Indiyaatti sa’aatii 24 darban keessatti namoonni 24,000 Covid-19 qabaman

Madda suuraa, Getty Images
Lakkoofsi kunis akka biyyattiin lakkoofsa dhukkubsattoota Covid-19 Raashiyaa akka caaltu ishee taasiseera.
Kanaanis biyyattiin addunyaarratti lakkoofsa namoota Covid-19 qabamanii 697,413 fi kan du’anii 19,693 qabaachuudhaan sadarkaa sadaffaarratti argamti.
Biyyattiin tatamsa’inna koronaavaayiras ittisuuf ji’a Bitootessaa keessa uggura labsitee kan turte yoo ta’u, Waxabajjii keessa immoo diinagdee cimsuuf uggura laafistee turte.
Yeroo ammaa kanatti waajjiraaleen adda addaa, manneen nyaataa fi sochiileen manaan alatti taasifaman gar-tokkeedhaan banamaniiru.
Lakkoofsi namoota Covid-19 qabamanii dabaluu biyyattiin namoota hedduuf qorannoo koronaavaayiras taasisaa jiraachuushee kan ibsudha.
Biyyattiin guyyaa tokko keessatti namoota 250,000’f qorannoo koronaavaayirasii taasifti jedha gabaasni miidiyaa biyya keessaa.












