Itoophiyaatti maanguddoon ganna '114 Covid-19’rraa bayyanatan’
Maanguddoon Itoophiyaa ganna 114 koronaavayirasii irraa bayyannachuu isaani hogganaa hospitalaa manguddoon kun itti wal’aanamaa turanii kan ta’an Dr Yaareed Agidew Feesbuukii gubbatti maxxansaniiru.
Haguuggii Tamsaasa Kallattii
Yaaliin haaraa qorannoon Covid-19 hancufarraa taasifamu UK'tti eegale
Maalaawwiin filannoo irra deebiin taasifamuuf qophaa’aa jirti

Madda suuraa, AFP
Filannoo Maalaawwiitti Caamsaa 2019 gaggeeffameen pirezidant Piitar Mutarikaa %38.5 mo'aniiru jedhamee ture.
Ta’us paartileen mormituu bu’aan kun rakkoo qaba himannaa jedhuun mana murtiitti falman.
Manni murtiis bu'aa filannoo bara darbe haquun lammata akka taasifamu murteesse.
Tiraamp inni qorannoo xiqqeessaa jedhe ‘qoosaadha’ – Waayit Haawus

Madda suuraa, Reuters
Ibsa waa'ee suuraa, Donaald Tiraamo gaafa Sambataa Oklaahomaatti duula na filadhaa gaggeessanii turan Ji’oota muraasa booda dheengadda gaafa Sambataa duula na falidhaa kan taasisan pirezidantiin Ameerikaa Donaald Tiraamp dubbii dubbataniin qeeqamaa turan.
Dubbiin isaanii qondaaltota biyyattiif qorannoo koronaavaayirasii namootaaf taasistan xiqqeessaa kan jedhu ture.
‘’Gaafa qoratte nama baay’ee irratti argatta,’’ jechuun qondaaltonni akka qorannoo xiqqeessan dubbatan.
Boodarra Masaraan Biyyaalessaa US Waayit Haawus dubbiin pirezidant Tiraamp qoosaadha jedhe.
Gaafa Wiixataas pirezidantichi tiwiitara isaanii irratti ergaa barreessaniin Ameerikaatti qorannoon hedduu taasifamaa akka jiru ibsan.
Haa ta’u malee, ogeessonni muraasni kuni sirrii miti yaada jedhu qabu.
Yeroo ammaa US keessatti namoonni vaayirasichi irratti argame miiliyoona 2.3 yoo ta’an kanneen du’an immoo 120,000’tti siqu.
Kuni, biyyoota addunyaa kamuu caala.
‘Ijoollee abbaa hingalleef karra ilaalaa jirtu’ -Hadha Warraa Dr. Ambaachoo
Jaappaan hancufarraa koronaavaayirasii qorachuufi

Madda suuraa, AFP
Ibsa waa'ee suuraa, Yeroo ammaa qorannoo Covid-19'f saamudni funyaan keessaa fuudhama Kana dura qorannoo koronaavaayirasii gaggeessitanii beektuu?
Yeroo ammaa qorannoo Covid-19'f saamudni funyaaniifi qonqoo keessaa fuudhama.
Dhangala’aan saamuda funyaaniifi qoonqoo keessa fuudhamu miidhaa qabaachu baatus namoonni baay’een gammachuu akka irraa hin qabne dubbatu.
Yaaddoo namoota kanaa furuufi fakkaata qorattoonni Jaappaan hancufa namaa fuudhanii qorannoo gaggeessuuf hojjetaa jiru.
Kunis, daqiiqaa 25’tti beekama jedhameera.
Dhaabbanni fayyaa Shiyonogi jedhamuufi yunivarsiitilee biyyattii wajjiin hojjetaa jiru namoonni manumatti akka of qoratan hojjetaa akka jiru beeksiseera.
Oggeessoti fayyaa Naayijeeriyaa mormii gaggeessaa turan dhaaban
Oggeessoti fayyaa Naayijeeriyaa hanqina meeshalee of eeggannoo Covid-19 irratti waan qabaniif mormii biyyattii guutuutti gaggeessaa turan dhaaban.
Waldaan Oggeessota Biyyaleessaa(Nard), kana oggeessita fayyaa Naayjeeriyaa %40 bakka bu’u, mormii kana kan haqan gaaffii isaan dhiyeessan akka deebisuuf mootummaaf yeroo kennuuf akka ta’e himaniiru.
Mormiin torban tokkoof gaggeefamaa ture har’a Wiixata akka dhaabbatu ibsuu isaanii midiyaaleen biyyatti gabaasaniiru.
Akka waldaan kun jedhuttii hospitaalonni tokko tokko meeshalee of eeggannoo kan argatan yoo ta’u mootummaan dabalataan dhiyeessuuf waadaa seeneera.
Akkasumas mootummaan gaaffii kunuunsa dabalataa oggeessonni fayyaa gaafataniif deebii kennuuf waadaa seeneera.

Madda suuraa, Reuters
Loltoonni Somaalii al-Shabaab waraanan mormii taasisani

Madda suuraa, DALSAN TV
Loltoonni Somaale magaalaa guddoo Somaaliyaa Mogaadishuu keessatti sababa miindaan hin kanfalamneef mormii taasisan.
Gaafa Sambataa waggaa olif miindaan nuuf hin kanfalamne jechuun daandii cufanii turani.
Miidiyaan biyyattii viidiyoo gadhiise irratti humnoonni nageenyaa Gamtaa Afrikaa akka hin dabarre gochaa turan.
Boodarra sababa hin ibsamneen mormii itti turan dhaabaniiru.
Loltoonni kuni al – Shabaab kan lolanidha. Gareen kunimmoo xumura torban darbe haleellaa raawwateen namoota 7 galaafateera.
Waggaa darbe mootummaan Somaaliyaa dhiibbaa arjoomtoota idil-addunyaarraa kan ka’e loltootaaf miindaa kallattiin herreega baankii isaanitti kanfaluu eegaleera.
Kunis, hoggantoota miindaal jalaa kutan irraa baraara jedhame.
Galmee kaffaltii irratti garuu maqaa loltoota hin jirre yookiin waraana kan gadhiisan qondaaltoni argataniiru.
‘Warqiikoo gurgureen daa’immaniif aannan bitaa ture’
"Akka kosiitti baasanii nu gatan" Lammilee Itophiyaa Libaanoos jiran
Koongoo keessatti hidhattoonni yoo xiqqaate nama 19 ajjeesan

Ribbaabilka Dimokiraatawaa Koongoo keessatti haleellaa hidhattoonni raawwataniin yoo xiqqaate namoonni 19 ajjeefaman.
Qondaaltonni akka jedhanitti namoonni hedduun ukkaamfamanii fudhatamanii kan turan yoo ta'u kanneen keessaa reenfi namoota sagalii argamuus ibsan.
Kun kan ta'e Kaaba biyyattii naannawa Kivu jedhamu keessatti.
Ollaama naannawa kanaa bakka Ituurii jedhamuttis hidhattoonni Humnoota Waltawaa Dimookiraatik (ADF) jedhaman nama kudhan ajjeesan.
Gareen kun kan ajandaa siyaasaa ifa ta'e qabu ta'uu baatus garuu ji'oota muraasa darban keessatti namoota kuma shan ta'an ajjeesaniiru jedhamuun komatamu.
WHO'n sa’aa 24 keessatti namoota Covid-19'n qabaman olaanaa galmeesse

Madda suuraa, AFP
Dhaabbanni Fayyaa Addunyaa (WHO)n sa’aatii 24 keessatti namoota koronaavaayirasiin qabaman 183,000 galmeessuu beeksiise.
Kunis guyyaa tokko keessatti lakkoofsa namoota vaayirasichaan qabaman isa guddaa galmaa'eedha jedhameera.
Namoonni baayyen haaraa qabaman kunneenis ardii Ameerikaa lameen keessaa ta’un dhaga'ame.
Tokkooffaratti namootni 50,000 ol Biraazil irraa yoo ta’an, US fi Indiyaan sadarkaa lammataarra jiru.
Lakkoofsi namoota qabamanii gariin kan agarsiisu addunyaa irratti qorannoo dabalaa jiraachuu isaadha.
Biraazilitti lakkoofsi namoota Covid-19'n du'anii 50,000 caale

Madda suuraa, EPA
Biraazilitti lakkoofsi namoota Covid-19'n qabamanii miiliyoona tokko yoo caalu kan du'an ammoo 50,000 darbaniiru. Biyyattiin namoota du'an hanga kanaa qabaachuun Ameerikaatti aantee biyya hedduun jalaa du'an taateetti.
Ogeeyyiin akka jedhanitti Biraaziilitti ammallee weerarri fiixee gahee hir'isuu eegaluuf torbanootni ni hafuu jedhu.
Dhaabbatni Fayyaa Addunyaas erga weeerarri Covid-19 eegalee lakkoofsa isa guddaa namoota guyyaa tokkotti dhibee kanaan qabamanii galmeesseera.
Kanaafis sababa kan ta'an biyyoota biyyoota Ameerikaa ta'uu ibseera.
Guyyaa tokkotti namootni dhibee kanaan qabaman 183,000 olidha. Kana keessaa harki 60% Ameerikaa lameen irraayi.
Akkam bultan?
Tamsaasni kallattii BBC Afaan Oromoo Wiixata ganamaa eegaleera.
Oduufi odeeffannoo wayitawaaf nu mil'achu dandeessu.
Nagaan oolaa!!!
Tamsaasni kallatti har'aa xumurame., Wiixata ganama walitti deebina.
Tamsaasa kallattii BBC Afaan Oromoo gadi dabarsaa dubbisuu dandeessu.
Mammaaksa keenya har'aan nagaa isinitti dhaammanna.
Halkaan gaarii.

Taphataan kubbaa miilaa beekamaan Iraaq Covid-19'n du'e

Madda suuraa, AFP
Ahmad Radhi, taphataa kubbaa miilaa beekamaa Iraaq kan ta'e, umrii waggaa 56tti Coid-19'n du'e.
Taateen kun jaallattootaa fi hordoftoota kubbaa miilaa keessatti gadda guddaa uumeera.
Radhin torbee darbe kan qabame yoo ta'u, har'a hospitaala magaalaa Baagdaad keessatti lubbuunsaa dabarte.
Taphataa sarara fuul-duraa kan ta'e Radhin tapha 121 irratti hirmaachuun goolii 62 Iraaqiif galcheera.
Bara 1982 hanga 1997tti garee Biyyaalessaa Iraaqiif taphachaa ture.
Taphataan kun waancaa addunyaa bara 1986 Meeksikootti qophaa'erratti tapha Iraaq fi Beeljiyem irratti goolii galchuun (2-1) jaalalaa fi kabaja guddaa erga argatee as biyyattii keessatti iddoo guddaa qaba.
Yeroo baayyee gareesaa waliin waancaa hedduu kan argate Radhin bara 1988 ammoo taphataa beekamaa Eeshiyaa ta'uun filatamee ture.
Iraaq keessatti kaleessa namoonni 88 koronaavaayirasiin du'aniiru.
Walii galattiis biyyattii keessatti namoonni vaayirasichaan lubbuu dhaban 1,000 caalu.
Namoonni hanga ammaatti qabaman ammoo 12,000 ol.
Atileetin Itoophiyaa sababa qoricha si’eessun waggaa 12'f adabamte
Itoophiyatti namoonni haaraan 63 Covid-19n qabaman

Itoophiyaan sa'atii 24n darban keessatti namoota 4457 koronaavaayirasiif qorattee namoota 63 irratti vaayirasicha arguu beeksiste.
Akka Ministirri Fayyaa Dr Liyaa Taaddasaa jedhanitti namoonni qabaman kunneen hunduu lammiilee Itoophiyaa umriinsaanii waggaa 14 hanga 76 gidduu jiruudha.
Namoota qabaman keessaa 31 Finfinnee, sagala naannoo Somaalee, shan Oromiyaa, afur Dirree Dhawaa, afur Affaar, sadi naannoo Amaaraa, sadi Gambeela, lama naannoo Uummattoota Kibbaa, tokko naannoo Tigraay fi tokko naannoo Harariiti.
Kanneen har'a qabaman 63 dabalatee hanga ammaatti biyyattii keessatti namoonni 4532 vaayirasichaan qabamaniiru.
Namoota har'a vaayirasichaan du'an lama dabalatee hanga ammaatti namoonni 74 Itoophiyaa keessatti vaayirasii kanaan lubbuu dhabaniiru.
Gama kaaniin kanneen sa'atii 24n darban keessatti Covid-19 irraa dandamatan 91 dabalatee hanga namoonni 1213 dandamataniiru.
Ameerikaan biyyoota ‘addunyaa bulchuuf yaalaa jirti’ jette Raashiyaan

Ibsa waa'ee suuraa, Ajajaa Basaasa Dhimma Alaa Raashiyaa Sargeeyi Naaryshikin Ajajaan Basaasa Dhimma Alaa Raashiyaa Sargeeyi Naaryshikin Ameerikaan ‘’biyyoota addunyaa bulchuuf yaalaa jirti’’ jechuun BBC’tti himan.
Kunimmoo, ’’balaatti nu geessa’’ jedhaniiru.
Biyyoonni Lixaafi Raashiyaan dhimmoota garaa garaa irratti erga wal himatuu eegalanii bubbulaniiru.
Keessumaa haleellaa sayibariifi olola sobaa biyyoota Lixaa irratti oofuun Raashiyaan himatamti.
Qondaalli kuni Raashiyaafi biyyoota Lixaa gidduu wal amanteen haphachaa akka deeme amanu.
Ajjeechaa biyya UK, Saalisbary’tti raawwateefi Raashiyaan irratti himatamte yeroo gaafataman hin fudhannu jechuun deebisaniiru.
Gama kaaniin, Raashiyaan fedhii siyaasaaf seenaa lammata barreessuun himatamti.
Xumura Waraana Addunyaa II sababa godhachuun BBC waliin turtii kan taasisan qondaalli basaasaa Raashiyaa kuni dargaggoonni USA fi Baha Awurooppaa Raashiyaan Naazii dhabamsiisu keessa gahee akka hin qabne yaadu jedhan.
Kuni, akka tasaa waan ta'edha jedhanii akka hin yaadne himan.
Nuyi garuu yoo xiqqaate lammiilee miiliyoona 27 ol itti dhabneerra jedhan Sargeeyi Naaryshikin.
Komeediyaaniin US waltajjiirraa erga kufee booda Covid-19’n qabamuu bare

Madda suuraa, Getty Images
Komeediyaaniin Ameerikaa akkasumas taatoo ta’uun kan hojjetu Daari Liin Haaglii gaafa Jimaataa osoo sagantaa dhiheessuu gaggabee erga kufee booda koronaavaayirasiin isa qabuu beeksise.
Erga kufee booda hospitaala kan geeffame yoo ta’u kaleessa, Sambata, hospitaala keessaa baheera.
Ergasii booda koronaavaayirasii qabamuu isaa kan bare.
‘’Mallattoo vaayirasichaa akka hin qabne (asymptomatic) natti himan’’ jedheera viidiyoo tiwiitara isaa irratti gadhiiseen.
Osoo mallattoon vaayirasichaa irratti hin mul'atin qabamuusaa hima.
Viidiyoon yeroo kufe gadhiifame barcumarraa yoo kufu agarsiisa. Namoonnis fiigani kaasan.
Deeggartoota isaa kan galateeffate yoo ta’u guyyoota 14’f akka adda of baasu hime.
