Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.

Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi

Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf

Namoonni Itoophiyaatti koronaavaayirasiin irratti argame 11,500 caale

Itoophiyaa keessatti koronaavaayirasiin erga mul’atee kaasee kan Adoolessa 22, 2020 kan qabaman 452 dabalatee kuma 11,000 darbeera.

Haguuggii Tamsaasa Kallattii

  1. Kallattiin - ragaa addunyaarratti namoota Covid-19'n qabamaniifi du'an mul'isu

  2. Tamsaasni kallattii xumurame!

    Tamsaasni kallattii BBC Afaan Oromoo guyyaa Roobii kanumaan xumurame.

    Kamisa ganama walitti dachaana.

    Gaaritti.

  3. Hospitaalonni Madagaaskaar dhukkubsattoota Covid-19 ‘dhiphatan’

    Qondaltoonni hospitaalota magaalaa guddoo Madagaaskaar Antanaanarivoo keessatti argaman weerarri vaayirsichaa tibbana hammaachuu isaatiin muddama keessa seenu ibsan.

    Pirezidantiin Madagaaskaar Andirii Raajolinaa kana dura biyyisaanii tatamsa’ina vaayirasichaa to’atte jechaa turan.

    Sirumayyuu, dawaa biqiltuurraa cuunfame dhuganii ‘Covid-19 ni ittisa’ jedhanii otoo fayyisuu danda’uun hin mirkaneeffamiin namoonni biroos akka dhugaan jajjabeessaa turan.

    Yeroo ammaa ministeerrii fayyaa biyyatti dhaabbileen gargaarsaa meeshaalee qorannoo, ittisaa fi hargansuurratti namoota gargaaran deeggarsaan akka gumaachuuf xalayaa barreessanii ifatti gaafataniiru.

    Daarektarri hospitaala mootummaa magaalaa Antanaanarivootti argamu namoota 46 wal’aanuu fi iddoo namoota 4 gahu qofaan akka hafee ibseera.

    Hooggansi hospitaala kan biraas, yeroo hundumaa lakkoofsi namoota dabaluusaatiin hospitaalichi dhiphataa jiraachuu ibse.

    Otoo weerarri dhibichaa hir’achuu hin eegaliinu, dhaabbileen fayyaa biyyatti dhukkubsattootaan dhiphachaa jiraachuu bakka bu’aan Dhaabbata Fayyaa Addunyaa biyyatti jiran akeekkachisaniiru.

    Namoonni 7,500 vaayirasichaan kan qabaman yoo ta’u, harki caalaan isaanii ji’a darban qabamuu isaaniitu ibsame.

    Weerarri vaayirasichaa dabaluusaatiin, magaalaa guddoo biyyatti fi ollaatti ugguri sochii labsameera.

  4. Sababni xiyyaarri Itoophiyaa Chaayinaatti gubatef qoratamaa jira

  5. Namoonni dabalataa 452 Itoophiyaatti Covid-19’n qabaman, 8 du’an

    Ministeerri Fayyaa qorannoo 7,294 sa’aatii 24 keessatti taasiseen namoota 452 irratti vaayirasichi argamuu ibse.

    Kanneen keessaa 301 Finfinnee, Gambeellaa 34 Tigraay 32 Afaar 21, Oromiyaa 19, Somaali 12 Kibba 17 lakkoofsa namoota qabamaniiti.

    Gama biraan, namoonni 58 bayyanataniiru. Namoonni dabalataa 8 immoo lubbuu dhabuu ministeerichi ibseera.

    Lakkoofsi waligalaa vaayirasichi irratti argame 11,524 gaheera.

  6. Namni Mandeellaa wajjiin himataman du'aan boqotan

    Qabsoo farra appartaayidirraatti Nilsan Mandeellaa wajjiin namni himataman ganna 95'tti du’an.

    Rogeeyyii qabsoo farra appaartaayidiif balleessaa dalaganiiru jedhamanii himataman keessaa nama tokkicha lubbuun hafan turan.

    Dhaddachi isaan irratti dhiyaatanitu Nilsan Mandeellaan addunyaatti akka beekaman taasise jedhame yaadama.

    Maanguddoon kun garaa keessa erga dhukkubsatani hospitaala waraanaa Piritooriya seenanitti du’an.

    Duutisaanii ‘seenaa dhaloota tokkoo kan golabee fi ergeree keenyaa nurratti dhiise’ jedhan pirezedantiin Afrikaa Kibbaa Saayiriil Ramafoosaan.

    Seenan Milanginii barreeffame akka agarsiisutti, Maandellaan rogeeyyii qabsoo farraa appaartaayidii shan Chaayinaatti akka leenji’aniif filataman keessaa tokko turan.

    Leenjii isaaniis boombii tolchuu, tooftaa iccitiin haasa’uu dandeessisu leenji'uuf filataman. Bara 1963 gara Afrikaa Kibbaatti erga deebi’aniis ANC keessatti miseensa gaggeessitoota waraana olaanoo keessa turan.

    Bara qabsootti akka qeesiitti Afrikaa Kibbaa keessa marsuun dargaggoonni leenjii loltummaa biyyoota biraatti akka argartan taasisan tura.

    Boodarra qabamanii hidhamuun biyya ganuudhaan himataman. Waggoota 26 dararaa jabduu mana hidhaa odola Roobiin erga arganiii booda bara 1989 hidharraa gad dhiifamanii turan.

    Amma lubbuun darbanitti miseensa paarlamaa kan turan yoo ta’u, Sowetoo jiraataa turaan.

  7. Bishaan hidha keessatti walitti qabame bara dhufu ‘annisaa maddisiisa’

  8. Laayibeeriyaan uggura labsitee turte kaafte

    Pirezidaantiin Laayibeeriyaa Joorj Wihaa labsii yeroo muddamaa sababa weerara koronaavaayirasii ji'a Ebla labsanii turan kaasan.

    Isaanis loltoota labsii muddamaa hojiirra oolchuuf bobo'anii turan gara kaampiisaaniitti akka deebi'an ajajaniiru.

    Ajajni kunis eega pireezidaantichi hordoftoota amantii Kirstaanaa waldaa dhuunfaasaanitti argamaniif biyyattiin uggura keessa akka turtuuf hin hayyamu jedhan booda kan darbarsaniidha.

    Pireezidantichi labsiin yeroo muddamaa kaafame kun yeroo lammiilee amalasaanii jijjiiranii tatamsa'inna Covid-19 irraa of eegan ta'uu qaba jedhaniiru.

    Uggurri kaafamuunsaa namootaaf abdii ta'us lakkoofsi namootaa biyyattii keessatti Covid-19 qabamanii osoo uggurri turees hin hir'isne.

  9. Lammiileen mootummaa mormuun Jenevaatti hiriira bahan

    Hawaasni Oromoo biyya Siwitzarlaand argamu waajjira muummee UN magaalaa Jenevaatti argamu fulduratti bahun mormii isaanii dhageessisan.

    Waajjirri UN Jenevaa jiru waajjiroota ijoo UN afur keessaa guddinaan lammaffaadha.

    Ajjeechaa Hacaaluu Hundeessaa hordofee hiriironni akkanaa biyyoota Awurooppaa, Ameerikaa akkasumas Awustiraaliyaatti bahameera.

    Kanneen hiriira bahan ajjeechaan hacaaluu qaama walaba ta'en akka qoratamu, akkasumas hoggantoonni siyaasaa hidhaman akka hiikaman gaafatu.

    Dabalataan, MM Abiy Ahimad aangoorraa akka ka'an kan gaafatanis turani.

    Bakkeewwan MM Abiy deeggaruun hiriirri taasifames ni ture.

    MM Abiy erga waggaa lama dura Ameerikaatti imaluun hawaasa waggaa dheeraaf mootummaa qeeqaa ture waliin araaraa uumani as umanni hammanaa mormiif daandiitti yoo bahu kan duraati jechuun danda'ama.

  10. Itoophiyaan hidha Abbayyaa bishaan guutuu himte; yaadota kennaman

    Ministirri Muummee duraanii Haayilamaariyaam Dassaalany yeroo gabaabaatti hidhi ijaarame bishaan guutuu isaan gammadu isaanii ibsan.

    Ogeessa haayidirolojistii kan ta’an Obbo Haayilamaariyaam ijaarsi amma hidhi itti jiru tarbaayinii jalqabaa lama sochoosun elektirikii maddisiisa jechuun himan.

    Kanaafis, MM Abiy dabalatee, Obbo Gaddu Andaargaachaw, Injinar Silashii Baqqalaafi lammiilee Itoophiyaa hundaa galateeffataniiru.

    Itoophiyaan guyyaa kaleessaa ture hidha abbayyaa guute jettee ifatti kan himte.

    Ministirri Bishaan, Inarjiifi Jallisii Itoophiyaa Dr Injinar Silashii Baqqalaa gammachuu isaanii ibsaniiru.

    Injinar Silashiin hidhi Abbayyaa A.L.I Adoolessa 12, 2012 halkan keessaa sa'aatii 4:00tti bishaan barbaachisu guutamuu himan.

    Osoo bishaan gadi yaa'u hin hanqatin hammi bishaan Itoophiyaan qabachuu yaadde milkaa'uu ibsan.

    Pirezidantiin Itoophiyaa Saahilawarq Zaawudellee gammachuu isaanii ibsuun ergaa dabarsaniiru.

    Ministirri Barnootaa Dr Injinar Getaahun Makuriyaas kanneen gammachuu isaanii ibsan kessaati.

    Kantibaan Itti-aanaa magaalaa Finfinnee Injinar Taakkala Uumaallee ergaa baga gammaddani dabarsaniiru.

    Ministeerri Dhimma Alaa Itoophiyaa dhimma marii hidha Abbayyaa Sudaaniifi Masrii waliin taasifamu olaantummaan kan gaggeessaa turedha.

    Ministirichi Obbo Gaddu Andaargaachaw 'injifannoodha' jechuun ibsan.

  11. Manni murtii Keeniyaa Naayirobii sababa Covid-19 cufame

    Manni murtii magaala guddoo Keeniyaa Naayrobii keessa jiru hojjattoonii isaa erga koronaavayirasiin qabamanii booda cufameera.

    Manni murtii Makadaaraa torban lamaaf kan cufame yoo ta’u, hojjattoonni hundi akka adda of baasaniiru.

    Xalayaan mana murticharra hojjatootaaf ergamee miidiyaa hawaasummaa irratti qoodame akka agarsiisutti, qorannoon jumlaa akka gaggeeffamuuf ministirri fayyaa kan qunnamame ta’us haqinni tajaajila qorannoo akka jiru ibsaameera.

    Manni murtii magaalaa Mombaasaa jirus haala wal fakkaataa cufamee kan ture yoo ta’u erga hojjatonni dhibee kanaaf saaxilaman vaayirasichaarra bilisa ta’uun barame booda deebi’ee banameera.

    Keeniyaa Istaar Tiwiitara gubbatti maxxanseera.

  12. Sirna badhaasa Noobeelii bara kanaarratti jijjiiramni ta'e

    Faawundeeshiniin Noobeelii sirni badhaasaa bara kanaa sababa weerara Koronaavaayirasiin akka duriitti akka hin raawwatamne beeksise.

    Badhaasonni Noobeelii bara kanaa ji'a shanii booda Mudde keessa magaalota Osloo fi Istookhoolmitti walirraa fageenye namaa akka eegamutti dhorkaawwan dabalataa waliin raawwatamuu jechuun ibsa baaseera.

    Badhaafamtoota bara kanaa keessaa tarii muraasni ykn ammoo tokkoon isaaniiyyu bakka badhaasni kennamutti hin argaman jedheera.

    Embasii fi waajjiiraaleen Qoonitsilaas badhaasota kana badhaafamtotaan gahuus jedhameera. Kanaan dura adeemsi akkasii kan hordofame wayita badhaafamaan qaaman argamuu hin dandeenyedha.

    Sirni irbaata Noobeelii yeroo kaan Istookhoolmitti gaggeefamus bara kana hin gaggeefamu.

    Sirni kun erga bara 1956 yeroo duraaf haqamuu isaati.

  13. Chaayinaan Qonsilaashee Teksaas jiru akka cuftu Ameerikaan ajajje.

    Chaayinaan Qonsilaashee Teksaas magaalaa Hiyustan jiru akka cuftu Ameerikaan ajajje.

    Ministeerri Dhimma alaa Ameerikaa murtoon kun kan fudhatame Ameerikaan qabeenya, odeeffannoo fi beekumsashee tiksuu waan barbaaddeefi jedhe.

    Dubbii himaan ministeera Dhimma Alaa Chaayinaa Waangi Weenbiin, murticha ‘’kan nama qaanessuufi sababa amansiisaa hin qabnedha’’ jechuun ibsan.

    Ibsi kun kan kenname erga namootni eenyummaan isaanii adda hin bane mooraa qonsilichaa keessatti yeroo waraqaa guban viidiyoon waraabamaniiti.

    Wal dhabdeen Chaayinaa fi Ameerikaa daran hammaachaa dhufeera. Bulchiinsi Doonaaldi Tiraampi dhimma daldalaa fi weerara koroonaavaayirasii irratti Beejingi waliin walitti bu’aa turaniiru.

    Dabalataan seera tikaa Chaayinaan Hongi Koongi keessa diriirsite irrattis biyyootni lameen wal dhabaa turan.

    Biiroon Haqaa Ameerikaa, Chaayinaan namoota talaallii Koroonaavaayirasii hojjetan jalaa odeeffannoo akka hataniif namoota maallaqaan deeggarte qabdi jechuun himateera.

    Lammiilee Chaayinaa lama kaampanota Ameerikaa talaallii koroonaavaayirasii irratti qorannoo gaggeessan basaasan jedhanis himataniiru.

  14. Saamudi Covid-19 Afrikaa Kibbaatti hatame yaaddoo uume

    Afrikaa Kibbaa, Poort Elizaabetitti konkolataan saamuda Covid-19 qabatee ture erga samaamee booda poolisiin qorannoo eegaleera.

    Konkolaataan kun kan saamame Wiixata kilinikaa fuldura dhaabbatee utuu jiru ta’uu miidiyaa SABC gabaaseera.

    Saamudooti konkolaataa kana keessa qodaa cabbiin guutamee keessa kaa’amanii turanis hatamaniiru.

    Aanga’oonni fayyaa biyyaatti dhibee kanaan qabamuu waan danda’anif saamtoti kunis ta’e namni biraa saamuda kana akka hin tuqnee akeekkachiisuu isaani news24 gabaaseera.

    Dabalataanis anga’oonni fayyaa namoota meeqafa akka irra deebiin qorannoo gaggeessuu qaban adda baasuuf saamudi meeqa akka hatame qorachaa jiru.

    Afrikaa Kibbaa keessatti namoota miiliyoona 2.5 ta’aniif qorannoon koronaavayirasii taasifameera.

    Lakkoofsa namoota Covid-19 qabamanii 381,798 qabaachuun Afrikaan Kibbaa ardii Afrikaa tokkoffaarra jirti.

  15. Xiyyaarri fe'isaa Itoophiyaa Shaangaayitti gubate

    Xiyyaarri fe'isaa Daandii Qilleensa Itoophiyaa Booying 777 Chaayinaa buufataXiyyaaraa Shaangihaay keessatti bakkuma dhaabatetti gubachuun dhagaahame.

    FBC'n akka gabaasetti xiyyaarichatti meeshaaleen fe'amaa wayita turetti balaan kun mudate.

    Daandii Qilleensa Itoophiyaarraan dhagahe jechuun, hojjettootni xiyyarichaa hunduu nageenya gaariirra jirachuus gabaaseera.

    Daandiin Qilleensa Itoophiyaa ibsa fuula Tiwiitera isaarratti baaseenis, Xiyyaarri fe'isaa (Kaargoo) kun hojiisaa idileef Shangahirraa ka'ee karaa Finfinneerra goruun gara Saawo Pooloo-Saantiyaagootti balali'uuf osoo fe'ataa jiruutti ibiddi itti qabate jedheera.

    Daandiin Qilleensa Itoophiyaas qaamolee ilaallatu waliin tumsuudhaan balaa ibiddaa dhalate sana dhaabsisuun danda'ameera jedheera.

  16. Daandiileen qilleensaa balalii eegaluuf gargaarsa USfi Awurooppaa gaafatan

    Daandileen qilleensaa gurguddoo balalii US fi Awurooppaa gidduu jiru eegaluuf jecha malli qorannoo koronaavayirasii waliini akka uumamu gaafataniiru.

    Abbootiin qabeenya Daandii Qilleensaa Biritish fi Yunaayitid dandilee qilleensaa xalayaa mallatteessuun hoggantoota USfi Gamtaa Awurooppaaf (EU) ergan keessa jiru.

    Ammatti imalli Awurooppaafi US gidduu jiru hedduminaan dhorkamee jira.

    Dandileen qilleensaa sababa weerara koronaavaayirasiin imallii addunyaaa waan hedduu hir’iseef dinagdeen midhamanii jiru.

    Xalayaa Kibxata USfi mootummoota Awuroppaaf erganiin hoggantoonni dandilee qilleensaa gurguddoon imaltoota US-EU’f malli qorannoo akka qophaa’u gaafataniiru.

    Xalayaan kui Pirezdaanti Itti-aanaa US Maayik Peensifi hoggantuu EU Yilvaa Johaansaniif ergame.

    Gamtaan Awurooppaa ammattii biyyootii koronaavayirasiin hedduu hin miidhamne 15’f qajeelfama imalaasaa laaffisus jirraattoota US’f garuu imala hin eeyyamu.

    UKn ammoo namooni US irraa imalan guyyaa 14f akka adda of baasaan taasisa.

    US ammoo imala Awurooppaa hedduu dhorkitee jirti.

  17. 'Miidhaan ajjeechaa Haacaaluutiin booda qaqqabe kan sabaan qoodee hin turre'

  18. Talaalliin abdachiisaa jedhame Afrikaa dafee qaqqabaa?

    Qorattootni UK fi biyyoota kaaniis talaalliiwwan dandamannaa qaama namaa Covid-19 dabalu tajaajilaaf dhiyeessuutti dhiyaachuu ibsaa jiru.

    Talaalliin kun yoom tajaajilarraa akka oolu hanga ammaatti ibsamuu baatus, eenyufaatu dura argata? Ekkamittiin qoqqoodama? Kan jedhu dubbii ta'aa jira.

    Gaaffii talaalliiwwan kunniin yoom Afrikaa qaqqabu jechuun dhiyaaterratti deebii kan kennan saayintistiin dhibeewwan daddarbanii biyya Kaanaadaa Dr. Ayiizaak Boogooch talaallichi ''addunyaa guutuutti qixxee raabsamaa'' jedhan.

    ''Biyyoota sooressaa qofti argatanii uummata isaanii akka taalalan hin ta'u'' jedhan.

    Ammatti addunyaa guutuutti talaaliiwwan kun akkamiin raabsamu kan jedhurratti mariin godhame hin jiru kan jedhan ogeessi kun, namni kana keessaa boodeetti hafu kan hin jiraanne ta'uun hedduu barbaachisaadha jedhan.

    Hunduu akka talaalli kana argatu gochuuf garuu Dhabbatni Fayyaa Addunyaafi Kaampaniiwwan talaallicha omishan waliin haasaan eegaleera jedhan.

    Dhuma waggaa kanaatti garuu talaallin kun tajaajila kennuuf ulaagaa hunda xumuruu mala jedhamee yaadama.

  19. Namoonni Aanaa Jibaatitti to'ataman nyaata lagachuu maatiin himan

  20. Af-yaa'iin Mana Maree Ameerikaa koronaavaayirasii 'Vaayirasii Tiraamp' jechuun yaamte

    Garee warra Dimokiraatotaa kan taateefi Af-yaa'iin Mana Maree Ameerikaa Naansii Peloosii tarkaanfii Pirezedant Doonaald Tiraamp koronaavaayirasii to'achuuf fudhatan yeroo qeeqxutti koronaavaayirasii 'Vaayirasii Tiraamp' jechuun waamteetti.

    Naansii Peloosii kan kan jette erga Pirezedaant Tiraamp lammiilee Ameerikaa akka maaskii godhataniif hubachiisaniin boodadha.

    Tiraamp vaayirasichi hir'achaa osoo hin taane dabalaa akka deemullee amananiiru.

    Peloosiin har'a CNN irratti yeroo dubbattu, "Pirezedaantichi yaada har'a kennaniin tarkaanfiiwwan weerara vaayirasichaa to'achuuf fudhatan irratti akka dogogoran amananiiru. Tarkaanfiin inni fudhate tatamsa'ina vaayirasichaa dhaabsisuu osoo hin taane gara sadarkaa hamaatti ceesiseera," jetteetti.

    Kanamuuf, Peloosiin koronaavaayirasii 'Vaayirasii Tiraamp' jechuun dubbatteetti.

    Pirezedaant Tiraamp ammoo kanan dura koronaavaayirasii 'Vaayirasii Chaayina' jedhamee waamamuu akka qabu falmaa turuun isaa ni yaadatama.