Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.

Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi

Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf

Itoophiyaatti lakkoofsi namoota Covid-19n qabamanii 582 gahe

Itoophiyaatti qorannoo saamuuda namoota 4,048 irratti sa'aatiiwwan 24 darbaniitti keessatti gaggeefameen namoonni 88 vaayirasichaan qabamuun Ministirri Fayyaa mirkanaa'e. Namoota haaraa vaayirasichaan qaman kammeen keessaayis 73 jiraattota Magaalaa Finfinneeti jedhameera.

Haguuggii Tamsaasa Kallattii

  1. Kabaja Iid al-Faxir sochii uggura jalatti

    Weerarri koronaavayirasii addunyaa guutuutti ayyana Iid al-Faxir irratti dhiibbaa uumeera.

    Ayyaanni amantaa Islaamaa keessa iddoo guddaa qabu kun, dhuma sooma ji’a Ramadaanaa irratti kabajama. Kanaanis maatiin walitti qabamee qophii bal’aan kan kabajamudha.

    Bara kana garuu Musliimooti addunyaa maraa miliyoonaan lakka’aman mana akka turanif gorfamaniiru.

    Sa’udii Arabiyaan yeroo ayyaanaa kanatti guutummaa guututti sochii uggurteetti. Masjida Guddichaa Makkaatti ayyaneeffattaan tokko eegdotaaf nyaata kennaa jira.

    Tarkiinis seera sochii ugguraa cimaa keessetti. Suuraa kanaratti Majidaa Suleemaniiv Istaanbulitti balbala cufamaa duuba taa'uun Imaamni kun salaata Iidaa gaggeessaa jira.

    Indooneeshiyaa addunyaa irratti biyya amantoota muslimaa isaa guddaa qabdu keessatti daandiileen onanii jiru.

    Hojjattoonni fayyaa dhibamtoota Covid-19 wal’aanaa jiran kun garuu Tageraang keessatti maaddii waliin qooddachaa jiru.

    Bayyinaan walitti qabamuu dhisuun bakka itti gorfame Keeniyaa, Naayroobiitti, mana isaanii birratti xiqqaatanii dirretti ba’anii salaataniiru.

  2. Iidii baranaa jama’aan salaatuun akka hin danda’amne majlisi ibse

  3. Ministirri Haajaa Alaa Chaayinaa ammas US'n dubbiin tuqan

    Ministirri Haajaa Alaa Chaayinaa Kongrasii Biyyooleessa Ummataa waggaatti al tokko qophaa’u irratti ibsa midiyaa olaanaa dhiyeessaniin US'n dubbiin xuqana.

    Ibsi waggaatti ala tokko Ministira Haajaa Alaatiin taasifamu kanaanis gaaffiileen gaafataman erga of eeggannoon xinxalamuun deebiin qophaa’een booda, haala deebiin kennamu Beejingi irraa addunyaa maratti mul'atuutti ergaa ifaatuu kennama.

    Wayituma sanattis, Waang Yi ummanni Ameerikaa atattamaan gara jireenya idileetti akka deebuu’iin nan abdadha jedhan.

    Haa ta’u malee ‘‘vaayirasiin siyaasaa, carraadhuma argameen utaalanii Chaayinaa qocolluufi maqaa balleessuun Ameerikaa keessa babalachunsaa baayyee nama gaddisiisa,’’ jedhaniiru.

    Kana malees Ameerikaan ‘’yerooshee kabajamaa’’ haala hintaaneef balleessuurraa akka ofi dhaabduuf waamicha taasisan.

    Itti dabaluunis, namoonni yoo itti fakkaate miidhaa weerara kanaan qaqqabeef Chaayinaan beenyaa akka kanfaltuuf abjootaa turan jedhaniiru.

    Akkasumas Ministirri Haajaa Alaa kun biyyoonni gorsa Dhaabbata Fayyaa Addunyaa keessee tuffatan ‘‘kunoo ammaa aarsaa olaanaa kanfalaa jiru’’ jechuun dhaabbatichaaf deeggarsa qaban mullisaniiru.

  4. Covid-19 ilaalchisee biyyoota Awurrooppaa keessaa waan haaraa maaltu jira?

    • Raashiyaan guyyaa Dilbataa kanatti namoonni 153 Covid-19n du’u gabaafte. Kunis lakkoofsa namoota hanga ammaatti du’anii 3,541 taasiseera. Kana malees biyyattiiin namoota haaraa vaayirasichaan qabaman 8,599 kan gabaafte yoo ta’u waliigalatti namoonni vaayirasichaan qabaman 344,481 gaheera
    • Faransaayii keessatti erga oduun baayyinni namoota du’anii dabale jedhu dhagahameen booda, Ministirri Fayyaa biyyatti qoricha dhibee busaa dhukkubsattoota Covid-19 wallaanuuf fayyadamuun irra deebiin akka xinxalamu ajaje.
    • Ispeen ammo dowwattoonni biyya alaafi liigiin kubbaan miilaa olaanan biyyatti akka eegaluuf beeksiifte. Haa ta’u malee guyyaa Sanbata namoonni kumaatama hedduun lakkaa’aman haala motummaan biyyaattii weerara Covid-19 kana ittiin to’ataa jiruu mormuun hiriira nagaa bahanii jiru.
    • UK’tti ammo gargaaraa olaanaan Ministira Mummee biyyattii Dominik Kumingsi seerawwan uggurraa cabseera jedhamuun himannaa haaraan irratti dhiyaataa jira.
  5. Amma nu gahe, Itoophiyaatti lakkoofsi namoota Covid-19n qabamanii inni olaanaa galmaa'e

    Itoophiyaan sa'aa 24 dabre keessa namoota 4048f qorannoo Koroonaavaayiras kan taasiste yogguu tahu, namoota 88 irratti vaayirasichi argamuu Ministirri Fayyaa biyyattii Dr. Liyaa Taaddasaa beeksisan.

    Kunis walitti fufinsaan guyyaa lammataaf lakkoofsa olaanaa galmaawedha - kaleessas namoonni 61 qabamuun isaanii mirkanaa'ee ture.

    Namoota qabamuun isaanii mirkanaa'e keessaa 51 dhiiroota yommuu tahan, 37 ammoo dubartoota. Kanneen keessaa 13 kan tahan seenaa imala biyya alaa kan qaban yoo tahu, 20 ammoo namoota amma dura qabamuun isaanii mirkanaa'e waliin tuttuqqaa kan qaban tahuu, ragaan ministeerichaa ni mul'isa.

    Namoonni 55 garuu seenaa imala biyya alaa kan hinqabneefi namoota qaban waliinis tuttuqqaa kan hinqabnedha jedhameera.

    Kanaanis lakkoofsi namoota waliigalaa biyyattiitti Covid-19n qabamaniis 582 taheera.

    Gama biraatiin, sa'aatii 24 dabre keessa namni tokko naannoo Oromiyaa irraa vaayirasicharraa bayyanachuus beekameera - waliigalattis namoonni 152 Covid-19 irraa bayyanataniiru.

    Biyyattiin haga ammaa namoota 81,010 qorannoo Covid-19 taasiftee jirti.

  6. 'Waxabajjii 8 irraa eegalee Laa Ligaan ni deebi'a'

  7. Laaboraatoriin Wuhaan Covid-19 waliin hidhata hin qabnu jedhe

    Wuhaan magaalaa waggaa darbe Covid-19 yeroo jalqabaatiif itti mullatetti, Daarektarri Institiyuutii Vaayrolojii Chaayinaa, giddugalli ishee koronaavaayirasii simbira alkanii gosa sadii gabaaftuulleen garuu gonkumaa vaayirasii haaraa Covid-19'f madda ta’uun wal hinfakkaatu jettee jirti.

    Waang Yaangi afi-gaaffii midiyaa motummaa biyyatti CGTN waliin taasisteen, himannaa vaayirasiin amma addunyaa dararaa jiru kun insititiyuticha keessaa maddee jedhu kuffiste jirti.

    ‘‘Kunis soba adiidha’’ jetti.

    ‘‘Inistitiyutichi yeroo jalqabaatiif saamuda dhukkuba sombaa hinbeekamnee kan isa qaqabee Mudde 30 ture. Erga paatolojii keessoo saamuda sanaa qoranneen booda akka vaayirasii haara qabate adda baafne,’’ jetti.

    Itti dabaluunis, ‘‘Isaan dura waa’ee vaayirasii kanaarratti hubannoon qabnu hinturre, nu mudatees hinbeeku, qorannee ykn vaayirasi sana fakkaatu olkeenyees hinbeeknu,’’ jette.

    Vaayirasiin kunis lafa gabaa gabaa bileendoonni lubbu qaban itti gurguraman kan Wuhaan keessaa (tarii simbira alkanii irraa) akka maddee ballinaan amanama.

    Haa ta’u malee Doonaald Tiraamp vaayirasichi laaboraatorii keessaa miliquu isaa Chaayinaan dhoksaa jiraachu himanii ture.

    Chaayinaan ammo gama isheetii himannaa kana kuffistee jirti.

  8. Gaazexaan kun fuula jalqabaasaa maqaa namoota Covid-19n du'aniin guute

    Ameerikaatti gazexaan haalaan beekamu 'The New York Times' guutummaa fuula jalqabaa namoota Koroonaavaayirasiin lubbuu dhaban 1000 tarreesse.

    Biyyattiitti duuti 100,000 jala siqaa jira.

    Mata dureen barruu kanaa duuti Amajjiirraa qabee mudate ''ammana kan hinjedhamnedha,'' jedha.

    Kutaan biyyaa Niiw Yoork, Ameerikaatti giddugala weerara Koroonaavaayiras taatee turte. Namoonni 28,000 ol lubbuu dhabaniiru, akka ragaa Yunivarsiitii Johns Hopkins'tti.

    Akka addunyaatti Ameerikaan lakkoofsa namoota Covid-19n lubbuu dhabanii olaanaa qabaachuun ishee jalqabaati - 96,000.

  9. Lakkoofsi du'aa Kutaa biyyaa Niiw Yoork 100n gadi ta'e

    Kutaa biyyaa Niiw Yoorkitti erga walakkeessa Bitooteessaati as lakkoofsi namoota sa'aa 24 keessa du'anii, yeroo jalqabaaf 100 gadi tahe.

    Sa'aatii 24 dabran keessa namoonni 84 du'uu bulchaan kutaa biyyaa kanaa Andriiw Koomoo dubbatan. Guyyaa tokkoon dura 109 ture.

    Eebla keessa weerarri kun hammaatee wayita turetti, guyyaatti namoonni 1,000 ol lubbuu dhabaa turan.

    ''Sammuu koo keessa yeroo hunda 100 gadi akka tahu yaadaan ture,'' jedhan Aabba Koomoon.

    ''Oduun kun maatii namoota 84 du'aan dhabaniif garaagarummaa hin fidu taha, garuu hir'inni kun mallattoo jijjiiramaati,'' jedhan.

    Kutaan biyyaa Niiw Yoork, Ameerikaatti giddugala weerara Koroonaavaayiras taatee turte. Namoonni 28,000 ol lubbuu dhabaniiru, akka ragaa Yunivarsiitii Johns Hopkins'tti.

    Akka addunyaatti Ameerikaan lakkoofsa namoota Covid-19n lubbuu dhabanii olaanaa qabaachuun ishee jalqabaati - 96,000.

    UK'n ammoo 36,000 ol galmeessuun lammaaffaarra jirti.

  10. 'Koronaavaayiras hojiilee kalaqaa hedduu akkan yaadu na kakaase'

  11. IID MUBAARAK

    IID MUBAARAK

    Hordoftoota Amantaa Islaamaa biyyoota garagaraa irraa nu hordoftan maraaf, baga Ayyaana Iid-Al-Faxir 1441ffaaf isin gahe.

    Warra baranaa, kan bara egeree!!

    Sa'aa kanarraa kaasee odeeffannoowwan wayitaawoo idil addunyaafi kan biyya keessaa isin biraan gahuu itti fufna.

    Odeeffannoo barsiisoofi ajaa'iboo wantoota hawaas-dinagdeefi siyaasa irratti fuulleeffatan barreeffamaafi viidiyoodhaan dabaalee isin eeggata.

  12. Itoophiyaatti namoonni haaraan 61 Covid-19'n qabaman

    Itoophiyaan guyyaa tokkotti lakkoofsa isa guddaa namoota Covid-19'n qabamanii galmeessiteQorannoo namoota ,3757 irratti gaggeefame keessaa namoonni 61 vaayirasichaan qabamuun mirkanaaheera.Namoota kana keessaa 48 magaala Finfinnee kan jiraataniidha. Isaan kana keessa shan namoota qabaman waliin tuttuqqaa qabu, kanneen hafan seenaa imalaas tuttuqqaas kan hin qabneedha.Finfinneen alatti namootni sadii Naannoo Affaar, namootni torba naannoo Somaalee , namootni lama Burraayyuufi Sabbataarraa, Namni tokko ammoo Naannoo Amaaraa irraayi.

    Akka gabaasa Ministeera Fayyaatti hedduun isaanii seenaa imalaafi tuttuqqaa namoota qabamanii hin qaban.

    Itopphiyaatti hanga yoonaa namoota 76,962 irratti qorannoon geggeeffamee namoota 494 taan irratti vaayirasichi kan argame yoo ta'u, namoonni shan lubbuu isaanii dhibee kanaan dhabanii jiru. 151 ammoo vaayirasi kanarraa bayyaannatanii jiru.

  13. Biraaziil namoota Covid-19'n qabaman heddduu qabaachuun Raashiyaa caalte

    Biraaziil Ameerikaatti aantee biyya lammaffaa namoota Covid-19'n qabaman hedduu qabdu taate.

    Biraazilitti lakkoofsi namoota vaayirasichaan qabamuun mirkanaahee 330,890 yoo ta'u, kan du'an ammoo 21,048.

    Guyyoota afur darban keessaa sadeenitti lakkoofsi namoota lubbuu dhabanii kuma tokkoo ol ture.

    Biyyattii keessatti hanqinni qorannoo waan jiruuf lakkoofsichi kanaa ol ta'uu malaa jechuun ogeeyyiin sodaa qaban ibsaa jiru.

    Pireezidantiin Biraaziil Ja'iir Boolsonaaroo gorsa ogeeyyii fayyaa uggura sochii dabalatu busheessuun, hammeenya dhibee kanaa salphisanii ilaaluun qeeqamaa bahan.

    Akka ragaa Joon Hoopkiinsitti, Ameerikaatti lakkoofsi namoota vaayirasichaan qabamanii miiliyona 1.6 gaheera. Duuti ammoo 96,000 oli.

    Biyyi sadarkaa lammaffaarra turte Raashiyaan namoota dhukkuba kanaan qabaman 326,488 kan lubbuu dhaban 3,200 gabaafteetti.

  14. Uggura sochii jalatti ayyaanni Iidaa akkamiin kabajamaa jira?

    Xumura ji'a qulqulluu Ramadaanaatti yeroo kaan kan baratame firri wal-waamee waliin Iida kabajuu ta'us sababa weerara Covid-19'n kan baranaa adda ta'eera.

    Addunyaa guutuutti namni maatiidhuma isaa keessatti ayyaana kana kabajuuf qophiitti jira.

  15. Manni waaqeffannaa kiristaanaa Jarman tokko salaataaf balbala bante

    Manni waaqeffannaa kiristaanaa Barliinitti argamtu tokko sababa dambii haaraa walirraa hiiquutiin musliimota masgiida keessa seenuun salaatuu hin dandeenyeef balbala banaa goote.

    Jarman tajaajloonni amantaa akka itti fufan hayyamtus, dambii haaraa ba’een hordoftoonni hunduu meetira 1.5 (faana 6) walirraa hiiquu qabu.

    Haaluma kanaan masjiidni Daar Assalaam magaalaa Barliin keessa jiru jama’aa achitti salaatan keessaa muraasa qofa qabachuu danda’a ture.

    Manni waaqeffannaa Luuteraan, Maartaa Kiruuzbargitti argamtu kun garuu salaata Juma’aa isa xumuraa ji’a Ramadaanaa kana akka geggeessaniif hayyamtee jirti.

    Imaamni masjiida sanaas gocha mana waaqeffannaa kanaa ‘‘Kuni mallattoo gaarii dha, Ramadaana kanatti gammachuu nutti hore, rakkoo akkasii keessatti hawaasni tokko ta’uu akka danda’a nutti agarsiise’’ jechuun Rooyitarsitti dubbatan.

    Fakkiiwwan akksumas meeshaalee muuziqaa achi keessa turan arguun miira qabaachuu isaa kan achitti argame Samiir Hamduun dubbateera.

    ‘‘Garuu wantoota kunneen yoo dagattu, manuma Waaqaa ta’uu hubatta.’’ Jedhe.

    Paastariin mana waaqeffannaa kanaallee tajaajila kana hordofanii jiru.

    "Haasawa afaan Jarmaniitiinan dabarse, yeroo kadhannaatti, rakkoo wal-fakkaataa waan qabnuufi isaan irraa barachuu waan qabnuuf, tole tole tole jechaan ture. Akkas waliif yaaduun baay’ee bareedaa dha."

  16. Qorichi Tiraampi 'hydroxychloroquine' dhukkubsattoota Covid balaaf saaxilaa jiraachuu qorannoon ibse

    Qorich pirezdantiin US Covid-19 ofirraa ittisuuf fudhachaan jira jedhanii turan, namoota dhukkubichaan qabaman carraan lubbuu dabarsuu akka dabalu qorannoon ibsee jira.

    Dhukkubsattoota qorsa busaa ‘hydroxychloroquine’ jedhamuun yaaluun bu’aa tokkollee hin qabu jedheera qorannoon kun.

    Hoggantooonni eegumsa fayyaa biyyattii dhukkuba onneef nama saaxilu mala jechuun osuma akeekkachiisanii ture, Tiraampi qoricha kana fudhachaa akka jiran kan himani.

    Pirezidantichi faallaa gorsa ogessotaatiin irra deddeebiin gaarummaa qorsa kanaa beeksisaa turani.

    Hydroxychloroquine busaadhaaf dansaayyu, koroonaavaayirasiif akka ta’u laaboraatooriin mirkaneesse garuu hin jiru.

    Qorannoon kun dhukkubsattoota koroonaavaayiras 96,000 kan hirmaachise yoo ta’u, isaan keessaa 15,000 qorsa kana yookaan isatti dhiyaatu farra baakteeriyaa waliin yookaan qofaa kenammeefii jira.

    Garee dhukkoubsattoota biroo waliin yoo wal-bira qabamuun ilaalamu, carraan isaan hoospitaalatti du’an yookaan rakkoo onnee waliin wal-qabatuuf saaxilaman ol-ka’aa ta’uudha qorannichi kan ibse.

    Gareewwan kunneenis: hydroxychloroquine 18%; chloroquine 16.4%; gareewwan biroo 9%. Warreen hydroxychloroquine yookaan chloroquine farra baakteeriyaa waliin kennameef inumaa carraa du’aa olaanaa qabaatu.

    Qorichi kun laaboraatoorii yaaliitiin alatti akka faayidaarra hin oolles qorattoonni kunneen ibsaniiru.

    Tiraampi akka jedhanitti ammoo, qoricha kana fudhachaa waan turaniif, Covid-19’f yoo qorataman bilisa kan ta’an.

  17. Gabaasi kallattii deebi'eera

    Akkam bultan hordoftoota BBC Afaan Oromoo?

    Sa'aa kanarraa kaasee odeeffannoowwan wayitaawoo idil addunyaafi kan biyya keessaa isin biraan gahuu itti fufna.

    Odeeffannoo barsiisoofi ajaa'iboo wantoota hawaas-dinagdeefi siyaasa irratti fuulleeffatan barreeffamaafi viidiyoodhaan dabaalee isin eeggata.

  18. Naannoo Amaaraatti namootni dabalataa afur Covid-19'n qabaman

    Ministirri Fayyaa Itoophiyaa Dr. Liyaa Taaddesee galagala kan ibsa baasaniin gabaasa idileen alatti naannoo Amaaraatti saamuda namoota 41 sa'aa 24 keessatti qoratame keessaa afur vaayirasicha qabaachuu himan.

    Namoonni afran kun hunduu dhiira umriin isaanii 29-97 gidduu jiruudha.

    Namoota haaraa kana keessaa tokko seenaa imalaa kan qabu yoo ta'u kan hafan sadii qoratamaa jiru.

    Lakkoofsi waliigalaa namoota vayirasichaan qabamaniis 433'tti ol guddateera.

  19. Hordoftoonni amantii Islaamaa ayyaana Iidaa kabajuuf qophiirra jiru

    Musliimonni guutuu addunyaarra jira ayyaana Iidaa dhuma torbe kanatti kabajuuf qophii taasisa jiru.

    Kabajni ayyaana bara kana garuu adda. Asiin dura hordoftoonni amantichaa walitti dhufuudhaan ayyyaanicha kan kabajani yoo ta'u yeroo ammaa kanatti garuu walirraa fageenya eeggachuun kabajama.

    Maaleezhiyaa keessatti Musliimoonni salaata Jumaa'aa Masjiida deemanii salaataa turan. Ta'us yeroo salaataa walirraa fagaatanii salaataa turani.

    Paakistaan keessatti namoonni asiin duraa walitti siqanii salaataa turan. Paaksitaan biyyoota biraarra adda ta'uun salaatan Tarhaawii fi manneen barnootaa amantii banaa akka ta'aniif hayyamteetti.

    Magaalaa gudditti Boosiiniyaa, Saaraajeevootti namoonni Masjiida deemaa turan. Hedduunsaanii of eeggannoodhaaf bakkeewwan salaataatti maaskii godhataa turan.

    UK'tti Masjidoonni torbeewwan sagaliif cufamaniiru.

    Kawunsilli Muslimoota UK hordoftoonni amantii Islaamaa kabaja ayyaana Iidaa manasaaniitti akka kabajaniif waamicha dhiheesseera.

  20. Lammiileen Taanzaaniyaa weerarri Covid-19 waan dhaabateef bahaa gammachuu ibsadhaa jedhaman

    Abbaan aangoo guddaa Taanzaniyaa tokko weerarri Koroonaavaayiras waan dhumateef namni daandiitti bahee gammachuu isaa akka ibsatu dhaamuun isaanii falmisiisaa ta'e.

    Komishinarri magaalaa guddoo biyyattii Daar ees Salaam, Pool Makoondaa, Dilbata kan namni gad bahee gammachuu haa ibsatu jedhan.

    Manneen daldalaa huccuus gatii huccuu harka 80'n gadi cabsanii namni uffata haaraan akka manaa bahu dhaaman.

    Ragaan biyyiittii keessatti dhugumatti vaayirasichi to'atamuu agarsiisu garuu hin jiru.

    Erga biyyattiin namoota haaraa vaayirasichaan qabamaniifi du'an beeksiftee garuu ji'a tokkoo ol ta'eera.

    Pireezidant Magufuuliin weerarichi hir'isaa waan jiruuf lammiileen biyyattii Jimaata har'aa qabee guyyoota sadiif sagantaa kadhata galateeffannaarratti akka hirmaatan dhaamaniiru.

    Hawaasni garri caalu walirraa hiiquun rakkisaa waan ta'uuf dhaamsa Makoondaa kana fudhachuuf rakkataniiru.

    Akka ragaa yeroo dhiyootti Taanzaaniyaa keessatti lakkoofsi namoota vaayirasichaan qabamanii 509 kan du'an ammoo 21.