Itoophiyaatti maanguddoon ganna '114 Covid-19’rraa bayyanatan’

Maanguddoon Itoophiyaa ganna 114 koronaavayirasii irraa bayyannachuu isaani hogganaa hospitalaa manguddoon kun itti wal’aanamaa turanii kan ta’an Dr Yaareed Agidew Feesbuukii gubbatti maxxansaniiru.

Haguuggii Tamsaasa Kallattii

  1. ''Maanguddoon kun boo'ichaaf rakkoosaanii nutti himaachuu dadhaban''

  2. Manni Maree Naannoo Kibbaa yaa’ii isaa eegale

    Manni Maree Naannoo Kibbaa yaa’ii isaa eegalee jira

    Yaa’ii kana irratti dhimmoota gurguddoo afur irratti marii gaggeessu.

    Inni jalqabaa gabaasa manni marichaa ittisa koroonaavaayirasii ilaalchisee dhiyeessu irratti mari’achudha.

    Kan lammataa baajata dabalataa bara 2012 dhiyaatu irratti mari’atee raggaasisuu yoo tahu kan sadaffaan ammoo gaaffii caasaa haaraa ijaaruuf dhiyaateef deebii fi murtoo isaa dhiyeessuu taha.

    Dhuma irratti wal harkaa fuudhinsi aangoo akka gaggeeffamu eegama jechuun Biiroon Dhommoota Komunikeeshinii naannchaa barreessera.

    Yaa’iin kun guyyoota sadiif kan gaggeeffamu taha. Sidaamaan naannoo of dandeesse taatee hundaa’uuf riferandamiin gaggeeffamee sagalee caalmaan murtaa’uunsaa ni yaadatama.

    Yaa'ii Mana Maree Naannoo Kibbaa Itoophiyaa

    Madda suuraa, Biiroo Komunikeshinii Naannoo Kibbaa

  3. Ogeeyyiin Itoophiyaa itti fayyadama 'Deksaametaazoon' irratti yaada dhiyeessan

  4. Manguddoon eegumsa bosona Amaazoniif falman Covid-19'n du'an

    Paawulinihoo Paayaakaan

    Madda suuraa, AFP

    Paawulinihoo Paayaakaan hogganaa uummata jeebanaa (indigenous) Kaayaapoo jedhamanii yoo tahan bosonni Amaazoon akka kunuunfamuuf falmuun beekamu.

    Paayaakaan nama ganna 65 yoo tahan bara 1980tti hidhi guddaa addunyaa sadaffaa Beloo Motee, Biraazil keessatti yoo ijaaramu xiyyeeffannoo hawaasa addunyaa argatan.

    Namni kun bara 1998tti shamarree ganna 18 gudeeduun yakkamanii turan. Haati warra isaanillee yakka kana deeggarteetta jedhamuun balleessituu jedhamtee turte.

    Deeggartoonni isaanii himannichi maqaa isaanii xureessuuf shira xaxame dha jedhanii turan.

    Paayaakaan Roobii darbe lafa Paaraa Isteet jedhamtu keessa hospitaalatti boqotan.

    Naannoo kana sabootni jeebanaa baay’inaan kan jiraatan yoo tahu weerara kanaan badaa miidhamaa jiru.

    ‘‘Umurii isaa guutuu gamtaa saboota jeebanaa ijaaruun bosona Amaazoon baraaruuf hojjete,’’ jedhe hundeessaan garee kunuunsa naannoo Pilaaneet Amaazoon Geert Piitar Biraach AFPtti yoo himu.

    ‘‘Namichi yeroosaa dursee kan jiraate dha. Nama gatii jabeessa dhabne,’’ jedheera.

  5. Chaayinaan liqii dhala hin qabne biyyoota Afrikaarraa haquufi

    Yaa'ii Chaayinaa-Afrikaa

    Madda suuraa, Abiy Ahimad

    Chaayinaan liqaa dhala hin qabneefi bara 2020'tti deebi'uun irraa eegamu biyyoota Afrikarraa haquuf akka ta'e Pireezidant Shee Jiinpiing beeksisan.

    Yaa'ii Chaayinaa-Afrikaa kan sababa muddaa Covid-19 irratti mariyachuuf waamamee, hundu gama intarneetaan irratti hirmaate irratti kan dubbatan Shiin, biyyootni Afrikaa sababa Covid-19'n akkaan miidhamaniif yeroon itti liqii isaanii deebisan ni dheerataaf jedhaniiru.

    Aanga'oonni Chaayinaa dhaabbileen faayinaansii biyyattii, biyyoota Afrikaa waliin michummaan dhimma liqaarratti akka haas'an himaniiru.

    Pireezidant Shiin, yaa'ii Roobii gaggeefame irratti UN, WHO fi michoota biroo waliin Afrikaan weerara Covid-19 akka ofirraa qolattu akka gargaaran himanii kanas fedha Afrikaa haala eeguun raawwanna jedhan.

    Weerara Koronaa ilaalchisee biyyootni Afrikaa talaallii Chaayinaan argatturraa jalqaba warra fayyadaman ta'us jedhan. Afrikaa keessatti hospitaalota ijaaruu akka itti fuftus himan.

    Waajira Muummee Gidduugala To'annoo Dhibee Afrikaa magaalaa Finfinnee keessatti ijaruufis waadaa galaniiru.

  6. Zimbaabuween mindaa hojjettoota mootummaa harka 50 dabalte

    Lammiilee Zimbaabuwee mindaan doolaaraan akka isaaniif kaffalamu gaafatan

    Madda suuraa, AFP

    Mootummaan Zimbaabuwee mindaa hojjettoota mootummaa harka 50 kan dabale weerara koroonaavaayirasiin wal-qabatee diinagdeen biyyattii hammaannaani.

    Ministeerri Faayinaansii biyyattii haala amma jiruun mindaa fi qarshiin sooramaa harka 50 dabala jedheera. Qarshiin kun maallaqa haaraa bara darbe beeksifameen kaffalama.

    Dabalataan hojjettoonni mootummaa gibirri irraa hin kutamu, koroonaavaayirasiin wal qabatee immoo durgoon doolaara 70 illee ni kennamaaf.

    Qarshii sooramaa warri argatan immoo doolaara 30 dabalataan fudhatu.

    Kaffaltiin rakkoo tamsa’ina Covid-19n dhufu hir’isuuf kennamu ji’a sadiif tura.

    Ministeerri Faayinaansii qarshii kana haala kamiin akka ramaduuf yaade hin ibsine.

    Tarkaanfiin kun Zimbaabuweetti qaala’insi gatii harka %785 erga dabaleen booda kan fudhatame dha.

    Baatii Eblaa keessa mootummaan maatii miiliyoona tokko koroonaavaayirasiin daran miidhamaniif qarshiin akka deeggaru himee ture.

    Haa tahu malee maatiin tokko tokko ammallee qarshiin nu hin qaqqabne jedhu.

    Tarkaanfii rakkoo diinagde kana hir’isuuf taasifameen mootummaan biyyattii doolaara Ameerikaa bittaaf gurgurtaaf fayyadamuu eeyyamee ture.

    Zimbaabuween waggaa kudhaniif qaala’insa gatii guddaaf saaxilamnaan maallaqa biyya alaa fayyadamaa turte.

  7. UN ajjeechaa gurraachotarra gahu qorachuuf Komishinii akka hundeessu gaafatame

    Obboleessa Joorji Filooyid

    Madda suuraa, Reuters

    Obboleesssi Joorji Filooyid, nama gurraacha torban sadii dura Miniyaapolisitti Poolisiin mormaarra ejjetee ajjeesee, Dhaabbatni Biyyoota Gamtoomanii Ameerikaatti ajjeechaa Poolisootaan raawwatamuufi jibba sanyummaa bu'uureffate akka qoratu gaafate.

    Jibba sanyummaa fi ajjeechaa Poolisoonni Ameerikaa gaggeessan irratti Manni Maree Mirga Namoomaa dhaabbatichaa yaa'ii ariifachiisaan akka gaggeefamu kan gaafatan biyyoota Afrikaadha.

    Obboleessi Joorji, Filoonaayis Filooyid, yaa'ii Mana Maree Mirga Namoomaa Jeneevaatti qophaaye kanarratti viidiyoodhaan hirmaateera.

    ''Obboleessi koo akki itti dararamee lubbuun isaa dabarte viidiyoodhaan argitan haala gurraachotni harka Poolisoota Ameerikaatti itti rakkatan agarsiisaa" jedhe'.

    Dhaabbatni Biyyoota Gamtoomanii Komishinii walabaa hundeessee ajjeechaa Poolisiin gurraachotarratti raawwatuufi qabiinsa namoota hiriira nagaa bahanii akka qoratu gaafateera.

    ''Isin warri Dhaabbata Biyyoota Gamtoomanii keessa jirtan obboleessa koof haqni akka argamu gochuuf aangoo qabdu'' jechuun gaafate.

    Manni Maree Mirga Namoomaa dhaabbatichaa har'as dhimma mirga gurraachotaa Ameerikaa jiranirratti ni mariyata.

    Ameerikaa fi Awustiraaliyaan waliin ta'uun wixineen biyyootni Afrikaa dhaabbata kanaaf dhiyeessan akka laafu hojjechaa jiruu jechuun Aktivistootniifi dippiloomaatonni qeeqaa jiru.

  8. Poolisii adiin Atlaantaatti nama gurraacha ajjeese himatamuufi

    Suuraa Birooksiifi Poolisii

    Madda suuraa, Reuters

    Torbee darbe Joorjiyaa magaalaa Atlaantaatti Poolisiin rasaasa lamaan nama gurraacha ajjeese yakka ajjeechaan himatame.

    Poolisiin adiin Raayishaard Birooksiin ajjeese, Gaareet Roolfe, himatni 11 kan irratti dhiyaate yoo ta'u yakkamaa ta'uun yoo mirkanaahe adabbiin hanga du'aa gahu irratti muramuu danda'a.

    Poolisii biroon isa waliin ture Deeviid Birosnaan ammoo waahila isaa kanarratti ragaa baha jedhaniiru aanga'oonni.

    Birooks naannoo mana nyaataa tokkotti konkolaataa akka hin taanetti dhaabe rafe jedhamuun poolisoonni waamaman. Achiis Poolisiin isa to'achuuf yoo jedhu osoo miliquuf fiigu ajjeefame.

    Mormii sababa ajjeefamuu Joorji Filooyiidiin ka'as duutii Birooks ittii hammeessee ture.

    Tiraamp kaleessa wixinee haaraa Poolisii biyyattiirratti haaromsa fiduuf gargaaru mallateessaniiru .

  9. Ashamaa!, Deebineerra!

    Gabaasni kallattii keenya kan Waxabajjii 18 bara 2020 asirraa eegala.

    Gabaasa guyyaa kaleessaa kanaa gaditti argattu.

    Oolmaa Gaarii!

  10. Ministirri fayyaa UK seera walirraa hiiquu cabsan

    Ministirri Fayyaa UK yeroo qolee nama biraa qabatee dhaabbatutti

    Madda suuraa, BBC Parliament

    Ministirri fayyaa UK Maat Hankook seera walirraa fageenya eeggachuu koronaavaayirasii ittisuuf kaa'ame cabsuun Paarlaamaa keessatti jaallee isaanii qolee osoo qabatanii dhaabbatanii argaman.

    Yeroo gaaffii ministira muummeef dhiyeessuuf paarlaamaatti argamanitti ture qondaalli mootummaa kun dagachuun qolee nama biroo kan qabatan.

    Maat Hankook ministiroota koronaavaayirasiin qabaman keessaa tokko yoo ta'an, tatamsa'ina koronaavaayirasii ittisuudhaaf walirraa fageenya meetira lama eeggachuun akka hojiirra ooluudhaaf nama waywaatan.

  11. US qabeenya lammilee Naajeeriyaa ja’a doolaaraa mil. 6 ta’u dhorkite

    harka namaa kiiboordiirratti

    Madda suuraa, Getty Images

    Ameerikaan qabeenya lammilee Naajeeriyaa ja’a maqaa jaalalaan hanna toora interneetaarratti gaggeessan Dolaara miliyoona 6tti tilmaamamu dhorkite.

    Hattoonni toora internaataarraan maqaa jaalalaatiin nama saaman kunneen namoota Ameerikaa biizinasasii xixxiqqaarrattillee bobba’an irratti ni xiyyeeffetu.

    Jarri kun maallaqa karaa seeraan alaa gara ofiitti kan dabarfatanis namoota irratti xiyyeeffatan bifa gara garaatiin sossobuudhaan maqaa, paaswoordiifi ibsa waa’ee baankii isaanii harkaa baafachuun.

    Namoonni hattoota kanaan miidhaman baayyeen isaanii dubartoota, maanguddootaafi warra gaa’elli isaanii diigameee abbaa warraa ykn haadha warraa ofii dhabanidha.

    Hattoonni kun qabatamaan US keessa eessa akka jiran hin beekamu. Haata’u malee, qabeenyi isaan baankii US keessaa qaban hunduu dhorkameera.

    Lammileen Ameerikaas hattoota kana waliin akka hariira hin qabaanne dhorkamaniiru.

    Ministirri Dhimma Alaa US Maayik Poope’oo hattoonni kun carraa guddina tekinooloojiitti fayyadamuun lammilee Ameerikaa salphaatti saaxilamuu danda’anirratti xiyyeeffachuun adamsu jedhan.

    Hagayyaa 2019, US lammilleen biyya biroo 80 ta’an, garri caalan lammilee Naajeeriyaadha jedhaman, hanna karaa toora interneetaan maallaqa Dolaara miliyoona 46 samameef himattee turte.

  12. Bulchaan Teeksas lakkoofsi namoota Covid-19 qabamanii dabaluusaatiif dargaggeessa qeeqan

    Beeksisa bakka bashananaa

    Madda suuraa, Getty Images

    Ameerikaatti Bulchaan Teeksas Gireeg Aboot dargaggeessi deebi'anii gara mana dhugaatiifi manneen nyaataa deemuunsaanii lakkoofsi namoota haaraa Covid-19 qabaman akka dabaluuf sababa ta'aniiru jedhan.

    "Namoonni hedduun jalqaba Waxabajjii kaasee Covid-19 qabaman namoota ganna 30 gad jiraniidha," jedhan.

    Jimaata darbe manneen dhugaatiifi nyaataa %75 hojiitti deebi'aniiru.

    Paarkiiwwanis irra deebiidhaan akka banaman taasifamaniiru.

    Kanaan wal qabatee bulchitoonni magalota gurguddoo Teeksas sagal magaalotasaaniitti maaskii godchuun dirqama akka ta'uuf bulchaadhaaf xalayaa barreessaniiru.

  13. Qoricha deksaametasoon dhukkubsatootaaf kennuun har'a jalqabame

    https://bbc.com.im/afaanoromoo/oduu-53078588

    Madda suuraa, MATEW HORWOOD

    Qoricha deksaametasoon dhukkubsatootaaf kennuun UK keessatti har'a jalqabamuu Tajaajilli Fayyaa Biyyaalessaa biyyattii beeksiseera.

    Qondaalli fayyaa UK tokko akka jedhanitti, dhukkubsattoota baayyee dhibamuun harganuu dadhabanii ventileetaraan gargaaramaa jiran akka dandamatan waan gargaaruuf tarkaanfii "bu'aa battalumatti argamsiisu" jedhuun faayidaarra ooluu qaba.

    Deksaametasoon qoricha beekamaafi rakasa dhibee garaa garaa yaaluuf fayyadudha. Qorichi kun kan yeroo baay`ee tureedhas.

    Dhibeewwan hormoniin walqabatan, alarjikii, dhibee sirna qaamaa dhukkuba ofirraa ittisuu, dhibeewwan hargansuun waaalqabataniifi rakkoo onnee yaaluuf fayyada.

    Xalayaan atattamaa qondaalota fayyaa UK afuriin barreeffame akka jedhutti qoricha kana dhukkubsattoota Covid-19 hospitaala jiran ittiin wallaanuun hayyamameera.

    Akka mootummaa biyyattiittis kuusaa keessaa doozii 240,000 waan qabaniif yaaddoon hir'ina qoricha kanaa ammatti hin jiru.

  14. 'Icciitiin Daandiin Qilleensa Itoophiyaa yeroo rakkoo kana ittiin ce'aa jiru maal?

  15. Itoophiyaatti har'a namoonni 129 Covid-19 qabaman, lama du'an

    Guyyaa har'aa Itoophiyaatti namoonni 129 ta'an Covid-19'n qabamuu Ministeerri Fayyaa biyyattii beeksiseera. Kun saamuda namoota 5, 274 ta'anirraa fudhate keessaati.

    Lakkoofsa har'aa kana dabalatee hanga ammaatti biyyattii keessatti lakkoofsi namoota qabamanii 3,759 ga'eera.

    Namoonni haaraa qabaman hunduu lammiilee Itoophiyaa umriin isaanii waggaa tokkoo hanga 70 gidduu jiraniidha.

    79 dhiira, 50ni ammoo dhalaadha.

    Namoota haaraa qabaman keessaa 85 Finfinnee, 11 Tigraay, 10 Naannoo Somaalee, torba Kibba, ja'a Amaaraa, shan Oromiyaa, afur Dirree Dhawaafi tokko Naannoo Hararii irraati.

    Sa'atii 24n darban keessatti namoonni lama vaayirasichaan kan du'an yoo ta'u, walii galatti hanga ammaatti namoonni 63 dhibee kanaan lubbuu dhabaniiru.

    Gama kaaniin ammoo namoota har'a Covid-19 irraa dandamatan 111 dabalatee walii galatti hanga ammaatti namoonni 849 vaayirasicharraa dandamataniiru.

    Lakkoofsa koronaavaayirasii
  16. Siwiidinitti lakkoofsi namoota Covid-19 du'anii 5,000 caale

    Siwiidinitti lakkoofsi namoota sababa koronaavaayirasiin du'anii 5,041 gaheera jedhan qondaaltonni fayyaa biyyattii.

    Lakkoofsi ummata biyyattii miiliyoona 10 yoo ta'u, lakkoofsi namoota du'anii kun kan biyyoota ollaa waliin wal bira qabamee yoo ilaalamu guddaadha.

    Biyyattiinis uggura hin labsu jechuun murtee falmsiisaa dabarsitee turte.

    Namoonni murtoo kana keessatti hirmaatee Andirees Teegnaal murtoon kun namoonni hedduu akka du'aniif sababa ta'e himeera.

  17. Sudaan awwaalcha jumlaa Kaartuumitti argamurratti qorannoo taasiste

    Awwaalcha Sudaan

    Madda suuraa, Getty Images

    Qondaaltonni Sudaan koree awwalchaa jumlaa magaalaa Kaartuumitti argman qoratu hundeessan.

    Kunis reeffa namoota bara 1998 kaampii waraanaa El Elaafoon jedhamu keessaa ayyaana Iida al-Adahaatiif maatiisaanitti makamuuf jecha osoo miliqanii ajjeefaman ta’uu hin oolu jedhameera.

    Kaampiin waraanaa kunis yeroo bulchiinsa pireezidaantii duraanii Omaar al-Bashiiritti leenjiin waraanaa fedhii namootaatiin alatti itti kennamu ture.

    Raadiyoon biyya Nezerlaandis keessatti argamu kan ‘Tamazuj’ jedhamu akka gabaasetti namoonni fedhiisaaniitiin alatti waraanatti makaman kunneen waraanaaf gara Sudaan Kibbaatti ergamuuf sodaa akka qaban ibse.

    Isaanis yeroo ayyaanatti maatiisaanii waliin kabajuu dhabuusaaniitiin qondaaltota waraanatti dallananiiru.

    Sudaan eega ummatti riifarndamidhaaf filannoo taasise booda Hagayya 2011 bakka lamatti qooddamte.

    Ta’us garuu waraanni wal waliin waggoota 10 oliif taasisaa ture. Kunis lubbuun namoota miiliyoona 1.5 akka darbuuf sababa ta’eera.

  18. 'Dexamethasone' qoricha akkamiiti?, Itoophiyaa keessa hagam jira?

  19. Chaayinaafi Indiyaan muddama naannoo daangaa tasgabbeessuuf waliigalan

    Naannoo Himaaliyaa

    Madda suuraa, Reuters

    Ministeerri Haajaa Alaa Chaayinaa ibsa har'a baaseen, Indiyaa waliin naannoo gaarreen Himaaliyaatti walitti bu'iinsa dhalate ture dafanii tasgabbeessuuf waliigaluu beeksise.

    Dippiloomaatii olaanaan Chaayinaa Waang Yii Ministira Haajaa Alaa Indiyaa waliin wayita bilbilaan haasa'an, Indiyaan loltoota ishee daangaa ce'anii lotoota Chaayinaa miidhan irratti tarkaanfii akka fudhattu gaafachuu Rooyitarsi gabaaseera.

    Ministirri Muummee Indiyaa Naariindiraa Moodii, lubbuun loltoota keenya 20 akkasuman lafatti hin baduu jedhanii turan ibsa har'a miidiyaaleef kennanii.

    Indiyaan Loltootni ishee warra Chaayinaa osoo lolanii waan du'aniif ni boontiis jedhan.

    Wal dhabdee kanaan gareewwan lamaanu wal balaaleeffataa kan jiran yoo ta'u, miidhaan daangaa biyyoota lamaanii irratti mudate kun erga waldhabdee Kaashim kan waggaa 45 asiitii isa hamaadha jedhameera.

    Lola kibxata taasifame kanarratti rasaasni tokkollee hin dhukaafamne, garuu kan Chaayinaa beekamuu baatus Indiyaan loltoota 20 dhabdee jirti.

  20. Itoophiyaatti maanguddoon ganna '114 Covid-19’rraa bayyanatan’