Ogeessi baqaqsanii hodhuu sammuu Los Anjalas kan manneen daandii isaa irra jiran balaa ibidda bosona irraa baraaruuf gara torban tokkoof qabsaa'e, taatee akkanaa kanaaf qophaa'uuf waggoota 15 akka itti fudhate BBC'tti hime.
Jiraataan magaalaa Maalibu, Dr Chestar Giriffits, kan umuriin ganna 62, ajaja Paalisaades irraa akka baqataniif kenname diduudhaan, ollaa fi ilmasaa wajjiin ta'uun hanga tajaajilli balaa tasaa isaan bira gahuutti balaa ibiddaa ofiirraa ittisuu danda'an.
''Gaafa tokko ibiddi akka dhufuu danda'u yeroo hunda beekna turre. Yoom akka dhufu garuu hin beeknu turre,'' jechuun ture Dr Giriifitis Sagantaa BBC's Today'tti kan himan.
"Balaa fi mancaatii hamaa akkanaa ta'a jennee gonkumaa hin hubanne ture."
Griffiths torban darbe gara ollaasaa Maaliibuutti deebi'ee ibidda kana ittisuu eegaluun sa'aatii muraasa dura ture baqaqsanii hodhuu sammuu raawwatee xumuruu kan dubbate yoo ta'u, ilmisaa Chestar Jr fi ollaansaa Kolbart waliin ta'uun ibiddicha dhaamsaa akka turan kaasan.
"Manneen akkuma baalaatti gadi kufaa turan," jedhan.
Galanni Waaqayyoof haa ta'u, innii fi ollaan isaa Kilaayitaan Kolbartii yoo ibiddi akkasii mudate jechuun karoora duraan qopheessanii fi bishaan abiddaatti fayyadamuu danda'an.
Ujummoo afur haayidireetii waliin walqabsiisuudhaan, Dr Griffits, ilmi isaa fi ollaansaanii Obbo Kolbarti baaxii manaa dhiyoo jiru irratti dhaabuun bishaan abiddatti biifan. Akkasumas balfa fayyadamuun ibidda lafarratti dhaamsan.
"Gara sa'aatii 12tiif ibiddi gubaa nutti bu'aa ture," jedhu Dr Griffits.
Sababii baay'ina balaa ibidda bosona naannoo Los Anjalas keessatti mudateen "baay'inaan bal'aa" tureef, namoonni ibidda dhaamsa kan jara sadan kanneen bira qaqaban guyyoota muraasa dhumaa rakkina torban tokkoof ture keessatti ture.
"(Kutaan ibiddaa) manneen hundi baraaramuu akka hin dandeenye itti dhaga'ame ture," jedhu Dr Griffits."
Tajaajilli ibiddaa maaliif nu gargaaruuf akka baay'ee ko'omatanii ture "guutummaatti akka hubatan" kan himan yoo ta'u, itti dabaluudhaan, "Kanaafidha dursanii leenji'uun, meeshaalee keessan qabaachuu fi dhuguma deeggarsa hawaasa keessanii qabaachuun baay'ee barbaachisaa kan ta'e," jedhan.
Gareen balaa ibiddaa Los Anjalas ammallee balaa ibiddaa gurguddaa lamaa fi xixiqqoo lama waliin wal'aansoo wal qabaa jiru.
Ibiddi Paalisaades kan Saantaa Monikaa fi Maalibuu gidduutti gama lixa magaalattiin gubachaa jiru lafa eekkara 23,000 ol barbadeessuun, seenaa Kaalifoorniyaa keessatti balaa ibiddaa kanneen hamaa keessaa tokko ta'eera.
Balaa ibidda bosonaa kanaan yoo xiqqaate namoonni 24 kan du’an yoo ta’u, naannoo ibiddaa Eaaton fi Paalisaades keessatti ammoo namoonni 23 bakka buteensaanii dhabameera. Namoonni 90,000 ol ta'an ammoo ammalleen ajaja baqannaa jala jiru.