Israa'el bakka haleellaa Hamaas Onkololeessa 7 yaadataa jirtuutti Beeruuti haleelte

Israa'el har'a wayita haleellaa Hamaas waggaa tokkooffaa yaadataa jirtuutti Kibba Libaanoos kan Hezboollaan baayyinaan keessa buufate haleelte.

Guduunfaa

  • Dho'insi guddaan buufata xiyyaaraa cinaatti dhaga'ame
  • Iraan biyyi Israa'el gargaartu kamiyyuu 'kan irratti xiyyeeffattu' ta'uu ibsite
  • US Israa'eel tumsuuf kutannoo qabdi- Isteet Depaartimant
  • Erga Joo Baayidan dhimma Israa'el-Iraan irratti dubbataniin booda gatiin boba'aa %5 dabale
  • raan Israa'el irratti misaa'el dhukaafte
  • Israa’el Libaanos keessatti lola lafoo daangaa'aa Hezboollaa irratti xiyyeeffate bahuu ibsite
  • Toora tamsaasa kallattii isa haaraa kanaan dura ture

Haguuggii Tamsaasa Kallattii

  1. Israa’el loltuun ishee jalqabaa Libaanos keessati ajjeefamuu beeksifte

    Kaappiteen Ehitaan Yitzhaak Oster Libaanos keessatti ajjeefame

    Madda suuraa, IDF

    Erga Israa’el lafoon seentee loluu jalqabdee loltuun Israa’el jalqabaa Libaanos keessatti ajjeffamuun mirkanaa’e.

    Humni Ittisaa Israa’el (IDF) ibsa baaseen akka beeksisetti, loltuun Kaappiteen Ehitaan Yitzhaak Oster jedhamu umuriin isaa wagga 22 ta’e Roobii Libaanos keessatti ajjeeffameera.

    Loltuun ajjeefame kun garee Egooz jedhamu keessatti ajajaa gareeti. Gareen Egooz kun ammoo garee komaandoo barateefi riphee loltummaatiin beekamu akka ta’e IDF himeera.

  2. Viidiyoo haleellaa misaa'elaa Iraan Israa'el irratti raawwatte agarsiisu

    Viidiyoo haleellaa misaa'elaa Iraan Israa'el irratti raawwatte agarsiisu, daawwadhaa!

  3. Hezboollaan walitti bu’insi har’aa kun waraana ‘marsaa jalqabaati’ jedhe

    Dubbi-himaan Hezboollaa akka jedhetti, Humnoota Ittisaa Israa’el waliin kibba Libaanos keessatti walitti bu’insi ture waraana marsaa jalqabaati’ jedhe.

    Humnoonniifi loltoonni diddaa keenya diina dura dhaabbachuun falmuuf guutuutti qophaa’aniiru,” jechuun Mohaammed Afiif rippoortarootatti himuu Roohitarsiifi NBCn gabaasaniiru.

    Hezboollaa fi IDF Libaanos keessatti lafoon wal lolaa jiraachuu lamaanuu gabaasaa jiru.

    Humni waraana Israa’el ammoo Libaanos keessatti ‘dhiheenyarratti lolaa jiraachuu’ himeera.

    IDF ibsa haaraa baaseen, “bakkawwan garagaraatti” oppereeshinii gaggeessaa jiraachuu himeera.

    Israa’el Libaanos keessa hanga meetira 400 seenuu raayyaan Libaanos himeera.

  4. Israa'el Barreessaa Olaanaan UN biyyashee akka hin galle dhorkite

    Antooniyoo Gutareez

    Madda suuraa, MOHAMMAD ALI/EPA-EFE/REX/Shutterstock

    Ministirri Haajaa Alaa Israa'eel, Barreessaan Olaanaa Dhaabbata Biyyoota Gamtoomanii Antooniyoo Gutareez biyyasaanii akka hin galle dhorkamuu ibsan.

    Israa'el Kaatiz biyyisaanii tarkaanfii kana kan fudhatte Gutareez haleellaa Iraan ittii bante waan balaaleffanneefidha.

    Kaatiz dabaluun hogganaan dhaaba tokkummaa biyyoota addunyaa eegu kanaa ''diina Israa'elii' jedhan.

    ''Shororkeessitootaaf, warra nama gudeeduufi lubbuu baasuuf deeggarsa dhiyeessa. Gutareez seenaa UN keessatti akka mudaatti dhaloota dhufuun yaadatama'' jedha.

    Gutareez Kibxata kaleessaa ''waraanni Baha Giduugalaa bal'achaafi hammaachaa adeemaa jira'' jechuun dhukaasni akka dhaabatu wamaicha godhanii turan.

  5. Bara kana Arsenaal waancaa liigii ni injifata- Saakaa

  6. Waa'ee haleellaa Misaa'elaa Iraan, Israa'el irratti raawwattee maal beekna?

  7. Israa'el Libaanos haleelelte, garuu miidhaa misaa'ela Iraan irraan kan ka'e ni raafamte

    Roobii ganama yeroo Israa'el gara Beerutiitti dhokaafteetti

    Madda suuraa, Reuters

    Ibsa waa'ee suuraa, Roobii ganama yeroo Israa'el gara Beerutiitti dhokaafteetti

    Ammaan tana suuraalee haaraa Israa'elii fi Libaanos irraa isin biraan gahuu fiduu dandeenya.

    Kaleessa galgala Iraan Israa’el irratti misaa’ela dhukaasuun giddu galeessa Israa’el keessatti miidhaa tokko tokko geessisuun akkasumas Weest Baankii bakka humnaan keessa qubsiifame keessattis lammiin Filisxeem tokko ajjeesteetti.

    Gama biraatiin Israa’eel haleellaa Hezboollaa Libaanos irratti raawwattu itti fuftee jirti. Suuraalee asiin gadii kanneen waan himan qabu.

    duubartii dhaabbattee mana jijjigaa ilaala jirtu

    Madda suuraa, Shutterstock

    Ibsa waa'ee suuraa, Duubartii dhaabbatee miidaa gamoo haleellaa miisaa'el Iraaniin jidduugala Israa'el keessatti qaqabee ilaalaa jirtu
    Aara magaalaa Beeruuti keessa ka'ee mullatu

    Madda suuraa, Reuters

    Ibsa waa'ee suuraa, Roobii ganama haleellaa qiileensaa Israa'el raawwatteen booda aara Beeruuti keessaa ol ka'e mullatu
    Namoota buufata xiyyaaraa keessa hiriiranii jiran

    Madda suuraa, Reuters

    Ibsa waa'ee suuraa, Namoota Buufata xiyyaara Beeruutiitti balalii'aaf hiriira galanii eeggataa jira. Garuu balaliinsii haqamaa jira
  8. Ministirri Ittisaa UK humni waraanaa biyyattii Israa'elirraa misaa'ela qolachuusaaf galata dhiyeessan

    Iraan wayita Israa'eeliitti misaa'el dhukaaftuutti filisxeemoon ilaalaa turan

    Madda suuraa, Getty Images

    Ministirri Ittisaa UK waraannisaa Israa'eliin haleellaa Iraan irraa qolachuu isaatiif waraanaa biyyattiif galta dhiyeessan.

    Joon Heeley ergaa dhaamaniin humnoonni Biriteen haleellaa misaayelaa Iraan Israa'el irraa qolachuu keessatti ''gaheessaa baheera'' jechuun gargarasa oogummaa kennaniif galateeffatan.

    BBC qorannoo godheen xiyyaaronnni waraanaa UK haleellaa Kibxataa Iraan qoluu keessatti qooda fudhachuu hubateera. Ebla darbes akkasuma wayita Iraan Israa'el haleeltu warri UK birmataaniiruuf.

    US gama isheen haleellwwan kana Israa'el irraa qoluu waajirri ittisaa biyyattii beeksiseera.

    Peentagoon akka jehdetti ajaja kallattiin pirezidant Joo Baayidan irraa kennameen Israa'eliin oolchuuf US farra misaayelaa hedduu dhukaafteetti jedha.

  9. Israa'el loltoota dabalataa duula lafootiif Libaanositti ergite

    Kibba Magaalaa Beeruuti aari keessaa bahaa jiru

    Madda suuraa, Reuters

    Akkuma gabaasaa turre, Israa'el Kibxata darbe weerara lafaa kibba Libaanos irratti raawwachuu ishee beeksiste, haata'u malee gadi fageenya odeessa kanaa lafarraa argachuu hindandeenye.

    Haata'u malee Raayyaan Ittisaa Israa'el (IDF), odeeffannoo dhiheenya kana baaseen, "sakatta'iinsa daangeffamaa, xiqqaa fi kan eddoowwan Hezboollaa irratti xiyyeeffate" raawwachuuf "humnoonni dabalataa" kibba Libaanositti makamaa jiru jedhe.

    Loltoonni kunneenis duula lafoottti makamuudhaaf Diviziyoonii 36ffaa fi humnoota biroo irraa kan fudhataman ta’uu IDF beeksiseera.

    Ganama keessa Hezboollaan waraana lafoo Israa’el Kibxata darbe ganda daangaa kibba Libaanos keessatti raawwatte ofirraa qolachu ibsee ture, haata'u male waraanni Israa’el kanarratti yaada hin kennine.

    Gama biraatiin ammoo Raayyaa Ittisa Israa'el hawaasni naannawa Haayifaa fi lixa Galiilee kan dhiheenya daangaa Libaanos akka bahaniif akkeekkachisa baase.

    Ganama kana qofaa rookeettiiwwan gara 100 ta'an kaaba Israa'el irratti dhukaafamu miidiyaalee biyya keessaa IDF eeruudhaan gabaasan.

  10. Alkoolii dhuguun hangam balaa qaba?

  11. Haleellaa rasaasaafi meeshaa qara qabuun Teel Aviivitti raawwaten namoonni torba ajjeeffaman

    Lubbuu baraartoota

    Madda suuraa, Reuters

    Haleellaa rasaasaa fi meeshaa qara qabuu halkan kaleessaa Israa'el magaalaa Teel Aviiv keessatti raawwatameen, lubbuun namoota 7 darbuu poolisiin Israa’el mirkaneesse.

    Kana malees haleellaa namni qawwee hidhate tokkoo naannoo Jaafaatti ummata irratti baneen, kaan biraa hedduurra ammoo miidhaan qaamaa qaqabeera, gariinis garmalee miidhaamaniiru. .

    Haleellaan lubbuu namaa galaafate kunis baabura keessatti kan eegale yoo ta’u, alattiis itti fufee akka ture poolisiin naannoo ibsi baaseen beeksiseera.

    Waraabbiiwwan miidiyaa hawaasaa irratti maxxanfame qaamni namootaa lubbuu keessa hin jirree daandii irratti faca'ee mul'isa.

    Poolisiin akka jedhetti, namni qawwee hidhate tokkoo fi kan meeshaa qara qabu haleellaa kana raawwatan lamaanuu miseensoota hawaasaatiin ''tasgabbeeffamaniiru'' jechuun, maddi haleellaa kanaas ''shororkeessummaa'' jechuun ibseera.

    Eenyuummaa namoota haleellaa kan raawwatanii ifa hin taasiifamne. Miidiyaalee Israa'eel tokko tokkoos baayyinni lakkoofsa namoota ajjeeffamanii saddeet gahuu gabaasanii ture, haa ta'u malee lakkoofsi kun nama haleellaa sana raawwate dabalatee haata'u ykn haa dhiisuu ifa miti.

    Halellichaan namoonnii miidhaaf saaxilaman hedduudha

    Madda suuraa, EPA-EFE/REX/Shutterstock

  12. Iraan haleellaan Israa'el irratti bante yeroof xumuramuu ibsite

    Iraan Israa'el irratti misaayela dhukaafte

    Madda suuraa, Getty Images

    Iraan haleellaan misaa'elii Israa'el irratti raawwachaa turte yeroodhaaf xumuramuu Roobii ganama beeksifte.

    Haleellaan inni guddaan Iraan dachee Israa'el keessatti raawwatte kun muddama dabalataa guddaa uumee wayita jirutti ammaaf haleellaan kun xumiuramuu beeksifte.

    Haleellaa kana booda Istraa'eliifi Yunaayitiid Isteets Tehraaniin haaloo bahuuf yoo dhaadatan, Dhaabbatni Biyyoota Gamtoomaniifi Gamtaan Awurooppaa ammoo dhukaasni akka dhaabatu waamicha gochaa jiru.

    Iraan Israa'el irratti haleellaan bante balaarraa of qolachuurratti kan xiyyeeffate akka ta'e himuun, xiyyeeffanoon haleellaa ishee buufataalee waraanaa Israa'el sadii akka ta'an ejensiin oduu Iraan gabaase.

    Haleellaa kanaaf sababa kan ta'e hooggantoota hidhattoota Iraan deeggartu irratti ajjeechaa raawwate, weerara Libaanos irratti godhamuu fi dhibdee Gaazaa ta'uus Iraan ibiste.

    ''Israa'el akka deebinee haaloo baanu yoo nu affeeruu baatte'' haleellaan kun raawwateera kan jedhan Ministirri Haajaa Alaa Iraan Abbaas Araachii yoo dubbii barbaachi biraan raawwate deebiin kennan jabaa akka ta'u dhaadatan.

  13. Hayyuuwwan dabalatee namoonni dhibbaan lakkaa'aman naannoo Amaaraatti jumlaan ukkaamfamuu Aministiin hime

    BBC

    Madda suuraa, Magaalaa guddoo naannoo Amaaraa, Baahird Daar

    Magaalota gurguddoo naannoo Amaaraa keessatti namoonni dhibbaan lakkaa'man adeemsa seeraa malee jumlaan dhukkaamfamaa jiraachuu dhaabbatni mirgaaf falmu Aministii Intarnaashinaal beeksise.

    ALI Fulbaana 18, 2017 irraa eegalee hayyuuwwaniifi hojjettoota siivilii dablatee namoonni dhibbaan lakkaa'aman jumaan qabamanii iukkaamfamuu ragaan isa qaqqabuu dhaabbatichi beeksiseera.

    Dhaabbatichi ibsa Onkololessa 1, 2024 baaseen iggitiin jumlaa seeraan ala ta'e kun ''dhabamuu olaantummaa seeraa itti hammeessa'' jedheera.

    Hoogganaan dhaabbatichaa dame Bahaafi Kibba Afrikaa Tigeere Chaguutaa ''poolisiifi loltootni Itoophiyaa duulli seera malaee qabuu, mootummaan waayee olaantummaa seeraa guutummaan guutuutti dhiisuu agarsiisa'' jedhan.

    Aministiin ibsa isaa keessatti abbootiin aangoo maqaa barreeffatanii naannoo Amaaraa keessatti siviilota dhibbaan lakkaa'aman qabuu isaanii namoota ijaan arganirra aiyyaafachuu beeksise.

    Chaguutaan akka jedhanitti aanga'oonni hidhaa jumlaa kana raawwachuusanii dura ''ajaja hidhaas ta'e, hayyam sakatta'insaa hin qabanne'' jedhaniiru.

    Warri qabaman kunniin sa'aatii 48 keessattis mana murtii hin dhiyaanne jedhan.

    Akka namoota ijaan argan irraa iyyaafatetti namoota jumlaan qabamaa jiran keessaa hayyuuwwan Yunivarsiitilee naannoo Amaaraa keessa hojjetan ni argamu.

    Namootni gariin kan qabaman ''loltootaan galgala keessa'' ta'uun ibsameera.

    ''Mootummaan Itoophiyaa hidhaa adeemsa seeraa hin eegne kana atattamaan dhabuu qaba. Warra qabaman irratti seera bu'uureffatee himannaa baniin adeemsa seeraa hordofuun irra jira. Ta'uu baannaan namoota kana gadhiisuu qaba. Mootummaan iggita akka feetee cunqursaaf oolchuu dhaabuutu irra jira'' jedhan hogganaan dhaabbatichaa damee Bahaa fi Kibba Afrikaa.

    Naannoo Amaaraa keessatti walitti bu'iinsa hidhattoota Faannoofi mootummaa Federaalaa gidduu gaggeeffamaa jiruun jireenyi idilee hawaasaa goolameera, bu'uura misoomaarrattis miidhaan guddaan qaqqabeera.

  14. Kantiibaan Musliimni paartiisaatiin ala maaliif Tiraamp deeggaraa jira?

  15. Huutiin Galaana Diimaarratti doonii boba'aa barbadeesse

    Doonii boba'aa

    Madda suuraa, Reuters

    Hidhattoonni Hutii Yaman Kibxata kaleessaa dooniiwwan Galaana Diimaarra imalaa turan irratti haleellaa banuun dooniiwwan lama irratti miidhaa geessisfte.

    Doonii Paanaamaadhaan galmaa'e Kordeeliyaa Moon bidiruu dirooniitiin rukutamuudhaan miidhaaf saxilameetti. Akkasumas dooniin Laayibeeriyaa keessatti galmaa'e kan biraa misaa'elaan rukutamte.

    Haata'u malee hojjettoonni dooniiwwan lamaanitu miidhaan tokkollee irra hin geenye.

    Hidhattoonni Huutii erga baatii Sadaasaatii qabee dooniiwwan naannoo Yaman jiran irratti haleellaa banaa kan turan yoo ta’u, kunis Flisxeemoota waliin dhaabbachu ibsuudhaaf. Israa'el mataashee irrattis haleellaa bananiiru.

    Akkasumas Kibxata kaleessaa Huutiin magaalota Eilat fi Teel Aviev -Israa’el irratti haleellaa diroonii banuu isaanii beeksisanii booda, IDF diroonii galaana Meditiraaniyaanii irra balali’u akka to’ate ibse.

    Akkasumas guyyaa Dilbataa Israa’el haleellaa qilleensaa cimaa magaalaa qarqara galaanaa Yaman Hudaayidaa keessatti dhaabbilee Huutiin itti fayyadaman irratti raawwatteetti.

    Huutiin qaama hidhattoota "Axis of Resistance" jedhamaniifi faallaa Israa'el, US fi biyyoota dhihaa dhaabataniiti. Kunis Libaanoos keessatti Hezboolaa, Hamaas gaazaa keessaa dabalatee, neetworkii gareewwan hidhattoota Baha Giddu Galeessaa kanneen Iraaniin deeggaramaniidha.

  16. US misaa'eeloota Iraan Israa'el irratti dhukaafte hedduu fashaleessuu himte

    Ministira raayaa ittisaa US Oostiin

    Madda suuraa, PA Media

    Ministirri Raayyaa Ittisa Ameerikaa Looyd Oostiin, Ameerikaan “misaa’eloota hedduu” Iraan gara Israa’elitti furguggiste fashaleessite jedhan.

    “Gocha dubbii barbaachaa cimaa Iraan raawwatte kana ni balaaleffanna. Gareewwan shororkeessummaa ishee bakka bu’ootashee ta'an dabalate, Iraan haleellaa dabalataa kamiyyuu akka dhaabdu gaafanna,” jechuun ibsa kennaniin dubbatan.

    Itti dabaluudhaanis, “Ogummaa fi gootummaa loltoota Ameerikaa halkan kaleessa ittiin haleellaa Iraan irraa lubbuu namaa baraaruuf gargaaraniifi ittisa Israa’el deeggaruu itti fufan akkasumallee waldhabdee bal’achaa dhufe ykn hammaataa dhufu ittisuuf isaaniitti baay’ee boonna.” jedhan.

    Ameerikaan haala jiru itti dhiyeenyaan akka hordoftuu akkasumas michootaa ishee waliin marii gochuu akka itti fuftu dubbatan.

  17. Israa'el haleellaa dabaataa Beeruuti irratti raawwataa bulte

    Ibsa waa'ee viidiyoo, Watch: Israel carries out air strikes on Beirut overnight

    Iraan Israa'el irratti haleellaa misaa’ela balistikii guddaa erga dhukaafteen sa’aatii muraasa keessatti, humni qilleensaa Israa’el magaalaa guddoo Libaanos Beerut keessatti iddoowwan Hezboolaadhan qabaman jedhe irratti xiyyeeffachuun haleellaa dabalataa raawwate.

    Humni Ittisaa Israa’el haleellaa qilleensaa marsaa isa dhumaa kana raawwachuun dura jiraattoonni naannichaa keessa akka bahanii toora X irratti akeekkachiisa maxxansee ture.

    Waraabbii viidiyoo kana ilaalaa.

  18. Haleellaa Israa'eeliin booda Iraaniitti ummanni gammachuusaa ibsataa jira

    Iraaniitti namoonni gammachuusaanii ibsataa bulan

    Madda suuraa, EPA

    Iraan erga Israa'el misaa'elaan rukutteen booda, namoonni daandii magaalaa Teehraan irratti gammachuusaanii ibsachuuf bahan.

    Namoonni hedduun alaabaa Iraani fi Hezbollaa qabatanii daandiirratti bahuudhaan akkasumas suuraa hogganaa duraanii Hezbollaa kan gaafa Jimaata darbe haleellaa xiyyaaraa Israa’eliitiin Libaanos keessatti raawwateen ajjeefaman Hassan Nasrallah agarsiisaa turan.

    Akka suuraaleen agarsiisaniitti gariin isaanii duungoo qabsiisanii turan.

    Hiriiri kunis Imbaasii Biriteen alatti kan gaggeeffame yoo ta'u, eddoon kunis haleellaa Iraan baatii Eblaa keessa Israa'el irratti raawwatteen booda bakka itti gammachuu ibsatan ta'eera.

    Namoota gammachuu bahan

    Madda suuraa, EPA

    Dubartoota gammachu ibsatan

    Madda suuraa, EPA

    Looltoota dhaabbatan

    Madda suuraa, EPA

    Namoota hiriiraaf bahan

    Madda suuraa, Getty Images

  19. UNtti Ambaasadaroonni Iraanii fi Israa'el tarkaanfii biyyoonnisaanii fudhatan deeggaran

    Haleellaa fageenyarraa mul'atu

    Madda suuraa, Reuters

    Dhaabbata Biyyoota gamatooma (UN)tti Amdaasaadarri Iraan haleellaa misaa'elaa biyyisaanii Israa'el irratti raawwatteef sababa dhiheessuun deeggaran,

    Ergamaan Iraan Amiir Sa’iid Iraavaanii xalayaa Mana Maree Nageenyaa Dhaabbata Biyyoota Gamtoomanii fi Barreessaa Olaanaaf barreessan keessatti, ajjeechaa hoggantoota olaanoo Hamaas fi Hezbollaa hordofuun haleellaa kaleessa galgala raawwatamee kun sirrii ta’uu ibsaniiru.

    Akkasumas tarkaanfiin dabalataa Teehraan irratti fudhatamu kamiyyuu deebii “murteessaa” ta'e akka argatu akeekkachiiseera.

    Haaluma walfakkaatunis, UNtti ergamaan Israa’el Daani Daanoon yaada gita isaanii Iraaniif kennaniin, haleellaa Iraan tibbana raawwatte kan namootni miliyoonaan lakkaa’aman guutuu biyyattii keessatti dahannoo boombii akka seenan dirqisiise kun baayyee “dhukkubsadha” jechuun haaloo ba’uuf waadaa galan.

    “Nuti fedhii waraanaa ykn muddama uumuu hin qabnu, garuu yeroo lammiileen keenya nagaa haala akkasiitiin haleellaan irratti raawwatamu teenyee ilaaluu hin dandeenyu,” jedhan.

    Dhuma torban darbeerratti, Iraan waldhabdeen amma jiru hammaachaa dhufuuf isaatiif manni maree nageenyaa ''omaa gochuu'' dhabuusaatti komachuun, miseensonni mana marichaa 15'n “naannicha gara waraana guutuutti akka hin harkifneef” Israa’el irratti “tarkaanfii murteessaa” akka fudhatan gaafatanii ture.

  20. Lola Israa'eliifi Hezbollaa keessatti gahee waraana Libaanos maaliidha?