Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.

Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi

Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf

Itoophiyaatti lakkoofsi namoota Covid-19n qabaman 39,000 caale

Itoophiyaatti sa'aatii 24 darbee keessatti namoonni haaraa 1,368 vaayirasichaan yoo qabamuun, 25 ammoo lubbuu dhabu Ministeerri Fayyaa ibseera. Haaluma kanaanis namoonni waliigalaa biyyattii keessatti vaayirasichaan qabaman 39,033 gaheera. Kanneen dhukkubichaan lubbusaanii dhabanis 662 gahuun barame.

Haguuggii Tamsaasa Kallattii

  1. Firaansi, Ispeen, Kooriyaa kibbaatti Covid-19 maaliif deebi'ee hammaate?

    Biyyoota Awurooppaa keessaa Firaans fi Ispeen biyyoota koronaavaayirasiin daran miidhamanii turaniidha.

    Biyyoonni kunneen weerara vaayirasichaa garmalee isaan darare jalaa dandamachuu danda'anii turan.

    Garuu amma deebi'ee vaayirasiin kun akkaan faca'aa jiraachuu himaa jiru.

    Firaans keessatti guyyaa tokkotti namoonni 700 kan qabaman yoo ta'u kunis erga Caamsaa darbeeti isa guddaadha.

    Ispeen keessattis haaluma kanaan lakkoofsi namoota qabamanii deebi'ee ol ka'aa jiraachuun kan gabaafame yoo ta'u sababiin weerarri kun deebi'ee hammaateef uggurri sochii laaffatuu fi namoonni daawwannaaf manaa yaa'uudha jedhameera.

    Weerara kana to'achuun dursitee milkoofte maqaanshee addunyaarratti dhahamee kan ture Kooriyaan Kibbaas Bitootessa darberraa kaastee facaatii vaayirasichaa hamaa keessummeessaa jirti.

    Sababni ammoo miseensonni Waldaa Kiristaanaa of-eeggannoo dagachuudha jedhameera.

    Akka biyyattiin jettutti lakkoofsi haaraan galmaa'e hedduun Mana Amantii 'Sarang Jeil Church' jedhamuun walqabata.

    ogeeyyiin fayyaa koronaavaayirasiin akkuma ispaanish Filuu marroo lammaffaaf addunyaa weeraruu mala jechuun akeekkachiisaa jiru.

  2. Humnoonni Puntilaand doonii Panaamaa to’achuu beeksisan

    Qondaaltonni bulchiinsa Somaaliyaa hamma tokko walabaan sochootu Puntilaand, dooniin Paanaamaa UAE irraa gara Moqaadishoo imalaa turte to’achuu beeksisan.

    Jalqabarratti dooniin kuni saamtota galaanarraan akka butamte gabaafamee ture.

    Ministirri Qurxummiifi Qabeenya Bishaanii Puntilaand Mohamud Saalah BBC’tti akka himanitti dooniin hojjatoota ishii 20 waliin to’atamte.

    Sababa isaa yoo ibsanis rakkoo godhattee qarqara galaanaa guyyaa sadii waan dhaabbatteef jiraattonni shakkii ibsachuu himan.

    Hunmnoonni Somaaliyaa doonii kana yaabuun ilaalan rakkoo teeknikaa ishee mudachu hubatan.

    Akkuma rakkoo ishee furteen bakka adeemu kaate imaluu dandeessi jedhan.

    Sochiin saamtota galaanarraa booda kana to’annoon waraanaa idil –addunyaa cimuufi kaaniin hiri’iseera.

  3. Afrikaatti manneen barnootaa deebi'anii banamuu qabu- WHO fi UNICEF

    Dhaabbanni Fayyaa Addunyaa fi UNICEF mootummoonni biyyoota Afrikaa of eeggannoo weerara koronaavaayiraasii barbaachisu gochuun manneen barnootaa deebi’anii akka banaman jajjabeessuu qabu jedhu.

    Manneen barnootaa yeroo dheeraaf cufamuun barattoota miidha jedhu.

    Mana wayita turan ijoolleen ol adeeman, ulfa hin karoorfamneef, jeeqamuu fi soorata dhabuufillee saaxilamu jedhu dhaabbileen kun.

    Kanaafuu mootummaan manneen barnootaa iddoo koronaavaayirasiin itti hin tatamsaane gochuurratti hojjachuu qaba jedha.

    Daarektarri Dhaabbata Fayyaa Addunyaa damee Afrikaa Dr Matishisoo Moyitii, manneen barnootaa Afrikaatti ‘iddoo ijoolleen itti dheessani/balaa jalaa miliqanii’’jedhaniiru.

    Tattaaffiin Covid-19 to’achuutti dhaloota ga’oomsuun dagatamuu hin qabu jedhan.

    Afrikaatti daarektarri UNICEF Mohaammad Fool, manneen barnootaa cufamuun egeree daa’immanii fi hawaasaa keessatti dhalatanii miidha jedhu.

    Afrikaatti ragaa biyyoota 39 irraa sassabameen, biyyoota 6 qofaatu guutummaatti manneen barnootaa deebise bane jedhu Dhaabbanni Fayyaa Addunyaa fi UNICEF.

    Biyyoonni muraasni weerarri vaayirasii daballaan,battaluma bananiitti deebisanii cufan, Kaan barattoota qorumsa xumuraa baay'ee murteessaa ta’e qofa qormaataaf dhiyeessan. Keeniyaan immoo guutummaatti bara barnoota 2020 haquun ni yaadatama.

  4. Biyya ijoolleen jaha guyyaa guyyaan ulfa itti baasan

  5. Dhagaa warqee 3.5 KG guyyaa tokkootti argame

    Kibba Awustiraaliyaatti namoonni albuuda qotan lama warqee hinqulqulloofnee kg 3.5 ulfaatu argatan.

    Warqeen doolara Ameeerikaa 250,000 baasu kunis iddoo guyyaa tokko keessatti argameefi kana dura ta'ee kan hinbeekamneedha jedhameera.

    Dhagaa warqee kana carroomanii kan argatan namoota albuuda warqee barbaadan Birent Shaanon fi Itaan Weest jedhaman wayita ta’an, bulchiinsa Victoriyaa buufata iddoo albuudni warqee qotamutti.

    Shaanon carraan akkasi jiraachu mala jedhe tilmamaa akka ture dubbate.

    Bara 2019 haaluma wal fakkaatuun warqee kg 1.4 ulfaatuu fi doolara Ameerikaa 69,000 Awuustiraaliyaatti argatee ture.

    Awustiraaliyaatti warqee qotuun bara1850 keessaa erga jalqabame biyyatti indastirii cimaa ta’ee itti fufeera.

  6. Qorannoon 'antibody' koronaavaayirasii ‘uummata balaaf saaxiluu danda’a’

    To'annoon dadhabaa qorannoo antibody-qorannoo namni tokko koronaavaayirasiin akka qabamee ture agarsiisu-uummata balaaf saaxiluu danda'a jechuun hakiimonni akeekkachiisan.

    UK Koolejjii Royaaliitti qorattoonni akka hogganaa fayyaa biyyattiif xalayaa barreessanitti, meeshaalee qorannoo koronaavaayirasii fayyadamtoota dhuunfaaf dhiyaatu irratti seerri akka cimuuf gaafataniiru.

    Xalayichi ‘ummata dogongorsiisuu fi namoota dhuunfaa balaarra’ akka hinbuufne akeekkachiseera.

    UK keessatti qorannoon antibody mana keessatti taasifamuuf waan mirkanaa’ee jiraachu baatulleen qorannoowwan baayyeen gabaarra jiru jedhameera.

    Namoonni antibody qabaachuunsaanii koronaan marsaa lammaffaa akka isaan hinqabne kan ittisu ta’uusaa waanti barame hinjiru.

    Kanaafuu xalayaa Ministira Fayyaa biyyattiif ergame kanaan tarkaanfiin hatattamaa akka fudhatamu gaafatame.

  7. Sababa lolaan lammiileen Itoophiyaa 'miiliyoona 2 ol miidhamu danda'u'

  8. Afrikaatti lakkoofsi namoota Covid-19n qabamanii hir’inna agarsiise

    Afrikaa keessatti lakkoofsi namoota haaraa koroonaavaayirasiin qabamanii gidduugalaan torbee darbe keessa hir’ateera jedhe Wiirtuun Ittisaafi To’annoo Dhukkubaa Afrikaa (CDC)n

    Torbee darbe lakkoofsi gidduugalaa guyyaa 10,300 yoo tahu, torbee isa dura jiru immoo 11,000 ture.

    Daariktarri dhaabbatichaa Dr Joohon Inkeengaasoong ‘’kun mallattoo abdiiti’’ jedhaniiru.

    Afrikaa keessatti hanga yoonaa namootni 1,147,369 vaayirasii kanaan akka qabaman gabaafameera. Kunneen keessaa walakkaa ol Afrikaa Kibbaatti kan argamani dha. Namooti 26,000 tahani illee lubbuu isaanii dhabaniiru.

    Dr Inkeengaasoong ‘’abdii kan nuu kenne lakkoofsa kana gadi buusuu jalqabneerra garuu reefu dha. Sababiinsaa vaayirasii dadhabaa garuu ammoo saffisaan tamsa’u waliini rakkachaa jirra,’’ jedhan

    Oduu kana hawaasni dhaga’e of eeggachuu akka hin dhaabnee fi tamsa’inaa vaayirasichaa ammallee to’achuu akka qabnu akeekkachiisan.

    Namoonni ammallee maaskii keewwachuu , fageenya ofii eeggachuu fi qoratamuu itti fufuu akka qaban yaadachiisaniiru.

    Afriikaan hanga yoonaa namoota miiliyoon 10 qorattee jirti, kun lakkoofsa uummata ardii kanaaf harka 1 qofa dha.

    Ardiin kun hanga barbaadamu namoota qorachaa waan hin jirreef faara tamsa’ina dhukkuba kanaa himuun ulfaataa dha ogeessonni jedhan immoo jiru.

  9. Tamsaasa keenya kallattii eegalle

    Hordoftoota BBC Afaan Oromoo, kunoo tamsaasa keenya harra ammaa eegalleera.

    Odeessaalee gagabaabaa biyya keessaafi addunyaa mara irraa ni argattu nu hordofaa.

    Olmaa gaarii isiniif hawwiina. Koronaavaayirasii irraa ofiifi maatii keessan eeguu hindagatiinaa.

  10. Gaabasa keenya har'aa goolabne!

    Gabaasni kallattii keenya guyyaa Kamisaaaa kanumaan goolabama.

    Jimaata ganama odeessaalee biyyaa keessafi alaa biroon walitti deebina.

    Nagaan Turaa!

    Mammaaksa Guyyuu BBC Afaan Oromoo keessa tokko Kunoo:

  11. Qondaalli paartii biyya bulchuu Zimbaabuwee dhiifama gaafatan

    Qondaalli gameessi paartii biyya Zimbaabuwee bulchuu marii mormitoota waliin Al Jazeera waliin taasisan irratti dubbii hin malle dubbachuusaanii dhiifama gaafatan.

    Tafadiziwaa Mugwaadi jedhaman daayirektara hawaasaa fi odeeffannoo paartii Zanu-PF yoo ta'an marii TV gubbaa irratti jechoota hin malle fayyadamuusaaniitiif dhiifama akka gaafatan ibsaniiru.

    Kanaanis, miidiyicha, lammiilee Zimbaabuweefi qopheessituu sagantichaa dhiifama gaafachuu isaanii ibsan.

    "Dabalataanis hoggantoota paartii keenya kan jechoota ani fayyadameen qaana'aniin dhiifama jechuu barbaada," jedhan.

    Akka qondaalli kuni ibsanitti mariin waan xumurame itti fakkaateetu dubbii boodarra itti qaana'an dubbachuu isaanii kan ibsan.

  12. Itoophiyaatti lakkoofsi guddaan namoota Covid-19 qabamanii galmaa'e

    Itoophiyaan sa'aatii 24 darbanitti namoota 21,456'f qorannoo koronaavaayirasii taasisuun vaayirasichi namoota 1,778 irratti argamuu ibsite.

    Guyyaa tokkotti lakkoofsi hammanaa yoo galmaa'u isa jalqabaadha.

    Kanaanis lakkoofsi namoota biyyattii keessatti Covid-19 qabamanii gara 35,836'tti ol guddateera.

    Gama biraatiin, qorannoo sa'aatii 24 darbaniin namoonni 20 yoo du'an, hamma ammaatti namoonni 620 sababa koronaavaayiras lubbuusaanii dhabaniiru.

    Namoonni haaraa 228 kan bayyanatan yoo ta'u, walumaa galatti namoonni 13,536 Covid-19 irraa bayyanataniiru.

    Biyyattiin erga vaayirasichi biyyattii keessatti mul'atee as namoota 694,093'f qorannoo koronaavaayirasii taasiftee jirti.

  13. Hogganaan paartii mormituu Raashiyaa 'summaa'e'

    Raaashiyaatti hogganaan paartii mormituu Aleksii Navalnii of wallaalee hospitaalaa seene.

    Shakkiin jirus summa'eetii kan jedhu akka ta'e dubbi himtuun isaa Kiraa Yarmish beeksiteetti.

    Sochii farra malaanmaltummaa kan gaggeessu Aleksii, balalii irratti kan dhukkubsate yoo ta'u xiyyarichiis hatattamaan akka bu'u taasiifamuu dubbatti.

    Summiin wayii shaayee isaatti makamee ta'uu hin oolu jedhanii akka shakkaniis dubbateetti.

    Hospitaalli inni itti yaalamaa jiru ammaaf wal'anamaa jiraatuus haala yaaddeessa keessa jira jedha.

    Aleksii Navalnii, ganna 44, Pirezidant Vilaadmiir Puutiniin qeequun beekama.

    Waxabajjii keessa heeraa biyyattii haaroomsuun 'fonqolchaafi heeraa caabsuudha' jechuun qeeqee ture.

    Haaromsi heeraa kun Puutiin maarsaa lama biraaf akka aangoorra turu kan taasisuudha.

  14. Eegdonni pireezidaantii itti aanaa Sudaan Kibbaa jaha ajjeefaman

    Eegdonni pireezidaantii itti aanaa Sudaan Kibbaa Jeems Waanii Iggaa jaha yoo ajjeefaman lama biraa ammoo madaa'aniiru jechuun dubbi himaansaanii Kaalistoo Laadoo BBC'tti himan.

    Yeroo konkolaataansaanii manasaanii kibba Juubatti argamu ibidditti qabamu Obbo Waaniin konkolaataasaanii keessa hin turre jedhan Obbo Laadoon.

    Konkolaataan eegdonni isaanii ittiin imalaa turan garee riphee loltootaa 'National Salvation Front' jedhamuun akka barbadaa'ee dubbatu.

    Gareen riphee loltootaa kun hamma ammaatti waan dubbate hin qabu.

    Obbo Waaniin pireezidaantota itti aanaa ta'an shan keessaa isaan tokko yoo ta'an, dhimma diinagdeerratti kan hojjatan.

    Sudaan Kibbaa walabummaashee bara 2011 kan argatte ta'us, biyya waldhabdee adda addaatiin waxalamaa jirtuudha.

  15. 'Qaamoleen nageenyaa tarkaanfii humnaa fudhachuurraa of qusachuu qabu'

  16. Manni Murtii Obbo Jawaar fa'i irratti ragaa dhaggeeffatu eegale

    Mana Murtii Federaalaa Sadarkaa Jalqabaatti dhaddachi Ramaddii Araadaa galmee Obbo Jawaar fa'i irratti jecha ragaalee Abbaa Alangaa dhaggeeffachuu eegale.

    Beellama har’aatin Obbo Jawaar Mahaammad, Obbo Baqqalaa Garbaa fi Hamzaa Adaana (Booranaa) dabalatee namootni saddeet dhiyaataniiru.

    Galmeen qorannoo duraa kuni kana dura sababa garaa garaan si'a sadiif guyyaa biraatti darbeera.

    Wiixata darbe Obbo Jawaar Mohaammad na dhukkube jechuun mana murtiitti dubbatanii ture.

    Manni murtiis adeemsa jirun yaala akka argan ajaja kan kenne.

    Kanumaan walqabatees abbaan alangee shakkamtooniifi abukaatoonni isaanii ragaaleen akka hin dhagahamne 'gufachiisaa' jiru jechuun himachuun ni yaadama.

    Akka ogeeyyiin seeraa jedhanitti qorannoo duraa waggoota booda kana manneen murtii Itoophiyaa keessatti hojiirra oolee hin beeku.

    Obbo Jawaar Mohaammadiifi kaan yakka afurin shakkee to'atu isaa poolisiin kana dura ibsuun ni yaadatama

  17. Shakkamtoota manni murtii akka gadhiifaman ajaje polisiin diduu danda'aa?

  18. Xiinxaltuun Iraaq Rihaam Yaaquub magaalaa Basraatti ajjeefamte

    Xiinxaltuun siyaasaa lammii Iraaq magalaa Basraa keessatti rasaasaan ajjeefamte.

    Dr Rihaam Yaaquub hiriira mormii mootummarratti taasifamaan tureen namoota hin beekamneen guyyaa kaleessaa ajjeefamte.

    Guyyaa Jimaata darbes xiinxalaan Tahseen Usmaan jedhamu kan ajjeefame yoo ta’u, mormitoonni namootni ajjeecha kana duuba jiran akka seeratti dhiyaatan gaafataniiru.

    MM Musxafaa al-Kaadhiimii qondaala poolisii dhimmashee hordofaa turee fi isaan kaan aangoorraa kaasaniiru.

    Obbo Kaadhimi qondaala humna tikaa kan turan yoo ta’u, ji’a Caamsaa keessa ture kan gara aangoo MM’tti dhufan.

    Isaanis eega MM duranii sababa hiriira mormii magaalota akka Baagdaad, Basraa fi magaalota kibbaatti taasifaman boodadha.

    Osoo weerarri Covid-19 Iraaqitti hin mul’atin dura lammiileen hedduun malaanmaltummaa, hoji dhabdummaa, tajaajila hawaasummaa fi giddu galummaa biyyoota biroo biyyattii keessatti taasisaa jiraniin dallansuusaanii ibsuuf daandiitti bahaa turan.

    Hiriira mormii irratti mormitoonni 500 ol humnoota waraana mootummaatiin ajjeefamaniiru. Namoonni kumaatamatti laakka’aman ammoo madaa’aniiru.

    Obbo Kaadhimii isaan mormitoota ajjeessan seeratti akka dhiyaatanii fi maatii miidhamtootaaf ammoo doolaraa 8,380 akka kennan himaniiru.

    Dabalataanis Waxabajjii itti aanuu filannoo mana maree yeroo itti taasifamuudha jedhaniiru.

  19. Gaazexessaan Keeniyaa Yaasiin Jumaa gadhiifame

  20. Taateewwan ajjeechaa Haacaaluu booda mul'ataa jiran maal akeekuu?