Doonaald Tiraampii fi JD Vaansi suuraa ofiiseelaf ta'u ifa godhan
Pirezidaantii filatamaa Ameerikaa Doonaald Tiraamp fi ittaanaa saanii JD Vaans, sirna aangoo fudhachuu Wiixata dhufuu gaggeeffamuun dura Suuraan ofiisaasaaniigadhiisan.
Traamp fi Vaansi lamaan isaaniituu suufii bifa cuquliisaa, shamizii adii koolleetta qabuufi kaarabaata bifa cuquuliisaa uffachuun kan kan suuraa ka'an yoo ta'u, Tiraamp alaabaa Ameerikaa xiqqaa 'lapel' jedhamuun beekamtu lapheerratti kaawwateera.
Haalli fuula Tiraamp kan Vaansii waliin faallaa yoo ta'u, mataan pirezidaantii filatame kanaa xiqqoo gara gadiitti jedhee yoo ta'u, ijasaa tokko ol kaasee hidhiisaa walitti butee jira.
Vaans harka isaa wal qaxxaamursuun, haala miira gammachuutiin kaameeraatti seeqaa mul'ata.
Suuraan isaa amma fuula guuranii mul'atan kunis kan suuraa isaanii bara 2023n wal bira qabanii namoonni laalanis jiru.
Suuraan baranaa kunis duula filannootiif kan ittiin deeggarsi walitti qabamaanii tureedha.
Ibsa gaazexessitootaaf keenan irratti jijjiramna suuraa Tiraamp- Vaansi kanaan ''cimaa adeemuu'' jedhan.
Suuraan Tiraamp amma filate kunis suuraa bara 2017 yeroo jalqabaaf pirezidaantii ta'anii fayyadaman waliin garaagarummaa guddaa qaba.
Karaabaata walfakkaatu kan hidhatan ta'ulleen, suuraa kanaan duraa irratti kaameraatti baayyee kolfaa turan.
"Tarii suuraa haala amma Tiramp irratti argamu ibsu barbaadan ta'a. Suuraan agarsiiftuu mallattoo cimina himannaa jalaa bahuun filannoo injifatan akka ta'e barbaadaanii ta'uu hin oollee'' jedhu Yunivarsitii Joorji Waashingitaniitti Pirofeessarri Saayinsii Siyaasaa, Kuwaaririikoos Diriiskeel jechuun BBCtti himan.
"Suuraan isaa duraanii, caalaa aadaa ta'usaatiin, kan yeroo lammataaf aangoo qabachuuf yeroo qophaa'u ejjennoo cimaa, dheekkamaa cimsee, jijjiirama nama ummataa isaa agarsiisuu danda'a."
Suuraaleen kunneen garee ce'umsaa Tiraampiin kan gadhiisan yoo ta'u, Tiraamp fi Vaansi Amajjii 20 sirn kakuusaa raawwatamuuf guyyoota muraasaan duradha.
Suuraan ofiisaa Tiraamp fi kan itti aanaa pirezidaantii duraanii isaa Maayik Peens, lamaan isaaniituu erga aangoo qabatanii ji'a sagal boodayyuu hin gadhiifamne ture.