NATOn keebilii galaana jalaa murteessaa ta'e eeguuf ergama haaraa eegale
Naton bara darbe keebiliin galaana jalaa murteessaa ta'e erga miidhame ykn addaan citee booda, dooniiwwan Galaana Baaltik keessatti argaman irratti hordoffii cimsuuf ergama haaraa jalqabeera.
Hogganaa Nato kan ta'an Maark Ruuteen, ergamni maqaa "Baltic Sentry" jedhamuun moggaafame kunis xiyyaarota hordofii, dooniiwwan waraanaa fi diroonii kan hirmaachisu ta'uu dubbatan.
Dubbiin aanga'aa kunis kan dubbatame walgahii Heelsinkii kan biyyoonni Nato Galaana Baaltik irra taa’an hundi; Finlaand, Istooniyaa, Deenmaark, Jarman, Laatviyaa, Lituweeniyaa, Poolaandi fi Siwiidin irratti hirmaatan irratti ture.
Miidhaa keebilii kanaan walqabatee Raashiyaan kallattiin akka yakkamtuutti ibsamuu baattuuleen, Ruuteen akka jedhanitti, Naton hordoffii ''dooniiwwan dhoksaa'' Moskoo; dooniiwwan abbummaasaanii hin beekamnee kanneen oomishaalee boba'aa ugguraman fe'uuf itti fayyadaman irratti qabu akka cimsu dubbatan.
Erga Raashiyaan Guraandhala 2022 Yukireen guutummaatti weerartee booda waldhabdeen biyyoota Nato fi Raashiyaa gidduu jiru osoo adda hin cinne dabalaa dhufeera.
''Miidhaa bu'uuraalee misoomaa irratti gahuun"sababni yaaddoo guddaatu jira" jedhan Ruuteen. Itti dabaluudhaanis, Naatoon balaa akkasii kanaaf deebii cimaa akka kennu, yoo barbaachisaa ta'es dooniiwwan shakkaman baay’ee to'achu akka danda'an dubbatan.
Kun yeroo hunda jijjiiramuu akka danda'uu kaadhuusaan, "diini kan ammaan dura jiru caalaa haxxee" gochuu akka hin barbaanne dubbatan. Haata'u malee, baay'ina qabeenya jalqabbii Baaltik Sentry keessatti hirmaatu irratti bal'inaan qooduu hin barbaadne.
Bu’uuraaleen misoomaa galaana jalaa dhiyeessii humna ibsaa qofaaf osoo hin taane, tiraafikoonni intarneetii harki 95 ol karaa keebilii galaana jalaatiin waan mirkanaa’uudhaaf jechuun, itti dabaluun, “keebiliin kiiloo meetira miiliyoona 1.3 (maayilii kuma 800) guyyaa guyyaan daldala faayinaansii tilmaama doolaara tiriliyoona 10tiif wabii ta’a” jedhan.
Maxxansa X irratti barreesseen, Naton "nageenyaa fi tasgabbii bu'uuraalee misoomaa keenya murteessoo ta'anii fi waan nuti jaallannu hunda mirkaneessuuf waan barbaachisu kunda" akka hojjetan himan.
Ji'oota darban keessa bu'uuraalee misoomaa galaana jalaa Baaltik keessatti miidhaan hin ibsamne dabalaa dhufeera.