Itoophiyaatti namoota Covid-19 qabaman 7,560 keessaa 4,306 bayyaannatan

Itoophiyaatti namoota koronaavaayirasiin qabamunsaanii mirkanaa'ee 7560 keessaa wallakkaan ol kan ta'an yoo fayyan, kanneen lubbunsaanii dhaban ammoo 127 gaheera.

Haguuggii Tamsaasa Kallattii

  1. Ajjeechaa Haacaaluu Hundeessaa hordofuun namoonni 4,700 ol hidhaman

    Namoota reeffa Haacaaluu gaggeessuuf bahan

    Madda suuraa, Yoomis Gonfaa

    Ajjeechaa Haacaaluu Hundeessaa hordofuun hokkoraa fi walitti bu'iinsa uumame keessatti kanneen qooda qabu jedhaman, namoonni 4,700 ol hidhamuu Waajjirri MM hime.

    Pirees sekreetariin Waajjira MM Obbo Nigusuu Xilaahun FBC'tti akka himanitti, namoonni kunneen to'annoo jala oolanii dhimmi isaanii qoratamaa jira.

    Namoonni kunneen hokkora uumuuf karorsuu irraa eegalee hanga raawwachuutti hirmaannaa adda addaa warra qabani jedhan Obbo Nigusuun.

    Mootummaan rakkina amma mudate akka irra hin deebinetti furuuf kutannoo jabaa qabas jedhaniiru.

    Gareen hokkora kanaaf ka'umsa tahe ammas odeeffannoo dharaa tamsaasa waan jiruuf uummatni of eeggachuu qaba jedhan.

    Ajjeechaa Haacaaluu Hundeessaa hordofuun qondaalota nageenyaa dabalatee namoonni 200 ol ajjeefamuu aanga'oonni himaa turan.

  2. Imbaasiin Itoophiyaa siidaa mootii H/Sillaase Landanitti jige ijaarsisuufi

    Siidaa mootii H/Sillaase biyya Ingilizitti torban darbe jigee ture hawaasa waliin ta'un akka ijaarsisu Imbaasiin Itoophiyaa Landan jiru ibse.

    Bakka siidaan caccabe kana dippilomaatonni dhaqanii ilaaluu imbaasichi beeksiseera.

    Torban darbe kanneen ajjeechaa Hacaaluu Hundeessaan gaddaniin ture siidaan kuni kan caccabe.

    Siidaan mootii xumuraa Itoophiyaa kuni yeroo weerara Xaaliyaanii mootichi Ingilizitti baqachuun bara 1936 keessa magaalaa Landan bakka Winbeldan jedhamu jiraataniiru.

    Yeroos intalli maatii mootichi bira buufatan, Hildaa Seligmaan, siidaa mootii H/Sillaase bocce.

    Kunis, boodarra paarkii Kannizaarotti akka dhaabbatu ta'e.

  3. Hidha laga Abbayyaa Masrii fi Itoophiyaa jidduu dhibdee uume

  4. Pirezidantiin Ayivorii Koost yeroo 3ffaaf 'dorgomuufi'

    Alaasaano Otaaraa

    Madda suuraa, Getty Images

    Pirezidantiin Ayivorii Koost Alaasaane Otaaraa yeroo 3ffaaf pirezidantii ta'un tajaajiluuf akka dorgoman AFP'n qondaala paartii waabeffachuun gabaase.

    Otaaraan baatii Bitootessa darbe akka hin dorgomne ibsanii turan.

    Isaan akka bakka bu'anii akka dorgomanif paartiin biya bulchu Kulibaalii kaadhimanee ture.

    Ta'us, Ministirri Muummee biyyattii Amaadu Gon Kulibaali tibbana walgahii kaabinee irratti erga dhukkubsatanii booda du'aan boqotaniiru.

    Biyyattin yeroo ammaa guyyoota gaddaa saddeet labsame keessa jirti.

    Xiinxaltoonni akka jedhanitti nama beekamaa, muuxannoo qabuufi pirezidantiif kaadhimamu danda'u paartichi argachuu rakkateera.

    Sababa kanaaf, Otaaraan akka deebi'anii dorgoman yaada dhiheessaniiru.

    Kunimmoo, sirna dimokiraasiif gaarii hin ta'u.

    Otaaraan Looran Baagboo filannoon injifachuun ture bara 2011 aangootti kan bahan.

  5. Lammiileen Singaapoor weerara Covid-19 keessa filannootti jiru

    Lammiilee Singaappor sagalee kennaa jiran

    Madda suuraa, Reuters

    Ibsa waa'ee suuraa, Biyyoonni muraasni Covid-19 keessa filannoo gaggeessaniiru

    Lammiileen Singaapoor bara weerara koronaavaayirasii filannoo biyyaalessaa taasifamaa jirun sagalee kennaa jiru.

    Rakkoon biyyatti vaayirasii biyyoota waliin gahe qofa osoo hin taane diinagdeenis hubamteetti.

    Biyyi Singaapoor biyyoota muraasa weerara dhukkubaa keessa filannoo gaggeessan keessaa tokkodha.

    Lammiileen yeroo sagalee kennan qajeelfama hordofuu qabanitu jira.

    Maaskii godhachuu, harkatti giloovii kaawwachuu akkasumas yeroon sagalee kennamn qoqqodame waan jiruf isallee hordofuu qabu.

    Biyyattiin biyyoota naannoo Eshiyaa – Paasifiik vaayirasichaan haalaan hubaman keessaa tokkodha.

    Hanga ammaa namoonni 45,000 vaayirasichi irratti argameera.

    Erga walabummaa ishee argattee Singaapoor paartii tokkon bulaa jirti.

    Filannoo isa ammaanis paartichi irra-aana jedhame eegama.

  6. Ajjeechaa Hacaaluu keessaa hin qabnu jedhe TPLF

    Obbo Getaachaw Raddaa

    Madda suuraa, Anadulu Agency

    Ajjeechaa weellisaa Hacaaluu Hundeessaa irratti raawwatef mootummaan qaamole akka shakku ibse keessaa tokko dhaaba Naannoo Tigraay bulchudha.

    Haa ta'u malee, Dubbii Himaan Adda Bilisa Baasaa Ummata Tigraay (ABBUT/TPLF) Obbo Getaachaw Raddaa ''tasumaa qooda keessaa hin qabnu'' jedhan.

    Deebisaniis, mootummaa himataniiru.

  7. 'Intarneetni meeshaa haasaa jibbiinsaa tahe, kanaaf cufuuf dirqamne'

  8. Jiraattonni saroota ‘reeffa daa’immanii owwaala keessaa baasaniin' yaadda'an

    Biyya Mozaambikitti saroonni daandiirra jiraatan reeffa daa’imman bakka awwaalameeti baasaa akka jiran jiraattonni Tv Miramaar jedhamuutti himan.

    Bakki kuni ta’e magaalaa Chimoyiwoodha.

    Haati tokko akka dubbatteetti, dhihoo mucaa ishee jalaa du’e awwaaltee bakka owwaalaa qulqulleessuu yeroo deemtu reeffa mucaa ishee saroonni baasanii nyaachuu agarte.

    Akka gabaasa miidiyaa kanaatti, bakka owwaalchaa uffata daa’immanii, lafee akkasumas foon fa’i mul’ata.

    Yoo maatiin sanduuqa bituu dadhabani yeroo baay’ee reeffi uffata qorraa yookiin pilaastikaan marame owwaalama.

    Ripportarri Miramar TV BBC’tti akka himetti torban tokkotti saroonni reeffa daa’imman 343 lafa awwaalchaati qotanii baasaniiru.

    Sababa kanaan jiraattonni rakkachuu himu.

    Keessumaa sababa weerara koronaavaayirasiin namoonni bakka owwaalchaa adeemaa ilaalaa waan hin jirreef kuni hammaatu himu.

    Bakki owwaalchaa dallaan ijaaramu dhabuun rakkoo biraa akka ta’e jiraataan tokko himeera.

    Dhimma kana irratti yaada qondaaltota magaalaa Zimbaabuweetti dhihaattu, Chimoyiwoo, argachuun hin danda’amne.

  9. 'Haacaaluu waliin 'lubbuun keenya tokko,' duuti isaa hedduu na hubde'

  10. Ilhaan Omaar: Ameerikaan haleellaa diroonif beenyaa kanfaluu qabdi

    Ilhaan Omaar

    Madda suuraa, EPA

    Miseensi Kongirasii Ameerikaafi dhalattuun Somaaliyaa Ilhaan Omaar Ameerikaan haleellaa diroonii Somaaliyaatti raawwatten miidhaa dhaqqabeef beenyaa akka kanfaltu gaafatte.

    ‘’Haleellaan diroonii Somaaliyaa keessaa halkan keessa raawwata. Shororkeessitoota qofaa miti, namoota nagaa osoo maatii waliin hirribarra jirani ajjeesu,’’ jechuun BBC Afaan Somaaliif himte.

    ''Wanti amma dalagaa jirru kana dhaabudha,’’ kan jettu Ilhaan, balaa mudatef Ameerikaan kanfaluuf dirqama qabdi jechuun himte.

    ‘’Namni tokko mootummaa biraan yoo ajjeefame akka seera idil addunyaattu beenyaa kanfaluuf dirqama qaba.’’

    Dubartiin umrii 37 fi paartii Dimookiraatikii bakka bu’uun miseensa Kongirasii taate kuni bara 1995 ture ijoollummaatti baqataa ta’un Ameerikaa kan seente.

    Erga miseensa Kongirasii taate Pirezidantii Ameerikaa Donaald Tiraamp waliin yeroo hedduu waldhabaa turani.

    Dhiheenyumallee, Tiraamp duula na filadhaa irratti ‘’hookkara’’ Somaaliyaa gara Ameerikaa fiduu barbaaddi jedhanii turan.

    Ishiin immoo deebii isheetin pirezidant Tiraamp dubbii akkanaa dubbii ofirraa jallisuufi ''waan gaarii dubbatan gaafa dhaban'' itti fayyadamu jechuun himte.

  11. Ajjeechaa Joorji Filooyid irratti poolisiin ragaa dabalataa argate ibse

  12. Ashamaa!

    Gabaasni kallattii BBC Afaan Oromoo Jimaataa eegaleera.

    Odeeffannoo biyya keessaafi alaa jala jalaan isin biraan geenya.

    Guyyaa gaarii.

  13. Boru walitti deebina!

    Boru Gabaasa kallattii biraan walitti deebina.

    Nagaan bulaa!

  14. Sudaan Kibbaa balalii xiyyaaraa biyya keessaafi alaa deebiste bante

    Sudaan kibbaa

    Madda suuraa, Getty Images

    Ministeerri Siivil Aviyeeshinii Sudaan Kibbaa balaliin biyya keessaa fi alaa sababii weerara dhibeetiin adda cite deebistee banuu ibse.

    Imaltoonni biyyatti seenan guyyoota 14 addatti of fo’uun dirqama.

    Balaliin Finfinneerra gara Jubaatti guyyaa guyyaan gaggeeffamus eegaleera.

    Xiyyaaronni fe’iinsa fi imaltoota deddebisaniis gara Jubaatti balalii eegalaniiru.

    FlyDubai Jimaata dhuftu kan eegalu wayita ta’u, xiyyaaronni Masriis garasitti balali'u eegalaniiru.

  15. Itoophiyaa- dabalataan namoonni afur koronaavaayirasiin du'an

    Itoophiyaatti lakkoofsi namoota koronaavaayirasiin qabamanii laanuma dabalaa jira.

    Sa'aatii 24 darbe keessa namoota 3,476 qorataman keessaa 147 vaayirasichaan qabamuun mirkanaa'ee jira.

    Dabalataan namoonni afur yoo lubbuu dhaban, 473 ammoo vaayirasicharraa dandamatanii jiru.

    Bitootessa darbe erga weerarri vaayirasichaa mudatee as biyyattiin nama 275,930 kan qoratte yoo ta'u kana keessaa namni vaayirasichaan qabame 7,120 gaheera.

    Walumaagalatti namoonni 124 yoo du'an, namoonni 3,913 vaayirasicharraa dandamatanii jiru.

    Gabaasa guyyuu BBC Covid19
  16. Iraan guyyaatti lakkoofsa namoota Covid-19’n du’anii olaanaa galmeessiste

    Iraan

    Madda suuraa, WANA via Reuters

    Ministeerri Fayyaa biyyatti namoonni 221 sababii dhibee kanaatiin guyyaa tokkotti du’uu ibse.

    Biyyatti keessatti erga weerarri vaayirasichaa mudate lakkoofsa namoota qabamanii fi du'anii olaanaatu galmaa’e.

    Lakkoofsi namoota du’anii 12,305 kan qaqqabe yoo ta’u, namoonni vaayirasii kanaan biyyattii keessatti qabaman 250,458 qaqqabeera.

    Guyyoota kurnan darban magaala guddoo biyyatti keessatti lakkoofsi namoota haaraa qabamanii fi du’anii dabalaeera.

    Ji’a Bitootessaa keessa hojiiwwaan daldalaa biyyatti keessatti akka deebi’anii banaman gochuun dinagdeen biyyatti duraanuu qoqqobbii Ameerikaan miidhamee ture akka dandamatuuf yaalameera.

  17. WHOn to’annoo koronaavaayirasiirratti birmannaa taasisise gamaggamuufi

    Dr.Teediroos Adahaanoom

    Madda suuraa, Getty Images

    Dhaabbati Fayyaa Addunyaa (WHO) deebii to’annoo dhibicharratti kennamee gamaggamuuf marii paanalii qopheessuu beeksise.

    Daarektarri olaanaan dhaabbatichaa Dr.Teediroos Adahaanoom, weerara dhibichaa to’achuuf karaa itti wal tumsuun lubbuu namootaa baraaruun danda’amurratti hojjachuun cimuu qaba jedhan.

    Dhaabbanni Fayyaa Addunyaa haala qabiinsa weerara dhibichaarratti hojii quubsaa hin hojjannee jedhamee qeeqamaa ture.

    Keessattu Ameerikaan dhaabbatichi Chaayinaaf hooga/looga jechuurraa darbuun, wayita weerarri biyyattii keessatti jalqabu tarkaanfii saffisaa hin fudhanne jechuun qeeqaa turte.

    Jalqaba torban kanattis Ameerikaan dhaabbaticha keessaa haala seera qabeessaan bahuu Dhaabbata Biyyoota Gamtoomaniitti beeksifte.

  18. Mormii hawaasa Oromoo lafoo haga qilleensarraan

  19. Ajjeechaan jeneraala Iraan Qaasim Solimaanii seera idila-addunyaa cabse- Qondaala UN

    Ajjeechaan jeneraala Iraan Qaasim Solimanii

    Madda suuraa, Rooyitars

    Ajjeechaan jeneraala Iraan Qaasim Solimaanii seera idila-addunyaa kan cabsuu jedhan ogeessii dhaabbata biyyoota Gamtoomanii.

    Jalqaba bara kanatti Solimaaniin haleellaa xiyyaara Ameerikaa rimootiin to’atamtuun ajjeefaman.

    Haleellaa kanaan namoonni 9 biroo wajjin buuufata xiyyaara idila-addunyaa Baagdidaad cinatti ajjeefamuusaaniitu yaadatama.

    Qondaalli dhaabbatichaa dhimmichairratti gabaasa dhiyeessaan Aginiis Kalamaard, Ameerikaan sodaa nageenyaa Solimaaniin battala sanatti uumuu ragaan quubsaan hin deeggarame jedhanii qeeqan.

    Ameerikaan garuu Aginiis Kalamaard‘’ shororkeessitootaaf eeyyama kennitii’ jechuun himatte.

    Torban darbe keessa manni murtii Iraan pirezedantiin Ameerikaa Doondaald Tiraamp dabalatee, namoota 35 gocha shororkeessummaatiin himachuun hidhuuf ajaja baasuun ni yaadatama

    Ajjeechaan jeneraala Iraan Qaasim

    Madda suuraa, EPA

  20. Wal dura dhaabbannaa Jawaar Mohaammad fi MM Abiy Ahimad eessaa garam?