Haleellaan Israa'el Beerut keessaa nama hogganaa Hezbollaa ta'uuf yaadameerratti kan xiyyeeffatedha- miidiyaa

Madda suuraa, Reuters
Hogganaa Hezbollaa tibbana ajjeefamee Hasan Nasrallaa bakka bu’uu akka danda’u jedhamee bal’inaan kan yaadamu Haashem Saafi'eddiin, namoota haleellaan Israa’el halkan edaa Beerut keessatti dho’iinsa guddaa uumuun irratti xiyyeeffatame keessaa tokko akka ta’e miidiyaaleen Ameerikaa gabaasan.
Gaazexaan Niiw Yoorki Taayimsi qondaaltota Israa’el wabeeffachuun akka jedhetti, waraanni odeeffannoo Saafi'edddiin, ilma obboleessa Nasrallaa fi hoggantoonni Hezbollaa biroon magaalaa guddoo Libaanos kutaa kibba Daahi'eh keessatti walga’aa akka jiran agarsiisu akka qaban himu.
Axihos, qondaala Israa’el tokko wabeeffachuun akka jedhetti, Saafi'eddiin lafa jalaa gadi fageenyaan dahannoo ijaarame keessa akka turee fi haleellaa kanaan ajjeefamuu fi dhiisuusaa ammallee ifa miti.
Akka gabaasa oduu Libaanositti, haleellaan Israa’el kan torban darbe Nasrallaa ajjeese caalaa baay’ee guddaa akka ta’e Axihos himeera. Haata'u malee taatee kanarratti Hezboollaan hanga ammaatti yaada hin kennine.
Eenyuutuu Nasrallaa bakka bu'a jedhamee eegamaa? Haasan Nasrallaa eenyutuu bakka bu'aa laata?











