Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.

Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi

Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf

Itoophiyaa - guyyaa tokkotti namni 100 koronaavaayirasiin qabame

Itoophiyaan sa'aa 24 dabre keessa namoota 4950f qorannoo Koroonaavaayiras kan taasiste yogguu tahu, namoota 100 irratti vaayirasichi argamuu Ministirri Fayyaa fi Institiyuutiin Fayyaa Hawaasaa biyyattii beeksisaniiru.

Haguuggii Tamsaasa Kallattii

  1. Ispeen imaltoota biyyashee seenaan adda baasuu dhaabuuf jirti

  2. Daa'imman maaskii akka hin godhanne ogeeyyiin akeekkachiisan

    Waldaan Daa'immanii Jaappan maatiin daa'imman ganna lamaa gadi ta'aniif maaskii akka hin goone akeekkachiise.

    Waldaan kunis maaskiin godhatan harganuuf rakkachuu fi balaa hudhamuuf akka saaxilaman taasisa jedheera.

    Odeeffannoo marsariitiirratti maxxaanseenis daa'imman ujummoo qilleensaa dhiphaa waan qabaniif yeroo maaskii godhatanii harganuuf yaalanitti onneerratti dhiibbaan ni dabala jedha.

    Jiddu galli Ittisa Dhibee US akka jedhutti daa'imman ganna lamaa gadii haguuggii afaanii fi funyaanii godhachuu hin qaban.

  3. Naayijeeriyaan ''maallaqa biyya alaatii nyaata ittiin bitu hin qabu'' jette

    Pireezidantiin Naayijeeriyaa Muhaammaduu Buhaarin biyyi isaanii maallaqa ittiin nyaata biyya alaatii bittu waan hin qabneef qonnaan bultootni nyaata biyya guutuu sooru akka omishan gaafatan.

    Pireezidantichi kana kan jedhan, yeroo weerara Koronaa kanatti wabii nyaataarratti yaaddoon waan uumameefi gatiin wantoota nyaataaf oolanii sababa dabalaa jiruufi.

    Biyya lammiilee miiliyoona 200 ol qabdu kana keessatti weeraruma Koroonaavaayiras durayyuu qonnaan bultootni biyyattii omisha lammiilee biyyattii sooruu danda'u omishuu akka hin dandeenye Sagantaan Nyaataafi Qonnaa Dhaabbata Biyyoota Gamtoomanii himee ture.

    Diinagdeen ishee boba'aarratti akkaan hirkachuu isaatiin sektarri hojjettootni hedduun irratti qooda fudhatan, Qonni, dagatamee turuu isaatu akka sababatti eerama.

    Biyyattiin omishora ruuzii biyya keessaa jajjabeessuuf jecha bara darbe bittaa ruuzii kan Taayilaand irraa dhufu dhorkitee ture.

    Biyyi Taayilaand irraa ruuzii toonii miiliyoona hedduu bittu kun amma karaa buufatoota doonii ishee qaraxa guddaadhaan akka galu hayyamtee jirti.

    Gatiin boba'aa gabaa addunyaa gad bu'uun galii mootumma Naayijeeriyaa miidheera. Gatiin wantootaa nyaataaf olaniis dabaleera.

  4. Dubartoonni Naayjeeriyaa seeraan ala daddabarsaman 50 Libaanositti baraaraman

    Dubartoonni Naayjeeriyaa seeraan ala daddabarsaman 50 Lebaanoonitti oolchamanii gara biyya isaanitti deebifamaniiru.

    Of eeggannoo koronaavaayirasiif adda baafamanii kan jiran dubartoonni kun wanta irra ga’e irratti gaffii ni gaafatamu.

    Ministirri Haajaa Alaa Naayjeriyaa anga’oonni Libaanos dubartoota kana oolchuu irratti nu gargaaraniiru jedheera.

    Waggaa darbe, dubartiin Naayejiraa hojii humnaa irratti dirqisiifamte Libaanos irraa olchamteetti.

    Dabalataan lammileen Naayjeriyaa 15 sababa sochii ugguruu Libaanosiin danqamanii turan gara biyyatti deebifamaniiru.

  5. WHO’n sodaa ‘weerarri osoo hin beekamini’ Afriikaatti babal’achuu danda’a jedhu qaba

    Hoggantoonni biyyoota Afriikaa qorannoo koronaavaayirasiitiif dursa hin kennan yoo ta’e vaayirasichi osoo hin beekamini tatamsa’uu danda’a jechuun sodaa qaban qondaalli WHO Reuters’tti dubbatan.

    “Sodaan kiyya haalaan qorachuu dhabuurraa kan ka'e vaayirasichi Afriikaatti osoo hin beekamini tatamsa’aa jiraachuudha. Kanaafuu hoggantoonni qorannoo Koroonaavaayirasiif dursa akka kenna dhiibbaa uumuu qabna,” jedhan Saambaan.

    Ardii Afriikaa keessatti hamma ammaatti namoonnii 115,000 vaayirasichaan yoo qabaman 3,400’tti dhihaatan du’aniiru.

    Gama kaaniin biyyoota tamsa'inni Koroonaavaayiras itti hammaatee amma laafa dhufe keessatti tarkaanfiiwwan ittisaafi to'annoo dafanii laaffisan keessatti weerarri marroo lammata mudachuu akka danda'u Dhaabbatni Fayyaa Addunyaa akeekkachiiseera.

    Addunyaan ammayyuu weerara marsaa duraa Koroonaavaayiras keessa jirtii kan jedhan ogeessi rakkoo fayyaa tasaa dhaabbaticha,Dr. Maayik Riyaan, gudduugaleessa Ameerikaa, Kibbaa Ameerikaa, Kibba Ezhiyaafi Afrikaa keessatti lakkoofsi dhukkubsattootaa dabalaa jiraa jedhan.

    Biyyoota addunyaa hedduu keessatti garuu tamsa'inni vaayirasichaa hir'isaa akka jiru dubbatan.

    Dhibeewwan bifa weeraraan ka'an yeroo hedduu marsaa itti weeraran qabu kan jedhan ogeessi kun, bakka tamsa'inni isaa itti hir'isaa dhufetti gara dhuma bara kanaatti deebi'ee dhalachuu malaa jedhan.

    Tarkaanfiiwwan to'annoofi ittisaa dafanii laaffisuun weerarri kun dafee irra deebiin akka ka'u sababa ta'as jedhaniiru.

  6. Daa'imni Indiyaa ganna shanii kophaasaa gara manaa balali'e

    Daa'imni ganna shanii Indiyaa ji'a sadi dura eega haadhasaatiin gargar bahe booda gara qe'ee warra isaatti kophaasaa xiyyaaraan balali'eera.

    Uggurri biyyattii keessatti labsame balaliin biyya keessaas hanga guyyaa Wiixataa dhoorkamee ture.

    Vihaan Shaarmaa Deelii irraa gara Baangaloor gaafa Wiixataa imale. Suurri daa'imni qabate akka agarsiisutti imalaasaa guututti gargaarsa akka argate mul'isa.

    "Deeliirraa hanga asiitti kophaasaa imale," jette haatisaa.

    Daa'imni kun mana akkaakkayootasaa Deeliitti argaman bira ture. Uggurri labsame garuu osoo hin yaadamini isaan bira yeroo dheeraaf akka turu taasiseera.

  7. Koriyaatti namni seeraa adda of baasuu cabse hidhaa ji’a afuriin adabame

    Kooriyaa Kibbaatti dargaggeessi ganna 27 seeraa adda ba’uu koronaavaayirasii cabsuu isaaf hidhaan ji’a afurii irratti murtaa’eera.

    Biyyattiiti himannaan akkanaa yeroo taasifamu kan jalqabaati.

    Hospitaalaa Kaaba Sool jirurraa erga ba’e booda torban lamaaf adda of baasuun mana akka turuuf namni Kim jedhamu kun ajajamee ture.

    Guyyaan addaa ofbaasuu 14 kennameef osoo hin xumuriin guyyaa lama duraa manaa yeroo ba’u argame qabame. Gara wiirtuu manneen jireenyattti erga geeffamee booda ammas deebi’ee ba’uuf yeroo yaaluu, qajeelfama To’annoo fi Ittisaa Dhibee Daddarbanii cabsuu isaaf to’annoo jala ooleera.

    Erga manneen dhugaatii hedduu keessatti vaayirasiin mul’ate tatamsa’ina erga dabalee booda biyyattiin qajeelfama eegsisuu irrattti xiyyeefachaa jirti.

  8. Jarman namoota vaayirasichaan qabaman haaraa 432 fi du'an 45 galmeesisiifte

    Jarmanitti guyyaa darbe namoonni haaraan 432 vaayirasichaan yoo qabaman 45 immoo du'aniiru.

    Walumaa galatti namoonni 179,002 koronaavaayirasiidhaan yoo qabaman 8,302 du'aniiru. Namoota qabaman keessaa %90 kan ta'an Covid-19 irraa bayyanataaniiru.

    Akkuma biyyoota Awuroppaa hedduu Jarmanis ugguura laaffisaa jirti.

  9. Sa'uudii Arabiyaan sochii sa'aatiin daangessitee turte kaasuufi

    Sa'uudii Arabiyaan sochii namaa sa'aatiin daangessitee turte Waxabajjii 21 irraa eegaltee kaasuuf akka jirtu beeksifte.

    Makkaatti garuu ammallee waaree booda sa'aatii 9(3pm) hanga barii 12(6am) socho'uun hin danda'amu.

    Duraan iddoo hedduutti sa'aatii 24 guutuu socho'uun hin danda'amu ture. Iddoo kaanitti ammoo galgala sa'aatii 11(5pm) irraa hanga ganama sa'aa 3(9am) ture.

    Imalli biyya keessa dhorkamee ture, masjiida keessatti salaatuu, hojii dhuunfaas ta'e kan mootummaatti deebi'uun Caamsaa 31 irraa eegala.

  10. WHO haayidirookiloorookiiniin Covid-19 wal'aanuuf yaalii taasifamu dhorke

    Dhaabbatni Fayyaa Addunyaa (WHO) qoricha koronaavaayierasii yaaluuf abdii qaba jedhame haayidirookiloorookiiniin koronaavaayirasii wal'aanuuf yaaluun rakkoo biraa waan qabuuf jedhee dhorke.

    Yaaliin biyyoota danuu keessatti taasifamaa ture of eeggannoof jecha adda citeera.

    Murteen kun kan darbe erga dhiyeenya qorannoon taasifame qorichichi hiree dhukkubsattoonni vaayirasichaan du'uu akka dabalu mul'isee booda.

    Donaaldi Tiraamp qoricha kana hedduu dhaadhessaa turan. ogeeyyiin fayyaa hawaasaa rakkoo onneen wal qabatu fiduu mala jedhanii akeekkachiisanillee jechuudha.

    Tiraamp ofiiyyuu qoricha kana fudhataa akka jiranis dubbatanii turan.

  11. Yooyyaa!

    Deebineerra.

    Gabaasa kallattii kan Caamsaa 26 bara 2020 asirraa eegala.

    Nu hordofaa.

    Gabaasa kaleessaa gadi dabarsaa dubbisaa.

    Oolmaa Gaarii!

  12. Saalvaa Kiir-Covid-19 nan qabne jechuun waakkatan

    Pirezedaantiin Sudaan Kibbaa Saalvaa Kiir koronaavaayirasiin qabamanii wal’aansaaf biyyaa bahaniiru hamiin jedhu dhara jedhan.

    Kiir vaayirasichaan qabamanii wal’aansaaf biyya bahaniiru jechuun oduun miidiyaalee hawaasarratti daddarbaa jira.

    "Gahee hojii pirezedantummaas nama biraattis hin dabarsine,hawaasni holola funaanuu hin qabu," jedhan.

    Torban darbe keessa Pirezedaantiin Ittaanaa Riik Machaar dabalatee,qondaaltotni koree ittisa Covid-19 lakkoofsi isaanii sagal vaayirasichaan qabamaniiru.

    Amma hundisaanii addatti of baasanii jiru.

    ‘Yoo weerara vaayirasichaa to’achuu dadhabne akka biyyatti gaabbii keessa seenuuf jirra,' jedhan Kiir.

    Kiir yoo weerarri dhibichaa hammaate sirni fayyaa weerara dhibichaa dura dhaabatu hin qabnu, biyyoonni biroos yeroo muddaman argineerra jedhan.

    Sudaan Kibbaa biyya walwaraansi sirna fayyaa laamshesseefi muddama vaayirasichi fidu dandamachuu hin dandeenye jedhan.

    Saalvaa Kiir akka jedhaniitti, namoonni 600 biyyattii keessatti vaayirasichaan qabamaniiru.

  13. Afrikaan waamicha dhukaasa dhaabu deeggaruu qabdi- Guteereez

    Barreessaa Olaanaan Dhaabbata Biyyoota Gamtoomanii Antooniyoo Guutereez dhukaasni biyyoota Afrikaa keessatti akka dhaabatu waamicha dhiyeessan.

    Gartuu hidhattoota Sudaan, Sudaan Kibbaa fi Kaameruun keessa socho’an wamichaasaanii simatanii dhukaasa dhaabuu labsaniiru.

    Biyyoota biroo keessattis dhukaasni dhaabachuu qabu jechuun guyyaan Afrikaa har'a wayita kabajamutti Guteereez dubbatan.

    Kana malees, jeequmsi kamiyyu, mirga ijoollee durbaafi dubartoota sarbuun hafuu qaba jedhu.

  14. Finfinnee naannoo Kokaafi Abinnatitti sochiin uummataa dhorkame

  15. Iraan iddoowwan waaqeffannaa ji’a lamaaf cufte deebistee bante

    Weerara koronaavaayrasii to’achuuf iddoowwan hordoftoota amantii Islaamaa Shihaa biratti 'qulqulluudha' jedhaman gurguddoon deebi’anii banamaniiru.

    Sirni kadhannaa dirree gubbatti kan raawwatamu yoo ta’u, namoonni maaskii godhachuun waliirra hiiqanii sirna waaqeffannarratti hirmaatu.

    Kana malees, qorichoonni farra jarmii dursanii biifamuu,Teheraanitti hoo’inni qaama amantoota sakatta'uun eegalameera.

    Iddoowwan 'qulqulluudha' jedhamanii hordoftoota amantii Islaamaa Shiha biratti beekaman waggaatti namoota miliyoona kudhanitti lakka’amanitu sirna amantiif dhaqa ture.

    Namoonni hedduu siida iddoo awwalchaatti ijaarame biratti kadhatu, ni dhungatu ykn ni tuttuqu ture.

    Biyyoota Baha giddugaleessaa keessaa Iraan biyya weerara dhibeetiin hunda caala miidhamte ta'uun booda namoonni akka walitti hin qabamne dhorkitee turte.

    Iddoo qulqulluu jedhamee hordoftoota amantichaa biratti beekamu Quhaam jedhamutti weerarri Covid-19 Guraandhala jalqaba bara kanaarraa kaasee iddoo itti hammaate ture.

    Iraanitti namoota 137,000 vaayirasichaan qabamanii, isaan keessaa 7,450 lubbuu dhabaniiru.

    Dinagdee biyyatti weerara dhibeetiin miidhame bayyanachiisuuf torban muraasa asitti Iraan labsii yeroo muddamaa laaffisaa jirti.

    Dinagdeen biyyattii garuu qoqqobbii Ameerikaatiin duraanu miidhamee ture.

  16. Dhukkubsattoota Covid-19'n hubamaniif yaaliin abdii kennu eegalame

  17. Pirezedantiin Masrii poolisii weellistuu ajjeese dhiifaman gadhiisuun qeeqamaa jira

    Pirezedantiin Masrii poolisii weellistuu ajjeese dhiifaman hidhaatii gadhiisuuf murteessuun qeeqamaa jiru.

    Poolisiin kan ture Mooseen al-Sukkaarii Dubaayitti bara 2008 weellistuu Lebaanoon ajjeesuun balleessaa dalageef jalqaba du’aan adabame, boodarra hidhaa waggaa 28tti hir’ateef.

    Dureessii tokko maallaqa kaffaleefi weellistuu Suzannee Taminii jedhamtu waggaa sadan kana ajjeesise.

    Poolisii kan ture Mooseen al-Sukkaarii ayyaana Iidaa sababeeffachuun hidhamtoota dhiifamni taasifameef keessa ture.

    Rogeeyyiin mirga namoomaa Masrii Pirezdantii Abdul Fattaa Alsii otoo namoonni ilaalcha siyaasaa qabaniif hidhamaa jiranii, namticha kana dhiifamaan gadhiisuu isaanii qeeqan.

  18. Tibbana namni koronaanvaayirasiin qabame daran dabaluun miira akkamii uume?

  19. 'Weerara koronaavaayirasii to’achuurratti tooftaa Jaappaan hordofte fakkeenya gaariidha'

    Ministirri Muummee Jaappaan Shinzoo Abeen to’annoo vaayirasichaarratti mootummaan isaanii hojii fakkeenyummaa qabu dalaguun bu’aa agamsiiseera jedhan.

    Jaappaan labsii muddamaa kaasuun uggura nama daangesse kaasuu wayita labsitetti kana dubbatan.

    Harkifannaafi rakkoolee muraasni garuu jiraachuu hin dhoksine.

    ‘Ulaagaa dambii labsii muddamaa kaafne qabna, kanaaf murteessine’ jedhan Abeen.

  20. 'Mucaakoo sharaan maramee bakkee keessatti arge' - haadha dargaggeessa ajjeefamee