Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.

Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi

Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf

Itoophiyaa - guyyaa tokkotti namni 100 koronaavaayirasiin qabame

Itoophiyaan sa'aa 24 dabre keessa namoota 4950f qorannoo Koroonaavaayiras kan taasiste yogguu tahu, namoota 100 irratti vaayirasichi argamuu Ministirri Fayyaa fi Institiyuutiin Fayyaa Hawaasaa biyyattii beeksisaniiru.

Haguuggii Tamsaasa Kallattii

  1. Jappaan diinagdee ishee dandamachiisuuf bajata tiriiliyoona 1.1 raggaafte

    Jappaan diinagdee ishee dhiibbaa weerara Covid-19'n dhufe dandamaachiisuuf deeggarsa bayyanachiisaa doolaara tiriliyona 1.1 dabalataan hayyamte.

    Roobii kaleessaa mootummaan Shiinzoo Aabee bajata haara kana raggaasuu hordofee, addunyaarratti diinagdee bayyanachiisuuf bajata guddaa ramaduun tokkoffaa taateetti.

    Addunyaa irratti diinagdee guddaa qabaachuun sadarkaa sadaffaarra kan jirtu Jappaan, ji'a darbees mallaquma qixxee kanaa ta'u raggaastee ture.

    Marroo lamaan bajatni biyyattiin diinagdee ishee balaa hamaarraa baraaruuf ramadde doolaara tiriiliyoona 2.2 ta'a. Kana jechuun ammoo harka 40 diinagdeen ishee waggaatti omishuu jechuudha.

    Ji'a lama dura mootummaan Ameerikaa diinagdee isaa kufaatii hamaarraa baraaruuf bajata dabalataa tiriliyoona lama ramadee ture.

    Biyyi weerara kanaan akka malee miidhamte Ameerikaan maallaqa dabalataa tiriiliyoona sadii ramaduuf akka jirtus beekameera.

  2. Pireezidantiin Keeniyaa ilma isaa seera Covid-19 cabsuu beeksise

    Pirezdaantiin Keeniyaa Uhuruu Keeniyatta ilmi isaa qajeelfama weerara koroonaavaayirasii ittisuuf ba’e kan galgala sa'aatii tokko booda akka namni hin sochoone dhorku cabsuu isaa beeksiseera.

    Ijoollee isaa lamaan keessaa inni tokko, isa kam akka ta’e adda hin baafne, dhiyeenya magaalaa Mombaasaa, bakka weerarri kun itti bayyatee jirutti, halkan bakka shubbisaa ykn paartii dhaquu isaa himeera.

    Keeniyaatti hedduminaan walitti qabamuun dhorkameera.

    Dabalataanis mootummaan, magaalaa Naayiroobii, Mombaasaa fi magaloota lama biroo keessaa bahuufi galuu dhorkee jira. Maatiifi harmeen Pireezdaanicha amma Mombaasaa keessa jiraachaa jiru.

    Pireezidant Uhuuruun qajeelfama to’annoo koronaavayirasii jalaa eenyuyyu hin hafu jedheera, ta’us akka lammilee Keeniyaa qajeelfama kana cabsan biroo ilmi isaa wiirtuu adda baafamuutti geessuu dhiisuu isaaf qeeqameera.

    Keeniyaattaan ilmi isaa gocha isaa kanaan lubbuu akkoo isaaa Nigina Keeniyaatta yaaddoo keessa galchuu isaaf akka itti dheekkame Keeniyattaan dubbateera.

  3. Qilleensi hamaan imala gara samii xiyyaara SpaceX gufachiise

    Xiyyaarri Kiruu Diraagan jedhamtuun dhaabbati dhuunfaa SpaceX waggaa sagal keessatti yeroo jalqabaaf Ameerikaa irraa ilmaan namaa qabattee gara hawaa akka dhaqattuuf balaliin taasifamuuf ture sababa qilleensa hamaan haqameera.

    Haalli qilleensa hamaa ture kun xiyyaarri hawaa ykn rokkeettiin kun lafarraa ka’uuf yeroo daqiiqaan 15 hafu akka haqamuuf dirqamsiiseera.

    Imala seena qabeessa kana dawwachuuf Piraazdaantii US Donaald Tiraampii dabalatee namootni beekamoo biroon argamanii turani.

    Carraan lammataa SpaceXfi Nasa qaban lammataa Sanbatadha.

    Yoo ammas hin taane Dilbata yeroo sadaffaaf deebi’ani ni yaalu.

    Wa’ee imala SpaceX kanaa guttummaatti hubachuuf.

  4. Haadha fi ilmi sababa Covid-19 garaagarummaa guyyootaan du’an

    Siimoon Zamaadiyoo waraana US keessatti saajina ganna 34 yoo ta’u Caamsaa 22 sababa koronaavaayiras du’e.

    Haatisaa ganna 70 haaluma wal fakkaatuun sababa Covid-19 guyyoota sadi booda du’an.

    Siimoon abbaa intala ji’a 11 kan ture yoo ta’u abbaansaas yeroo inni ganna 1 ture akka du’e maatiinsaa miidiyaa biyya keessaaf ibsaniiru.

    “Daa’imasaaf kunuunsaa barbaachisu hunda taasisuuf ture,” jette obboleettiinsaa Aliisiyaan.

    Siimoon eega haadhasaa hospitaala geessee guyyoota sagal booda dhukkubsate. Asiin dura dhukkubbii kan hin qabne waan tureef ji’a itti aanuu dirqamaa waranaaf deema jedhamee eegamaa ture.

    “Ji’oota sadi Covid-19 dhugaa miti jedhee hin amanne ture, amma haala hamaa ta’een dhugaa akka ta’e argeera,” jette Aliisiyaa.

    “Covid-19 dhugaa waan ta’eef sobadha hin jedhina.”

  5. Viidiyoon 'sababa beelaan' haatiifi ilmi du'uu agarsiisu uummata dheekkamsiise

    Viidiyoon sababa beelaan haatiifi ilmi du'uu agarsiisu uummata dheekkamsiise.

    Hinditti viidiyoon onnee nama cabsu kan haati tokko ilma ishee waliin buufata daandii baaburaa keessatti du’an agarsiisu miidiyaa hawwaasaa irratti qoodamaa ture.

    Haatii fi ilmi ishee sababa beelaan du’an haa jedhamu iyyuu malee qondaalonni mootummaa garuu miti jechuun haalu.

    Viidiyichi buufata baaburaa Muzaafapur jedhamutti irra dedeebiin kan waraabame yoo tahu mucaan haadha duutee yeroo uffata xiqqoo haadha isaa irra jirutti irra deddeebiin rarra’u agarsiisa.

    Dubartiin kuniifi maatiin ishee baabura addatti mootummaan hojjettoota godaantota tahan sababa uggura mootummaan labseen danqaman gara qe’ee isaanitti deebisuuf qopheesse keessa turte.

    Sababa mootummaan Hindii weerara koroonaavaayirasii ittisuuf labsii sochii hunda dhorku labseef namootni kumaatamni waan guyyaan ittiin jiraatan tasa dhaban.

    Gara qe’ee irraa dhufaniitti deebi’uuf ammo sochiin geejibaa dhorkameera.

    Kanaaf namootni kumaatamni daandii irratti danqamanii turan.

    Daandiin Baaburaa hindii dubartiin duutee fi maatiin ishee baabura keessatti nyaataafi bishaan argataa waan turaniif kan isheen duute sababa dhukkuba onneeni jedhe.

    Sababa uggura darbeen namootni harka qalleeyyii tahan rakkina hamaa keessa galaniiru. Kun fakkeenya tokko jechuunis viidiyoo dubartii duutee qoodaa turan.

  6. Daandiin Qilleensaa Itoophiyaa tajaajila fe'isaa(cargo) irraa buufachaan jira jedhe

    Weerara Covid-19’n walqabatee daandileen xiyyaaraa hedduun kasaaraafi tokko tokkos cufamuuf dirqamaa jiranitti daandiin qilleensaa Itoophiya tajaajila fe’isaan(cargo) bu’aa argachaa akka jiru hoji gaggeessaan daandii Xiyyaaraa Itoophiyaa obbo Tawaldaa Gabramaariyaam himan.

    Biraazil fi biyyootni Ameerikaa kibbaa hedduun tajaajila fe’isaaf filannoo isaanii daandii qilleensaa Itoophiyaa godhachuun dhaabbatichi gidduugala geejiba qilleensaa fe’isaa guddaa akka ta’u carraan uumaamuu obbo Tawaldaan FBC’tti himaniiru.

    ‘’Dur gara Biraaziilitti Awarooppaa fi Ameerikaa keessa bahee deema ture. Amma achitti jalaa bada. Jalaa tura. Rakkoo hedduutu isaan mudata. Ventileetaroonni jalaa badaa turan," jedhu.

    "Rakkatanii jennaan maaloo nu gargaaraa jedhan. Amma kallattiin meeshaaleen Chaayinaatii Finfiinnee dhufanii asii gara Ameerikaa kibbaatti raabsaafii jirra'' jedhu.

    Daandileen qilleensaa hedduun kasaaraa jiraataniis, dhaabbatni isaan hoogganan deeggarsa ykn liqaa malee ofiin socho'aa akka jirus dubbatan.

    ‘’Miindaa hojjetootaa muraa jiru. Darbees deeggarsa bayyanachiisaa fudhachaa jiru. Nuti hojjetoota hin hir’ifne. Miindaa hojjetootaas hin murre," jedhan.

    Xiyyaarota gurguddoo tajaajila fe’isaa kennan 12 qabaachuu kan dubbatan obbo Tawaldeen, ‘’xiyyaarota geejiba uummataa 25 dabalataan teessuma irraa baafnee hojiilee injinariingii hedduu booda gara xiyyaara fe’isaatti jijjiirreerraas jedhu.

    Daandiin qilleensaa kun gidduugala raabsa meeshaalee gargaarsa namoomaa Sagantaa Nyaata Addunyaa Dhaabbata Biyyoota Gamtoomaniis ta’eera.

  7. Ameerikaatti namni Covid-19n du'e 100,000 caale

    Wayita kutaaleen biyyaa hedduun sochii idilee isaaniitti deebi'aa jiranitti lakkoofsi namoota Covid-19n Ameerikaatti du'anii 100,000 tare.

    Dilbata darbe gaazexaan biyyattii beekamaan 'the New York Times' fuula isaa duraa irratti maqaa namoota vaayirasichaan du'anii 1000 waa'ee isaa odeeffannoo bu'uuraa waliin tarreessee qabatee bahe.

    Wayita namoonni du'an 100,000 gahan kanatti maxxansi sun ammallee hedduu qoodamaa jira.

    Lakkoofsi qofaan dhiibbaa ykn miidhaa vaayirasochi qaqqabsiisee hin mul'isu jedhe gaazexichi.

    Gaazexaan Biraazil 'O Globo' jedhamus Caamsaa 10 gaafa namoonni du'an 10,000 gahu waan wal fakkaataa godhee ture.

    Ergasii Biraazil keessatti namni vaayirasichaan du'e 25,000 darbee jira.

  8. Akkam bultan?

    Deebineerra.

    Gabaasni kallattii kan Caamsaa 28, bara 2020 asirraa eegala.

    Asii gaditti ammoo gabaasaalee guyyoota darbanii argachuu dandeessu.

    Nagaan oolaa! Of eeggannoo barbaachisaa gochuu hin dagatinaa!

  9. 'Dhiba’ummaan hawaasa keessatti mul’achaa jiru yaaddessaadha

    Dambiiwwan weerara koronaavaayirasii to’achuuf bahe dagachuufi hojiirra oolchurratti dhiba’ummaan hawaasa keessatti mul’ataa jiru yaaddessaadha’ jedhe Abbaan Alangaa Federaalaa.

    Dambiin amma bahe garuu namni hundi maaskii manaan ala bakka hundaatti akka godhatamuu qabu dirqisiisa.

    Lakkoofsi namoota Covid-19 Itoophiyaatti qabamanii wayita dabalaa jirutti ofeggannoon taasifamu hir’achuu ilaalchisuun ibsa baase Abbaan Alanaga Waliigalaa Federaalaa, namoonni akeekkachisa kennamaniif xiyyeeffannoo kennuu dhabuun mul’ataa jira jedheera.

    Dhaabbilee mootummaa keessattillee otoo hin hafiin ofeggannoon barbaachisan dagachuun sadarkaa yaaddeessarraa jirachuu ibse.

    Keessattuu, iddoo tajaajilli geejjiba hawaasaa kennamutti dambiin yeroo muddamaa weerara Covid-19 to’achuuf bahe kabajuu dhabuun yaaddoo uumuu ibse.

    Amma weerara dhibichaa to’achuuf Manni Maree Ministeerota konkolaattoota manaa/dhuunfaarratti duraan uggura dabarse foyyeessuun guutummaatti sochii geejjibaa waliigalaa daangessuuf murteessuu ibseera.

    Dambii fooyya’u kanaan, lakkoofsa namoota geejjiba biyya qaxxamuranii xiqqeessuuf karoorfameera.

    Kanaafimmoo gatii geejjibaa dabaluun namoonni bakkaa bakkatti akka hin sochoone daangessuuf akka fayyaduus qorannoon Ministeerri Geejjibaa fudhatamuu ibsa.

    Konkolaattoota biyya qaxxamuraanirratti kanneen namoota 45 ol fe’aniirratti taarifa duraan kaffalamurratti harka 75 akka dabalamudha.

    Haaluma walfakkaatuun,konkolaattoota namoota 45 gadii fe’aniiratti taarifni harka 100 dabalameera.

    Qaamoleen nageenyaas dambii fooyya’e kana hawaasni akka hojiirra oolchuu akka dirqiisuuf jiran kaasuun, hojiirra oolaa isaatiif hunduu akka tumsuu qabullee waamicha dhiyeesseera.

  10. Biyya jaalalleewwan sababa Covid-19'n adda bahaniif daangaa bante

  11. Biqiltoota akka namaa dhukkuba himachuu hin dandeenyeef fala

  12. Tuuniziyaatti namootni jaha Iida irratti alkoolii falame dhugan du'an

  13. Keeniyaan harra dabalataan namoota 123 irratti Covid-19 argamu beeksiifte

    Keeniyaatti qorannoo sa'aatii 24 darban keessatti namoota 3,077 irratti gaggeeffameenn namoonni haaraa 123 Covid-19n qabamuun mirkanaa'ee.

    Kana malees namoonni biraa sadii ammoo dhibeedhuma kanaan harra du’usaanii Minisitirri Fayyaa biyyatti beeksiise.

    Namoota har'a vaayirasichaan qabamunsaanii himamee 123 keessaayis 85 Magaalaa guddittii biyyattii Naayiroobii keessa ta'un himame.

    Akkasumas kanneen 24 ta'an ammoo Magaalaa Mombaasaa kan jiraatan yoo ta'u, kaan hafan ammoo kaawuuntiiwwan garaa garaa irraa ta'uun himameera.

    Biyyattiitti walumaagala lakkoofsi namoota Covis-19 irratti argame 1,471 yoo qaqqabu, kan dandamatanii ammoo 408 gaheera.

    Kana malees biyyattiin namoota 55 sababiidhuma kanaan dhabdee jirti.

  14. 'Haadholiin 'uggura keessatti hojii mana keessaa hedduusaa hojjatu'

  15. Kooppariin koronaavaayirasii ajjeesuuf fayyadaa?

    Pirofesarri yunvarsiitii Saawuzaamtan Biil Keevil BBCtti akka himanitti,Kooppariiniifi sibillii qabiyyee Koopparii of keessa qaban jarmoota dhibee namatti fidan daqiiqaa muraasa keessatti akka ajjeesan himan.

    ‘’Wayita dirra Koopparii gubbaa qubatan,Iyoonii Koppar gadhiisuun cichaa seelii saanii haleeluudhhan qabiyyee dhala sanyiisaanii jijjira’ jedhan.

    Gosoonni baakteriyaa dawaa dandamatan ‘Superbug’ jedhaman, noro-vaayirasiifi koronaavaayirasiin dirra waantota biroorra wayita qubatan guyyootaaf turu akka danda’an ogeessi kun himaniiru.

    Sababa kanaaf namoonni harkaa deddeebi’anii akka dhiqataniifi iddoo namni harkaan tuttuqu qulqulleessuun barbaachise jedhan.

  16. Yeroo weerara Covid-19 'yaaddoo dachaa' namoota HIV qabanii

  17. Itoophiyaa - nama 30 irratti dabalataan Covid-19 argame

    Qorannoo koronaavaayirasii sa'aatii 24 darbe nama 4,352f taasifameen nama 30 irratti dabalataan vaayirasichi argamuu Ministeerri Fayyaa beeksiseera.

    Kunis lakkoofsa namoota qabamanii 731n gaheera.

    Kanneen keessa 11 gara biyya alaa imalanii kan turan, 5 nama vaayirasicha waliin tuttuqaa kan qaban, 14 ammoo seenaa imalaas ta'e nama vaayirasichaan qabame wajjiin tuttuqaa qaban kan hin beekamnedha.

    Namoonni vaayirasichaan qabaman dhiira 22 fi dhalaa 8 yoo ta'an umuriin isaanii ganna 9 fi 60 jidduu jira.

    Namni 15 magaalaa Finfinnee, 2 Tigraay, 8 naannoo Amhaaraa, 1 Oromiyaa 3 Hararii irraati.

    Dabalataan namoonni 14 vaayirasicharraa kan dandamatan yoo ta'u, walumaagalatti 181 bayyanataniiru.

  18. Firaans Covid-19 wal’aanuuf qorichaa busaa fayyadamuu dhaabde

    Mootummaan Firaans ,qamooleen gorsitootaa lama qorichi kun midhaa fayyaa cimaa fiduu danda’a jedhanii booda ogeeessoti fayyaa dhukkabsattoota koronaavayirasii wal’aanuuf qoricha haaydirookiloroquwiin fayyadamu akka hin dandeenye ibse.

    Qorichi dhibee busaa, rumatooyiidiifi lupasii wal’anuuf fayyadamamu kun kan beeksisame ogeessa vaayirasii Didiyeer Rawolt jedhamuni. Namni kun durse Pireezdaanti Immanu’eel Makroon waliin qorichi kun koronaavayirasii wal’anuu danda’a jedhurratti mari’ate ture.

    Pireezdaantiin US Doonald Tiraamp koronaavayirasii offirraa ittisuuf akka qoricha kana fudhachaa jiru hime ture, Pireezdaantii Biraaziil Jayiir Bolsonaroon qoricha kana deeggaraniiru.

    Ta’us qorichi kun koronaavayirasii wal’anuuf ni fayyadaa kan jedhu irratti qorannoon saayinsaawaa n deggarame hin jiru. Ogeessoti fayyaas dhibee laphee fiduu danda’a jechuun akeekkachiisaniiru.

  19. Komeediyaaniin Taanzaaniyaa pireezidaantitti kolfuusaatiin himatame

    Komeediyaan Idriis Sulxaan to’annaa jala oolfamee guyyoota saddeet booda mana murtitti dhiyaateera.

    Innis yakka saayiberiitiinii fi siim kaardii maqaa nama biraatiin jiru fayyadamuudhaan akka himatame dubbi himaan poolisii BBC’tti himeera.

    Torbee darbe Kiibxata eega viidiyoo pireezidaant Joon Maagufuulii asiin dura uffata isaanitti dheeratu uffatan agarsiisu namoonni miidiyaalee hawaasummaarratti waliif qooda turanirratti waan kolfeef ture kan to’atame.

    Poolisiinis yakka saayibariitiinii fi pireezidaantiicha arrabsuudhaan himateera jedhe Abukaatoonsaa Beeneedikt Ishaabakaakii.

    Fayyadamtoonni miidiyaa hawaasummaa viidiyoo san irra deebii maxxansuun ergaa #FreeIdrisSultan jedhu dabarsaa jiru. Isaanis isa cinaa jiraachuusaa mul’isaaru.

    Bara darbes suuraa isaa fi pireezidaantichaa wal biratti garagarchee maxxansuusaatiin to’atamee ture.

  20. Meeksikootti hojjetoota manaaf miindaan akka kaffalamu duulli eegalame

    Daayireektarri fiilmii biyya Meeksikoo kan badhaasa Oskaar injifate Alfoonso Kuwaaron hojjetoota manaa sababa weerara Covid-19'n hojii isaanii dhabaniif miindaan akka kaffalamu duula gaggeefamutti makame.

    ''Yeroo yaaddoo kanatti akka nama isaan qacareetti gaafatama miindaa isaanii kaffaluu qabnaa'' jedha.

    Hojjettoota manaa miiliyoona 2.3 biyyattii keessa jiran keessaa harki caalaan isaanii sababa weerara kanaatiin hojii isaanii dhabaniiru.

    Maatiin hojjetoota manaa kana qacare nageenya isaaf jecha akka itti hin fufne gaafataniiru, miindaa isaanii kafaluu itti fufuuf garuu fedhiin hin jiruu jechuun waldaan hojjetootaa biyyattii ibseera.

    Kaayyoon duula isaanii namoota nuuf eeggatan kanaaf eeggachuun hangam barbaachisaa akka ta'e yaadachuufi jedha ogeessi fiilmii ganna 58 kun.

    Biyyi Ameerikaa, Meeksikoon lammiilee miiliyoona 130'tti siiqan kan qabdu yoggaa ta'u, namootni 76,000 ta'an Covid-19'n qabamaniiru. Kanneen du'an ammoo 8,000 ta'u.