Israa'el bakka haleellaa Hamaas Onkololeessa 7 yaadataa jirtuutti Beeruuti haleelte

Israa'el har'a wayita haleellaa Hamaas waggaa tokkooffaa yaadataa jirtuutti Kibba Libaanoos kan Hezboollaan baayyinaan keessa buufate haleelte.

Guduunfaa

  • Dho'insi guddaan buufata xiyyaaraa cinaatti dhaga'ame
  • Iraan biyyi Israa'el gargaartu kamiyyuu 'kan irratti xiyyeeffattu' ta'uu ibsite
  • US Israa'eel tumsuuf kutannoo qabdi- Isteet Depaartimant
  • Erga Joo Baayidan dhimma Israa'el-Iraan irratti dubbataniin booda gatiin boba'aa %5 dabale
  • raan Israa'el irratti misaa'el dhukaafte
  • Israa’el Libaanos keessatti lola lafoo daangaa'aa Hezboollaa irratti xiyyeeffate bahuu ibsite
  • Toora tamsaasa kallattii isa haaraa kanaan dura ture

Haguuggii Tamsaasa Kallattii

  1. Israa’el miseensonni Hezbollaa 15 Kibba Libaanos Bint Jbeil keessatti ajjeesse jette

    Suuraa aara magaalaa Beeruuti keessaa ka'e

    Kanaan dura Israa'eel kibba Libaanos aanaa Bint Jibel dabalatee, bakkeewwan hedduutti haleellaa qilleensaa fi dhukaasa raawwachushee gabasuun keenya ni yaadatama.

    Humni Ittisaa Israa'el (IDF) amma akka jedhutti, waraanaa isaa "gamoo bulchiinsa magaalaa Bint Jibel kan shororkeessitoonni Hezbollaa keessa socho'aa turaniifi kuusaa meeshaalee waraanaa Hezbollaa baay'inaan gamoo sana keessa ture'' haleellaa sirrii raawwateen barbadeessuu hime.

    ''Qaamuma haleellaa sanaatinis miseensoonni Hezbollaa gara 15 ta'an barbaddeeffamaniiru'' jedha waraanni israa'el (IDF).

    Waliigalattis Libaanos keessatti, dhaabbiilee kuusaa meeshaalee waraanaa fi buufataallee to'annoo dabalatee, eddoowwan qiyyeeffannaa 200 ta'an haleeluu ibseera waraanni kun.

  2. Israa'el dhaabbiilee nikulaara Iraan akka haleeltuuf US hin deeggartu- Baayidan

    Joo Baayidan

    Madda suuraa, Getty Images

    Pirezidaantiin Ameerikaa Joo Baayiden erga Iraan misaa’ela gara 180 ta'u Israa’el irratti dhukaafteen booda, Israa'el haaloo bahudhaaf iddoowwan niwukilaraa Iraan irratti haleellaa raawwachuu yaada kamiyyuu akka hin deeggarre dubbatan.

    Erga Iraan Kibxata darbe Israa'el irratti haleellaa miisa'elaa, kan Israa'el irra jiran isaanii sirna ittisa misaa’elaatiin fashalleeffamuun himte, raawwatameen booda Iraan fi Israa’el gidduutti mudamni olaanaan umamaa jira.

    Iraan akka jettetti, haleellaan misaa'eelaa tibbana Israa'el irratti raawwatame kunis ajjeechaa hogganaa siyaasaa Hamaas Ismaa’eel Haaniyeh, hogganaa Hezbollaa Hasan Nasrallaa fi ajajaa Garee Eegdota Warraaqsa Iraan, Birg-Jeneraal Abbaas Nilforoushan irratti raawwatameef deebii ta’uu ibsiteetti.

    Haleellaan ishee kun kan dhufe Israa’el haleellaa lafoo Libaanos irratti raawwachuu erga labsitee booda yoo ta'u, kanaanis gandoota gama daangaatti argaman keessatti “bu’uuraalee shororkeessummaa” Hezboollaa kan Iraaniin deeggaramu jechuun waamte diiguuf tattaaffii gochaa jirti.

    Ameerikaan irra deddebiidhaan akka dubbiin hin ammaanneef waamicha taasisaa kan turte yoo ta'u, Israa'eliifi hidhattoota Filisxeem Gazaatti argaman jidduuttis dhukaasa dhaabuun akka taasifamuuf marii dheeraa gaggeessaa turtetti. Haata'u malee hanga ammaatti hin milkoofne.

    Yaadni Baayidan gaazexessitootaaf kennan kunis kan dhagahame guyyaa Roobii wayita bulchiinsa Kaabaa Kaarooliinaa kan obombolleettii hamaadhaan miidhamte ittaantu isaanii Kaamalaa haariis waliin dowwataniitti ture.

    Yeroo sanattis ''Haleellaan akka eddoowwan nikulaara Iraan irratti akka raawwatamuuf ni deegartaa? jechuun gaazexessaan gaafatama.

    "Deebiinsaa lakkii kan jedhuudha'' jechuun ture Joo Baayidan kan deebiisaniif. Itti dabaluudhaanis ''Israa'eel itti aansitee maal gochuuf akka jirtu irratti Ameerikaan waliin mari'atti'' jedhan.

    Akkasumas deebiin kennamu qabu irratti marii dureewwan biyyoota G7 kaan waliin taasifameen, ''Israa'el deebii kennuuf mirga akka qabdu garuu haala madaalaa ta'een deebii kennamu waliigalaniiru'' jedhan.

    Dubbii himaan Ministeera Dhimma Alaa Ameerikaa, Maatiyoo Miilar ibsa kennaniin itti dabaluudhaan, “Kunis Iraan dubbii hammeessa jiraachuushee kan ifa godheedha,'' jedhan.

    "Israa’el deebii kennuudhaaf mirga qabdi. Deebiin sun maal akka ta’u marii taasisaa jirra”.

  3. Garee artistoota biyya Neeppaal torbee Turizimii Oromiyaa miidhagsan

  4. Suuraalee haleellaa jiddugala Beerutii halkan darbeen boodaa muraasa

    Gamoo miidhaan irra qaqabe

    Madda suuraa, Reuters

    Israa'eel erga Libaanos irratti haleellaa qilleensaa raawwachuu eegalteen booda yeroo jalqabaatiif magaalaa guddoo biyyatti Beeruti wallaakaa haleelte.

    Haleellaa qilleensaa halkan kaleessaa gamoo tokkoorratti raawwatteenis yoo xinnaate namoonni jaha ajjeeffamun gabaafameera.

    Haleellaa Beerut kanaan booda suuraaleen muraasni kunooti.

    Haleellaa qilleensaa Beeruti

    Madda suuraa, Reuters

    Naam kuuffiiyaa cacabe qabatee dhaabbatu

    Madda suuraa, Reuters

  5. Israa'eel Kibbaafi Baha Libaanoos haleeluun gabaafame

    Israa'el naannoolee ummanni itti baayyatuutti haleellaa raawwatte

    Eejjansiin Oduu Biyyaaleessa Libaanos mootummaadhaan bulfamu (NNA)n Israa'eel ganama kana eddoowwan garaa garaa keessatti haleellaa qilleesarraa raawwattee jirti jedhe.

    Xiyyaaronni waraanaa Israa’el gandoota kibbaa kan ta'an aanaalee Tiree fi Bint Jbeil, kan daangaa Israa’elitti dhihoo jiran, fi ganda Arnuun kan aanaa Nabatieh keessaa, akkasumas daangaa achitti dhihoo ta'erratti boombiin haleelan jedhe.

    Eejansiichi dabaludhaanis, Israa'el ollaa daangaa kan Ayitaruun jedhamtu irrattis haleellaa roobsiitee jirti jedhe.

    Baha Libaanos gammoojjii Bekaa keessattis haleellaan qilleensaa Israa’el ganda Haarfuuch irratti raawwachuusheetu gabaafame.

    Haata'u malee haleellaawwan raawwataman jedhaman kanaatiin lubbuun namaa badaa jiraachuufi dhiisuu ilaalchisee eejjansichi waan jedhe hin qabu.

  6. Rookkeetiin Libaanos irraa furguggifame kaaba Israa'elitti kufe

    Sirni ittisa qilleensaa Israa'el Iron Dome yeroo misaa'el qilleensarratti rukutu

    Madda suuraa, EPA

    Akka Raayyaan Ittisa israa'el (IDF) jedheetti, guyyaa Roobii guutuu rookkeetiiwwan 200 ol ta'u Kibba Libaanos irra gara kaaba Israa'eliitti dhukaafamu beeksiise.

    Rookkeettiiwwan dhukaafaman kan itti fufan fakkaatu. Kaaba Israa'el eddoowwan afur guutuutti Kamisa ganama sagaleen akeekkachiiftuu saayiranii dhagahamaa jiraachuu Waraanichi fuula Telegraamii isaarratti beeksiiseera.

    Saayiraniin dhiheenya keessa dhagahame Gaaliilee Paanhaandle kan dhiheenya daangaa Libaanositti argamu keessatti.

  7. Qonnaan bulaan dubartoota lama ajjeesee booyyee sooruun shakkame dheekkamsa kaase

  8. Israa'el haleellaan qilleensaa kibba Libaanositti akka itti fufu akeekkachiifte

    Magaalaa haleellaan booda aarii samiitti ka'e mullaatu

    Madda suuraa, Reuters

    Waraanni Israa'el kibba Libaanos keessatti haleellaan qilleensaa sababii itti fufuuf namoonni mana isaanitii bahan akka hin deebiineef akeekkachise.

    Waraanichi akeekkachisa toora telegraamii irratti baasee kanaan, ''haleellaan waraana Israa'el itti fufa. Nageenya keessaniifi kan ijoollee keessaniitif jettanii, hanga beeksiisni gara biraa isiniif kennamuutti gara mana keessanii hin deebii'inaa'' jedheera.

    Gama biraatiin ammoo waraanni Israa'el yeroo jalqabaatiif wallakkaa magaalaa guddoo biyyattii Beeruuti keessatti haleellaa qilleensaa raawwateen gamoo paarlaamaa biyyatiitti dhihoo tokko miidhe.

    Kana malees haleellaadhuma halkan darbe keessa humni waraanaa israa'el raawwateen yoo xinnaate namoonni jaha ajjefamaniiru.

  9. Iraan miidhaa dhugaa geessisuu barbaadde, deebiin Israa’el ofirraa ittisuu qofa ta'uu dhiisuu mala

  10. Tamsaasa kallattii keenya eegalleerra!

    Ashamaa hodoftoota BBc Afaan oromoo bakka jirtan mara irraa.

    Tamsaasa kallattii Kamisaa kan ittiin odeeffaalee ijoo addunyaa kanaa isini biraan geenyu kunoo amma eegalleerra.

    Yoo itti dhiheenyaa nu horoftan, odeessaalee biyya keessaa, muddama Baha Jidduugalaa fi kaan jala buunee isin biraan geenya.

    Olmaa nagaa qabaadha!

  11. Humni galaanaa US misaa’ela Iraan qolachuuf yeroo dhukaasu daawwadhaa

    Viidiyoon humni galaanaa US gadhiise meeshaan USS Bulkeley jedhamu misaa’ela Iraan Israa’elitti dhukaaste qolatu agarsiisa.

    Dubbi-himaan humna galaanaa US akka jedhetti, “misaa’eloonni hedduun” haala milkaa’aa ta’een qolatamaniiru.

    Ibsa waa'ee viidiyoo, Viidiyoo yeroo humni galaanaa US misaa'elii Iraan Israa'elitti dhukaaste qolatu agarsiisu
  12. Hleellaa Israa’el giddu-galeessa Beerutitti raawwatteen namoonni shan ajjeefaman

    Namoonni sadii madaa isaaniirra gaheen erga of wallaalanii booda yoo du’an, lama ammoo haleellaama sana keessatti ajjeefaman.

    Akka aanga’oonni Libaanos jedhanitti, haleellaa qilleensarraan Israa’el dhaabbata fayyaa Hezboollaarratti xiyyeeffadheen raawwadhe jetteen namoonni shan ajjeefaman.

    Haleellaan gamoo Bachoura jedhamu giddu-galeessa Beerutitti raawwatame kun handhuura magalattiitti gaggeeffamuun isa jalqabaati.

    Gamoon Wiirtuu Abbaa Taayitaa Fayyaa kun bakka Hezboollaan itti argamu yoo ta’u, paarlaamaa Libaanosiifi Waajira Muummee DHaabbata Biyyoota Gamtoomaniirraa meetira muraasa qofa fagaata.

    TVn Libaanos yeroo gamoon kun haleellaa qilleensarraa afraffaa Israa’el gaggeessiteen yeroo gubatu agarsiiseera.

    Kunoo daawwadhaa!

    Ibsa waa'ee viidiyoo, Dho'insa guddaa magaalaa Beerutitti mudate, IDF sirriitti irratti xiyyeeffachuun haleeluu himu
  13. ''Iraan waraana hin barbaaddu'' jedhan pirezidaantiin biyyattii

    Pre. Iraan Maasuud Pezeshkiyaa

    Madda suuraa, Reuters

    Iraan ''waraana barbaadaa hin jirtu'' garuu Israa'el deebii akka kennaniif isaan dirqisiisaa jirti jedhan Pirezidaantiin Iraan Masuud Pezeshkian.

    Pirezidanticchi ibsa gaazexeessitootaaf Kaataar-Dohaa keessatti kennaniin, Israa’el haleellaa kaleessa raawwatteef yoo haaloo baate Iraan ''deebii cimaa akka kennitu'' akeekkachiiseera.

    Kaayyoon Israa'el jeequmsa naannichatti babal'isuu akka ta'e ibsuudhaan, Israa'el nageenya hin barbaanne jechuudhan komatan.

    Itti fufuudhaanis, Iraan dubbii barbaacha kana ittisuu fi dhaabuu barbaaddi jechuun cimsee dubbatan.

  14. Baayidan Niikulaara iraan irratti haleellaan raawwatamu hin deegaru jedhan

    Joo Baayidan

    Madda suuraa, Reuters

    Pirezidantiin Ameerikaa Joo Baayidan, haleellaa misaa'elaa Iraan kaleessa Irsaa'el irratti raawwatteef haaloo bahuudhaaf dhaabbata nikulaaraa Iraan haleeluu akka hin eeggarre gaazexessitootatti himan.

    Akkasumas Baayidan ''maal gochuu yaadaa akka jiran irratti Israa'el waliin nan mari'adha'' jechuun, itti dabalanii deebiin kennamu kanuu kan madaalu ta'u akka qabaatu miichoowwan G7 hundi waliigalaniiru jedhan.

    Baayidan akkasumas qoqqophaan dabalataa Iraan irra kaa'amu akka danda'u ifa taasisaniiru.

  15. Hogganaan waraanaa IDF Baha Gidduugalaa keessa ''iddoon nuti hin qaqqabne hin jiru'' jedhan

    Jeneraal Herzii Haleevii

    Madda suuraa, IDF

    Hogganaan Waraanaa Israa'el Leetenaal Jeneraal Herzii Haleevii, Humni Ittisaa Israa'el Baha Gidduugalaa keessa ''iddoo kamiyyuu qaqqabuun haleeluu danda'a,'' jedhan.

    ''Diinoti keenya hamma yoonaa kana hin hubanne, yeroo dhiyootti isaaniif gala,'' jedhan.

    Haleeviin buufata waraanaa qilleensaa Teel Noof, dhihoo Teel Aviiv yeroo deemanitti dha kana kan dubbatan.

    ''Deebii ni kennina, qiyyaafannoo akkatti argannu beekna iddoo barbaadamutti dogoggora malee fi humna guddaan akkatti haleelan beekna,'' jechuun haleellaa Iraan Israa'el irratti raawwatte eeraniiru.

    Haleviin IDF ''humna jabeeffachuun'' oppireeshinii naannichatti geggeessu itti fufaa jedhan.

  16. Lola Israa'el irratti waan hamma yoonaa beeknu

    • Lolli Israa'eliifi Hezboollaa akkuma itti fufeetti jira, Israa'el loltoonnishee meetira 400 daangaa Libaanositti siqaniiru jette.
    • Humni Waraanaa Israa'el loltoonni isaa saddeet Liibaanos keessatti weerarri jalqabamee yeroo duraaf ajjeefamuu hime.
    • Giduutti immoo Ejansiin Oduu Biyyaalessaa Libaanos haleellaa Israa'eliin kibba biyyattii magaalaa Ayitaaroon jedhamtutti namoonni ja'a ajjeefamaniiru jedhe.
    • Korri Maree Nageenyaa UN dhimma Baha Gidduugalaa irratti xiyyeefatu kan adeemsifamaa jiru yoo tahu , Guuteerees dhukaasni akka dhaabbatu waamicha kan taasisan yoo tahu, ''Yeroo nu jalaa dhumaa jira, '' jedhan.
    • Gaazaa keessatti ministeerri fayyaa Hamaasiin hoggnamu haleellaa Israa'eliin namoonni 51 ajjeefamaniiru jedheera.
  17. Guteereez yeroon dhumaa jira jedhan

    Barreessaa olaanaa UN Antooniyoo Gutereez

    Madda suuraa, Reuters

    Manni-maree Nageenyaa Dhaabbata Biyyoota Gamtoomanii (UNSC) dhimma Baha Giddu-galeessaarratti walga'ii ariifachiisaa geggeessaa jira.

    "Abiddi Baha Giddu-galeessaa keessatti boba'aa jiru saffisaan abidda saafaa ta'aa jira," jedhan barreessaan olaanaa Dhaabbata Biyyoota Gamtoomanii UN Antooniyoo Gutereez.

    Torban darberraa kaasee haalli jiru, "daran hammaataa dhufeera" jedhan.

    Haleellaa qilleensaa Israa'el guutummaa Libaanos keessatti raawwattu ammoo "gocha akka feeteedha" jedhan Gutereez.

    Yaada yeroof dhukaasa dhaabuu dhiyeessanis Israa'el fudhachuu dhiistee haleellaa qilleensaa "cimsitee itti fufte" jechuun dubbatan Gutereez.

    Israa'el akka bakka isaanii jijjiirrataniif gaafattullee, naga eegdonni UN bakkuma isaanii qabatanii jiru kan jedhan barreessaan olaanaa UN kun, alaabaan UN itti fufee mirmirfamaa jira" jechuun dubbatan.

    Ani ammas haleellaa misaa'elaa Iraan Israa'el irratti gaggeessite "cimseen balaaleffadha" jedhan.

    Ganama kana haleellaa Iraan Israa'el irratti raawwatte hin balaaleffanne jechuun Israa'el Gutereez akka biyyashee hin seenne dhorkiteetti.

    "Waraanni guutuun Libaanos keessatti akka hin mudanne guchuun barbaachisaadha," kan jedhan Gutereez, taanaan "gaaga'ama hamaa qaqqabsiisa" jedhan.

    "Yeroon deemaa jira," jechuun dhukaasa dhaabuuf waamicha taasisan.

  18. Waraanni Israa'el loltoonni saddet jalaa ajjeefamanii, torba biroon madaa'uu hime

    Kibba Libaanos keessatti loltoonni Israa'el saddeet ajjeefamanii, torba ammoo madaa'uu IDF hime.

    Loltoota ajjeefaman keessaa sadii garee Egooz kan jalqabaa ajjeefamuun isaa mirkanaa'e Ehitaan Yizhaak Oster ajaju keessati.

  19. Sudaanitti dhukaasni akka dhaabbatu yaaliin taasifamaa yeroo jirutti waraanni haleellaa akka jabeessu hime

    Kaartuum

    Madda suuraa, Reuters

    Jeneraalli waraanaa Sudaan olaanoo yeroo waraanni Sudaan ji'a 17f adeemaa jiru dhuksaani akka dhaabbatu yaaliin nagaa taasifamaa jirutti, haleellaa jabeessinaa jedhan.

    ''Mariin nagaa itti fufuu danda'a, waraanni garuu haleellaa hin dhaabu,'' jechuun Komaandarri Ittaanaa Letanal Jeneraal Ibraahim Gaabiir BBCtti himan.

    Kana dubbachuun guyyaa muraasaan dura waraanni biyyattii magaalaa guddoo biyyatti Kaartuum deeffachuuf oppiresshinii banuun humna addaa RSF haleelaa ture.

    Kunimmoo biyyattii keessa rakkoo namoomaa kan uume yoo tahu uummanni biyyattii walakkaa tahu balaa beelaaf kan saaxilame yoo tahu, miiliyoonaan kan lakkaa'aman ammoo qe'ee isaaniirraa buqqa'aniiru,

  20. UKn namoota sanyii dhiiraafi dubaraa arjoomaniif durgoo dabaluu beeksifte