Itoophiyaatti maanguddoon ganna '114 Covid-19’rraa bayyanatan’

Maanguddoon Itoophiyaa ganna 114 koronaavayirasii irraa bayyannachuu isaani hogganaa hospitalaa manguddoon kun itti wal’aanamaa turanii kan ta’an Dr Yaareed Agidew Feesbuukii gubbatti maxxansaniiru.

Haguuggii Tamsaasa Kallattii

  1. Niw Yoork namoota bulchiinsota US saddeet irraa dhufan dirqamaan akka adda of baasan ajajje

  2. Gatiin boba’aa Zimbaabuweetti 150% oliin dabale

    Gatiin boba’aa Zimbaabuweetti dacha lamaa oliin dabale.

    Abbaan Taayitaa Aannisaa biyyattii akka himetti gatiin boba’aa 150% kan dabaleef gatiin doolara biyyattii gabaa addunyaa irratti 50%’n waan gadi bu’eefi jedhan.

    Kun kan tahe erga Baankiin Gidduugaleessaa Zimbaabuwee sharafa maallaqaa alaa ji’a Bitootessaa eegalee dhaabbataa ture haqee kan torbanii baaseen asidha.

    Hanqina sharafa alaa irraa kan ka’e Zimbaabuween waggoota baay’eef hanqina boba’aaf saaxilamteetti.

    Amajji bara 2019 yeroo gatiin boba’aa 120% tahuun dabalu mormii guddaan mudatee ture.

    Tarkaanfii humni mootummaa fudhateenis lubbuun namoota baayyee darbeera.

    Hanqinni boba'aa yeroo hedduu biyyicha mudataa ture

    Madda suuraa, Getty Images

    Ibsa waa'ee suuraa, Hanqinni boba'aa yeroo hedduu biyyicha mudataa ture
  3. Misoomni, ijaarsi seeraan alaafi nageenyi magaalaa Buraayyuu maal irra jira?

  4. Fardeen diidaa Gaara Qundhudhoo attamiin daggalatti hafan?

  5. Daandiin Qilleensa Kuwaantaas gita hojii 6,000 haquufi

    Xiyyaarri guddichi amma haqamuuf jedhu lakkoofsa hojjettoota waliigalaa dhaabbatichi weeraricha dura qabu keessaa 1/5 ni ta'u.

    Dhaabbanni kuni Baatii Bitootessa keessa hojjettoota isaa %80 ol ta'an hojiirraa ari'e ture.

    Akka dhaabbatichi ibsetti, barariin idil-addunyaa dhorkamuun galii isaa akkaan miidhe.

    Torban darbe, mootummaan Awustiraaliyaa hanga waggaa dhufutti daangaan isaa cufamee turuu akka malu ibsee ture.

    Kunis, dhaabbatichi yoo Niw Ziilaand ta'e malee hanga baatii Onkololeessaatti balalii idil-addunyaa kaan qabu mara akka haqa ibseera.

    Daandiin Qilleensa Kuwaantaas Covid-19'n 'akkaan na miidhe' jedhe

    Madda suuraa, Getty Images

    Ibsa waa'ee suuraa, Daandiin Qilleensa Kuwaantaas Covid-19'n 'akkaan na miidhe' jedhe
  6. Bultanii?

    Tamsaasni kallattii BBC Afaan Oromoo Kamisa ganamaa eegaleera.

    Akkuma yeroo hundaa oduufi odeeffannoo wayitawaa isiniif ta’u jennee yaadne ammaa eegallee isin biraan geenya.

    Oolmaa gaarii.

    Atileet Abbabaa Biqliaa

    Madda suuraa, Getty Images

    Ibsa waa'ee suuraa, Atileet Abbabaa Biqliaa Olompika Muunik bara 1972 irratti affeerame suuraa ka'e
  7. Kan har'aa goolabne

    Warreen gabaasa keenya kallattii hordofaa ooltan marti galata qabdu.

    Kan har'aaf jenne asumarratti xumurre.

    Fakkii babbareedoo muuzii irratti kaafaman kanaan gaaritti isiniin jenna.

    Maxxansa Instagram irra dabri
    Qabiyyee Instagram hayyamtaa?

    Barreeffamni kun qabiyyee [social_media-site]n dhiyaatan qaba. Tarii 'cookies' fi teknolojiiwwan biraa fayyadamuu waan danda'aniif, osoo tokkoonsaa gadi hin buufamiin dura hayyama keessan gaafanna. Osoo hin simatin dura Instagramimaammata cookies fi imaammata mateenyaa dubbisuu barbaadda ta'a. Qabiyyee kana ilaaluuf 'waliigaluun itti fufi' filadhu.

    Hubachiisa: Qabiyyee marsariitiiwwan alaatiif BBCn itti gaafatamummaa hin fudhatu.

    Xumura maxxansa Instagram

  8. Namoonni Covid-19n qabaman 'torbee dhufutti miiliyoona 10' gahu

    Dr Teediroos Adihaanoom

    Madda suuraa, Reuters

    Dhaabbanni Fayyaa Abbdunyaa (WHO) torbee dhufu keessatti lakkoofsi namootaa Covid-19 qabaman miiliyoona 10 ni gahu jedhee akka eegaaru ibse.

    "Hanga ammaatti namoonni miiliyoona 9.1 ta'an vaayirasichaan qabamaniiru, namoonni 470,000 ol immoo du'aniiru," jedhan daayirektarri WHO Dr Teediroos Adihaanoom ibsa gaazexeessitootaaf kennan irratti.

    "Ji'a jalqabaa weerara kanaatti namoonni 10,000 gad Covid-19 qabamanii turan. Ji'a darbe namoonni miiliyoona afuritti siqan vaayirasichaan qabamaniiru.

    "Torbee itti aanuu lakkoofsi namoota vaayirasichaan qabamanii miiliyoona 10 ni gaha jennee eegna."

    ''Tatamsa'inna ittisuu fi lubbuu baraaruuf saffisaan waan dandeenyu godhuu qabna" jedhaniiru.

    Yeroo ammaa kanatti Ameerikaan lakkoofsa namoota vaayirasichaan qabamanii fi du'anii baay'ee qabaachuudhaan sadarkaa jalqabaarratti argamti.

  9. 'Haga haalli mijataa uumamutti bordichi naannoo kamittuu filannoo hin gaggeessu'

  10. Amma nu gahe, Itoophiyaatti lakkoofsi namoota Covid-19n qabamanii 5,000 caale

    Itoophiyaan sa’aatii 24 darban keessatti namoota 4034’f qorannoo taasiftee namoota 186 irratti vaayirasichi argamu mirkaneessiteetti.

    Kunis lakkoofsa namoota hamma ammaatti Covid-19 qabaman 5034 akka tahu taasiseera.

    Namoota sa’aatii 24 darban keessatti qorannoon taasifameef keessaa dhiira 73 fi dhalaa 113 yoo ta’an namoota ganna ji’a jahaa hamma waggaa 75 jiddutti argamaniidha.

    Isaan keessasa namoonni 181 lammiilee Itoophiyaa yoo ta’an, shan immoo lammiilee biyya birooti.

    Qorannoo walii galaa keessaa qorannoo samuuda 35 (15 dhaabbillee fayyaa fi 20 hawaasa keessaa) reeffa irratti ka taasifame yoo ta’u, samuuda lama dhaabbilee fayyaarratti taasifameen lamarratti vaayirasichi argameera.

    Dabalataanis namni dhaabbata fayyaattii yaaliirra ture lubbuunsaa darbeera. Nama dhaabbata fayyaatti lubbuun darbe dabalatee namoonni lama biroo du’aniiru.

    Kunis lakkoofsa namootaa sababa Covid-19 lubbuunsaanii darbe gara 78 ol guddiseera.

    Gama kaaniin sa’aatii 24 darban keessatti, namoonni 74 haaraa bayyanataniiru. Walumaa galatti lakkoofsi namoota bayyanatanii 1,489 gaheera.

    Haala Covid-19 Itoophiyaatti
  11. Gamtaan Awurooppaa lammiileen Ameerikaa gara Awurooppaa akka hin galle dhorkuu mala

    Nama qorannoon koroonaavaayirasii taasifamaafii jiru

    Madda suuraa, AFP

    Ambaasaadaroonni Gamtaa Awurooppaa kaleessa wal-gahan Hagayya 1, qabee daangaa biyyoota isaanii deebisanii banuuf karoorfachaa turan.

    Biyyoota gamtichaa akka hin galle warreen dhorkaman keessaa lammiilleen Ameerikaa tokko tahuu danda’u.

    Biyyooti Awurooppaa baayyee imala jalqabsiisuu yoo fedhan, kaanimmoo ammallee tamsa'inni koroonaavaayirasii dabaluu wal-qabatee of-eeggannoo itti fufaniiru.

    Miseensonni gurguddoo 27 gamtichaa biyyooti Gamtaa Awurooppaan ala jiran ulaagaa attamii guutuu qabu kan jedhurratti jalqaba waliigaluu qabu.

    Koroonaavaayiraasiin Ameerikaa keessatti babal’achaa waan jiruuf, lammiileen US biyyoota Awurooppaa akka hin seenne dhorkaman keessaa tahuu malu.

    Biraaziil, Raashiyaa fi biyyooti dhukkubichi akka malee itti babal’ate kanneen dhorkaman keessaa akka tahuu danda'an gabaasni Biraasalsirraa bahe hima.

    Gamtaan Awurooppaa biyyoota kanneen dhorkan adda baasuuf ulaagaa fayyummaa bahuu qaburratti hin murteessine.

  12. Finfinneetti namoonni Covid-19 qabamanii turan 37 bayyanachuun hospitaalaa bahan

    Haadha bayyanatan

    Madda suuraa, St. Peter's Specialized Hospital

    Dhukkubsattoonni koronaavaayirasiin qabamanii Hospitaalaa Ispeeshaalaayiziidii Qiddus Peexiroos turan 37 dhukkubbicharraa bayyanachuun gara manasaaniitti deebi'aniiru.

    Dhukkubsattoonni vaayirasichaan qabamanii yaalaaf gara hospitaalichaa seenan walumaa galatti 178 ta'uusaanii hospitaalichi kan ibse yoo ta'u, marsaa jalqabaatti dhukkubsattoonni 44 bayyanatanii gara manasaaniitti deebi'aniiru.

    Kunis lakkoofsa dhukkubsattootaa hamma ammaatti hospitaalichatti bayyanatanii gara 81'tti ol guddiseera.

    Dabalataanis namoonni koronaavaayiras qabaachuu danda'u jedhamanii shakkiidhaan gara hospitaalichaa dhufan 205 keessaa,144 vaayirasicharraa bilisa ta'uunsaanii mirkanaa'ee gara manasaaniitti deebi'uusaanii hospitaalichi fuula Feesbuukiisaarratti ibseera.

    Itoophiyaatti hamma ammaatti namoonni 4,848 vaayirasichaan yoo qabaman 1,412 immoo bayyanataniiru.

    Dubartii bayyanatte

    Madda suuraa, St. Peter's Specialized Hospital

    Namoota bayyanatanii hospitaalaa bahan

    Madda suuraa, St. Peter's Specialized Hospital

  13. Miseensonni paarlaamma Gaaboon jaalala saala wal-fakkaataa seera qabeessa gochuuf filatan

    namoota harka walqabatan

    Madda suuraa, Getty Images

    Miseensonni paarlaamaa sadarkaa gadaanu Gaaboon jaalalli saala wal-fakkaataa yakka akka hin taaneef sagalee kennan.

    Yaadi isaan sagalee irratti kennan kun mana maree ol-aanuu fi pireezidaantii biyyattiin yoo ragga’e, biyyoota muraasa Sahaaraan gadii seera jaallattoota saala wal-fakkaataa adabu haqan keessaa Gaaboon tokko taati.

    Bara darbe biyyi gidduugala Afrikaa kun jaalala saala wal-fakkaataa fi saal-quunnamtii saala wal fakkaataa yakka jechuun ji’a jahaan akka adabsiisu murteessitee turte.

    Rogeessonni dhimma kanaaf falman, yakka taasisuun jarreen kana lafa jala akka jiraataniifi qoccollaaf akka saaxilaman godha jedhan.

    Yaada kana miseensonni paarlaamaa 48 tahan seerri bara 2019 tti bahe akka geeddaramu yoo gaafatan walakkaa ol immoo mormaniiru.

    Gaa’elli saala wal-fakkaataa Gaabonitti ammallee hineeyyamamu, akka safuu cabsuuttis ilaalama.

    Miseensi paaralaamaa tokko warreen jaalalli wal-fakkaataa seera qabeessa akka tahu deeggaran aadaa fi duudhaa hawaasaa cabsaa jiru jedhan.

  14. Namni yakka gudeeddii raawwateera jedhame himannaan waggaa 90 adabsisuun irratti baname

    Ron Jeremii yakka gudeeddiin kan himatame

    Madda suuraa, Getty Images

    Ibsa waa'ee suuraa, Ron Jeremii yakka gudeeddiin kan himatame

    Namni gaheessi indastirii filmii keessatti baakamu tokko yakka hidhaa waggaa 90 adabsiisuun himatamuun dhagahame.

    Namni indastirii fiilmii keessatti beekamu, Roon Jeeremii dubartoota sadii gudeeduun, kan biraa ammoo qoccoluun himatame.

    Bara 2014-2019 gidduu namni fiilmii 'pornography’ keessatti beekamu kun yakka kana raawwate jedhame.

    Umuriin namoota miidhamneerra jedhanii 25 hanga 46 gidduutti kan argamuudha.

    Namni maqaa guutuunsaa Roonaaldi Jeereemii Hiyaat jedhamu kun amma nama ganna 67 yoo tahu, indaastirii fiilmii ‘pornography’ keessatti nama maqaa guddaa qabudha.

    Bara 1970 keessa fiilmiiwwan 2000 ol keessatti hirmaateera. Yoo yakkamaa tahee argame ammo hidhaa hanga waggaa 90’n adabamuu akka danda’us himameera.

    Abukaattoon isaa Doolaara miliyoona $6.6 tahuun akka mirgi wabii isaaf eegamuuf gaafanna jedhan.

  15. 'Haleellaan Saayibarii sun osoo fashaluu baate biyya balaarra buusa' INSA

  16. Laatiin Ameerikaa fi Kaaribiyaanii keessatti namootni Covid-19'n du'an 100,000 caalan

    Laatiin Ameerikaa

    Madda suuraa, Getty Images

    Ragaa Joon Hoopikiinsi sassaabaa jiruun Laatiin Ameerikaa fi biyyoota Kaariibiyanaii keessatti namootni sababa Covid-19'n lubbu isaanii dhaban 100,000 caalan.

    Walakkaan du'aatiiwwan kanaa ammoo Biraaziil keessatti galmaahe. Lakkoofsa namoota qabamaniifi lubbuu dhabaniin Biraaziil US'tti aantee sadarkaa lammataarratti argamti.

    Meeksikootti namootni 23,300 ol ta'an du'aniiru.

    Biraaziiliifi Meeksikootti gaaga'amni Covid-19 qaqqabsiisaa jiru hammaataa ta'us biyyootni lameen dhibee kana to'achuuf akka biyyoota biroo uggura sochii hin labsine.

    Biyyoota Laatiin Ameerikaa biroo akkaan miidhamaa jiran keessa Peeruu(kan du'an 8,404) fi Chiilinis( kan du'an 4,505) ni argamu.

    US fi biyyoota Awrooppaan caalatti guyyaa guyyaatti nama haaraan qabaman itrti fufiinsaan galmaahaa kan jiran biyyoota Laatiin Ameerikaa keessatti.

  17. Pirezidantiin Gaanaa diigamuu embasiif Naayijeeriyaa dhiifama gaafatan

    Gamoon Komishinii olaanaa Naayijeeriyaa Aakraa keessatti argamu tokko diigamuu isaatiin pirezidanti Naanaa Akuufoo-Addoo dhiifama gaafachuu isaanii Naayijeeriyaan beeksifte.

    Ibsa kaleessa ba’een akka jedhametti, dursaan Gaanaa dhimmichi sirriitti qoratamee akka qulqullaa’u Pirezidanti Muhaammaaduu Buhaariitti himaniiru.

    Shakkamtoonni muraasnis qabamanii mana murtii dhiyaashuuf akka jiran dabalataan ibsameera.

    Hidhattoonni mooraa komishinichaa cabsanii seenuun gamoon haaraa ijaarame doozariin yoo diigamu hordofuu isaaniitu himama.

    Gamoon kun bakka jireenyaa hojjettootaafi diippiloomaatonni keessummummaan dhufan akka itti boqotaniif yaadamee ijaarame.

    Gamoo jige

    Madda suuraa, DELE MOMODU/TWITTER

    Ibsa waa'ee suuraa, Gamoon diigame kun bakka jireenyaaf akka ooluuf yaadamee ijaarame
  18. Tibba Covid-19 kanatti Naayijeeriyaatti gabaan bineeldotaa akkuma ho’etti jira

    Nama hantuuta bosonaa qabate
    Ibsa waa'ee suuraa, Gabaa beeyiladootaa kana cufuuf dambiin ba'e hin jiru, dubbi himaa bulchaa Leegoos

    Waamicha UN gabaan gurgurtaa foon bineeldotaa akka dhaabbatuuf godhe cabsuun, magaalaa guddittii daldalaa Naayijeeriyaa, Leegoos keessatti daldalli foon bineeldotaa ammas itti fufeera.

    Eeppee, gabaa foonii Oloowuu beekamticha keessatti foon bineeldota bosonaa guyyaa guyyaan gurguramaa oola.

    Maddi koroonaavaayiras gabaa beeyiladootaa Wuhaan Chaayinaa keessa jirudha jedhamee sodaatamus, daldaltoonni garuu wanti akkasii hin jiru jechaa jiru.

    Gaabaasaan kun bineensotni akka, hantuutaa, bofa, kuruphee, gaararraa, naachaafi paangooliinonni akkasuma kan biroon yeroo gurguraman argeera.

    Gurgurtaan foonii kun dhorkaa mootummaan kaa’een qabbanaa’uu himatu daldaltoonni.

    Naayijeeriyaatti daldalli foon bineeldota bosonaa beekamaa yoo ta’u, namoonni gabaa Oloowuu keessatti foon gurguran ammoo, waggoota dheeraaf achi keessa turani.

    “Osoo koroonaan hin dhufin dura guyyaatti beeyiladoota 100 wayii gurgurree oolla ture, amma garuu 20 yoo gurgurre bareedaa dha.’’ Jedha Latiifaat Oloowuu namni gabaa sana keessa waggoota 20 oliif daldaala ture.

    Dubbi himaan bulchaa Leegoos, dambiin gabaa beeyiladootaa kana cufsiisu hojiirra hin jiru jechuun dubbatani.

    Nama morma naachaa qabee jiru
    Ibsa waa'ee suuraa, Gabaan foonii beeyiladootaa Chaayinaa, Wuhaan keessa jiru madda Covid-19'ti jedhama
  19. Dhalli namaa uumamaan dhibaawoodhaa?

  20. Indiyaa magaalaa Deelhiitti guyyaatti namootni 4000 Covid-19'n qabaman

    Magaalaan Deelhii guyyaa tokkotti namootni haaraan 4,000 tahan Covi-19 qabamuu ibsite

    Kaleessa Indiyaa magaalaa Deelhiitti guyyatti namootni 4,000 tahan Koroonaavaayirasiin qabamuu yoo ibsitu kun magaalittiif isa ol aanaa tahee galmaa’eera.

    Magaalaa Deelhii kanatti hanga ammaatti namootni 66,000 tahan vaayirasichaan faalamaniiru. Kun ammoo Indiyaa keessaa magaalaa 2ffaa vaayirasii kanaan akka malee miidhamte ishee taasiseera.

    Magaalaan Mumbaayi jalqaba irra kan jirtu yoo tahu namoota 68,000 tahantu vaayirasichaan qabame.

    Amma suuta gadi bu’aa dhufeera. Kaleessaa guyyaa tokkotti namoota haaraan qabaman 800 qofa tahuu himame. Haala amma jiruun garuu magaalaan Deelii lakkoofsa namoota vaayirasichaan qabamaniin bira darbuu malti jedhamaa jira.

    Indiyaatti hanga ammaatti namootni 440,000 tahan vaayirasichaan yoo qabaman 14,476 tahan ammo du’aniiru.

    Weerara Covid-19 Delhiitti

    Madda suuraa, Getty Images