Naayijeeriyaatti namtichi dubartoota 40 gudeeduun shakkame qabame
Naayijeeriyaa bulchiinsa Kaanoo keessatti namni dubartoota hedduu gudeeduun shakkame poolisiin to’ate.
Dubbi-himaan poolisii Kaanoo Abdullaahii Harunaa akka himanitti,shakkamaan kun magaalaa Kiwanar Dangor,bakka waggaa darbe keessatti dubartoonni 40 ta’an gudeedamanitti to’annoo jala oole.
Dubartoota gudeedaman keessaa daa’imman ganna10 gadii fi maanguddoon ganna 80 akka argaman himaniiru.
Jiraattu Kiwanar Dangor kan taate Haliimaa Saani ,namtichi to’atamuun isaa akka ishee gammachiise BBCtti himteetti.
“Dubartoonni magaalaa kanaa yeroo dheeraaf sodaa keessa turani,” jetti.
“Hunduu yaaddo keessa turan – daa’imman, dubartoonni heerumani fi maanguddootin baay'ee gammanneerra – amma nagaan rafuu dandeenya.”
Bulchaan magaalichaa, Ahmaduu Yawu, oollaan isaa tokkoo gudeedamuu himuudhaan qabamuun isaa oduu gammachiisadha jedhaniiru.
“Jiraattonni Kiwanar Dangora yeroo kanatti gammaddoodha, murtoon haqaa ni kennama jennee abdanna“ jedhaniiru.
Poolisiin shakkamaa kana mana murtiitti dhiyeesssuuf qopha’aa akka jiru beeksise.