Itoophiyaatti namoota Covid-19 qabaman 7,560 keessaa 4,306 bayyaannatan

Itoophiyaatti namoota koronaavaayirasiin qabamunsaanii mirkanaa'ee 7560 keessaa wallakkaan ol kan ta'an yoo fayyan, kanneen lubbunsaanii dhaban ammoo 127 gaheera.

Haguuggii Tamsaasa Kallattii

  1. Ameerikaatti namoonni Covid-19n qabaman miliyoona sadii darbe

    Nama dhukkubsatee ciisu

    Madda suuraa, Getty Images

    Ameerikaa keessatti namoonni miliyoona sadii ol Covid-19’n qabamunsaanii mirkanaa’e.

    Ragaan Yunivarsitii Joons Hopkinis irraa argame akka mulliseetti, namoonni 131,000 oli ammoo lubbuusaanii dhabaniiru.

    Guyyaa Kibxata kaleessaa ammoo lakkoofsa namoota guyyaan qabaman hedduu galmeessite jirti.

    Haalli akkas haa ta’u malee Waayit Hawuus manneen barnootaa deebisanii akka banamaniif dhiibbaan taasisaa jira.

    Itti aanaan pirezidaantii biyyattii fi kan task forsii koronaavaayirasii ogganaa jiran Maayik Peens seerawwan 'cimuu' mormaniiru.

    Erga guyyaa Kibxataa Donaald Tiraampi Ameerikaan haala ‘gaarii irratti argamte’’ jedheen booda haalli sirrii hin jiru.

    Guyyaadhuma sana namoonni haaraa qabaman 60,000 galmaa’anii turan.

    Lakkoofsi namoota haaraa qabamanii bulchiinsa Kaaliforniyaa fi Teeksaas irraa guyyaan gabaafamu kuma 10 oliidha.

  2. Covid-19 caalaa beelli namoota baayyee ajjeesuu danda'a

    Hojjetoota warshaa huccuu Baangilaadish hojiin ala ta'an

    Madda suuraa, Getty Images

    Namoonni baay'een koronaavaayirasiitii caalaa beela sababii weerara dhibee kanaatiin uumameen du'uu danda'u jechuun dhaabbileen tola-ooltummaa idil-addunyaa akeekkachiise.

    Dhaabbanni Oksifaam akka jedhetti, sababa weerara kanaatiin omishuun waan addaan citeef, dhiyeessi nyaataafi maallaqni lammilee biyya alaa jiraatan irraa ergamaa ture waan addaan citeeruuf rakkoo hamaa uumeera.

    Biyyoonni galii giddu-galeessaa qaban akka Afrikaa Kibbaa, Indiyaafi Biraazil, akka malee miidhamaniiru. Yeroo sochiin weerara kana ittisuuf dhorkametti lammileen hedduun hojii dhabaniiru.

    Akka ragaan agarsiisutti guutummaa addunyaarratti namoonni 500,000 ta'an dhibee Covid-19n lubbuun isaanii darbeera. Kanneen miliyoona 12 ol ta'an ammoo koronaavaayirasiin irratti argamuun mirkanaa'eera.

  3. Waliigalteen Itoophiyaafi Ertiraa waggaa lama guute maalirra gahe?

  4. Siidaan haadha warraa Donaald Tiraamp ibiddaan gubate

  5. Pirezidantin haaraa Maalaawii fira ministeera godhanii muudan

    Laazaaras Chaakweeraan kaabinee isaanii 23 ifa godhaniiru

    Madda suuraa, Reuters

    Ibsa waa'ee suuraa, Laazaaras Chaakweeraan kaabinee isaanii 23 ifa godhaniiru

    Pirezidantiin haaraa Maalaawwi Laazaaras Chaakweraa kaabinee haaraa muudan keessatti fira waliin muduun isaanii komii kaase.

    Namni filannoo waggaa dura taasifame haqame ture irratti isaan walin dorgoman Sidiq Miyaa ministeera Geejjibaa ta’un muudamaniiru.

    Haati warraa Sidiiq, Abidaa Miyaa immoo Ministir Di’eetaa lafaa ta’un muudaman.

    Keeni Kaandoodo Ministeera Hawaasummaa yoo ta’an obboleettiin isaanii immoo Ministeera Fayyaa ta’ani.

    Akkasuma kaan fira waliin muudaman jijjiru.

    Lammiileen Maalaawii waan kana qeequun tiwiitara gubbaa barreessaa jiru.

    ‘’Abbaa warraafi haadha warraa, akkasumas durbiin haadha warraa kaabinee tokko keessamoo?,’’ jechuun gaafate barresseera namni Alfi Saawetaa jedhamu.

  6. 'Haacaaluu eenyutu ajjeese, ajjeesise kan jedhu hidda qaba waan ta'eef yakka cimaadha'

  7. Naayijeeriyaan murtoo manneen barnootaa deebistee banuuf turte jijjiirte

    Biyyattii keessatti lakkoofsi namoota koronaavaayirasiin qabamanii dabalaa jira

    Madda suuraa, Reuters

    Mootummaan Naayijeeriyaa murtoo mannneen barnootaa guutummaa biyyattii keessa jiran deebiyee banuuf ture dhiise.

    Ministirri Barnootaa Adaamuu Adaamuu rippoortarootatti akka himanitti manneen barnootaa kan deebiyanii banaman sana gochuudhaaf yoo nagaa ta'e qofadha.

    Yeroo ammaa garuu lakkoofsi namoota koronaavaayirasiin irratti argamaa jiruu biyyattii keessatti dabalaa jira jedhan.

    Torban darbe manneen barnootaa sadarkaa tokkoffaafi lammaffaa Naayijeeriyaa keessa jiran warreen bara eebbifaman keessa jiran qoramaata xumuraa akka fudhatan jedhamee ture.

    Haata'u malee, sababa weerarri koronaavaayirasii biyyattii keessatti dabalaa jiruuf barattoonni bara kana eebbifamanullee mana barumsaa hin deeman jedhan ministirri barnootaa.

    Naayijeeriyaa keessatti hanga har'aatti namoonni 30,249 koronaavaayirasiin irratti argamuun mirkanaa'ee keessaa 684 kan ta'an lubbuu dhabaniiru.

  8. 'Nafxanyaa' fi MM Abiy wanti walitti fidu hin jiru - Waajjira MM

  9. YOOYYAA!

    Tamsaasa kallattii Adoolessa 09, 2020n walitti deebineerra. Odeeffannoo kan biyya keessaafi addunyaa jala jalaan isin biraan geenya.

    Nu hordofaa.

    Aaga Dhaga'aa!

    Qonna qe'ee baadiyyaa

    Madda suuraa, Getty Images

  10. Naayijeeriyaan imala xiyyaaraa biyya keessaa eegalte

    Naayijeeriyaa

    Madda suuraa, Reuters

    Naayijeeriyaatti imalli xiyyaaraa biyya keessaa kan sababa weerara koronaavayirasiin adda citee ture baatii sadi booda deebi'ee eegale.

    Buufataaleen xiyyaraa magaalaa gudditti Abuujaa fi jiddugala daldalaa kan taate Leegoos keessa jiran sochii eegalanii jiru. Buufataalee kaanis guyyoota itti aanan sochii eegalu.

    Wayita sochiin biyya keessaa eegalu tatamsa'inni vaayirasichaa akka hin hammaanne of eeggannoon ni taasifama. Kunis meeshaalee imaltootaa akkasumas kophee isaanii farra vaayirasiin qulqulleessuu dabalata.

    Maaskii uffachuu fi gara buufata xiyyaaraa seenuun dura harka dhiqachuun dirqamadha.

    Sochiin balalii xiyyaaraa deebi'uun diinagdee biyyattii ni bayyanachiisa jedhameera.

    Balaliin xiyyaaraa kan idil addunyaa garuu akkuma adda citetti jira.

    Biyyattii keessatti namoonni 29,879 vaayirasichaan kan qabaman yoo ta'u, 12,108 bayyanatanii, 669 ammoo du'aniiru.

  11. Taanzaaniyaan komeediyaanii pireezidantii biyyattiitti waan kolfeef hidhame akka hiiktu gaafatamte

    Gareen mirga namoomaaf falmu 'Amnesty International' mootummaan Taanzaaniyaa komeediyaanii sababa pireezidantii biyyattiitti waan kolfeef himati irratti baname himata isaa akka adda kutu gaafate.

    Komeediyaan Idiriis Sulxaan baatii lama dura viidiyoo wayita haala uffannaa pireezidanti Joon Magufuuliitti wayita kolfu agarsiisu of waraabee marsaa hawaasaa irratti waan gadi dhiiseef qabamee hidhame.

    "Kolfi yakka miti, komeediyaaniin kun mirga yaada isaa bilisaan ibsachuutti waan dhimma baheef himatamuu hin qabu" jedha ibsi 'Amnesty'.

    Manni murtii himata kana akka kuffisus gaafatee jira.

    Maxxansa X irra dabri
    Qabiyyee X hayyamtaa?

    Barreeffamni kun qabiyyee [social_media-site]n dhiyaatan qaba. Tarii 'cookies' fi teknolojiiwwan biraa fayyadamuu waan danda'aniif, osoo tokkoonsaa gadi hin buufamiin dura hayyama keessan gaafanna. Osoo hin simatin dura Ximaammata cookies fi imaammata mateenyaa dubbisuu barbaadda ta'a. Qabiyyee kana ilaaluuf 'waliigaluun itti fufi' filadhu.

    Hubachiisa: Qabiyyee marsariitiiwwan alaatiif BBCn itti gaafatamummaa hin fudhatu.

    Xumura maxxansa X

    Komeediyaan Idiriis Sulxaan Caamsa darbe suuraa durii pireezidantii Taanzaaniyaa Joon Magufuuliitti wayita kolfu of waraabee viidiyoo marsaa hawaasaa irratti gadi dhiiseen booda to'annaa jala oole.

  12. Afrikaa keessatti lakkoofsi namoota Covid-19'n qabamanii 500,000 caale

    Ogeeyyii Fayyaa Afrika

    Biyyoota Afrikaa hedduu keessatti lakkoofsi namoota koronaavaayirasiin qabamanii dabalaa jiraachuun isa yaaddessuu Dhaabbanni Fayyaa Addunyaa dame Afrikaa ibse.

    Akka dhaabbatichi jedhutti, lakkoofsi namoota vaayirasichaan qabamanii miliyoona walakkaa taree jira.

    Ji’oota shan daran vaayirasichi lubbuu nama 11, 959 galaafateera jedhe ibsi WHO. Kuni ammoo kan weerarri Iboolaa bara 2014 hanga 2016 ajjeese 11,308 caalee jira.

    Baatii darbe keessa lakkoofsi namoota vaayirasichaan qabamanii biyyoota 22 keessatti dachaan dabaleera jedha ibsi kun. Biyyoota kanneen keessaa irra hedduu keessatti vaayirasichi hawaasa keessa faca’uu hima.

    Lakkoofsa namoota qabamanii keessaa dhibbeentaan 71 Aljeeriyaa, Masrii, Gaanaa, Naayijeeriyaa fi Afrikaa Kibbaa qofa keessatti yoo tahu, Afrikaan Kibbaa kophaatti qooda dhibbeentaa 43 qabdi.

    Biyyoota Afrikaa keessaa tokko sadaffaan lakkoofsi namoota vaayirasichaan qabamanii dabalaa jiraachuu eeruun ,kunis sirna fayyaa laafaa biyyoonni kun qaban gugachuun miidhaa jabaa geessisuu mala jedha WHO'n.

    Biyyoonni tarkaanfilee ittisa weerarichaa kan akka qorachuu, kanneen tuttuqaa qaban duuka bu’uu fi adda baasuu kan hojiirra oolchan yoo ta’e tatamsa’ina vaayirasichaa harkifachiisuun ni danda’ama jedhe.

  13. Itoophiyaatti dabalataan namoonni 199 koronaavaayirasiin qabaman

    Qorannoo koronaavaayirasii sa'aatii 24 darban namoota 4,162f taasifameen nama 199 irratti vaayirasichi argamuu Ministeerri Fayyaa beeksise.

    Kanneen sa'aatii 24 darban keessa qabamuun isaanii mirkanaa'e keessaa 77 Dirree Dhawaatti, 71 Finfinneetti, 21 Gambeellaatti, 15 ammoo Tigraayitti yoo tahan kan hafan kutaalee biyyaattii kaan irraati.

    Namoonni 139 vaayirasicharraa kan dandamatan yoo ta'u,lakkoofsi namoota dandamatanii 3,440 gaheera.

    Walumaagalatti biyyattiin qorannoo koronaavaayirasii 272, 454 kan taasifte yoo ta'u,kanneen keessaa 6,973 vaayirasichaan qabamuun mirkanaa'ee jira.

    Ministirri Fayyaa Itophiyaa Dr Liyaa Taaddasaa ibsa kaleessa kennaniin akka jedhaniiti, biyyattii keessatti erga baatii tokkoofi guyyoota 15 asitii lakkoofsi namoota vaayirasichaan qabamanii dabalaa jira.

    Hawaasni sababii adda addaatiin of eggannoo taasisuu dhabuunsaa facaatii Covid-19f yaaddeessaa ta’u Dr Liyaan dubbatan.

    BBC gabaasa Covid19 guyyuu
  14. Kaabineen pirezedantii Biraazil Covid-19 qorataman

    Pirezedantiin Biraazil

    Madda suuraa, Rooyitars

    Pireezidantiin Biraazil Jaayir Bolsonaaroo koronaavaayirasiin qabamuu hordofee miseensonni kaabinee isaanii vaayirasichaan qabamuu of shakkanii qoratamaniiru.

    Bolsonaaroon hoo’i qaama isaanii dabaluu fi mallattoon qufaa kaleessa irratti mul’atee turus, amma itti fooyya’uu himan.

    Bolsonaaroon qoricha dhibee busaa Tiraamp dhibicharraa nama ittisa jechaa turan fudhachaa jiraachuu viidiyoo waraabamee miidiyaalee hawaasarratti gadhifame tokkorratti himaniiru.

    Qorichi kun nama dhibichi qabe yaalurrattti abdii akka qabu jalqabarratti himamaa turullee,booda akka bu’a qabeessaa hin taane barameera.

    WHO's qorichicha akka yaala koronaavaayirasiitti fayyadamuun balaa qaba jechuun itti fayyadama isaa dhorkeera.

  15. ‘Afrikaatti weerarri Covid-19 namoota mil 49 hiyyummaa hamtuu keessa buusa’

    weerara dhibichaa dinagdee

    Madda suuraa, AFP

    Baankiin misooma Afrikaa(AfDB) weerarri koronaavaayirasii namoota miliyoona 49 hiyyummaa hamtuu keessa galchuu danda’a jedhe.

    Sababii weerara dhibichaatiin dinagdeen biyyoota dhihaa fi giddu galeessa Afrikaa caalaatti qorra jedhe baankichi.

    Barana oomishni waggaa (GDP) harka 3.4’n akka gadi hir’atu baankiin misooma Afrikaa misooma Afrikaa raageera.

    Keessattu dinagdeen Aafrikaa Kibbaa fi al-ergiin boba’a biyyoota akka Naajeriyaa, Angolaa fi Aljeeriyaa caalatti weerara kanaan haleelaman. Kana malees uggurri sochii dinagdee biyyoota kaanis qorrisiisuun, namoota hedduus hojii dhabsiisera.

    Weerarri kun dinagdee addunyaalee waliigalatti akka miidhe Intarnaashinaal Moniitarii fandi beeksiseera.

  16. Ameerikaatti guyyaa tokkootti namoonni 60,000 koronaavaayirasiin qabaman

    Tiraamp

    Madda suuraa, EPA

    Ameerikaatti guyyaa kaleessa qofaa keessatti namoonni 60,000 ol koronaavaayirasiin qabamuu ragaan Yuunvarsiitii Joon Hopkiins kan agarsiisu .

    Kunis galmee haaraa yoo ta’u,kanaan dura namoonni 55,220 tu guyyaa tokkotti galmaa’e.

    Kutaaleen Teksaasi fi Kaaliforniyaa namoonni 10,000 guyyaatti haaraa qabamuu gabaasan.

    Pirezedantiin Ameerikaa Doonaald TiraampAmeerikaan weerara dhibichaa to’achuurratti 'sadarkaa gaariirra jirti' kaleessa jedhanii turan.

    Haata’u malee, Waayit haawusitti gorsaan dhimma dhibeewwan daddarboo Ameerikaa Dr. Antoonii Faawukii garuu 'Ameeerikaan ammayyuu dambalii dhibichaatiin rakkoo keessa jirti' jedhan.

    Ameerikaatti namoonni miliyoona sadii ol vaayirasichaan qabaman keessaa 131,000 du’aniiru.

  17. Weerarri gifiraa baatii afran darban keessa naannolee biyyattii hunda waliin gahe

  18. Mormii tibba kana uumameen walqabatee lakkoofsi namoota Covid-19n qabamanii dabaluu danda'a

    Koronaavaayirasii

    Hawaasni sababii adda addaatiin of eggannoo taasisuu dhabuunsaa facaatii Covid-19f yaaddeessaa ta’u Dr Liyaan dubbatan.

    Ministirri Fayyaa Itophiyaa Dr Liyaa Taaddasaa ibsa kaleessa kennaniin akka jedhaniiti, biyyattii keessatti erga baatii tokkoofi guyyoota 15 asitii lakkoofsi namoota vaayirasichaan qabamanii dabalaa jiraachu hiaman.

    Haa ta’u amlee, of dagannaa hawaasa keessatti mullatu ammoo yaadeessaa ta’uu dubbatan.

    Haaluma kanaanis ajjeechaa artist Haacaaluu Hundeessaatiin walqabatee namoonni hedduun mormiif bahan ofeeggataa waan hinturreef lakkoofsi namoota vaayirasichaan qabamanii dabaluu danda’as jedhaniiru.

    Sababii dhabiinsa tasgabbii torban darbee keessa tureefi sababiiwwan garaa garaatiin wal qabatee haala barbaadamuun qorannoo Covid-19 gaggeessaa akka hin turre kan dubbatan Dr Liyaan, kanaafuu lakkoofsi saamuda qoratamu baayyee gadi bu’eera jedhan.

    Itti dabaluunis, sochiilee hiriira mormiifi kanneen biroo irratti tarkaanffiiwwan of eeggannoo waan hin turreefu nammoonni baayyeen qabamu danda’u yaaddoon jedhu jiraachus dubbatan.

    Kanaafuu hawaasni gatii booda duubatti deebiisuun hin danda’amne akka hin kanfalchiifnee ofeeggannoo akka taasisaniif waamicha dhiyeesaniiru.

    Kana malees, naannoolee tibbana rakkoon dhabiinsa tasgabbii keessatti mulalteerratti xiyyeeffannaa kennuun qorannoon kan gaggeeffamu ta’us Dr Liyaan dabaluun himan.

  19. Lakkoofsi namoota ajjeechaa Haacaaluu booda du’anii 239 gahe

  20. Yugaandaatti abbootiin qabeenyaa doqdoqee mootummaa himatan

    Doqdoqee oofu

    Madda suuraa, Getty Images

    Yugaandaatti mootummaan biyyattii doqdoqqeen tajaajila geejibaa kannan akka dhaabaniif dhorkinaan abbootiin qabeenyaa motummaa himatan.

    Waldaan Abbootii Qabeenyaa Doqdoqee akka jedhetti, mootummaan hojii isaanii irratti loogii taasisaa jira.

    Mootummaan warri kaan danbii baaseefii akka hojjetan hayyamee nuun nu dhorkuun sirrii miti jedhan.

    Pirezedaantiin Yugaadaa Yuweerii Museeveenii konkolaataan uummataa haala waliirraa fageenya eeggateefi hanga qabachuu danda'an wallakkaa isaa fe'uu akka danda'aniif hayyamaniiruuf.

    Haata'u malee, doqdoqeedhaaf hayyamuun ammatti hin geenye jedhan. Sababiin isaa ammoo nama doqdoqee oofuufi maamila gidduu walirraa fageenya haala eeggateen taasisuun rakkisaadha.

    Pirezedaantichi doqdoqeen meeshaa qofa akka deddeebisaniif hayyaman.

    Abbootiin qabeenyaa doqdoqee ammoo murtee kana mormaa jiru.