Naayijeeriyaan yaalii haayidirooksiikiloorookiiniin itti fufuufi
Naayijeeriyaan qoricha haayidirooksiikiloorookiniin Covid-19'f akka ta'uufi hin taane mirkaneessuuf yaalii gaggeessitu eega WHO'n sodaa nageenyummaatiin adda kute boodas itti fufuuf.
Daayirektarri Ejeensiin Nyaataafi Bulchiinsaa fi To'annaa Qorichaa (Nafdac) Mojiisoolaa Adeeyeeye miidiyaa biyya keessatti akka himanitti sababa WHO yaalii taasisaa ture adda kuteef nuu hin galle jedhan.
Piroofeesar Adeeyeeyeen akka jedhanitti qorichi kun mallattoo Covid-19 jiddu galeessaarratti bu'aa argamsiisee ture.
Isaanis yaaliin laabiraatooriisaa ji'oota sadii hanga afur keessatti ni xumurama jedhan.
Qorannoon dhiheenya kanaa akka ibsutti qorichi kun carraa dhukkubsattoota Covid-19 du'aaf saaxiluu guddaa qaba.
Haayidirooksiikiloorookiiniin dhibee busaatiif nageenyummaansaa kan mirkanaa'ee yoo ta'u, dhukkubsattoota Covid-19'f ooluunsaa hin mirkanoofne.