Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.

Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi

Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf

Lakkoofsi namoota koronaavaayirasiin qabamanii miliyoona 8 caale

Akka ragaan yuunivarsiitii Joons Hoopkiins mul'isutti wayita ammaa addunyaarratti alkkoofsi namoota koronaavaayirasiin qabamanii miliyoona 8 caalee jira. Kana keessaa nuusaa ol Ameerikaa keessatti qabamani. Duuti hedduunis achitti mudate.

Haguuggii Tamsaasa Kallattii

  1. Afrikaatti koronaavaayirasiin saffisaan babal'ataa jira - WHO

    Weerarri koronaavaayirasii Afrikaa keessa ariitii guddaan babal'ataa jira jedhe Dhaabbati Fayyaa Addunyaa (WHO).

    Dhaabbatichatti direektarri damee Afrikaa Dr Maatshiidisoo Mo'eetii vaayirasichii magaalota gurguddoo irraa gara kutaalee biyyaatti ariitiin babal'ataa jra jedhan.

    Hanqinni qorannoofi meeshaalee ittisaaf barbaachisanii weeraricha hammeessaa jiraachuus himan.

    Haata'u malee, duutiifi dhibamuun akka malee mootummoota jalaa dhokate waan jiru hin fakkaatu jedhan.

    Amma dura Afrikaan ardii akka malee hin miidhamiin jirtudha.

    Dr Mo'eetiin ibsa wajjira WHO Jeneevaa jirutti kennaniin, Afrikaa keessatti namni 200,000 ta'u vaayirasichaan qabamuufi 5000 du'uu himan.

    Kana keessaa dhibbeentaa 75 ol kan ta'u biyyoota 10 keessatti.

    Afrikaan Kibbaa biyya vaayirasichi namoota hedduurratti argamedha.

  2. Paarlaamaan lakkoofsi uummataa akka darbuuf yaada murtoo dhiyaate raggaasise

    Manni Maree Federeeshinii lakkoofsa ummataa biyyaalessaa 4ffaa yeroo biraatti akka darbu yaada murtoo dhiyeesse yaa'iin waloo mana maree bakka bu'oota uummataafi mana maree federeeshinii mirkaneesse.

    Kana dura rakkoo nageenyaan lakkoofsi ummataa si’a lamaaf darbee ture.

    Haala amma jiruunis weerara koronaavaayirasii keessa lakkoofsa ummataa gaggeessuun waan hin danda’amneef weerarichi to’atamuun isaa erga mirkanaa’ee booda wagoota lama keessatti akka taasifamu yaadni dhiyaate.

    Yaa'iin waloo manneen maree lamaanii dhimmicharratti erga mari'ateen duuba sagalee mormii 5 fi callisa 13n sagalee caalmaan mirkaneesse.

    Manni maree federeeshinii guyyaa kaleessa aangoon mootummaa akka dheeratu murteessuun isaa ni yaadatama.

    • ABO fi MADRAK Murtoo aango mootummaa dheeressuu Manni Maree federeeshinii dabarse morman
  3. Sidaan Ediwaard Kooliston mormitoonni jigsanii bishaanitti gatan baafame

    Siidaan namticha daldalaa garbaa turee kan mormitoonni jibba sanyummaa jigsanii bishaanitti gatan, bishaan keessaa baafame.

  4. Weeraroota shan seenaa addunyaa jijjiiran

  5. Ilmi mootii Beeljiyeem seera ugguraa cabsuusaatiin adabame

    Ilmi mootii Beeljiyeem seeraa uggurraa Ispeenitti erga cabseen booda koronaavaayirasiitiin qabamee ture. Seera sochii dhorkame cabsuu isaatiin Covid-19 qabamus adabbii seeraa jalaa hin baane.

    Ilmi mootii kun doolaara11,800 akka kaffaltu taasifameera.

    Ilmi mootii Jo’aachiim jedhamu erga Ispeen seenee booda guyyoota 14’f adda of baasuu waan dideef kan adabame.

    Ilmi mootii ganna 28 kun barnootaaf Caamsaa 24 Ispeen kan seenee yoo ta’u, erga guyyoota lama booda kan sirna namoonni walitti qabamanirratti argame.

    Yeroos garuu dhiifama gaafatee ture.

    Jo’aachiim kaffaltii adabbii kaffaluuf guyyoota 15 qaba. Yoo guyyoota kanneen keessatti kaffale hammi kaffaltii walakkaadhaan ni hir’ataaf.

    Namoonni Ispeenitti gaafa Caamsaa 15 gara biyyattii seenan hundi torbee lamaaf adda of baasuu qabu.

    Ispeen keessatti hamma ammaatti namoonni 27,000 ol du’aniiru.

  6. Raashiyaatti namoonni Covid-19'n qabaman 500,000 darbe

    Raashiyaatti namoota haaraa qabaman 8,779 dabalatee lakkoofsi namoota vaayirasichi irratti argame 500,000 darbeera.

    Sa'aatii 24 darban keessatti namoota 174 lubbuun darbe dabalatee kanneen dhibee kanaan hanga anmmatti lubbuun isaanii biyyattii keessatti darbe ammoo 6,532 dhaqabeera.

    Baay'ina namoota koronaavaayirasiin qabamaniin US fi Biraazilitti aante Raashiyaan sadaffarratti argamti.

    Haa ta'u malee, biyyoota biroo waliin yeroo ilalamu Raashiyaatti lakkoofsi namoota Covid-19'n lubbuun darbe gadi aanaadha.

  7. ‘Manni keenya halkan tokkotti hospitaalatti jijjiirame

  8. Haadha qabeenyaa hojii footoo kooppiin daldala eegalanii milkaa'an

  9. Namoota gurgurtaa nyaataarratti burjaajii uumanitti hidhaan waggoota 1,446 murtaa’e

    Manni murtii Taayilaand abbootii qabeenyaa mana nyaataa hawaasa burjaajessan irratti hidhaa waggoota 1,446 murteesse.

    Bara darbe gurgurtaa nyaataa gama interneetiitiin taasisuudhaaf mana nyaataa kan banan namoonni lamaan komii nairratti dhiyaateen to’annaa jala oolfaman.

    Namoonni 20,000 doolaara 1.6 baasuudhaan nyaatasaanii bitataniiru. Boodarra feedhii namootaa guutuu waan hin dandeenyeef manni nyaataa cufame.

    Namoonni kaffaltii kaffalanii ajajasaanii eeggataa turan ajajni nyaatasaanii waan isaan hin dhaqabneef komiisaanii dhiheessaniiru.

    Naamiloonni 818 komiisaanii kan dhiheessan keessaa 375’f maallaqni isaanii deebi’eera.

    Namoonni maalaqni isaanii hin deebine immoo hojjattootaa fi dhaabbaticharratti himannaa bananiiru.

    Haala kanaanis himannaa namootni 723 irratti bananiin tokkoon tokkoosaaniirratti hidhaan waggoota 1,446 irratti murtaa’eera.

    Ta’us garuu yoo guddatte waggoota 20’f kan hidhaman. Manni murtii Taayilaand bara 2017 nama burjaajii uumeerratti hidhaa waggoota 13,000 dabarsee ture.

    Biyyattii keessatti hidhaan inni dheeraa kan waggoota 20’ti.

  10. Taayilaanditti sa'aatii 24 keessatti namni Covid-19 qabames du'es hin jiru

    Taayilaand guyyaa darbe namni haaraan koronaavaayirasiidhaan qabames du'es hin jiru jette.

    Kunis torbee sadiI keessatti namni vaayirasichaan qabame jiraachuu dhabuun yeroo jalqabaati.

    Namni seenaa imalaa hin qabnerratti vaayirasichi osoo hin argamin guyyoonni 17 darbaniiru.

    Namoonni yeroo dhihoo keessatti vaayirasichaan qabaman namoota biyyoota biraarraa gara biyyattiitti deebi'aniidha.

    Biyyattii keessatti hamma ammaatti namoonni 3,125 vaayirasichaan yoo qabaman 58 ammoo du'aniiru.

  11. Taatoon beekamaan Booliwuud godaantotaaf kophaatti xiyyaara kireeffate

    Booliwuud keessatti gurra guddaa Kan horate Amitaab Bachichaan lammilee Indiyaa baadiyaa irraa gara magaalaa godaananii hojii humnaa hojjettan garuu sababa uggura labsameen danqaman 700'f xiyyaara kireessee qe'eetti deebise.

    Balaliinsi 4 Roobii godaantota gara qe'eetti kan deebise yoo ta'u, kan hafan balaliisa lama Kamisatti karoorfameen deebi'u jedhame.

    Dhimmi godaantota sababa uggura sochii labsameen magaalota keessatti danqamanii Bitootessa irraa eegalee rakkoo hamaa uume.

    • Indiyaatti baaburri hojjettoota karaarra rafan 16 irra bahee ajjeese
    • Indiyaatti COVID-19 to'achuuf nama manaa bahuu dhorkuun rakkoo biraa dhale

    Namoonni hedduun qe'ee isaaniitti galuuf halkaniifi guyyaa bishaaniifi midhaan malee kiiloomeetira hedduu miilaan deemuuf dirqaman.

    Mootummaan baabura mijeessuufis rakkinicha furuu hin dandeenye.

    Artiistonni Booliwuud kaanis tumsa gochaa jiru.

  12. Meeksikootti lakkoofsi nama Covid-19n du'ee 15,000 caale

    Sa'aatii 24 darban keessa kanneen du'an 708 dabalatee lakkoofsi namoota Meeksikootti koronaavaayirasiin du'anii 15,357 gaheera.

    Biyyattiin lakkoofsa namoota haaraa guyyaa tokkotti vaayirasichaan qabamanii olaanaa ta'es (4,833) galmeessitee jirti.

    Walumaagalatti namni qabame 130,000 jala jira.

    Uggura laaffiste sochii diinagdeetti deebi'uuf yaadaa kan jirtu magaalaan guddoo biyyattii Meeksikoo Siitiin nama hedduu qorachuuf karoorfataa jirti.

    Laatiin Ameerikaa wayita ammaatti jiddugala weerara vaayirasichaa taatee jirti.

  13. Al-ergiin jinjibilaa %150n dabale

    Peeruutti wayita weeraraa kana al-ergiin jinjibilaa dhibbeentaa 150n dabale. Kunis biyyoota hedduutti jinjibilaa madinummaa qaamaa akka jabeessutti waan laalamuufi.

    Biyyattiin hammi jinjibilaa gara biyya alaatti feetee kan bara darbe yeroo wal fakkaataan yoo madaalamu, guddina %150 qaba jedhu aanga'oonni.

    Biyyoonni irra hedduu itti ergame ammoo Ispeen, Neezaraandis fi Ameerikaadha.

    Jinjibilaafi loomiin dhugaatii ho'aa waliin yoo fudhatame qufaa fi dhukkuboota akkasiirraa nama ittisa jedhamee amanama biyyoota hedduu keessatti.

    • Mala aadaatiin koronaavaayirasii ofirraa ittisuun ni danda'amaa?

    Jinjibilli madinummaa qaamaa cimsuuf gaarummaa qabaatus garuu koronaavaayirasii namarraa hin ittisu.

  14. KFO fi ABO'n aangoon mootummaa dheerachuu morman, ABIN deeggare

  15. Awustiraaliyaatti namni mormii jibba sanyummaarra ture Covid-19n qabame

    Awustiraaliyaatti namoota haaraa koronaavaayirasiin qabaman keessaa tokko nama hiriira 'Black Lives Matter' kan namootni kumaatamaan irratti hirmaatanirra turedha.

    Namni ganna 30 keessa jiru maaskii uffatee turullee nama danuutti dabarsuu hin oolle jedhu ogeeyyiin.

    Hiriira san guyyaa tokko booda waan dhibameef carraan achitti qabamuu isaa xiqqaadha jedhan.

    Mootummaan Awustiraaliyaa hiriirichi balaa fayyaa qaba jechuun cimsee balaleffataa ture.

    Ganama kana ammoo MM biyyattii Iskoot Mooris warri hiriira bahan akka to'atamanii himataman yaamicha dhiyeessaniiru.

    Yoo weerarri vaayirasichaa marroon lammaataa ka'e sun dogoggora warra mormii jibba sanyummaa bahaniini jedhan.

    Torbee darbe magaalota Awustoraaliyaa gurguddoo keessatti namni 300,000 hiriira bahee ture.

  16. Ameerikaatti namni koronaavaayirasiin qabame mil. 2 caale

    Lakkoofsi namoota koronaavaayirasiin qabamuun isaanii mirkanaa'ee Ameerikaatti miliyoona lama caale jedha ragaan Yuunivarsiitii Joons Hoopkiins.

    Biyyattiin Addunyaarra nama vaayirasichaan qabame hedduu qabaachuun dursiti, kunis sababa namoota hedduu qoratteefi jedhu aanga'oonni.

    Baay'ina namoota qabamaniin lammatarra kan jirtu Biraazilitti namni vaayirasichaan qabame 772,416 gaheera.

    Ameerikaatti kutaaleen biyyaa tokko tokko uggura laaffisaa jiraatanis lakkoofsi namoota guyyuu vaayirasichaan qabamanii dabalaa jira.

    Lakkoofsi namoota guyyuu qabamanii jiddu galeessaan 20,000.

    Biyyattiin lakkoofsa nama du'ee 112,878 qabaachuunis jalqabarra jirti. UKn nama du'e 41,213 qabaachuun and Biraziil ammootuu 39,680 qabaachuun itti aanu.

  17. Ashamaa!, Dachaane!

    Gabaasa kallattii kan Waxabajjii 11 bara 2020 asirraa eegala.

    Odeessaalee weerara koronaavaayirasii akkasumas taateewwaan gurguddoo biroo kan biyya keessaa fi alaa fuula tokkorratti akka asii argattu.

    Gabaasa guyyaa darbee gadi dabarsuun dubbifachuu dandeesu.

    Harka dhiqachuu fi walirraa fageenya keessan eeggachuun fayyaa keessan tikfachuu hin dagatinaa!

    Oolmaa gaarii!

  18. Tamsaasni kallattii keenya har'aa xumurame.

    Tamsaasni kallattii keenya har'aa kanumaan xumurameera.

    Boru ganama walitti deebina.

    Halkan gaarii.

  19. ABO fi KFO: 'Murtee aangoon mootummaa dheerachuu cimsinee mormina’

    Manni Maree Federeeshinii guyyaa har’aa hanga weerarri koronaavaayirasii yaaddoo ta'ee itti fufetti aangoon mootummaa akka dheeratu erga murteessee booda ibsa baasaniin mootummaa qeeqaniiru.

    Ibsa dhaabbileen siyaasaa lamaan waloon baasaniin murteen aangoo mootummaa dheeressuu bu’uura seeraa hin qabu heera biyyattiis kan faallessudha jedhaniiru.

    ‘’Heera faallessuu qofa osoo hin taane nagaafi tasgabbii biyyattiis rakkoo keessa galcha,’’ jedhan.

    Paartileen kunneeniifi muraasni biroo durumaa sababa koronaavaayirasiin Itoophiyaan filannoo gaggeessuu waan hin dandeenyef furmaanni siyaasaa akka barbaadamu gaafataa turan.

    Manni marichaa manneen maree federaalaa fi naannolee hundi akka hojii isaanii itti fufan yaada fumaataa dhiyaateef sagalee caalmaan raggaasisuu hime.

    Murtee kanaan gammachuu dhabuu kan ibsan KFO fi ABO’n marii hiikkaa heeraa irratti kanneen yaada addaa qaban hin affeeramne jechuun murteen dhumaa yaada dhaaba biyya bulchu deeggaruun isaa nu hin ‘ajaa’ibne’ jedhaniiru.

    ‘’Miseensota mana maree federaalaafi naannoo paartii tokkoon akka aangoon isaanii dheeratu murtii murtaa’e cimsinee mormina,’’ jedha ibsi bahe.

    Murteen kuni ‘murtee gama tokkoof loguudha’ jedhaniiru dhaabbileen lamaan.

    Murteen Mana Maree Federeeshinii dabarse ‘waadaa bulchiinsi amma aangoorra jiru hojiirra oolchuu dhabeen komii ummanni durumaa qabu daran hammeessa,’ jedheera.

    ‘’Mormiin ummataa hookkaratti jijjiiramu mudatuu mala’’ jechuun yaaddoo qaban kan ibsan dhaabbileen kuni mootummaa dhimmoota gara garaan ko’oomeef kana to’achuun rakkisuu mala jedhaniiru.

    Kana dura paartileen kunneen mootummaan gama seeraan osoo hin taane gama siyaasaan furmaata akka barbaadan yaada dhiheessaa turan.

    Mootummaan immoo heera eeruun aangoon filannoon qofa akka argamu ibsuun paartileen mormituu ''aangoo nuuf qoodaa'' jedhan jechuun himee ture.

    ‘Yaadi dhiheessine fudhatamuu dhabuun nama gaabbisiisa,’ kan jedhan dhaabbileen lamaan ammallee mootummaan paartilee mormituu waliin mari’atuun furmaatarra akka gahu gaafataniiru.

  20. Amala Covid-19 Dhaabbata Fayyaa Addunyaa murteef rakkise

    Kana dura ogeeyyiin fayyaa namoonni mallattoo koronaavaayirasii hin qabnellee namoota kaanitti ni dabarsu jechuun himaa turan.

    Haa ta'u malee saayintistiin Dhaabbata Fayyaa Addunyaa (WHO) namoonni mallattoo hin qabne carraan nama kaanitti dabarsuu isaanii ''baay'ee xiqqaadha'' jechuun dubbataniiru.

    Yaadni isaanii kuni garuu qorannoo biyyaaleen xuxxuqqaa namaa irratti taasisaniifi dhaabbatichatti erganirratti kan hundaa'e akka ta'e jala sararanii himaniiru.

    Sababa kanaaf, qorannoo xiqqoon akka idi-addunyaatti namoonni mallattoo dhukkubichaa hin qabne kaanitti dabarsuu hin danda'an jechuuf rakkachuu himan.

    Wanti dabalataa qorannoo kanarraa argame maali?