiif kennuun bahaniiru.

  17. Gaarii bultanii?

    Tamsaasni Kallattii BBC Afaan Oromoo guyyaa KIbxataa ya eegale.

    Odeeffannoo wayitawaa jala jalaan isin biraan geenya.

    Nu hordofaa.

    Guyyaa gaarii!

  18. Itoophiyaatti namoonni Covid-19 du'an 800 caale

    Itoophiyaan sa'aatii 24 darbanitti namoota 19,364'f qorannoo koronaavaayirasii taasiftee vaayirsichi namoota 1,009 irratti argamuusaa ministeerri fayyaa biyyattii ibseera.

    Kanaanis biyyattii keessatti lakkoofsi namoota koronaavaayirasiin qabamanii 52,131 gaheera.

    Gama biraatiin namoonni haaraa 16 lubbuusaanii kan dhaban yoo ta'u, hamma ammaatti namoonni 809 sababa Covid-19 lubbuusaanii dhabaniiru.

    Qorannoo sa'aatii 24 biraatiin namoonni haaraa 612 vaayirasicharraa kan bayyanatan yoo ta'u, walumaa galatti namoonni 18,994 bayyanataniiru.

    Biyyattiin hamma ammaatti namoota 910,293'f qorannoo koronaavaayirasii taasiftee jirti.

    Haala Itoophiyaa
  19. 'US deggersi maallaqaa Itoophiyaaf akka hin kennamne kan dhorkite yeroodhaaf'

  20. Gaazexeessaan OMN Guyyoo Waariyoo mana hidhaatii bahe