Dargaggoonni sadeen gosa qawwee AK47 fannifatanii turan osooo itti hin yaadin iddoo bashannanaa qabeenya dhuunfaa Pireezidaanti Tiraamp ta'e 'Mar-a-Lago' jedhamu keessatti of argan.
Osoo taateen kun hin dhalatin dura konkolaataa naannawa bakka bashannanaa kana dhaaban keessa turan, dargaggoonni kunneen.
Wayita poolisiin naannawa sana turan gara konkolaataasaaniitti qajeelan naasudhaan utaalanii mooraa mana bashannanaa sana seenan.
Dargaggoonni umuriinsaanii waggaa 15 kunneen boodarra barbaadamanii akkuma meeshaasaanii fannifatanii jiranitti iddoo kana keessatti argaman.
Iddoon bashannanaa kun yeroo ammaa cufamee waan jiruuf wayita taateen kun raawwate Pireezidanti Tiraamp achi hin turre.
Osoo maatiin Tiraamp achi keessa jiraatanii eegdonni isaanii dargaggoota kunneen haleelanii turan kan jedhu poolisiin, kun ta'uu dhabuusaatiin ijoolleen kunneen carraa qabu jedheera.
Namoonni maqaansaanii haga ammaatti hin beekamin kunneen meeshaa waraanaa qabatanii mooraa namaa seenuu, hookkarri osoo hin ka'in seeraan to'atamuu diduu fi meeshaa waraanaatiin yakka raawwachuuf yaaluusaaniitiin himatamaniiru.
Erga Pirezidaanti Tiraamp bara 2017 aangoo qabatanii iddoo bashannanaa kana osoo hin affeeramin seeraan ala seenuun yeroo hedduu mudateera.