Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.

Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi

Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf

Lakkoofsi namoota koronaavaayirasiin qabamanii miliyoona 8 caale

Akka ragaan yuunivarsiitii Joons Hoopkiins mul'isutti wayita ammaa addunyaarratti alkkoofsi namoota koronaavaayirasiin qabamanii miliyoona 8 caalee jira. Kana keessaa nuusaa ol Ameerikaa keessatti qabamani. Duuti hedduunis achitti mudate.

Haguuggii Tamsaasa Kallattii

  1. Dhaabbileen amantaa qaama seerummaa argatan lamaan maal dhugaa bahu?

  2. Awustiraaliyaan namni haga 10,000 walitti qabamuu hayyamuuf

    Ministirri Muummee Awustiraaliyaa Iskoot Moorisan biyyattiin namni haga 10,000 walitti qabamuu akka danda'u hayyamuuf jedhan.

    Kuni irra caalaa dorgomiiwwaan ispoortii daawwattoota malee hafanii turaniif gaariidha jedhameera.

    Istaadiyeemonni haga nama 40,000 qabatan nuusa isaa hanga nama 10,000 keessummeessuu danda'u jedhan MM Iskoot.

    Kaan ammoo sagantaalee adda addaa qophaa'an irratti akka hirmaataniif gargaara.

    Haa ta'u malee namoonni yoo xiqqaate meetira 1.5 walirraa fagaachuu qabu.

    Dhaabbileen dorgommii ispoortii biyyattiin kana akka hayyaamtu watwaataa turan.

  3. Maaleezhiyaan lammiileenshee imala Hajjii akka hin taasisne dhoorkite

    Maaleezhiyaan lammiileen ishee imala Hajjii baatii Adoolessaa keessa taasifamu kanarratti akka hin hirmaanneef dhoorkite.

    Maaleezhiyaan biyya Musliimonni itti hedduummaatanii yoo taatuu namoonni hedduus sirna amantii kanarratti hirmaachuuf abdiidhaan eeggatu.

    Imala kanaaf namoonni 30,000 ol karorfatanii jiraniis sirnicharratti qooda fudhachuuf nageenyummaansaa amansiisaa miti jedhaniiru qondaaltonni biyyattii.

    Indooneezhiyaan biyya addunyaarratti Musliimota heddu qabduu yoo taatu lammiileenshee imala Hajjii akka hin taasifne dhoorkitee jirti.

  4. Godaantonni Afriikaa baay'een galaana Mediteraaniyaaniin liqimfaman

  5. Biraazilitti lakkoofsi namota du'anii 40,000 caale

    Biraazilitti lakkoofsi namoota du'anii isa sa'aatii 24 darbe dabalatee 40,919 gaheera.

    Namoonni haaraa 30,000 ol vaayirasichaan yoo qabaman kunis lakkoofsa namoota qabamanii gara 802,828'tti ol guddiseera.

    Kunis biyyattiin Ameerikatti aanaatee biyya lakkoofsa ol'aanaa namoota koronaavaayirasiidhaan qabamanii ishee taasiseera.

    Ameerikaa keessatti hamma ammaatti namoonni koronaavaayirasiidhaan qabamanii miiliyoona lamaa ol gaheera.

    Ogeeyyiin baay'een sababa dandeettii qorannoo taasisuu biyyattii gad aanaa ta'eef lakkoofsi kana caalaa ta'uu danda'a jedhu.

  6. Donaald Tiraamp qondaaltota mana murtii ICC irra qoqqobbii kaa’an

  7. 'Deeggartoonni vaayirasiin qabamnaan keessaa hin qabnu'

    Doonaald Traamp duula na filadhaa dorgommii pireezidantummaa marroo lammataa eegaluuf hawwiin eeggataa jiru.

    Haa ta'u malee qindeessitoonni sagantaa duula na filadhaa kanaa wayita deeggartootaaf tikeetii seensaa kennan waraqaa 'koronaavaayirasiin qabamnaan nuti keessaa hin qabnu' jedhu wajjiin kennaa jiru.

    Duulli na filadhaa Tiraamp kan jalqabaa Jimaata dhuftu eegala. Filannoon ammoo Sadaasatti qabame.

    "Duula na filadhaa kanarratti wayita hirmaattan ofiifis ta'ee keessummaan fiddanii dhuftan koronaavaayirasiin qabamnaan Donaald Tiraamp akkasumas qindeessitoonni saganticha itti gaafatama hin fudhatan," jedhan qindeessitoonni.

    Walgahiiwwan namootni itti hedduummatan bala guddaa qabu jechuun ogeeyyiin ni akeekkachiisu.

    Ameerikaatti namni miliyoona lamaa ol Koronaavaayirasiin qabamee, 113,000 ol ammoo lubbuu itti dhabeera.

  8. Yooyyaa!, Ya deebine!

    Gabaasi kallattii keenya kan Jimaata Waxabajjii 12 bara 2020 asirraa eegala.

    Kanaa gaditti gabaasa kaleessaa fi kan guyyoota darbanii argachuu dandeessu.

    Of eeggannoo gochuu hin dagatinaa, BBC Afaan Oromoo irraa oolmaa gaarii isiniif hawwina.

  9. Tamsaasni keenya xumurame., Jimaata ganama walitti deebina.

    Tamsaasnii kallattii BBC Afaan Oromoo har'aa kanuma.

    Odeeffannoowwan dabalataaf marsariitii yookiin fuula Fesbuukii keenya mil'adhaa.

    Asiin raadiyoo caqasuu dandeessu.

    Mammaaksa qabduu? Asiin nuuf ergaa.

    Gaaritti.

  10. UN ajjeechaa Jumlaa Liibiyaatti argame akka qoratamu gaafate

    Dhaabbanni Biyyoota Gamtoomanii (UN) qondaaltonni Liibiyaa jiran bakkeewan hanga yeroo dhihootti Janaraal Hafxaar jala turanitti ajjeechaawwan raawwatan akka qoratan gaafate.

    Bakkeewwan kanatti ajjeechaa gara jabinaatu raawwate jedha gabaasni.

    Ergamni UN Liibiyaa jiru yoo xiqqaate owwaalcha jumlaa saddeet baay’een isaanii magaalaa Tarhuunatti argamuu isaaniin akka yaadda’e ibseera.

    Akka UN jedhetti torban darbe gabaasa saamichaa qabeenya dhuunfaafi kan ummataa dabalatee isa dhaqqabuu ibseera.

    Kunneenis, erga loltoonni Janaraal Kaliifaa Hafxaarin hogganaman bakkicha dhiisanii deemanii booda waan ta’ef akka haaloo bahuutti ilaalameera.

  11. MM duraanii Lesootoo ‘maallaqa kaffalee haadha warraa isaa durii ajjeesise’

    Ministirri Muummee duraanii Toomaas Tabaneefi haati warraa isaa ammaa Mayisiyaah Tabanee bara 2017'tti haadha warraasaa duranii akka ajjeesaniif namootaaf qarshii akka kaffalan ragaa qabna jedhe poolisiin Lesootoo.

    Addee Lipolelo Tabaanee kan ajjeefamte jala bultii muudama Ministeera Muummee Toomas Tabanee irratti ture.

    Poolisiin ragaalee qaban mana murtii olaanaa Maseruutti dhiyeessuun gaaffii Addee Mayisiyaah mirga wabiirratti dhiyeessan mormuuf jira.

    Addee Mayisiyaah yakka ajjeechaan himatamtee torban darbe ture to’annoo jala kan oolte. Ishiin garuu yakka kana hin rawwaanne jechuun haalteetti.

    Obbo Toomaas Tabaneenis ajjeecha kana keessa harka akka hin qabne wakkatanis, ji’a darbe himannaa ajjechaa kanaan angoo gadhiisuuf dirqamaniiru.

    Hanga ammaatti himanni irratti hin banamiin hafus, ragaan poolisiin amma dhiyeesse namoota ajjeechaa kana raawwataniif odeeffannoo mana jireenya haadha warraa isa durii akka kenne ibsa.

    Poolisiin akka jedhutti ministira muummichaafi haati warraan isaa namoota ajjeechaa kana raawwataniif doolaara 180,000 kaffaluuf waligalaniiru.

    Namoota ajjeecha kana raawwatan keessaa tokko ragaa isaaniratti ba’uuf mana murtiitti ni dhiyaata jedhameera.

  12. Bashaar al-Asaad Ministira Muummee Sooriyaa aangoorraa kaasan

    Raafama dinagdee irraan kan ka’e Siriyaa, magaalaa Suweeyidaa keessatti haala hin baratamneen hiriirri mootummaa mormu bahameera.

    Kana booda pirezidantiin biyyattii Bashaar al-Asaad Ministira Muummee biyyattii aangoorraa kaasaniiru.

    Guyyootii afuriif namootni hedduun, dhaadannoo ‘uummatni mootummaan akka kufu barbaadna” jedhu dhageessisaa dandiitti ba’aniiru.

    Dhaadannoon akkanaa kanaan dura kan dhaga’ame yeroo Pirezidant Bashaar al-Asaadiin mormuuf bara 2011 warraaqqsi eegalamedha.

    Dhiyeenya keessa maallaqni Siiriyaa waan kufeef, qala’iinsi jireenya hammaateera.

    Kanneen hiriira bahan haalli jiruu keenyaa dursa foyya’uu qaba jedhu.

    Mootummaan gatiin mallaaqan akka gadi bu’uufi qoqqobbii irra kaa’ameef biyyooti lixaa himatan.

    Deggaartoonni mootummas Roobii hiriira deeggarsaa Suweyidatti ba’aniiru.

    Magaalaan Suweyida iddoo sababa waraana biyyatti keessa tureen hedduu hubamtedha.

    Hawaasni Diruuz hedduun, yoo Assaad aangoo gadhiise hordoftoota amantichaarra dhibbaan ni ga’a jedhanii yaadda’uun deeggaruu itti fufaaniru, magaalattiinis harka mootummaa jala turteetti.

    Mootummaa mormuun hirirri ba’ame kun Dilbata “gaaffii jijjirama haala jireenyaa gaafachuun eegalamee boodarra gara siyaasaatti geddarameera,” jedha Hordofaan Mirga Namooma Siiriyaa.

    Pirezedantichi aangoo akka gadhiisu gaafachuu dabalatee, mormitoonni malaammaltummaa akka dhaabbatuu, loltooti Raashiyaafi hidhattoonni Iraaniin deeggaraman akka biyyaa gadhisan gaafataniiru.

  13. Harreen himannaa qumaaraan walqabatuun guyyaa 4’f hidhamte hidhaarraa gadhiifamte

    Paakistaan magaalaa xiqqoo Rahimyar Kahan jedhamtu keessatti harreen sekondii 40 keessatti meetira 600 fiiguu 'dandeessiimoo hin dandeessu?' morkii jedhurratti namoonni saddeet maallaqa qabsiisuun waldorgommitti seenan.

    Namoonni kun harreen gaarii harkitu kun fiiguu dandeessii fi hin dandeessurratti wal dorgomuuf maallaqa biyyatti 121,000 ykn doolara Ameerikaa 740 tti sharafamu qabsiisaani walmorku.

    Otoo wal morkitti jiranii garuu, gidduutti poolisiin qumaara seeran ala taphatu jechuun qabe.

    Harreeniis guyyoota afur karchallee buute jechuudha. Waajira poolisii dhiyoo jirutti cina geeffamte dirree wayii keessatti hidhamte.

    Roobii kaleessaa manni murtii harreen kun hidhaarra gadhiifate abbaa qabeenyaatiif akka deebiftu ajajeera.

    Poolisiin biyyatti harreen akkanumaaf hidhamtee tursifamtee jechuun dubbachuun alatti ,maallaqa fi qabeenya biroo qumaaraa kanarratti qabame amma murtoon kennamutti itti cufne oolkeenyeerra jedhan.

    Qabeenummaa sangaarratti namoonni wayita wal dhaban poolisiin sangaakanaan dura hidhaa turetu himame.

    Biyyatti keessatti harreen bahaa baachuun nama gargaarti kan malees,gaarii harreen harkiftuun waldorgomuun garuu biyyatti keessatti baratamaadha.

  14. UAE weerara Covid-19 manaa hidhaa keessatti hammaate akka to'attu gaafatamte

    Gartuun mirgoota namoomaa falman weerara Covid -19 manneen hidhaa Biyyoota Arabaa Gamtoomanii (UAE) sadii keessatti hammaate biyyattiin akka to’attu waamicha dhiyeesse.

    Humaan Raayitis Waach akka jedhutti,manneen hidhaa sadan kanneen akka al-Watabaa (Abuudhaabii cina), al-Awir fi al-Barshaa (walakkaa Dubaahi) keessatti weerarri vaayirasii hammaateera.

    Hidhamtoonni mallattoo vaayirasichaa agarsiisan qoratamanii qabamuun isaanii mirkana’uus, wal’aansa fayyaa dhorkaman jedhu firoottan isaanii.

    Qaamni walabaa dhimmicha akka hordofu gaafatu maatiin namoota hidhamanii.

    Humaan Raayitis Waach damee Baha giddugaleeessaatti ittaanaa daarektaraa kan ta'an Misheel Peeg, manneen hidhaa namoonni walitti baay’atan keessatti hidhamtoota wal’aansa gahaa dhorkuun kuni kan jalqabaa mitii jedhan.

    Weerarri vaayirasii kun garuu hidhamtootaaf yaaddoo dabalataa uuma jechuudhaan ibsu.

    Qondaaltonni biyyatti garuu dhimma kanarratti deebii amma yoonatti hin kennine.

    Biyyoota Arabaa Gamtoomanii (UAE) keessatti namoonni 40,000 Covid-19’n qabaman keessaa 286 du’aniiru.

  15. Namootni gammachuu ibsachuuf Hindiitti walgahan 180 Covid-19’n qabaman

    Magaalaa Hindii Naagpur jedhamutti namoonni uggura sochii weerara vaayirasii to’achuuf labsame goolabamu hordofanii gammachuusaanii ibsachuuf walitti qabaman keessaa namoonni 180 ta’an vaayirasichaan qabaman.

    Kantiibaan maagalichaa akka himanitti, dargaggeessi sagantaa namoota walitti qabe kana qopheesssetu namoota 180 vaayirasichaan faale.

    Namoota qabamaan keessaa miseensonni maatii tokkoo 16 ta’an keessatti argamu.

    Namoonni 700 namoota vaayirasichaan qabaman kana wajjiin tuttuqaa qabaachuun addatti fo’amaniiru.

    Dargageessi sagantaa kana qindeesse jalqaba hiriyyootasaa shan wajjiin iddoo weerarri dhibichaa hammaatu itti dhiyoo jirurraa foon bituu himeera.

    Boodarra fayyaa dhabee hospitaala geeffame.

    Qondaalonni biyyattii gochootni akkasii weerarri dhibichaa hawaasa keessa akka tamsa’uuf sababa akka ta’an dubbatan.

  16. Noorway nama masjiida keessatti dhukaase bane waggaa 21 itti mure

    Manni murtii Noorway nama obboleetti isaa xiqqoo kan biraa irraa dhalattu ajjeeseefi qawwee qabatee masjiidatti dhukaasa bane hidhaa waggaa 21 itti mure.

    Fiilip Mansaawus reefu umriin isaa 22 dha. Baatii Hagayya darbe masjiida al - Nuur Lixa magaalaa guddoo Noorway, Osloo, bakka Baayerum jedhamutti ture dhukaasa kan bane.

    Masjiida keessatti dhukaasa banuus namni miidhame garuu hin turre. Osooma poolisiin hin dhufne to'atame.

    Hojiin isaa garuu shororkeessummaatti ilaalame.

    Poolisiin qorannoo taasiseen Fiilip Mansaawus faana Bireenton Taaraant akka hordofe bira gaheera.

    Bireenton Taaraant kana dura ajjeechaa masjiida Kiraayischarch biyya Niw Ziilaand dhaqqabe raawwachuun kan himatamedha.

  17. Paarlaamaan Itoophiyaa dhaabbilee amantaaf beekamtii seeraa kenne

    Manni Maree Bakka Bu'oota Ummataa Itoophiyaa walgahii isaa idilee har'aatiin dhaabbilee amantaatiin beekamtii seeraa kennuuf wixinee dhiyaate irratti mari'atee raggaasise.

    Dhaabbileen amantaa beekkamtii seeraa argatan Mana Maree Waldaalee Amantoota Warra Wangeelaa Itoophiyaa fi Mana Maree Waliigalaa Dhimmoota Islaamaa Itoophiyaati.

    Dhaabbileen amantaa kunneen amma dura akka dhaabbata tola ooltummaatti galmaa'anii hayyama isaaniis waggaa waggaa haaromsuun isaanirraa eegama ture.

    Keessumaa beekkamtii seeraa argachuun Mana Maree Waliigalaa Dhimmoota Islaamaa Itoophiyaafi hordoftoota amantichaaf gaaffi waggoota dheeraa gaafatamaa ture.

    Koreen dhaabbii dhimma seeraa, haqaa fi dhimmoota diimokiraasii gabaasaa fi yaada murtee dhaabbilee kanneeniif beekamtii seeraa kennuuf dhiyeesse manni marichaa sagalee caalmaan akka mirkaneesse manni marichaa ibseera.

    Kan Mana Maree Waldaalee Amantoota Warra Wangeelaa Itoophiyaa sagalee mormii 2 fi callisa 2n sagalee caalmaan ragga'e.

    Kan Mana maree Waliigalaa Dhimmoota Islaamaa Itoophiyaa ammoo sagalee mormii 1 waliin sagalee caalmaan mirkaneesse.

  18. Alfaa Koondee: 'Namoota du’akoo hawwan baayyeen awwaala’

    Pirezedanti Alfaa Koondeen maanguddoo ganna 82, dulluma keessa aangoorra turanii biyya bulchuun isaanii irratti qeeqni nidhiyaata.

    Tibbana yaada wayita kennan ‘’Ani Giinii bulchuuf ammas gahuumsan qaba, Namoota du’aatii koo hawwan baayyeen awwaala’’ jechuusaanii AFP’n gabaaseera.

    Pirezedantichi weerara koronaavaayirasiin walqabaate keessummaa isaan bira dhaqu akka simachuu dhiisaan dubbataniiru. Hawaasatti ba'anii baayyee hin mul’atan.

    Alfaa Koondeen dhukkubsatanii hospitaalaatti yaalamaa turan hamiin jedhu akka jiru AFP’n gabaasera.

  19. Masriin iddoo turistootaan daawwataman deebistee banuudhaafi

    Masriin balalii idila-addunyaa sababii weerara dhibeetiin addaan cite eeyyamuudhaan, qarqara qaama bishaanii koronaavaayirasiin baay’ee hin miidhamne turistoonni akka dhaqan jalqaba baatii dhufurraa eegaltee eeyyamufi.

    Rizoortiiwwan galaana diimaarratti argamanii fi iddoowwan bashannanaa qarqara magaalaa Aleeksaandariyaatti argaman deebi’anii banamuuf jiru.

    Masriin ji’a Bitooteessaarraa eegalte buufataalee xiyyaarotaa weerara dhibee to’achuuf cuftee turte.

  20. Amma nu gahe, Itoophiyaatti duuti Covid-19 haaraan 5 galmaa'e

    Qorannoo koronaavaayirasii sa'aatii 24 darban keessa namoota 6630f taasifameen dabalataan namoota 164 irratti vaayirasichi argamuu Ministeerri Fayyaa beeksise.

    Kunis walumaagalatti namoota akka biyyaatti vaayirasichaan qabamanii 2670n gahee jira.

    Sa'aatii 24 darbe kana keessa namni shan dabalataan lubbuu yoo dhabu, lakkoofsi namoota vaayirasichaan du'anii 40 gaheera.

    Kanneen haaraa vaayirasichi irratti argame 164 keessaa 117 dhiira yoo ta'an 47 ammoo dhalaadha. Umuriin isaanii ganna 1 hanga 92 jidduu jira.

    Nama tokkorraan kan hafe hunduu lammilee Itoophiyaati.

    104 Finfinneetti, 26 naannoo Somaalee, 22 naannoo Amaaraa, 4 Tigraay, 4 Kibba, 2 Oromiyaa, 1 Hararii kan hafe tokko ammoo Beenishaangul Gumuzitti argame.

    Kunkanaan osoo jiru namoonni 32 Finfinnee irraa 1 ammoo naannoo Amaaraa irraa dandamatanii jiru.

    Guyyaa vaayirasichi biyya keessatti argameen kaasee ji'oota lamaan jalqabaa keessatti namni vaayirasichaan qabame 250 qofa jedha Ministeerri Fayyaa.

    Ji'a tokko darbe keessa qofatti garuu nama 2420'tu qabame jedhe. Kunimmoo dachaa 10 ol ta'uus hime.

    Kuni vaayirasichi ariitiin tamsa'uu agarsiisa kanaafis hawaasni of eeggannoo cimsuu akka qabu hubachiiseera.