
Madda suuraa, Fuula UN Kimishinii Mirga Namoomaa
Ibsa waa'ee suuraa, UNtti Komishiniin Mirga Namoomaa haala hookkara Itoophiyaa keessatti ajjeefamuu weellisaa Haacaaluu booda uumame irrattiibsa kenne.UNtti Komishiniin mirga Namoomaa Humnootni nageenyaa Itoophiyaa tarkaanfii
humnaa jabaa fudhachuu irraa akka of qusatan gaafate.
Dhaabbata Mootummoota Gamtoomaniitti Komishiniin Mirga Namoomaa
haalli nageenyaa Itoophiyaa keessumaa Oromiyaa keessaa erga Haacaaluu
Hundeessaa ajjeefame nu yaddeessera jedhe.
Ajeechaan weellisaa beekamaa kanaa magaalaa Finfinnee dabalatee
naannoo Oromiyaa keessatti mormii guddaa kaaseera. Mormiiwwan gariin karaa nagaa
yommuu gaggeeffaman kaan ammo gara jeequmsaatti kan jijjiirame tahuu
odeeffannera jedhe dhaabbatichi.
Mootummaan mormii kana dhaabsisuuf jecha tajaajila interneetii
waan addaan kuteef lakkoofsa namoota ajjeefamaniifi miidhamanii qulqulleeffachuun
baay’ee ulfaataa nutti taheera jedhe.
Akka mootummaan jedhutti humnoota nageenyaa dabalatee namootni 80
ol ajjeefamaniiru.
Dargaggootni haleellaa sabummaa irrati xiyyeeffatee di jeequmsa
yaaddoo ageenyaa jiru hammeessu raawwachuu irraa akka of qusatan waamicha
taasifna jedha ibsi komishiniin kun baase.
Humnootni nageenyaa yeroo hiriiraa fi mormii kana tasgabbeessan
tarkaanfii humnaa jabaa fudhachuu irraa of qusachuu akak qaban dhaameera.
Tajaajila interneetii addaan kutuun yaaddoo keenya biraadha kan
jedhu dhaabbatichi mirga yaada ofii bilisaan ibsachuu fi mirga odeeffannoo
barbaaduu, fudhachuufi dabarsuu kan dhiibe tahuu ibseera. Kun yaaddoo jiru
daran hammeessa jedhe. Mootummaan osoo hin turiin tajaajila interneetii
deebisuu qaba jedhe.
Maatiin Haacaaluu Hundeessaas murtoo haqaa, fi dhugaa tahe
argachuu qabu jedhe.
Komishinii Mirga Namoomaa Itopphiyaa sarba mirga namoomaa
gaggeeffamu akka qoratuuf deeggarsa barbaachisu ni taasfna jedheera komishiniin
Mirga Namoomaa Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii.