Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.

Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi

Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf

Itoophiyaa - guyyaa tokkotti namni 100 koronaavaayirasiin qabame

Itoophiyaan sa'aa 24 dabre keessa namoota 4950f qorannoo Koroonaavaayiras kan taasiste yogguu tahu, namoota 100 irratti vaayirasichi argamuu Ministirri Fayyaa fi Institiyuutiin Fayyaa Hawaasaa biyyattii beeksisaniiru.

Haguuggii Tamsaasa Kallattii

  1. Amma nu gahe, Itoophiyaatti lakkoofsi namoota Covid-19n qabamanii 655 gahe

    Itoophiyaan sa'aa 24 dabre keessa namoota 2844f qorannoo Koroonaavaayiras kan taasiste yogguu tahu, namoota 73 irratti vaayirasichi argamuu Ministirri Fayyaa biyyattii Dr. Liyaa Taaddasaa beeksisan.

    Guyyaa dheengaddaa namoota 61, kaleessa ammoo lakkoofsi olaanaa 88 galmaa'eera.

    Namoota qabamuun isaanii mirkanaa'e keessaa 49 dhiiroota yommuu tahan, 24 ammoo dubartoota.

    Kanneen keessaa 27 kan tahan seenaa imala biyya alaa kan qaban yoo tahu, 15 ammoo namoota amma dura qabamuun isaanii mirkanaa'e waliin tuttuqqaa kan qaban tahuu, ragaan ministeerichaa ni mul'isa.

    Namoonni 31 garuu seenaa imala biyya alaa kan hin qabneefi namoota qabaman waliinis tuttuqqaa beekamu kan hin qabnedha jedhameera.

    Kanaanis lakkoofsi namoota waliigalaa biyyattiitti Covid-19n qabamanii 655 gaheera.

    Biyyattii keessa guyyaadhaa guyyaatti lakkoofsi namoota amma dura qabaman waliin tuttuqqaa qabaachuun isaanii hin baramnee daran dabalaa jira.

    Kunis akka ogeeyyiin fayyaa jedhanittti tatamsa'inna hawaasa keessaa (community transmission) kan jedhamudha.

    Gama biraatiin, sa'aatii 24 dabre keessa namoonni torba (afur naannoo Kibbaa, lama Tigraay fi namni tokko Finfinneerraa vaayirasicharraa bayyanachuus beekameera - waliigalattis namoonni 159 Covid-19 irraa bayyanataniiru.

    Biyyattiin haga ammaa namoota 83, 854 qorannoo Covid-19 taasiftee jirti.

  2. Barsiistoti Afrikaa kibbaa ‘karoora manneen barnoota deebisanii banuu morme'

    Barsiistoti Afrikaa Kibbaa karoorri manneen barnoota Waxabajjii 1 irratti deebisanii banuu akka dhaabbatu barbaadu, jechuun marsariitiin oduu Independent Online jedhamu gabaaseera.

    Gamtaan Barsiistotaa Educators Union of SA (Eusa) jedhamutti barreessaa oolaanaa kan ta’an Siphiwee Mipingosee, Wiixata Dippaartimantii Barumsa Bu’uraa (DBE) irratti mana murtiitti himanna akka banan dubbataniiru.

    DBE’n barumsa Kutaa 7 fi Kutaa 12ffaaf Waxabajjii 1 irratti manni barumsaa deebi’ee akka banamu beeksiseera.

    Banamuu isaan dura manneen barnootaa dursanii keemikaalaan qulqulleeffamaniiru.

    Barsisootni akka jedhanitti ministeerichi meeshaleen of eeggannoo ni keennama kan jedhe waan amanamu miti, dabalataanis lakkoofsi namoota vaayirichaan qabamanii ammayyu guddaadha.

    Waldaan barsiisota kun torbe darbu keessa karoora deebisanii banuu kana irra deebi’anii akka ilaalaniif ministira barnootaaf xalayaa ergee ture.

  3. Itoophiyaatti haadha vaayirasiin qabamterraa daa'imti bilisa dhalatte

    Haati koronaavaayirasiin qabamtee hospitaala Eekkaa Kotabeetti yaalamaa turte, daa'ima vaayirasicharraa bilisa taate oofkalte.

    Dubartiin ganna 34 kun, Jimaata darbe halkan qixxee wal'aansa baqaqsanii yaaluun deesse.

    Daa'imti qorannoon taasifameefi vaayirasicharraa bilisa yoo taatu, haati kutaa yaala addaa keessatti wal'aanamaa jirti.

    Ministeerri Fayyaa Itoophiyaa ogeeyyii wal'aansa baqaqsanii yaaluu kana milkaa'inaan raawwatan galateeffatee jira.

    Hireen vaayirasichi haadha ulfaa irraa gara daa'imatti darbuu xiqqaadha jedhe Ministeerichi. Haa ta'u malee daa'imman vaayirasichi haadha irraa itti darbe ammoo jiru.

    Wayita ulfa turan, dahumsarratti moo dahuumsa booda akka itti darbe garuu adda hin baane.

    Wayita ulfaafi dahumsarratti hireen vaayirasichi haadharraa ilmootti darbuu xiqqaa ta'us dahumsa booda wayita harma hoosisan ykn wayita kunuunsa godhan daddarbuu waan danda'uuf of eeggannoo gochuun barbaachisaa ta'uu eereera.

  4. Hojjettoota EBCf qorannoon Covid-19 taasifame

    Hojjettoota miidiyaa mootummaa EBC - Ethiopian Broadcasting Corporation keessa hojjetan 50 tahaniif qorannoon Koroonaavaayiras godhamuufi miidiyichi gabaaseera.

    Akka maxxansi fuula Facebook dhaababtichaarraa bahe mul'isutti ''hojjettoonni miidiyaa gosoota hojii koroonaavaayirasiif saaxilamoo tahan keessaati,'' jedha.

    Kanumaanis hojjettoota dhaabbatichaa 50 tahaniif - gaazexeessitoota, ogeeyyii kameeraa, eegdotaafi konkolaachistootaaf qorannoon godhameera.

    Suuraan dhaabbatichi maxxansees wayta saamudni fudhatamu agarsiisa.

    Miidiyaalee biyyattii keessa jiran keessaa - kan dhuunfaas tahe mootummaarraa qorannoon gaazexeessitootaaf ifatti yogguu godhamu kun isa jalqabaati.

  5. 'Weerarichi ni hammaata' jedhan pireezidantiin Afrikaa Kibbaa

    Pireezidantiin Afrikaa Kibbaa weerarri vaayirasichaa daran hammaachuuf heda jechuun akeekkachiisan.

    Haa ta'u malee garuu biyyattiin labsii ugguraa laaffisaa jirti.

    Siiriil Raamfoosaa akka jedhanitti Afrikaa Kibbaatti namoota 22,000 vaayirasichaan qabaman keessaa tokko sadaffaan kan qabaman torbee darbe keessa.

    Dhugaan jiru kana tahus, uggurri sochii amma jiru itti fufsiifamuu hin danda'u.

    Waxabajjii 1 irraa eegalee dhorkaawwan hedduun ni laaffifamu jedhan.

    Raamafoosaan kana kan jedhan erga dhaabbanni albuuda baasu tokko hojjettoonni isaa 164 vaayirasichaan qabamuu beeksiseen duuba ture.

    Afrikaa Kibbaatti walumaagalatti namni 429 koronaavaayirasiin du'eera.

  6. Koronaavaayirasiin kufaatii hogganoota haaraa Sudaan saaxile

  7. Somaaliyaatti kabaja ayyaana Iid irratti boombiin dhoye namoota afur ajjeesse

    Somaaliyaatti kabaja ayyaana Iid irratti boombii dhoyeen yoo xiqqaate namootni afur du’anii namootni 15 ammoo madaa’aniiru.

    Namootni ijaan argan akka dubbataniitti magaalaa Bayido’aa keessatti namootni utuu sirbaniifi shubbisanii dhoyiinsi kun uumame.

    Dhoyiinsa kanaaf eenyu akka itti gaafatamummaa fudhatu ammatti ifa hin taane.

    Waggootii dheeraaf gartuun al-Shabaab magaalaa Bayido’aa to’atee tureera.

    Bara 2012 irraa eegalee, yeroo hidhaattonni gartuu kanaa magaalaa keessaa dhiibamanii ba’anitti, gartuun jihaadii kun magaalicha keessa sochii itti fufuun bufataalee waraanaafi bakkootii biroo irratti haleellaa raawwatee ture.

  8. Koronaaavayirasii fi Iid aal-Faxiir, suuraalee addunyaarraa

  9. Niwu Ziilaand namooti hanga 100 walitti qabamuu eeyyamte

    Jimaata sa’a booda irraa eegaluun MM Niwu Ziilaand Jakindaa Arderni hanga namoota 100tti walitti qabamuun akka danda’amu murteessan.

    Kana jechuun waldaaleen amantaa tajaajila isaanitti deebi’uu danda’u jechuudha.

    Murtoon kun namoota awwalcha irratti hirmaataniif hin eeyyamamu.

    Bakkeewwan bashananaattis walirraa fageenya eeggachuun akka itti fufu ibsamera.

    MM Jakindaa Arderni ji’a Ebla keessa koroonaavaayirasii balleesineerra jechuun, uggura labsame biyyi isaanii kaasuu akka jalqabdu himanii ture.

  10. Finfinneetti tamsa'inni Covid-19 to'annoon ala bahaa jiraa?

  11. Kooriyaan Kibbaa lammileeshee guddifachaan biyya biroo jiraniif maaskii erguufi

    Wiixata kana, Kooriyaan kibbaa lammilee Koriyaa guddifachaan biyyoota biroo deemaniif maaskii erguu ni eegalti.

    Ministeerri haaja alaa Dilbata akka dubbatanitti maaskoti 370,000 ta’an kan ergaman yoo ta’u kunneen keessa %60 gara US’tti ergamu.

    Lammilee Kooriyaa 167,000 biyya biraatti guddifachaan deeman keessaa harki caalu US keessa kan jiran yoo ta’u biyyootii akka Firaans, Deenmaark, Siwiidin fi Awustiraaliyaa keessattis ni argamu.

    Chaayinaatti aantee Kooriyaan Kibbaa biyyooti jalqaba koronaavaayirasiin miidhamte taatus, qajeelfama walirraa fagaachuufi qoronnoo cimaa gaggeessuun weerara kana hir’isuu dandeessetti.

  12. Hindiin tajaajila balalii xiyyaaraa biyya keessaa jalqabde

    Ji’a lama booda Hindi uggura labsitee turte laaffisuun tajaajila balalii xiyyaaraa biyya keessaa eegalte.

    Haa tahu malee lakkoofsi namoota koroonaavaayirasiin qabamanii akka malee dabalaa jira.

    Imaltootni aappii mootummaan namoota nama dhukubichaan qabame waliin walitti dhufeenya qaban ittiin hordofu interneetii irraa buufachuun itti fayyadamuu qabu.

    Dabalataan buufata xiyyaaraatti qorannoon ni gaggeeffamaaf.

    Mootummootni naannolee akka Asamiifi Utaar Piraadesh imaltootni akka gahaniin qofaatti tursiifamuu qabu jedhu.

    Har’a miseensota humna nageenyaa, barattootaa fi godaantota hojii irratti bobba’antu imala xiyyaaraa jalqabaa kana ragata. Tarkaanfiin kun indaastirii ayiveeshinii biyyattii bayyaannachiisa jedhamee eegama.

  13. Ispeen magaalota Maadriidiifi Baarseloonaa deebiftee banuufi

    Wiixata kanarra eegale Ispeen magalaa Madriidiifi Baarseloonaa irraa qajeelfama sochii ugguruu ni kaafti.

    Qajeelfama haaraa kana jalatti, namootni 10 ta’anii walitti qabamuu danda’u, paarkootiin ni banamu, godambaaleenis daawwattoota muuraasa keessummeessu ni eegalu.

    Namootni bakka walirraa fagaachuun hin danda’amne, gamoowwan ykn bakkeetti maaskii uffachuu itti fufu.

    Kutaaleen biyyatti biroo kan weerara kanaan badaa hin hubamne uggura kana dursanii kaasaniiru.

    Qajeelfamni sochii ugguruu Ispeen addunyaarratti isa cimaa keessaa tokko ture.

    Biyyattiin lakkoofsa namoota du’anii 28,700 qabaachuun addunyaa irratti sadarkaa afuraffaa irra jirti.

  14. Ameerikaan imala Biraazil irraa garas godhamu dhooggite

    Ameerikaan namootni Biraazil irraa garas akka hin imalle dhorkite.

    Lakkoofsi namoota koronaavaayirasiin qabamanii daran dabaluun, Biraazil addunyaarraa nama vaayirasichaan qabame hedduu qabaachuun lammaffaarra jirti.

    Lammilee Ameerikaa ala namoonni kaan gaaf Ameerikaa seenuuf gaafatan irraa kaasee yeroo torbee lamaa keessaatti Biraazil turan kamuu seenuu dhorkamu.

    Dhorki kun daldala hin ilaallatu.

    Ameerikaan duraan namoota biyyoota akka Chaayinaa, Iraan fi biyyoota Awurooppaa irraa garas imalan dhorkitee turte.

    Biraazil keessatti Dilbata nama 653 kan du'e, walumaagalatti namni vaayirasichaan du'e 22,666 gaheera.

    Lakkoofsi namoota qabamanii ammoo 363,211 yoo ta'u Ameerikaatti aanuun addunyaarraa isa guddaa lammataati.

  15. Yooyyaa!

    Gabaasa kallattii biraan deebineerra!

    Akkam jirtu, nagumaa?

    Gabaasaalee weerara koronaavaayirasiin wal qabatan akkasumas taatewwan gurguddoo biyya keessaa fi alaa fuula tokkorratti asii argattu.

    Gabaasaalee guyyoota muraasa darban kallattiin isin biraan gahaa turreef as cuqaasaa.

    Oolmaa gaarii!