Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.

Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi

Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf

Tiraamp ajandaawwan baqattoota seeraan alaafi kaanniin guyyaa jalqabaa guutuu waajjiratti dabarse

Donaald Tiraamp Pirezidantii Ameerikaa 47ffaa ta'un kakuu raawwatan. Haasaa taasisaniinis waan hedduu waadaa seenan, bulchiinsa Baayidan qeeqan.

Guduunfaa

  • Oduufi xiinxalaaf Chaanaalii WhatsApp fi Facebook BBC hordofaa
  • Tiraamp namoota hookkara Kaappitaaliin hidhamaniif dhiifama gochuun hojii eegale
  • Pirzidant Tiraamp US Dhaabbata Fayyaa Addunyaa (WHO) keessaa akka baatu ajaje
  • Donaald Tiraamp Pirezidantii Ameerikaa ta'un kakuu raawwatan
  • Muudama booda Tiraamp maal jedhan?
  • Pirezidant Baayidan guyyaa dhumaa Waayit Haawus keessatti
  • Hamaas kanneen uggure sadii gadhiise, Israa'el 90 hiikte
  • Taankariin boba'aa Naayijeeriyaatti dho'ee namoota 98 galaafate

Haguuggii Tamsaasa Kallattii

  1. Waliigalteen Gaazaatti dhukaasa dhaabuu hojiirra ooluu eegale

    Waliigalteen Gaazaatti dhukaasa dhaabuu yeroo dheeraaf eegamaa ture hojiirra ooluu eegale.

    Waliigalteen kuni akka lakkoofsa Itoophiyaatti Dilbata ganama sa’aatii 3:30’tti eegala jedhamus sa’aatii sadiin barfatee hojiirra oole.

    Sababi hojiirra ooluu barfatees Hamaas lammiilee Israa’el sadii ugguraman maqaa isaanii ifa godhu osoo qabu waan harkifateefi jedhan Ministirri Muummee Israa’el.

    Hamaas kaninni barfate sababa ‘teknikaalaan’ akka ta’e hime.

    Akkaataa waliigaltee kanaan Hamaas eegasii maqaa namoota uggureefi gadi dhiisuuf jedhu ifa godheera.

    Hanga waliigalteen dhukaasa dhaabuu eegalutti garuu Israa’el Gaazaa keessa haleellaa raawwataa turte.

    Akka eejansiin Hamaasiin hogganamu ibsetti, haleellaa Israa’eliin namoonni 19 ajjeefamaniiru.

  2. Waa'ee waliigaltee Gaazaatti dhukaasa dhaabuu maaltu beekama?

    Waliigaltee xumurame kanaan waraanni Gaazaa dhaabbachuufi namoota buatamanii fudhatamaniifi hidhamtoota wal jijjiiruun ni mul'ata.

    Hamaas Onkoloolessa bara 2023 Israa'el yeroo haleelu namoota 251 butee ture.

    Ammallee namootni 94 ugguramanii kan jiran yoo ta'u, Israa'el garuu kan lubbuun jiran 60 qofa akka ta'e amanti.

    Israa'el ammoo bakka Hamaas namoota Israa'el butaman kana hiikuu hidhamtoota Filisxeem gara 1,000 ta'an, kanneen keessaa gariin waggootaaf hidhamanii turan, ni hiikti jedhamee eegama.

  3. Haleellaa Israa'eliin Gaazaatti namoonni kudhan ajjeefaman - Eejansii Hamaas

    Waliigalteen dhukaasa dhaabuu osoo eegala jedhamuu haleellaa Israa’el raawwatteen namoonni kudhan ajjeefamuu eejansiin Hamaasiin hogganamu hime.

    Dubbi himaan eejansichaa Maahimuud Basaal akka jedhanitti, magaalaa Gaazaatti jaha, tokko kaabatti kan biroommoo Raafaatti ajjeefaman.

    Namoonni 25 immoo madaa’uu dubbatan.

    Duratti waraanni Israa’el hanga waliigalteen dhukaasa dhaabuu eegalutti Gaazaa keessa oppireeshinii akka itti fufu beeksisee ture.

  4. Waliigalteen dhukaasa dhaabuu Gaazaa maaliif harkifate?

    Waliigalteen dhukaasa dhaabuu Gaazaa carraaqqii ji’ootaan booda ganama har’aa eegala ture.

    Haa ta’u malee, hanga ammaa hin eegalle. Kanaafimmoo Israa’el Hamaasiin himatte.

    Israa’el maqaa dubartoota ugguraman Hamaas dafee ifa godhu dhabuu isaan waliigalteen hojiirra ooluu harkifatuu himte.

    Ministirri Muummee Israa’el Benjaamin Netaaniyaahu hanga Hamaas tarree namoota butamanii ifa godhutti waliigalteen dhukaasa dhaabuu akka turu taasifamuu himan.

    Waliigalteen dhukaasa dhaabuu akka jedhutti taanaan, osoo wal jijjiirraan namoota Hamaasiin ugguramaniifi Israa’eliin hidhaman gidduu hin taasifamiin dura maqaan ugguramtoota sa’aatii 24 dursee ifa ta’uu qaba.

    Dubbii himaan waraana Israa’el Daani’el Hagaarii Hamaas maqaa dubartoota Israa’el ugguraman ifa gochuu dhabuun dirqama waliigaltee osoo hin guutin hafe jedhan.

    Qondaalli kuni dabaluunis, hanga Hamaas maqaa ugguramtoota sadan ifa godhutti Israa’el Gaazaa keessa waraana akka itti fuftu dubbatan.

    Guyyaa Dilbataa haleellaa Israa’el raawwatteen namoonni kudhan Gaazaa keessatti ajjeefamuu qondaalonni himaniiru.

    Akkaataa waliigalameen taanaan waliigalteen dhukaasa dhaabuu Dilbata ganama akka sa’aatii Itoophiyaa 3:30 irraa eegalee hojiirra oola ture.

    Hamaas booda kana maqaa dubartoota ugguramaniiifi gadhiifamuuf jedhan ifa godheera.

  5. Ashamaa!

    Tamsaasa kallattii BBC Afaan Oromoon walitti deebineerra.

    Waan Itoophiyaafi addunyaa jala jalaan isin biraan geenya.

    Facebook, akkasumas WhatsApp irratti nu hordofaa.

    Lafa nagaa oolaa!

  6. Abbootiin murtii Iraan beekamoon lama ajjeeffaman

    Abbootiin murtii gameeyyiin Mana murtii olaanaa Iraan lama itti dhukaafamuun ajjeeffaman.

    Alii Raazinii fi Mohammad Moghiseh Sambata har'aa gamana, namni qawwee hidhate tokko mana murtii magaalaa guddoo biyyatti Teehiraan keessatti argamu seenuun ajjeesse.

    Sana booda namni ajjeechaa raawwate kunis osoo bakka sana baqachaa jiruu of ajjeesuusaatu himame jedha marsariitiin oduu qaama haqaa, Miizaan.

    Haleellaa kanaan eegduun tokkos madaa'eera. Kaka’umsi haleellaa kanaa ifa ta’uu baatus, abbootiin murtii lamaan ari’atamaa fi ajjeechaa mormitoota sirna Islaamaa bara 1980 fi 1990 guutuu keessatti gahee akka qaban himama.

    Waajjirri miidiyaa qaama haqaa ibsa dhaabbata oduu mootummaa IRNA'f kenneen, haleellaan kun ajjeechaa dursee yaadamuun raawwatame jechuun ibseera.

    Akkasumas, akka argannoo jalqabaatti, namni ajjeechiicha raawwate kun dhimma mana murtii olaanaan ilaale kamiyyuu keessatti hirmaannaa kan hin qabne yoo ta'u, namoota dabalataa haleellaa kana keessatti hirmaachuu danda’an adda baasuu fi to’annoo jala oolchuuf qorannoon jalqabameera jedheera.

    Dubbi himaan qaama haqaa Asghaar Jaahaangiir, TV mootummaa Iraanitti akka himanitti, namni haleellaa raawwate kun dhukaasa banuun dura qawwee harkaa qabatee mana murtii seene.

    Abbaa murtee keessaa tokko Raaziinii, bara 1998tti yaalii ajjeechaa jalaa oole ture. Innis abbootii murtii olaanoo Iraan keessaa tokkodha.

    Inni biraa, Mogahiseeh ammoo bara 2019tti US qoqqobbii irra kaa'amee ture. Kutaan maallaqaa Ameerikaa ''dhaddacha haqa qabeessa hin taane lakkoofsa hin qabne durseera, jechuun himatamee ture.

    Yeroo sanatti Mana Murtii Warraaqsa Teehraan keessatti abbaa murtii ture. Bara 2020tti ammoo mana murtii olaanaatti akka muudaman himame.

    Moghiseeh abbootii murtii Iraan torba bara 2023tti Kaanaadaan qoqqobbii irra keesee keessaa tokko yoo ta'u, biyyattiin ''dhiittaa mirga namoomaa hamaa fi sarbama namoomaa sirna qabeessa ta'e keessatti gahee qabu'' jechuun ibsiteetti.

  7. Namaa baabuura saffiisa olaanaa qabutti rarra'ee lubbuun hafe

    Imalaan baabura saffisa guddaa Jarmanii keessa ture tokko osoo buufata itti bu'u hin gahin wayiat baaburri imaltoota biroo buusuu gadi tamboo xuuxuu barbaade.

    Garuu namtichi sigaaraa isaa osoo hinxumuriin yeroo dheeraa waan tureef afeera jedhamee yaadamuun baaburri balbala isaa cufatee imala eegale

    Sana booda namtichi utaalee gara bakka furgoo baaburichaa lama walitti hidhu jidduu seenee. Yeroos baabburri saffisa olaanadhaa ( sa'aatiin kiilomeetira 282) fiigaa kan ture yoo ta'u, boodarra poolisiin erga fageenya gara kiilomeetira 30 demeen booda baaburicha dhaabsise.

    Wayita baaburri imala jalqabu itti fiigee alaan yaabee ture jedha poolisiin.Namni umuriin ganna 40 kun, tikkeettii sirrii ta'e malee baabura kan yabbates jedhame

    Namoonni ijaan argan erga qondaaltota poolisii akeekkachiisanii booda isaan konkolaachisaa baaburaa qunnaman.Konkolaachisaan baaburaas sagantaa malee buufata Kinding Upper Bavaria keessatti dhaabbate.

    Baaburri saffiisaan kunis Muunik irraa imala sa'aatii jahaa gara magaalaa kaaba Lübeck deemaa ture.

    Namichi lammii Haangaarii ta'e kunis yeroo sigaaraa xuuxuudhaaf baabura keessaa baheetti shaanxaa isaa dhiisee akka turee fi baabura irraa adda ba'uu akka hin barbaanne poolisiitti himeera.

    Dubbii himaan poolisiis haalaa ajjaa'ibsiisaa ta'en imalaa kanarra miidhaan omaatuu akka hin qaqabiin dubbate.

    Haa ta'u malee namichi kun gocha imala jeequun akka himatamu eerameera.

  8. Namni CNN maqa-balleessiin himate beenyaa $5m akka argatu murtaa'ef

    Gareen murtii miidiyaa Ameerikaa CNN’n maqaa nama Humni galaanaa Ameerikaa kan bara 2021tti yeroo Taalibaan to'atuutti lammileen Afgaanistaan ​​akka miliqaniif gargaare jechuun gabaasa hojjate irratti yoo xiqqaate beenyaa doolaara miiliyoona 5 (£4.1m) akka kennamuuf murteessera

    Zakaarii Yaang dhaabbata nageenyaa dhuunfaa Nemex Enterprises jedhamu, kan yeroo tokko tokkoos kaffaltii hanga doolaara kumaatamaan lakkaa'amuun namoota Afgaanistaan ​​keessaa baasuu, qaba ture.

    Gabaasni CNN bara 2021tti qilleensarra oole fuula nama kanaa agarsiisuudhaan, ''gabaa gurraacha'' jechuun ibsuun, kan namoonni Afgaanistaan keessaa ​​miliqan miijessaa akka jirutti ibse.

    Abbaan murtii namoota jaha of keessaa qabufi kan Filooriidaatti taa'es, Obbo Yaangiif murteessuun CNN beenyaa doolaara miliyoonaan lakkaa'amu akka kaffalu ajaje.

    Gabaasni CNN sagantaa neetwoorkii The Lead with Jake Tapper jedhamu irratti tamsa'e tures, ''Afgaanoonni abdii kutatan fayyadamaa'' akka jiranii fi ''gaaffiin kaffaltii garmalee'' akka isaan mudatu ibse ture.

    Dhaddacha irratti hojjettoonni CNN waa’ee Obbo Yaang jechoota xiqqeessuudhaan dubbatan akkasumas gaazexeessitoota biroo gabaasa kana waabeffachuun gabaasan dabalatee, ergaawwan keessoo hedduun ragaa ta’aniiru.

    Obbo Yaang faayidaa kamiyyuu haaluudhaan, kaffaltiin dhaabbannisaanii Nemex'f kaffalame korporeeshiniiwwanii fi dhaabbilee tola ooltummaa kanneen jeequmsa waraanni Ameerikaa erga bahee booda Afgaanistaan ​​balaadhaaf saaxilaman biyyattii keessaa akka baafaman deeggaruuf fedhii qabaniif akka ta’uu dubbateera.

    CCN Bitooteessaa bara 2022 keessaa jecha ''gabaa gurraacha'' jedhuutti fayyadamutti gaabbuun dhiifama gaafachuu isaa gabaasa isaarratti baasee ture.

    "Gaazexeessitoota keenyaan boonuun itti fufna, CNN irratti gabaasa cimaa, sodaa kan hin qabnee fi yaada haqa qabeessa ta'e dhiyeessuuf %100 kutannoo qabna. Haata'u malee, dhimma kana irraa ammoo barumsa faayidaa qabeessa ta'e argannee."jedhe dhaabbatichi

  9. Konkolaataa Imbaasii Siraaliyoon keessatti shaanxaawwan 'kokeeyiin' qabatan torba argaman

    Seeraaliyoon erga konkolaataa imbaasii ishee keessatti shaanxaawwan torban qoricha sammuu hadoochuu argameen booda Ambaasaadara ishee biyya ollaa Giinii irraa waamte.

    Guyyaa Wiixataa konkolaataa qabeenyummaansaa kan imbaasii Seeraaliyoon ta'e to'annoo jala oolchuudhaan qoricha 'kokeeyiin' jedhamuun shakkame qabuu ibsan.

    Ministirri Dhimma Alaa Seeraaliyoon, Mistar Alhaajii Muusaa Tiimotii Kaabbaa akka jedhaniitti, namoonni konkolaaticha keessa turanis to'annoo jala oolfamaniiru.

    Kana hordofeetis mootummaan biyyattii Giiniitti Ambaasaadara Siraaliyoon kan ta'an Ambaasaadar Aliimaamiiy Baanruuraa waa'ee taatee kanaa akka ibsaniif gara Firii Taawooniitti akka imalaniif ariitiidhaan waamaman.

    Ambaasaadarichi konkolaataa keessa kan hin turre yoo ta'u, to'annoo jalas akka hin olfamne ministirichi dubbataniiru.

    ''Ambaasaadarichi gochaa kana keessatti hirmaachuunsaanii hin mirkanoofne'' jedhame.

    Itti dabalunis, shaanxaa qoricha sammu hadoochoo ta'e kokeeyiin qabachuunsaanii shakkame waliinis doolaarri kuma lamaa callaadhaan akka argame ibsan.

    Ministirichi qorichi sammuu hadoochoo ta'unsaa shakkame kunis hangam akka ta'e hin ibsine.

    Biyyoonni Afriikaa lixaa lamaan taatee kana qorachuudhaaf walta'insaan hojjataa akka jiran kan ibsan ministirichi, namoonni gochaa kana raawwatanis itti gaafatamo ta'u jedhan.

    ''Qaamnii seera daddabassa qorichich sammuu addoochan Seeraaliyooniifi idil-addunyaa cabse kamuu gutummaan seeraan gaafatamaa ta'a'' jedhan.

    Kokeeyiin bal'inaan kan keessatti oomishamu Laatiin Ameerikaan oomisha ishee kana gara Awuurooppaatti galchuudhaaf Afriikaan Lixaa karaa ce'umsaa ijoodha.Qorichoonni samuu hadoochan muraasni ammoo achumatti faayidaarra oolfamu.

    Bara darbe Pirezidantiin Seeraaliyoon Juuliiyas Maadaan haalli fayyadama qoricha sammuu hadoochoo biyyattii keessaa balaa biyyaaleessaa ta'u labsuunsaanii ni yaatama.

  10. Amma nu gahe, Misaa'el Yamanii dhukaafame kuffisne- waraana Israa'el

    Waraanni Israa'el Yaman irraa misaa'ela biyyattii irratti dhukaafame jedhuu hordofee, deebii kennuuf kutaalee Israa'el keessaa saayireniin sagalee dhageessisaa akka ture BBC'n dhagaheera.

    Giddugaleessa Israa'elii fi Yerusaalemitti sagaleen akekkachiiftuu dhageessifamee, hordoffii taasifameen misaa'ela kana addaan kutueera jechuun Raayyaan Ittisa Israa'el (IDF) gabaaseera..

    Hubannoodhaaf, hidhattooni Huutii Iraaniin deeggaramaniin Yaman keessatti argaman, erga Israa'e Gaazaa keessaa Onkololeessaa bara 2023 waraana eegaltee kaasee, deeggarsa Filisxeemootaaf qaban agarsiisuudhaaf jechuun Israa'el irratti miisaa'eloota hedduu dhukaasu.

    Israa'eli haaloo bahuudhaaf haleellaa qilleensaa Yaman irratti raawwatteetti.

    Haleellaa ganama kana Israa'el irratti raawwatameef hidhattoonni Huutii hanga ammaatti itti gaafatamummaa hin fudhanne.

  11. Kantiibaan Landan tikeettii Konsartii muuziqaa bilisaan fudhatan malaammaltummaan shakkamuun qoratamaa jiru.

    Kantiibaan magaalaa Landan konsartii Taylor Swift irratti tikkeettii bilisaa fudhachuu isaaniitiin Abbaa Taayitaa malaalmaltummaa magaalichaa Greater London (GLA)n qoratamaa jiru.

    Kantiibaan magaalaa Landanti akka kennaatti tikkeettii 6 paawundii kuma 3 akka argate himama.

    Weellistuun Ameerikaa Teeylar Swiiftii bara 2024 keessa magaalota biyyoota Awurooppaa keessatti konsartii muuziqaa hedduu qopheessaa turte.

    Magaalaan Landan magaalota konsartiin muuziqaa kun itti gaggeeffame keessaa tokko yoo taatu, kantiibaan magaalattii Saadiq Kaan tikkeettii konsartii paawundii kuma sadii bilisaan akka argate himame.

    Abbaa Taayitaa Qorannoo malaamaltummaa Magaalichaa akkataan kantiibichi weellistuu beekamtuu Teeyler irraa itti kennaa argatan kun seera kan cabsu ta'uu waan maluuf dhimmichi kan qoratamu ta'uu ibseera.

    Kunis kan ta'e erga BBC dhimma kan ifatti erga baaseen boodadha.

    Dubbi himaan Kantiibaa, Saadiq Kaan akka jedhanitti: "silaa kennaan kantiibichi argatan kamuu ifatti ibsamuu qaba ture, dhimma kana irratti dogongorri bulchiinsaa akka turee fi dogongorri kun hatattamaan sirreeffamuu isaa'' ibsaniiru.

    Konsartiin Teeylar Swiiftiin Istaadiyeemii Weembliitti qopheessite irratti halkan tokkoof mootummaan paawundii kuma 99, waliigalatti ammoo paawundii kuma 500 baase.

    Maallaqni konsartii kanaaf baasii ta'e konsartii walfakkaataa magaalota Awurooppaa biroo keessatti gaggeeffame waliin wal bira qabamee yoo ilaalamu, yoo xiqqaate paawundii kuma 30 oliin garaa garummaa qaba.

    Kunis maddi isaa tikkeettii konsartii Teeylar Swiiftiin Saadiq Kaaniif kennite jedhame waliin walqabatee ta'uu akka danda'u himanni kan baname

    Haata'u malee, balaa haleellaa shororkeessummaa fi haala nageenyaatiif jecha konsartiin Teeylar Swift Veenaa, Awustiraaliyaa keessatti yeroo biraatti dabarfameera.

  12. Suuraadhaan: Waan waraanni baatiiwwan 15 Gaazaa irraan gahe

    BBC Verify'n waldhabdee ji'oota 15'f Gaazaa barbadeesseen badiin daangaa kana keessatti qaqqabsiise hammam akka ta'e xiinxalaa tureera.

    Tarkaanfii waraanaa Israa’el Gaazaa keessatti fudhatteen bu’uuraaleen misoomaa guutuu Istiripichaa jijjigaatti kan jijjiraman yoo ta'u, lammiileen Filisxeem kuma 46 ol ajjeefamaniiru jedha ministeerri fayyaa Hamaasiin geggeeffamu.

    Suuraan mirkanaa'aan armaan gadii kun naannoo Jabaaliyaa, kaaba Gaazaatti argamu, waldhabdee duraa fi waraanaan booda ammoo torbee darbe maal akka fakkaatu agarsiisa.

    Bu'uuraalee misoomaa barbadaa'aan, manneen jireenyaatii hanga dhaabbilee ummataatti, deebi'anii ijaaruun, waggoota dhufan keessatti qormaata ijoo ta'a.

    Ji'a Caamsaa keessa Dhaabbanni Biyyoota Gamtooaman (UN) ammoo Istiriippicha deebisee ijaaruuf doolaara biiliyoona 40 (£32.8bn) baasisuu akka danda'u tilmaamee ture.

    Akkasumas, neetworkiin ykn hidhan daandiilee Istirippicha keessatti argaman keessaa %68 miidhamuu ykn barbadaa’uu akka hin ollee tilmaame ture..

  13. Waliigaltee Hamaas-Israa'el keessatti maaltu hammatame?

    Waliigaltee Gaazaa keessatti dhukaasa dhaabuu waraanaa baatii 15 booda waliigalameen mootummaan Israa'el waliigalticha ragaasiseera. Waliigalticha keessatti maal fa'itu hammatame?

    Waliigaltichi marsaa sadiin qaba. Marsaa jalqabaa kan torban jahaaf turu keessatti namoonni butaman 33 (dubartoota, daa’immanii fi maanguddoota dabalatee) dabalatee, hidhamtoota Filisxeem manneen hidhaa Israa’el keessatti argamaniin wal jijjiiramu.

    Humnoonni Israa’eel naannoo Gaazaa ummanni baayeen keessa jiraatu irraa fagaatanii gara bahaattis ni ba’u. Filisxeemoonni qe’ee isaanii irraa buqqa’an ammoo gara manasaaniitti akka deebi’uu akka jalqaban kan hayyamamu yoo ta’u, guyyaa guyyaan konkolaattonni gargaarsaa dhibbaan lakkaa’aman naannicha akka seenan ni hayyamamaaf.

    Mariin marsaa lammaffaa, kan namoonni butaman hafan akka gadhiifaman, loltoonni Israa'el guutummaatti akka ba'anii fi gara "tasgabbii itti fufiinsa qabuutti" akka deebi'aniif gargaaru sana booda guyyaa 16ffaa irraa eegaluuf jira.

    Sadarkaan sadaffaa fi dhumaa ammoo reeffa namoota butamanii ajjeeffamanii kamiyyuu deebisuu fi Gaazaa deebisee ijaaruu of keessaa qabata. Kunis waggoota fudhachuu danda'a.

    Haata'u malee, gaaffiiwwan deebii hin arganne hafaniiru ammalleen jiru. Kunis namoota Israa'el keessaa butamanii fudhatan keessaa kamtu lubbuun jira ykn kantu du'e, ykn Hamaas bakka namoonni osoo hin lakkaa'amiin hafan hunda jiran beekaa? kan jedhu dabalata.

  14. Gaazaatti dhukaasa dhaabuun ganama sa'aatii 08:30 irratti eegala

    Gaazaatti waliigalteen dhukaasa dhaabuun boru akka sa'aatii biyyaatti 08:30 irratti akka eegalu ibsame.

    Dhukaasa dhaabuun Israa'elii fi Hamaas gidduutti waliigaltee irra gahame boru ganama akka sa'aatii biyya keessaatti sa'aa 08:30 (06:30 GMT) akka ifatti jalqabuu dhaga'aa jirra.

    Sa'aatiin kunis kan ifoome giddu-galtoota ykn jaarsoolii Kuwaataar keessatti argamaniin yoo ta'u, isaanis marii dhukaasa dhaabuurra amma gahame kana keessatti gahee olaanaa taphataniiru.

    Dubbi himaa ministeera dhimma alaa Kuwaataar Maajed Al Ansaarii yeroo dhukkaasni itti eegalu ilaalchisuun toora X isaanii irratti akkasiin barreessan:

    "Akkuma qindoomina qaamolee waliigaltichaa fi jiddu-galtoonni taasisaniitti, dhukaasa dhaabuun naannoo Gaazaa Istirriipiitti Dilbata Amajjii 19, gamana sa'aatii akka biyyaatti sa'aa 08:30tti ni eegala."

    Itti dabalunis, "Jiraattonnis of eeggannoo guddaa akka taasisan gorsina." jedhan. Walii galteen kun akka milkaa'uuf Kuwaataar, US fi Masriin jaarsummaa Israa’elii fi Hamaas gidduutti taasifame keessatti gahee olaanaa taphataniiru.

  15. Tamsaasa kallattii eegalleerra!

    Ashamaa hordoftoota BBC Afaan Oromoo bakka jirtan maratti!

    Odeessaalee karaa tamsaasa kallattiin gaggabaabsinee addunyaa mara irraa isin biiraan geenyu kan Sambata har'aa kunoo amma eegalleerra.

    Isinis odeessa dabalataatiif marsariitii keenya, fi Facebook keenya akkasumas WhatsApp keenya mil'achuu hin dagatiinaa.

    Nagaan oolaa!

  16. Israa'el maqaa Filisxeemota hidhaa gadi lakkisuuf jettu ifa goote

    Waliigatee dhukaasa hordofee Israa'el Filisxeemota akka gadi lakkifamaniif Hamaas gaafate 95 maqaasaanii ifa goote.

    Maqaasaanii qofa osoo hin taane gosoota yakka ittiin hidhamaniis ifa ta'ee jira.

    Namoonni Israa'el gadi lakkisuuf jettu kunneen himannaa shororkeessummaa, yaalii ajjeechaa, nageenya naannoo booressuu, dhagaafi boba'aa miidhaa geessisu fa'aa darbachuun kannene himatamanii itti murtaa'eedha.

    Ministiirri Haqaa Israa'el akka beeksisetti, maqaan Filisxeemota hidhaa bahuuf jedhanii ifa ta'ee kun, marsaa jalqabaan kanneen gadi lakkifamuuf jedhaniidha.

    Hamas gamasaan marsaa jalqabaa kanaan lammiilee Israa'el booji'e 33 gadi lakkisa. Haa ta'u garuu eenyu fa'aa akka ta'an hanga ammaa ifa hin goone.

    Hanga Dilbata gadi lakkisutti eenyu fa'aa akka gadi lakkisuuf jedhu ifa hin godhu jedhame.

  17. Filisxeem biyya taatu malee nagaan hin jiraatu- Kaatar

    Waliigalteen dhukaasa dhaabuu mootummaan Israa'el, "Gaazaadhaaf carraa dhummaati" jedhee akka fudhatu dubbatan Ministiirri Muummee Kaatar, Mohaammad Biin Abdulrahaman al-Taanii.

    Mariin waliigaltee dhukaasa dhaabuu Israa'elifi Hamaas Kaataritti kan gaggeeffame yoo ta'u, USfi Masirii waliin ta'uun marichi akka milkaa'uf shoora guddaa taphatte.

    MM al-Taanin waliigateen kun "hunduma keenyaaf carraa gaaridha" jechuun Baha Giddugaleessatti nagaan waaran akkamitti akka dhufurratti xiyyeeffatamuu akka qabu himan turtii Sky News waliin taasisaniin.

    Biyyi Filisxeem ollaa Israa'el jiraachuu akkamitti akka qabdurrattis yaadun barbaachisaa akka ta'e eeran.

    "Dhumarratti biyyi Filisxeem yoo hin jiraanne nagaanis hin jiraatu," jechuun mallattoo dhibee yaalurra rakkoon bu'uuraa furamuu akka qabus kaasan.

    Israa'elifi Filisxeem gidduutti nagaan akka bu'uuf "furmaata biyya lamaa" kan jedhu mala furmaataa addunyaa guutun deeggaru ta'uu kan himan MM al-Taanin, Filisxeem biyya walabaa ta'uu akka qabdu yaada kennan.

    Weest Baankifi Gaazan bakka tokkotti biyya walabaa akka ta'aniifi magaalli guddoon ammoo Yerusaalem Bahaa ta'uu akka qabus yaada furmaataa dhiyeessan.

  18. EasyJet ji'a Waxabajjii keessa gara Teel Aviiv'tti deebi'ee balali'uu eegaluuf

    EasyJet balalii gara Teel Aviiv'tti taasisuu baatii Waxabajjii 1 irraa kaasee jalqabuuf karoorfachuu BBC'f mirkaneessee jira.

    "EasyJet balalii gara Israa'el kan taasisuu buufata xiyyaaraa Landan Luton, Amsterdam, Barliin, Baasel, Genevaa, Niis fi Milaan irraayi." Ibsi isaa akkas jedhetti, torbanitti gara balalii 38 taasisa.

    Daandiiwwan qilleensaa biyyoota lixaa hedduun bara darbe irraa eegalee balalii gara Teel Aviiv taasisan addaan kutan. Akka Rooyitars jedhutti, Daandiin Qilleensaa Wiiz balalii Landan irraa gara Teel Aviiv dhaqu kaleessa deebisee kan jalqabe yoo ta’u, gareen Luftaanza, kan Daandii Xiyyaaraa Oostiriyaa fi Eurowings of keessaa qabu, Guraandhala 1 irraa eegalee balalii garasitti jalqabuuf.

  19. Ministirri warra leellistootaa waliigaltee dhukaasa dhaabuu mormuuf waahillan akka 'isa waliin ta'an' gaafate

    Ministeeronni Israa'el harki caalaan waliigaltee kana ni deeggaru jedhamee eegama, garuu Itaamaar Been-Givir dabalatee, namoonni siyaasaa sirna durii leellisaniifi waraanni kun akka itti fufu barbaadan muraasni, kanaan walqabatee hojii gadhiisuuf akeekkachiisaa jiru.

    Maxxansa toora X irratti barreessen, ministirri nageenya biyyaalessaa Been-Givir, miseensonni paarlaamaa Israa'el yaada waliigaltee dhukaasa dhaabuu akka didaniif waamicha dhiheessuudhaan, "Ammas hin hin barfanne, walgahii mootummaa dura jirra, waliigaltee kana dhaabuu dandeenya" jedhan.

    "Hanga kaleessaatti waliigaltee kanaan osoon sodaadheera ta'ee, har'a, yeroo bal'inaan ifa ta'u... caalaan yaadda'eera," jedha.

    Itti dabaluudhaan, "Shororkeessitoonni murtii umurii guutuu itti murtaa'e" mana hidhaa keessaa bahuun, deebii'anii "ammas miidhaa geessisuuf ni yaalu, ammas ajjeesuuf ni yaalu" jechuun yaaddoo qaba jedha.

  20. Pirezidantiin Israa'el waliigalticha simachuun garuu 'qormaanni guddaa' fuldura jiraachuu akeekkachiisan

    Pireezidaantiin Israa’el Isaaq Herzoog murtee kaabineen nageenyaa waliigaltee dhukaasa dhaabuu fi hidhamtoota wal jijjiiruuf akka ragga'uuf yaada dhiheesse simataniiru.

    Kaabineen mootummaa guutuun ammoo yeroo gabaabaa keessatti waliigaltee kana irratti sagalee ni kenna jedhamee eegama, yoo ragga’e ammoo Dilbata irraa kaasee hojiirra oola.

    "Kunis waadaa olaanaa mootummaa fi lammiilee isaa gidduu jiru galmaan ga'uuf tarkaanfii murteessaadha. Dirqamni naamusaa, namaa, Yihudootaa fi Israa'el kana caalu hin jiru. Namoota butaman keenya hunda gara biyyaatti deebisuu qabna," jedhan Herzoog barreeffama toora X irratti barreessaniin.

    "Ani yaada fakkeessaa tokkollee hin qabu. Waliigalteen kun qormaata guddaa fi dhukkubii cimaa, yeroo dhiphina qabu kan waliin qooddannu fida."

    Itti dabaluudhaanis, maatii namoota butamanii hunda hammachuu, keessumaa kanneen sadarkaa jalqabaa waliigaltee kanaarratti hin deebi'in, kan namoonni butaman 33 gadhiifaman nan arga jedheen eega jedhan.