Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.

Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi

Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf

Lakkoofsi namoota koronaavaayirasiin qabamanii miliyoona 8 caale

Akka ragaan yuunivarsiitii Joons Hoopkiins mul'isutti wayita ammaa addunyaarratti alkkoofsi namoota koronaavaayirasiin qabamanii miliyoona 8 caalee jira. Kana keessaa nuusaa ol Ameerikaa keessatti qabamani. Duuti hedduunis achitti mudate.

Haguuggii Tamsaasa Kallattii

  1. Tamsaasni kallattii xumurame., Sambata ganama walitti deebina.

    Tamsaasnii kallattii BBC Afaan Oromoo har'aa kanuma.

    Odeeffannoowwan dabalataaf marsariitii yookiin fuula Fesbuukii keenya mil'adhaa.

    Asiin raadiyoo caqasuu dandeessu.

    Mammaaksa qabduu? Asiin nuuf ergaa.

    Mammaaksa MM Abiy Ahimad badhaasa Noobeelii Nagaa 100ffaa yeroo fudhatan mammaakaniin nagaa isinitti dhaamna.

    Gaaritti.

  2. Al-Shabaab ‘giddugala Covid-19 hundeesse’

    Gareen al –Shabaab giddugala ‘wal’aansa Covid-19’ Kibba Somaaliyaatti hundeessuu isaa beeksise.

    Giddugala kanattis kanneen qoratamanii vaayirasichi irratti argametu wal’aanama jedhameera.

    Bakki giddugalli hundaa’e jedhame magaalaa Jilib yoo taatu to'annoo garee kanaa jala jirti.

    Haa ta’u malee, namni meeqa vaayirasichaan akka qabame garuu hin ibsine.

    Vaayirasichi jalqaba Somaaliyaatti yeroo argame garuu gareen kuni ‘'kanneen musliima hintaane Waaqni adabuuf vaayirasii ergedha,' jedhee ture.

  3. ‘Paartilee mormituu waliin mariin itti fufa’ - MM Abiy Ahimad

  4. Siidaan taatoo lammi guraachaa keemikaalaan balleeffame

    Sidaan barreessaa, taatoofi walaleessaa lammi Jamaayikaa keemikaalaa sibiila doomsu fakkatuun balleeffameera.

    Magaalaa Birstol, UK keessatti siidaan Alfired Fagon kan dhaabame bara 1987tti ture.

    Siidaan Alfireed magaalatti keessaatti siidaa nama gurraacha kabajuuf ijaarame isa jalqabaati.

    Gochi kun Kamisa poolisiif kan gabaafame yoo ta’u, isaanis qorannoo yakkaa gaggeessuu eegaluu dubbataniiru.

    Poolisiin bulchiinsa magaalaa waliin ta’uun siidaa kun hareeffamuu kan danda’u ta’uufi dhisuu adda basuuf hojjachaa akka jiran ibsaniiru.

    Kun kan uumame Dilbata Biristoolitti jibbaa sanyummaa mormuun hiriira ba’ame irratti siidaan nama garba gurguraa ture Eedwaard Koliston mormittoonni erga jigsanii booda.

    Erga siidaan kun jigsamee booda UK keessatti siidaan namoota daldala garbaa irratti hirmaatanii kaan diigamanii kaan ammo akka diigaman beeksifameera.

  5. Pirezidantiin Raashiyaa Vilaadimiir Puutin torban muraasa booda mul’atan

    Pirezidantiin Raashiyaa yeroo xumuraaf ummatatti kan mul’atan ji’a tokko dura gaafa Caamsaa bultii sagal ture.

    Yeroosii eegalee mana jireenyaa isaanii magaalaa Moskoon ala jirurraa biyya bulchaa turan.

    Guyyaa har’aa guyyaa biyyaalessaa biyyattii kabajuuf as bahaniiru.

    Guyyaa kanas riifoormii heeraa wal mormisiisaa ta’e ummanni akka bahe sagalee itti kennu gaafataniiru.

    Waggoota 20 darbanif Ministira Muummeefi Pirezidantii ta’un Raashiyaa kan bulchaa turan Puutin, heerri haaraa yoo ragga’e hanga bara 2036’tti biyya bulchuu isaan dandeessisa.

    Kana jechuun erga turtiin aangoo isaanii bara 2024 xumurame booda marsaa lamaaf pirezidantii ta’un akka tajaajilan isaan gargaara jechaadha.

    Biyyattiiti yeroo ammaa namoonni 510,000 caalan koronaavaayirasiin qabamaniiru.

    6,705 kan ta’an immoo du’aniiru. Ta’us, qondaaltonni du’a jiru dhoksaa jiru jedhamanii himatamaa jiru.

    Raashiyaan sadarkaa addunyaatti Ameerikaafi Biraazilitti aansitee biyya caalmaan vaayirasichaan hubamte dha.

  6. Haala amma jiruun guddinna dinagdee bara dhufuu % 8.5 tilmaamuun ni danda'amaa?

  7. Jaldeessi beekamaa ta'e Yugaandaatti ajjeefame

    Yugaandaatti gosa jaldeessaa beekamaa ta'e tokko Paarkii Biyyaalessaa Biwindii keessatti ajjeesuun namootni shakaman afur to’annoo poolisii jala oolaniiru.

    Jaldeessii Raafikii jedhamu kun hogganaa tuuta jaldeessa 17 kan turedha.

    Raafikiin jaldeessa kormaa ganna 25 yoo ta’u Waxabajjii 1 badee guyyaa itti aanuu reeffi isaa argame.

    Wajjirri Bineensota daggalaa Yugaandaa ibsa kenneen, namooni kun adamoof yeroo ba’anitti Rafikiifi tuuta isaa waliin walitti dhufani.

    Sana booda jaldeessonni kun yeroo isaanitti fiigan namichi inni tokko offirraa ittisuuf jecha waraane.

    Meeshaaleen adamoo kan akka eeboo mana shakkamtoota kana keessaa kan isa tokkoo keessatti argamu anga’oonni ni himu.

    Shakkamtooti kun mana murtiitti dhiyaachuuf eegaa jiru.

    Gosa jaldeessa gorillaa jedhaman 1,000 hafan keessaa walakkaa ol Yugaandaa keessatti argamu.

  8. Amma nu gahe, Manni murtii Burundii namni filatame kallattiin aangoo akka qabatu murteesse

    Manni murtii heeraa Burundii namni filannoo baatii darbeen filame Evaariste Nidayishimiye kallattiin pirezidantii ta’un akka muudamu murteesse.

    Waggoota 15 darbaniif Burundii pirezidantii ta’un hogganaa kan turan Piyerree Nikurunziizaan gaafa Wiixataa tasa du’un isaanii ni yaadataa.

    Akka heeraa biyyattiitti Af-yaa’iin mana maree biyyattii hanga Hagayyaatti yeroof biyyattii bulchuu qabu turan.

    Garuu, kuni hin taane.

    Kanarra, kaabineen dhimmicha gara mana murtii geessan.

    Obbo Nidaayishimeen miseensa paartii Piyeerree Nikurunziizaa yoo ta’an Hagayya dhufu aangoo qabatu jedhamee eegamee ture.

  9. Gadda du’a pirezidantiif Burundiin guyya torbaaf sirba dhorkite

    Kaabineen Burundii guyyoota torbaaf gadda du’a pirezidantii biyyattii labsite keessatti bakkeewwan ummanni fayyadamutti sirbi akka hin gadhiifamne dhorke.

    Kantiibaan Bujumbuuraa, magaalaa diinagdee Burundii, Fireedi Mibonimipa sirbi dhorkamus namoonni faarfannaa taphachiisuu danda’u jedhan.

    Haaluma wal fakkaatuun, kantiibaan magaalaa Gitegaa, magaalaa guddoo biyyattii, Venaant Maanirambonaa farfannaan ‘’Waaqayyoo leellisu’’ eeyyamamaadha jechuun himan.

    Kantiibaan Bujumbuuraa guyyoota torba kanatti bashannanuun dhorkaadha jedhaniiru.

    Siribi yookiin muuziqaan mana dhugaatii, mana nyaataa, bakka rifeensa muratan, konkolaataa keessa akkasumas bakkeewwan kaan ummanni walitti qabamutti hin gadhiifamu jedhan.

    Miidiyaan mootummaafi dhuunfaa erga pirezidantichi du’anii eegalee guyyaa afraffaaf faarfannaa taphachiisaa jiru.

    Piyerree Nikurunziizaan amantii pirotestaantii hordofu.

  10. Namoota daandirraa jiraatan nama summeesse irratti himatni baname

    Kaaliforniyaatti namoota daandirraa jiraatan saddeet summii nyaachisuun namni shakkamee himatame.

    Wiiliyaam Robeert Keebil, ganna 38, keemikaala 'oleyoresin kapsikum' jedhamuu nyaachisuun yeroo isaan dhukkubsatan viidiyoo waraabuun himatame.

    Namootni miidhaman harki caalaan hospitaaalatti wal’aanama kan jiran yoo ta’u namni kun namoota biroos summeessuuf kan yaale ta’u anga’oonni dubbataniiru.

    Wiiliyaam yakka kanaaf hanga hidhaa waggaa 19’n irratti murtaa’uu danda’a.

    “Namootni kun dadhaboo waan ta’aniif akkanaan itti fayyadame,” jedha abbaan alangaa bulchiinsa Orange Tood Sipitzer.

    Akka waajjirri abbaa alangaa jedhutti namni kun namoota daandirra jiraatan kana bira dhaquun gargaarsa fakkeessuun nyaata summii qabu isaaniif kenne.

    Namootni tokko tokkoo ‘nyaata gubu nyaachuu dandeessuu’ kan jedhu ilaalufani jechuun dhugaatii biraa waliin akka isaaniif kenne yeroo dubbatan, kaan ammoo nyaata sana keessa maal akka jirulle akka hin beekne dubbatu.

    Erga nyaata kana nyaatanii booda garuu mallattoowwan akka hollanaa, harganuu dadhabuufi hoqqisuun irratti mul’achuun himameera.

  11. Caffeen naannoo Tigraay filannoo gaggeessuuf murteesse

  12. Gatii sharafaa hir’ise mormuun lammiileen Libaanoon hiriira bahan

    Gatiin sharafaa maallaqa biyyattii gadi buunaan namoonni hedduu daandii magaalota Libaanoon irratti bahuun mormii dhageessisaa jiru.

    Onkololeessa keessa yeroo mormiin jalqabeerraa eegalee maallaqni Libaanoon %70 hir’isuun isaa ummata dheekkamsiiseera.

    Ministirri Muumme rakkoo dinagdee kana irratti mari'achuuf walga’ii hatattamaaf kabinee isaanii waamaniiru.

    Yeroo sababa koronaavaayirasiin sochiin uggurametti hiriirri mormiin yeroof addaan cite kan ture ta’us amma deebi’ee eegaleera.

    Gatiin sharafa maallaqa Libaanoon kufuun isaa biyyattiitti waggooti dheeraa keessa rakkoo dinagdee isa hamaa uumeera.

  13. Namoonni haaraa 7 Itoophiyaatti koronaavaayirasiin du’an

    Itoophiyaatti guyyaa tokkotti namoonni torba hundi isaanii magaalaa Finfinneerraa koronaavaayirasiin qabamanii du’u Ministeerri Fayyaa beeksise.

    Kanaanis lakkoofsi waliigalaa namoota du’anii 47 gaheera.

    Kanneen du’an keessaa tokkorraa kan hafe kan hafan jahan dubartii umrii 21 dabalatee yeroo qorannoo reeffaati vaayirasichi irratti argamuun kan barame.

    Kanneen boqotan keessaa tokko jaarsa waggaa 75 wal’aansarra turanidha jedhameera.

    Qorannoo 5709 sa’aatii 24 darbe taasifameen lakkoofsi guddaan kana dura hin galmoofne galmaa’eera.

    Namoota 245 irratti koronaavaayirasiin argamuu Ministeerri Fayyaa kan ibse.

    Kanneen haaraa qabaman keessaa afur lammiilee biyya alaati.

    Kanaanis, lakkoofsi waliigalaa namoota vaayirasicha qabanii 2915 gaheera.

    Namoota haaraa qabaman keessaa 190 Finfinneerraa yoo ta’u 17 Oromiyaa, 16 Somaale, 15 Tigraay, 4 Kibba akkasumas 3 Amaaraa irraati.

    Guyyaa kaleessaa 17 kan dandamatan ta’us yeroo ammaa 38 kan ta’an kutaa wal’aansi addaa taasifamuuf (ICU) keessa jiru.

  14. Haati warraa doktora Chaayinaa waa’ee Covid-19 dursee dhaame ilma deesse

    Fu Suwejiyen suuraa ilma isaanii miidiyaa hawaasummaa ‘WeChat’ jedhamu irratti gadhiisuun ‘’kennaa xumuraa’’ jechuun barreessite.

    Dr Li Wenliyaang baatii Muddee keessa ture magaalaa Wuhaan koronaavaayirasiin itti mul'ate keessatti vaayirasiin haaraa dhalachuu akka hin oolle dursee kan dhaame.

    Ta’us, qondaaltoni ‘’olola oofta’’ jechuun erga hidhanii booda innuu boodarra koronaavaayirasiin qabamee du’e.

    Erga ummanni du’a isaan gadda cimaa ibsatee booda mootumaan waan raawwateen dhiifama jedhee kabajni gootaa kennameef.

    Yeroo ammaa haati warraa isaa abbaa warraa ishee du’erraa ilma lama qabdi.

    ‘’Abbaa warraa kiyya, Waaqarraa kana ilaaltaa? Kennaa kee xumuraa har’a naaf kennite. Nan jaaladhas, nan kabajas,’’ jechuun barreessite.

    Yaada isheen barreessite jala namoonni kuma hedduu ta’an gammachuu isaanii ibsaniiruuf.

    Miidiyaa ‘Litchi News’ jedhamuuf akka himtetti duuni jaarsa ishee rakkoo fayyaa itti fidee ture. Ilmi dhalatu nagaan akka dhalatuufis yeroof hospitaala seenuu himte.

    Du’a abbaa warraa ishee jalqaba ilma isaanii duraaf dhoksuu isheefi ‘’biyya alaa deeme’’ akka jetteen dubbatteetti.

  15. Neeppaalitti wirtuun itti adda of baasan vaayirasii tatamsaasaa jira'

    Neeppaal keessatti wirtuun namoonni itti adda of baasuun turan qulqulluu ta'uu dhabuusaarraa kan ka'e tatamsa'ina koronaavaayirasiitiif haala mijeessaa jiru.

    Wirtuun kun bakka tatamsa'inni Covid-19 itti daangeeffamu ta'uun hafee bakka vaayirasichi itti tatamsa'u ta'eera jedhe Komishiiniin Mirga Namummaa biyyattii.

    Wirtuu kana keessatti namoonni 170,000'tti tilamaamaman keessatti argamu.

    Koomishiinichi wirtuun akkasii sadarkaa WHOn baaseen qophaa'uu qabu jechuun hanqina mudateef mootummaa biyyattii qeeqeera.

    WHO'n kutaan tokko bal'ina gahaa kan qabuufi qilleensi akka seenuu taasifamuu qaba jedha.

    Dabalataanis wantonni qulqullina harkaa ittiin eeggamaniifi manni fincaanii gaarii jiraachuu qaba jedha.

    Yoo kutaan namoonni hedduu itti fayyadaman ta'e immoo fageenyi siree jiddutti argamu yoo xiqqaate meetira tokko ta'uu qaba jedha WHO'n.

    Gabaasni kunis qorannoon mootummaan taasisaa jiru gahaa akka hin taane ibsa.

    Biyyattii keessatti hamma ammaatti namoonni 4,614 vaayirasichaan yoo qabaman, 14 ammoo du'aniiru.

  16. Jireenya daandiirraa ka'ee hanga shaampiyoonaa biyyaalessaatti

  17. Lammileen Italii du'a Covid-19n MM biyyattii himatan

    Abbootiin alangaa Kaaba Italii Ministira Muummee biyyattii qorachuuf jiru. Kunis erga kanneen Covid-19n maatiin jalaa du'an mootummaa itti gaafatamummaa isaa bahuu dhabuun himatanii booda.

    MM Juseeppee Koontee himatamuun isaanii homaa akka isaan hin yaaddessine dubbatan.

    Kanneen maatiin jalaa du'an iddoowwan vaayirasichi itti hammaate durfamee adda baafamee cufamuu qaba ture jedhu.

    Kaaba biyyattii Bergaamootti himata seera 50 oltu mootummaa irratti banamee jira.

    Kanneen himatan keessaa tokko garee namoota firoota isaanii du'aan dhabanii 'Noi Denunceremo' jedhamudha.

    Kutaa biyyattii vaayirasichaan akka malee miidhamte Lombaardii keessaa iddoowwan akka Alzaanoo fi Nembiroo jedhaman adda baafamanii cufamuu qabu ture jedha gareen kun.

    MM Juseeppee Koontee abbootii alangaan gaafatamuuf qophii ta'uu himan.

    "Qorannoo kamuufi karri banaadha. Lammileen mirga gaafachuu, nutis dirqama deebisuu qabna" jedhan,

  18. Kopheen ykn huccuun keenya Covid-19 nu qabsiisaa?

  19. Poolisii Afriikaa Kibba gurgurtaa alkooliirratti irra deebiin qoqqobbiin akka kaa'amu gaafate

    Ministeerri Poolisii Afriikaa Kibbaa Beekii Seeleen uggurri gurgurtaa alkoolii gar tokkeedhaan kaafamuunsaa yakki akka dabaluuf sababa ta'eera jedhan.

    Obbo Seeleen Kaawunsiliin Ittisa Koronaavaayirasii Biyyaalessaa haala jiru mari'atee "murtee sirrii" akka dabarsu abdii qaba jedhan.

    Afriikaa Kibbaa keessatti yakki sababa dhugaatii alkoolii raawwatamu baay'eedha.

    Biyyattiin qoqqobbii gurgurtaa alkooliirratti keettee turte Waxabajjii 1 kaafte.

    Gurgurtaan alkoolii Wiixataa hamma Kamisaa ganama sa'aatii 3 hamma galgala sa'aatii 11 qofatti hayyamama.

    Ministeerri poolisii yeroo qoqqobbiin alkooliirratti kaa'ame sanitti baay'inni yakka raawwatamuu gad aanaa ture jedha. Obbo Seeleen yeroo sanitti qoqqobbiin osoo itti fufee gaarii ture jedhu.

  20. Mormitoonni kaampii poolisii Keeniyaatti ibiddaa qabsiisan

    Jiraattonni dararaa poolisiin ori'an kaampii poolisii Keeniyaa magaalaa Naayivaashaatti argamurratti abidda qabsiisan.

    Jiraattonni kunneen jalqaba mana hogganaa poolisiirratti kan abidda qabsiisan yoo ta'u ibiddichis gara manneen birootti cee'eera.

    Hojjattoonni balaa ibiddaa ibiddicha kan dhaamsanis qabeenyi hammisaa hin beekamne balaa kanaan barbadaa'eera.

    Namni balaa kanaan miidhaa irra gahe akka hin jirre komishiinarri poolisii magaalattii Maati'ooyaan Miboogoo himaniiru.

    Poolisiin hamma ammaatti nama tokkollee to'annaa jala kan hin oolchine yoo ta'u yakkichi qorataa jira.

    Qaamni walabaa hojii poolisii hordofu IPOA jedhamu torbee darbe hammeenyi poolisiin raawwatamaa jiru dabalaa akka dhufe ibseera.

    Yeroo uggura koronaavaayiras kanatti poolisiidhaan namoonni 15 akka ajjeefaman ibsameera. Yakka raawwatanif to'annaa jala oolfamanii akka himataman ibsamus tarkaanfiin fudhatame hin jiru.

    Namoonni magaalaa guddittii Naayiroobii keessatti gochi sukkanneessaa poolisiidhaan raawwatamu akka dhaabbatuuf hiriira taasisaa turaniiru.