Manni Maree Federeeshinii guyyaa har’aa hanga weerarri koronaavaayirasii yaaddoo ta'ee itti fufetti aangoon mootummaa akka dheeratu erga murteessee booda ibsa baasaniin mootummaa qeeqaniiru.
Ibsa dhaabbileen siyaasaa lamaan
waloon baasaniin murteen aangoo mootummaa dheeressuu bu’uura seeraa hin qabu heera biyyattiis kan
faallessudha jedhaniiru.
‘’Heera faallessuu qofa osoo hin
taane nagaafi tasgabbii biyyattiis rakkoo keessa galcha,’’ jedhan.
Paartileen kunneeniifi muraasni
biroo durumaa sababa koronaavaayirasiin Itoophiyaan filannoo gaggeessuu waan
hin dandeenyef furmaanni siyaasaa akka barbaadamu gaafataa turan.
Manni marichaa manneen maree federaalaa fi naannolee hundi akka
hojii isaanii itti fufan yaada fumaataa dhiyaateef sagalee caalmaan raggaasisuu
hime.
Murtee kanaan gammachuu dhabuu kan
ibsan KFO fi ABO’n marii hiikkaa heeraa irratti kanneen yaada addaa qaban hin
affeeramne jechuun murteen dhumaa yaada dhaaba biyya bulchu
deeggaruun isaa nu hin ‘ajaa’ibne’ jedhaniiru.
‘’Miseensota mana maree federaalaafi
naannoo paartii tokkoon akka aangoon isaanii dheeratu murtii murtaa’e cimsinee
mormina,’’ jedha ibsi bahe.
Murteen kuni ‘murtee gama tokkoof
loguudha’ jedhaniiru dhaabbileen lamaan.
Murteen Mana Maree Federeeshinii dabarse
‘waadaa bulchiinsi amma aangoorra jiru hojiirra oolchuu dhabeen komii ummanni durumaa qabu
daran hammeessa,’ jedheera.
‘’Mormiin ummataa hookkaratti
jijjiiramu mudatuu mala’’ jechuun yaaddoo qaban kan ibsan dhaabbileen kuni mootummaa
dhimmoota gara garaan ko’oomeef kana to’achuun rakkisuu mala jedhaniiru.
Kana dura paartileen kunneen mootummaan gama seeraan osoo hin taane gama siyaasaan furmaata akka barbaadan
yaada dhiheessaa turan.
Mootummaan immoo heera eeruun aangoon filannoon qofa akka argamu ibsuun paartileen mormituu ''aangoo nuuf qoodaa'' jedhan jechuun himee ture.
‘Yaadi dhiheessine fudhatamuu
dhabuun nama gaabbisiisa,’ kan jedhan dhaabbileen lamaan ammallee mootummaan
paartilee mormituu waliin mari’atuun furmaatarra akka gahu gaafataniiru.