Weerarichi 'ammallee hin obbaane' - Dr Faawuchi
Ogeessi koronaavaayirasii gameessi fi gorsaan Waayit Haawus Dr Antooniyoo Faawuchi gaaga'amni weerara koronaavaayirasii 'ammallee hin obbaane' jechuun akeekkachiisan.
"Baatii afur keessaatti akka malee addunyaa gaaga'e" kan jedhan ogeessii kun vaayirasicha abjuu badaa hirribaa isaan dhorkutti fakkeessani.
Yeroo daran gabaabaa keessatti namoota miliyoonaan lakkaa'aman qabuun isaa isaan ajaa'ibuu himu.
Gaaga'amni vaayirasichi fide reefu eegalaa jira jedhu. Addunyaan akka of dagannaa keessa hin galles akeekkachiisu.
Haa ta'u malee yeroo gabaabaa keessatti talaalliin argamuufi akka malu abdii qabanis ibsaniiru.