Israa'el bakka haleellaa Hamaas Onkololeessa 7 yaadataa jirtuutti Beeruuti haleelte

Israa'el har'a wayita haleellaa Hamaas waggaa tokkooffaa yaadataa jirtuutti Kibba Libaanoos kan Hezboollaan baayyinaan keessa buufate haleelte.

Guduunfaa

  • Dho'insi guddaan buufata xiyyaaraa cinaatti dhaga'ame
  • Iraan biyyi Israa'el gargaartu kamiyyuu 'kan irratti xiyyeeffattu' ta'uu ibsite
  • US Israa'eel tumsuuf kutannoo qabdi- Isteet Depaartimant
  • Erga Joo Baayidan dhimma Israa'el-Iraan irratti dubbataniin booda gatiin boba'aa %5 dabale
  • raan Israa'el irratti misaa'el dhukaafte
  • Israa’el Libaanos keessatti lola lafoo daangaa'aa Hezboollaa irratti xiyyeeffate bahuu ibsite
  • Toora tamsaasa kallattii isa haaraa kanaan dura ture

Haguuggii Tamsaasa Kallattii

  1. Amma nu gahe, Waraanni Israa'el Iraan misaa'elii itti dhukaasuu beeksiise

    Maappii bakka itti akkeekkachiiftuun itti iyye

    Madda suuraa, Israel defence force

    Waraanni Israa'el (IDF) Iraan miisaa'eloota gara Israa'eliitti dhukaasuu beeksiise.

    Sa'aatii muraasaan dura, Misaa'eelli Iraan irraa gara Israa'elitti dhukaafamu waraanni Israa'el ibsa baaseen beeksiise.

    Itti dabalunis sagaleen akeekkachiiftuu Israa'el guutuutti dhagahamee akka ture hime.

  2. Iraan akeekkachiisa haleellaa misaayelaa kennuun booda gatiin boba'aa %3 dabale

    Waayit Haawus Iraan haleellaa misaayelaa baalaastikii raawwachuuf jechuun booda gatiin boba'aa jiktaa barmeelaaan %3 dabaleera.

    Haala kanaan baarmeelaan doolaara 70 hanga 73 Ameerikaa keessatti gurguramaa jira.

    Waggoota darban keessaa Baha gidduugalaatti muddamni jiraatus gatiin boba'aa garuu akkauma tasgabbaa'een tureera. Kunis finciltoonni Huutii doonii fe'umsaa Galaana Diimaa irratti ugguruu dablata.

    Sodaan guddaan ture Iraan hulaa Straits of Hormuz cufuufi gurgurtaa boba'aa galoo galaanarraa dhaabdi waan jedhu ture.

    Baankootiin gidduugalaa addunyaa yaaddoon waaggoota sadeen darbeera yeroo jedhanitti sodaan sun gabaa irratti mul'achaa jira.

    Awurooppaaf immoo yaaddoon guddaan boba'aa cabbaa'aa Kataariidhaan galfattuufi hulaa maayil 20 Iraan keessaan darbee dhufudha.

    Waraanni Raashiyaa- Yukireen Awurooppaan aannisaadhaaf gabaa boba'aa cabbaa'aa kanarratti akka hirkattu godheera.

    Gatiin boba'aa ammallee bakkuma waggaa darbe jiraatus taateewwan siyaasaa wal-fakkaatoo lama qaala'insa bara 1970 yaadachiisu.

  3. Hezboollaan buufata humna qilleensaa Israa'el irratti haleellaa bane

    Yeroo Israa'el kibba Libaanos keessatti haleellaa loltoota lafoon gaggeessaa jirtutti, Hezboollaan buufata humna qilleensaa magaalaa Teel Aviivitti dhiyoo jirurratti haleellaa bane.

    Hezboollaan buufata humna qilleensaa Israa'el irratti misaa'elii dhukaasuu himeera.

    Gareen kun ergaa Telegram irratti baaseen, buufata humna qilleensaa Sde Dov kan qarqara magaalaa Teel Aviiv jirurratti xiyyyeeffachuu ibseera.

    Haleellaa kana ilaalchisee ilaalchisee waan haaraa jiru hordofnee isin biraan geenya.

  4. Netaaniyahuun Israa'eloonni qajeelfama nageenyaa akka hordofan gaafatan

    MM Israa'el Benjaamin Netaniyaahuu

    Madda suuraa, Reuters

    Ministirri Muummee Israa'el Benjaamiin Netaaniyahuu Israa'eloonni qajeelfamoota nageenyaa manaa manatti darbu akka hordofaniif gaafatan.

    Kun ammoo aanga'aan Waayit Hawus tokko Balaastik Misaa'el Iraan dhukaastu Israa'el haleeluun isaa waan oolu miti jechuu hordofeeti.

    Ergaa biyyattiif viidiyootiin dabarsaniin, Israa'el "humnoota hammeenyaa Iraan gamtoomanirratti duula gaggeessaa jirti" jedhan Netaaniyaahuun.

    Israa'el jiraattotashee kaaba jiran qe'ee isaaniitti deebisuuf "murteeffatteetti" garuu fuuldura keenya "rakkoo guddaatu" jira jedhan.

    Netaaniyaahuun lammileen Israa'el ajaja humni waraanaa dabarsu "sirriitti akka hordofan" fi tokkummaan dhaabbataniif" gaafataniiru.

    "Waliin taanee lolla, waliinis ni injifanna," jedhan.

  5. Iraan haleellaa misaayelaa raawwachuun ''waan hin oolledha''-US

    Qondaalli Waayit Haawus gameessi akka miidiyaa CBS michuu BBC tahetti himanitti Iraan haleellaa misayelaa Israa'el irratti raawwachuun waan hin oolledha.

    ''Haleellaan waraanaan kallattii Iraan irraa Israa'el irratti qiyyaafatamu Iraaniin gatii guddaa baasisa,'' jechuun qondaaloti akeekkachiisaniiru.

    Dabaluunis, ''haleellaa Iraan raawwaannaan Ameerikaan Israa'el deeggarti,'' jedhan.

    Humni Waraanaa Israa'el Daani'el Hagaarii garuu yaaddoo Iraan haleellaa qilleensarraa rawwatti jedhu hin qabnu jedhan.

  6. Haleellaan Israa'el guyyootaaf qofa tura - Gabaasa US

    Konkolaataa caccabee lafatti hafe

    Qondaalli waraanaa Israa'el Daani'eel Hagaarii haleellaan Israa'el Libaanos keessatti gaggeessitu ''baayyee kan turu ta'uu mala,'' jedhaniiru.

    Miiidiyaan NBC News garuu qondaalota Ameerikaa eeruun haleellaan Israa'el Hezboollaa keessatti geggeessitu guyyootaaf malee, torbee baayyee kan adeemu miti jechuun gabaaseera.

    Dubbiin kunis waan dubbi-himaan Mana Maree Nagneeyaa Ameerikaa isa ''oppireeshinii daageefamaa'' jedhan wajjin adeema.

    Israa'el eda galgala yeroo haleellaa kana jalqabde ''daangeeffamaa, naannootti kan murtaa'eefi haleellaa lafoo qiyyaafannoo irratti qofa xiyyeefatudha,'' jetteetti.

  7. Loltoonni Israa'el oppereeshinii gabaabaamoo yeroo hin beekamnef qabatanii turuu ta’a?

    Amma Israa’el loltoota lafootiin Libaanos kibbaa seentee oppereeshinii gabaabaafi saffisaan bu’a qabeessa ta’e gaggeessuuf jirti.

    Garuu akka yaadame kana ta’a jedhanii tilmaamuun rakkisaadha. Yookaan ammoo akka namoonni tilmaamanitti, Israa’el Libaanosuma keessatti qabattee akkuma kanaan dura 1982 hanga 2000 waggoota 18 turuu dandeessi jechuun tilmaamaa jiru.

    Kibba Libaanos kiiloo meetira dhibbaan lakkaa’amu hunda irraa qulqulleessuun, waggoota hedduudhaaf lafa jala qotee meeshaa waraanaa guddaa kuufame saffisaa raawwachuun ykn salphaa ta’uuf hin deemu.

    Hezboollaah - kan haleellaa dhiheenya kana Israa'el irraa dhufeen akka malee dadhabus - ammallee qabsaa'ota kumaatamaan lakkaa'aman qabateera.

    Isaan leenjii gaarii kan qaban yoo ta’u, yeroo baay’ee muuxannoo dhiheenya kana Sooriyaa keessatti lolanii jabaataniiru. Akkasumas, aanga’oonni garee kanaa jalaa ajjeefamuu haaloo ba’uudhaaf akkaan isaan kakaasa.

    Hezboollaan Hamaas Gaazaa keessaa jiru caalaa diina IDF baayyee sodaachisoodha.

    Garuu yeroo hangamii keessatti akka xumuramu ifatti waan hin beekamne keessa seenuun carraan yeroo hin beekamneef turuu ni jiraata.

    Mana jijjigaa

    Madda suuraa, Reuters

  8. Naannoo Sidaamaa aanaa Darraatti Waxabajjii as daa'mman 10 waraabessaan nyaataman

    Waraabeessa

    Madda suuraa, Thinkstock

    Naannoo Sidaamaa aanaa Sidaamaa keessatti baatii Waxabajji 2016 A.L.I irraa kaasee miidhaa waraabessi irra deddeebiin qaqqabsiiseen namoonni 12 lubbuun isaanii darbuu, shan immii miidhaan qaamaa irra gahuu bulchaan aanichaa beeksisaniiru.

    Miidhaa waraabessi qaqqabsiiseen booda duula jiraattonni naannichaa taasisaniin waraabeessi 40 ol ajjeefamuunis dhagahameera.

    Miidhaan waraabessaa kuni Waxabajji darbeetii akka jalaqabe itti gaafatamaan koominikeeshinii aanichaa Obbo Garramoo Maatiyoos BBCtti himaniiru.

    Yeroos aanaalee ollaa Dillaa keessa jiranitti akkasuma waraabessi miidhaa qaqqabsiisuun booda hawaasni itti duullaan garaa aanaa Darraatti ''godaanuu'' isaanii ibsaniiru.

    Waraabuun bineeldota butanii nyaachuu kan jalqabe yoo tahu boodarra namootarra miidhaa geessissuu danda'eera.

    Hamma yoonaa gandoota 24 keessaa kanneen torba tahan keessatti waraabessaan miidhaan qaqqabeera.

    Warabuun yeroo baayyee daa'imman irratti akka Obbo Abbaayineh himaniiru.

    Aanichatti itti gaafatamaa kominikeeshinii kan tahan Obbo Garramaw Waxabajjii irraa kaasee nama 17 irratti miidhaan gaheera. Kanneen keessaa 15 daa'immani dha.

    Daa'imman waraabessaan nyaataman ganna shanii hanga 15 kan gahanii dha jedhan.

    Daa'imman baayyeen bishaan waraabuufi, wayyaa miicuuf laga yoo deeman akkasumas loon tiksuuf yeroo laga bu'anitti nyaataman.

    Obbo Abbaayinah, ''daa'imni waggaa 14 fa'i yeroo haadhashee wajjin deemtu adda foo'e ishee kuffise. Haati oolchuu dhaaf wal'aansoo qabattus. Humnashee ol tahuun, mucaan iyya namaafi tattaaffii uumma reeffashee otoo hin nyaatin argamuu dandeesseetti,'' jedhan Itti gaafataman aanichaa Obbo Abbaayinah.

  9. Daawwadhaa: Rokkeettii Libaanosirraa dhukaafameen daandii Israa'el keessatti manca'e

    Viidiyoon Israa'el irraa har'a gadhiifame tokko rokkettii Libaanosirraa dhukaafameen daandiin Israa'el keessatti manca'ee agarsiisa.

    Viidiyoon kun Teel Aviivtti dhiyoo Kifaar Qaasimitti waan ta'e agarsiisa.

    Rokkettii dhukaafame kana hordofee namni tokko facaatii 'furguggifameen' miidhaan irra gaheera.

    Ibsa waa'ee viidiyoo, Hezbollah rocket strikes Israel highway, wounds one
  10. Hezboollaan waajjira olaanaa Moosaaditti rokkeettii dhukaase

    Hezboollaa fi Israa'el walitti dhukaasuu itti fufan

    Madda suuraa, Reuters

    Ibsa waa'ee suuraa, Hezboollaa fi Israa'el walitti dhukaasuu itti fufan

    Hezboollaan Waajjira Olaanaa Dhaabbata Basaasaa Israa'el Moosaaditti rokkeettii dhukaasuu hime.

    Magaalaa guddoo Israa'el Teel Aviiv keessa sagaleen akeekkachiisaa [Siren] guutummaan dhagahamaa jira.

    Hezboollaan rokkeettii ''Fadi-4 jedhamu Waajjira Olaanaa Mosaadii fi Yunit 8200 irratti dhukaasuu hime.

    Yuunit 8200 fi Mosaad magaalaa Teel Aviiv keessatti argamu.

    Mosaad dhaabbata basaasaa Israa'el, kan Peejerootaa fi 'Walkie Talkie' Hezbollaa akka isaanitti dhohu godhe duuba jira jedhamudha.

    Israa'el garuu dhimma kana irratti yaada hin kennine.

    Yuunit 8200 Gidduugala Odeeffannoo Waraanaa Israa'el yoo tahu, dhaabbata Tika Ameerikaa [NSA] waliin hidhata qaba jedhama.

    Miidhaa akkamii akka dhaqqabsiise hanga ammaa hin himamne.

  11. Kallattii hundaan balaa jala jirra- Lammilee Libaanos

    Gandoota qarqara Libaanos Adeisseh fi KIfar Kila  waraanni Israa’el itti dhukaasaa jirtu.

    Madda suuraa, Getty Images

    Ibsa waa'ee suuraa, Gandoota qarqara Libaanos Adeisseh fi KIfar Kila waraanni Israa’el itti dhukaasaa jirtu.

    Lammileen Libaanos miliyoona tokkoo ol ta'an biyyaa baqataniiru , kaan ammao gara itti baqatan wallalanii daandii irraa jiraataa jiru. Amma naanaw kibba biyyattitti waraanni cimeera. Bakka heddutti sagaleen dhukaasa fi mallattoo balaa akeeku dhaga'amaa jira. Alaabaan keelloo fi magariisa Hizbullaah daandiiwwan heddu irra mul'ata jechuun dubartiin baqataa jirtu tokko BBC tti himte.

    Ministirri Muummee Libaanos Najiib Makaatii, biyyi isaanii seenaa keessatti,"balaan akka kanaa muudateeni hin beeku" jedhan

    Makaatiin walgahii Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii irratti Lammiilee nagaa buqqa'aniif deeggarsi hatattamaa itti fufiinsa qabu akka taasifamu gaafachuun isaani kan yaadatamuudha.

    Kanaanis Dhabbatichi Libaanositti gargaarsa namoomaaf kan oolu doolaara miiliyoona 426 ol ta’u ramadeera.

  12. Hiree Erik Ten Haagirratti maaltu jedhamaa jira, eenyu bakka bu'uu danda'a?

  13. Libaanos Gaazaa biraa ta'uu dandeessi?

    Kibba Libaanos naannawa waraanni humnoota Israa’eli fi Hezbollaa gidduutti deemaa jiru.

    Madda suuraa, Reuters

    Ibsa waa'ee suuraa, Kibba Libaanos naannawa waraanni humnoota Israa’eli fi Hezbollaa gidduutti deemaa jiru.

    Carraan Gaazaa muudate Libaanosille qaqqabuuf jiraa? jechuun BBC'n dubbi himaan humna Waraana Israa'el Letenaant Koloneel Piitar Lerner gaafate.

    Akka Lerner jedhutti, loltoonni Hezbollaa kibba Libaanos keessa bakka buufata. Waraanaa fuuldurraf fayyadamuuf qopheesse kan haleellaa akkaataa Onkoloolessa 7 irratti fayyadamuuf yaadame qaba.

    'Kanaaf sochiin waraana Israa'el bu'uuraalee misoomaa buufata waraana sana diiguufiidha,'' jedha.

    Ibsi waraanni Israa'el haleellaa naannawa daangeffamee irratti xiyyeeffachuu ilaalchiisuun amma kenname kan bara darbe gara Gaazaatti osoo hin ce'iin dura itti fayyadamte wajjiin wal fakkaata.

    Haa ta'uu malee Lerner garaa garummaan akka jiru dubbata, ''Gaazaatti galmi waraana Israa'el sirna bulchiinsaa Hamaas kuffisuu yoo ta'u, Libaanos keessatti ammoo ''rakkoo lammiilee Israa'el irra gahu atattamaan furuu irratti caalaatti xiyyeeffata," jedhan.

    Kanaaf ammatti karoorri Libaanos dhuunfachuu osoo hin taane bu'uuraalee misoomaa waraanaa Hezbollaan Israa'el ajjeesuuf qopheesse diiguu akka dabalatu dubbi himaan kun kan dubbate.

    Waraanni Israa’el fi Hezbollaa giddutti kibba Libaanos keessatti lola cimaan gaggeeffamaa akka jiru gabaafameera.

  14. Israa'el 'haleellaa sirrii' Beeruut irratti raawwachuu himte

    Israa'el haleellaa raawwatte

    Madda suuraa, Reuters

    Waraanni Israa’el (IDF) halkan edaa, naannoo kibba kibba Beerut bakka Hezbollaan deeggarsa cimaa qabu keessatti, iddoowwan meeshaaleen waraanaa itti oomishaniifi bu’uuraalee misoomaa gariichaa “hedduu” fi bu’uuraalee misoomaa Hezbollaa Dahieh keessaa irratti “haleellaa sirrii” raawwachuu isaa mirkaneessee jira.

    "Haleellaa kanaan dura ammoo, jiraattoota namicha jiraataniif akkeekkahciisa dursaa kennuun dabalata, meeshaa waraanaa sirrii fayyadamuufi hordoffii qilleensarraa dabalatee, balaa namoota nagaarra gahuu danda'u salphisuuf tarkaanfiiwwan hedduun fudhatameera," jedha.

    'Halkan hirriba malee Beeruut keessatti itti dabarsine'' jedha jiraataan BBC duraan dubbise tokko.

  15. Tattaaffii uffata Aadaa Oromoo sadarkaa Afrikaatti ammayyeessuuf eegale

  16. Hezboollaan loltoota Israa'el irratti dhukaasuu hime

    Beerut gara ganamaa kana

    Madda suuraa, Reuters

    Ibsa waa'ee suuraa, Beerut gara ganamaa kana

    Hezboollaan ganama kana loltoota Israa'el magaala naannoo daangaa jirtu Metulaa keessaa jiran irratti dhukaasuu hime.

    ''Haleellaa rokkeettii hedduu'' loltoota Israa'el irratti gadhiise jedhe. Akkasumas dhukaasa isaan irratti banuu hime.

    Akkasumas daangaa israa'el keessaa iddoo Aviivim jedhamtu irratti rokkeettii dhukaasuu hime.

    IDF haleellaa Misaa'elaa ''shanii ol'' naannichatti dhagahamuu ibseera.

    Rokkeettii gariin qolatame, kaan haleelamee caccabe, kaan ammoo lafa qullaarra bu'e jedhe.

    Kaleessa Humni Ittisaa Israa'el naannoo magaala Metulaa, Misgaav Am fi Kifaar Gilaadii Kaba Israa'el jiran ''zoonii waraanaaf cufame'' tahuu ibse.

    Namni tokkollee naannicha akka hin seennee fi waraanni isaanii qophaa'aa tahuu ibseera.

  17. Libaanos: Seenaa maatii daqiiqaa muraasaaf manasaanii waliin haleelamurraa oolan

  18. Dangaa Israa'eliifi Libaanos irratti dhohinsa akkkasiiru dhagahame

    Ibsa waa'ee viidiyoo, Explosions seen on the lsrael-Lebanon border as IDF ground operation begins

    Israa'el Libaanos keessatti eddoowwan daangeeffame keessatti waraana lafoo eegalunshee ibsameera.

    Dhohinsa akka waraabbii viidiyoo asiin gadi fa'itu daangaa Israa'eliifi Libaanos irratti dhagahame. Ilaalaa.

  19. Lammiileen Itoophiyaa Libaanos keessa jiraatan haala keessa jiran maal jedhu?

  20. Israa'el Libaanos bakka 'murtaa'ee keessatti' waraana lafoo eegalte

    Taankii Waraana Israa’el

    Madda suuraa, Reuters

    Ibsa waa'ee suuraa, Taankiin Waraana Israa’el daangaa libaanos qaxxaamuraa jiran

    Israa’el Libaanoo keessatti kibxata ganama warana lafoo eegaluu beeksiifte. loltootashee gara daangaa Libaanos naannawa bakka Hezbollaan itti socho'utti siquun sakatta’iinsa fi haleellaa' jalqabaniiru.

    Ibsa waraanni Israa'el baaseen,naannawa daangaa Libaanos bakka waraanni Hezbollaa hawaasa Israa'el kaabaf yaaddo ta'etti "sakatta'iinsa lafaa bakka daangeffame, naannootti fi xiyyeeffate kan odeeffannoo sirrii irratti hundaa'e" jalqabee ture kunis "hawaasa Israa'el kaaba Israa'eliif balaa hatattamaa" ta'etti banuu eegaluu ibseera.

    Humni qilleensaa fi meeshaan waraanaa akka taankiiwwanii humna lafoo deeggaraa akka jiran ibsameera.

    Haleellaa qilleensaa Israa’el Wixata kaleessaa Libaanos irratti raawwatteen namoonni 95 du’uu fi namoonni 172 madaa’uu ministeerri fayyaa Libaanos ibseera

    Akka aanga'oonni jedhanitti, torban lamaan darban keessa Libaanos keessatti namoonni 1,000 ol ajjeefamaniiru, kanneen miliyoona tokkootti dhiyaatan ammoo buqqa’uu malu