Israa'el Gaazaa qabachuun 'waraanicha xumuruu fi Hamaas injifachuuf karoora gaariidha'- Neetanyahuu

Kora ariifachiisaa UN dursuun Neetaanyaahuun ibsi kennaniin Israa'el Gaazaa qabachuun 'waraanicha xumuruu fi Hamaas injifachuuf karoora gaariidha' jedhan.

Guduunfaa

  • Awustiraaliyaan Fulbaana keessa biyya Filisxeemiif beekamtii kennuuf
  • Israa'el Gaazaa qabachuun 'waraanicha xumuruu fi Hamaas injifachuuf karoora gaariidha'- Neetanyahuu
  • Kaabineen nageenyaa Israa'el karoora magaalaa Gaazaa to'achuu raggaasiseera
  • Awustiraaliyaan Israa'el akka magaalaa Gaazaa hin to'anne akeekkachiiste
  • Netaaniyaahuun karoorasaa Gaazaa irratti maal jedhe?
  • 'Hamaas buqqisuun waggaa lama fudhachuu danda'a'
  • Oduufi xiinxala BBC'f marsariitii, Facebook, WhatsApp fi YouTube keenya mil'adhaa.
  • Toora tamsaasa kallattii kaanaan duraarraa odeeffannoo argachuuf

Haguuggii Tamsaasa Kallattii

  1. Riippablikaanoonni teeksaas miseensoota Dimokraatootaa sagalee kennuu didan hidhuuf murteessan

    Bulchaan Teeksaas Gireeg Abooti

    Madda suuraa, Getty Images

    Miseensoota bakka bu'oota Dimokraatootaa wixinee seeraa naannoo filannoo irra deebiin ijaaruu irratti sagalee kennuu diduudhaan bulchiinsa Teeksaasiitti bahan akka hidhamaniif Riippablikaanooti murtee dabarsan.

    Karoora naannoon filannoo akka haaraatti akka caaseeffamuuf dhiyaate kan Riippablikaanootaaf ooguu yoo ta'u, Diimokiraatoonni wixinicharratti sagalee kennuu diduudhaan keessaa bahan.

    Miseensoonni diimokiraatootaa gara kunaniin lakkaa'aman to'atamanii akka hidhamaniif riipablikaanooti sagalee kennaniiru.

    Murtichaan booda bulchaan Teeksaas kan warra Riipablikaanootaa, Gireeg Aboot ''miseensoonni mana maree ummanni Teeksaasi itti gaafatamummaa itti kenne barbaadamanii akak to'atamaniifi akka mana marichaatti deebiifaman'' jechuun humnoota nageenyaatiif ajaja dabarsaniiru.

    Miseensoota mana maree Dimokiraatoota kanneen guyyaafi sa'aatii itti mana marichaatii hafan ereeggunis malaammaltummaan akka isaan himananis bulchaan kun itti dabaluun himaniiru.

    Wixineen seeraa naannoolee filannoo irra deebiin caaseechu kunis mana maree bakka bu'oota ummata Waashingitan DC'n teessuma dabalataa shan deeggartoota riippablikaanootaatiif akka kennan ni mijeessa.

    Mana marichaa keessatti Riipablikaanooti teessoo muraasaan dursuun hogganu.

    Wixinicha raggaasisuuf miseensoota mana maree 150 keessaa yoo xinnaate harka sadii keessaa lama argachuu qabaata.

    Erga dimokiraatoonni 50 Teeksaas keessaa bahanii boda osoo kenniinsi sagalee hanga barbaadame hin guutuun hafe. Irra caalaan dimikraatootaa gara Elnooyisiitti baqatan jedhameera.

  2. Netaaniyaahuun Gaazaa guutummaatti humnaan qabachuuf yaada dhiyeessuuf- miidiyaa biyyattii

    Beenjaamiin Netaaniyaahuu

    Madda suuraa, Reuters

    Ministirri Mummee Israa'el Beenjaamiin Netaaniyaahuun yeroo kaabinee nageenyaa waliin wal-gahu Gaazaa guutummaatti humnaan qabachuuf yaada dhiyeessuuf jira jechuun miidiyaan Israa'el gabaase.

    ''Murtoon darbeera. Gaazaa guutummaatti ni weerarra- Hamaas ni injifanna,'' jechuu gaazexeessitoonni qondaala olaanaa eeruun dubbatan.

    Hogganooti waraanaa garuu karoora kana mormaniiru jedhan hogganaan olaanaa maqaan isaanii hineeramne. Qondaalli kuni ''hogganaan waraanaa karoorri kuni yoo tahuufi dide aangoo haa gadhiisuu,'' jedhan.

    Maatiin namoota Hamaasiin butamanii garuu murtoon akkasii firoota isaanii 50 keessaa 20 ammallee Gaazaa keessa lubbuun akka jiran amanamu balaarra buusa jedhu.

    Namoota Israa'el afur keessaa sadii waliigaltee dhukaasa dhaabuun maatiin isaanii butaman akka deebi'an barbaadu.

    Michoonni Israa'el baayyee waliigalteen dhukaasa dhaabuu akka tahu akkasumas rakkoon namoomaa aka hir'isu waan fedhanii tarkaanfii kana balaalleffachuu malu.

  3. Nasa'n bara 2030tti meeshaa dalagaa niwkilaaraa to'atu Addeessarra kaa'uufi

    Addeessaa niwkilaara ri'aaktarii

    Madda suuraa, NASA

    Nasa'n karoora Ameerikaan meeshaa dalagaa niwkilaaraa to'atu bara 2030tti Adeessarra kaa'uuf jettu akka ariifachiisu hime.

    Dhala namaaf Addeessara iddoo jireenyaa ijaaruun qaama abjuu Ameerikaati.

    Akka miidiyaan Poolotikoo gabaasetti Chaayinaafi Raashiyaan karoora wal-fakkaataa akka qaban hogganaa Nasa bakka bu'ee namni hojjechaa jiru dubbateera.

    Biyyooti lameen kunneen ''Adeessarratti daangaan kuni kan kooti jedhanii labsuu fa'i danda'u,'' jedhan.

    Tahus gaaffiin yoomiifi kaayyoon kun qabatamaan lafa bu'uu danda'aa kan jedhu deebii hin arganne. Nasa'n baajata hir'isuu hordofee saayintistoonni dhimmichi siyaasaan oofamaa jira yaaddoo jedhu kaasu.

    Biyyoonni kanneen akka Chaayinaa, Ameerikaa, Hindii fi Jaappaan Addeessarra qubachuu barbaaduu qofa osoo hin taane dhaabbataan namootni achi akka jiraatan barbaadu.

  4. Namoonni Viizaa Ameerikaaf iyyatan dol. 15,000 akka qabsiisan gaafatamuuf

    Viizaa Ameerikaa

    Madda suuraa, Getty Images

    Sagantaa yaalii torban lama keessatti hojiirra oolfamuu eegala jedhame kun doowwattoota yeroo viizaa isaaniitiin ol turani ittisuuf kan kiyyeeffate ta'un ibsameera.

    Biiroon dhimma alaa Ameerikaa beeksiisan kana kan baasee namoonni hedduun gara biyyattii seenuuf adeemsa taasisan rakkiisaa ni taasisa jedhameera.

  5. Maallaqi abbaa qabeenyaa Niiwkaasil Liivarpuul jifataa akka bitu gargaaruu malaa?

    Daarwin Nuunez (bitaa) fi jifataa Niwkaasil Aleeksaandar Isaak

    Madda suuraa, Getty Images

    Ibsa waa'ee suuraa, Daarwin Nuunez (bitaa) fi jifataa Niwkaasil Aleeksaandar Isaak

    Liigiin Sa'udi Arabiyaa ganna kana bakka qubannaa jifataa Liivarpuul Daarwin Nuunez ta'uu mala.

    BBC Sport akka odeeffateetti taphataan lammii Uraagaay gara Giddugala Bahaatti deemuuf akka jedhuufi dalaaloti waliigaltee kana xumuruuf cimanii hojjetaa jiru.

  6. Yakka gudeeddiin kan himatame Toomaas Paartee wabiin gadhiifame

    Toomas Paartee mirga wabiin gadhiifame

    Madda suuraa, Getty Images

    Ibsa waa'ee suuraa, Toomas Paartee mirga wabiin gadhiifame

    Taphataan duraanii Arsenaal Toomaas Paartee yakka gudeeddii shanii fi miidhaa saalaa tokkoon himatame mirga wabii argate.

    Taphataan Gaanaa ganna 32 tahe kun mana murtii Westiministeritti dhiyaachuun har'a mirgi kun kabajameefi.

    Toomaas Paarteen yakka gudeeddii shaniin himatamee qoratamaa ture.

    Dubartoota lama gudeeduun kan himatame taphataan duraanii Arsenaal kun dubartii biraa irra miidhaa saalaa dhaqabsiiseera jedhamee himatame.

    Yakki kun bara 2021 fi 2022 gidduutti raawwate jedhame. Yeroo sana Arsenaaliif taphataa ture.

    Arsenaal gadhiisee guyyaa afur booda himati irratti baname.Paarteen kontiraanni Arsenaal waliin qabu xumuramnaan kilebicha gadhiise.

    Beellamni mana murtii isaa Fulbaana 2 bara 2025tti qabameera. Garuu imala kamiyyuu yeroo taasisu poolisii beeksisuu qaba.

    Toomaas Paartee yoo bakka jireenyaa dhaabiidhaan jijjiire ykn imala taasisu poolisiitti beeksisuu qaba.

    Dubartoota sadan isa himatan qunnamuuf garuu mirga hin qabu jedhame.

  7. Gidiraa lammiileen Itoophiyaa imala galaanarratti argan

    Ulaa godaantonni Gaanfa Afrikaa itti imalan
    Ibsa waa'ee suuraa, Ulaa godaantonni Gaanfa Afrikaa itti imalan

    Godaantonni Gaanfa Afrikaa irraa gara biyyoota Galoo Galaanaatti imalan Galaana Diimaa fayyadamuun gara Yamanitti erga ce'anii booda achirraa godaanu.

    Wayita gara Yamanitti ce'an Galaana Diimaa irratti, erga Yaman ga'aniis hidhattootaan dararaa hamaa argu.

    Kanneen du'an fi achi buuteensaanii kanneen dhabame keessa lammiileen Itoophiyaa hedduutu jiru.

  8. Haleellaa daangaa Oromiyaafi Sidaamaa daangessutti lubbuu galaafate

    Kanneen haleellaa raawwateen miidhaman keessaa
    Ibsa waa'ee suuraa, Naannoon Oromiyaa naannolee Itoophiyaa danuu daangessa

    Haleellaa tibbana daangaa Godina Arsii Lixaa fi Naannoo Sidaamaa gidduutti mudateen lubbuun namootaa darbuu fi namoota kaan irra miidhaan qaamaa qaqqabuu BBCn jiraattotaafi aanga'aa naannichaarraa odeeffate.

    Naannolee garagaraa waliin kan wal daangessu Naannoon Oromiyaa yeroo adda addaatti dhibdee dangaan miidhaan dhaqqabaa jira.

  9. Tiraamp boba'aa Raashiyaa bitte jechuun Indiyaa irratti qaraxa dabaluuf dhaadatan

    Ministira Muummee Indiyaa Naareendiraa Muudii fi Pirezidant Tiraamp

    Madda suuraa, Reuters

    Michummaa Pirezidant Putiin waliin cimsatanii kan turan Pirezidant Tiraamp amma ammoo Raashiyaarratti xiyyeeffachuu eegalaniiru.

    Indiyaan sababa isheen boba'aa Raashiyaa bitteef qaraxa dabalataan doorsisaa jiru.

    Doorsisi Tiraamp kun ''sababa ga'aa kan hin qabne'' jechuun kan himatte Indiyaan dantaa diinagdee ishee eeguuf duubatti akka hin jenne ibsiteetti.

    Tarkaanfiin Tiraamp dhibdee diinagdee biyyoota lameen gidduutti hammeessa jechuunis Ameerikaa akeekkachiifte.

    Indiyaan boba'aa hedduu Raashiyaarraa bituu qofa osoo hin taane maallaqa guddaas irraa buufattee gurguraa jirti jechuun miidiyaa hawaasummaasaaniirratti barreessan Tiraamp.

    ''Waa'een lammiilee Yukireen meeshaalee waraanaa Raashiyaan du'aa jiranii dhimmasaanii miti,'' jedhan Tiraamp.

    ''Sababa kanatti qaraxa Indiyaan Ameerikaadhaaf kaffaltu akkaan nan dabala.''

    Dubbi himaan ministeera dhimma alaa Indiyaa biyyisaanii dantaa biyyaalessaa fi nageenyummaa diinagdee ishee tiksuuf tarkaanfii barbaachisaa akka fudhattu ibsan.

    Tiraamp Jimaata darberraa eegalanii Raashiyaa fi biyyoota Raashiyaarraa boba'aa bitan irratti qaraxa guddaa ta'e akka dabalan dubbataniiru.

    Tarkaanfii kanas kan fudhatan yoo Raashiyaan waraana Yukireen dhaabuu baatte akka ta'e ibsan.

    Pirezidant Putiin akeekkachiisa Tiraamp kanaaf waan bakka kennan hin fakkaatan.

    Indiyaanis doorsisa daballii qaraxaa Tiraamp dhiheessan kanaan duubatti osoo hin jedhin ammallee boba'aa hedduu Raashiyaarraa bituu itti fufteetti.

    Erga waraanni Yukireen jalqaba 2022 eegalee as biyyoonni lixaa Indiyaa michummaa Raashiyaa akka dhaabdu ykn akka irraa fagaattu dhiibbaa uumaa jiru.

    Indiyaan garuu hariiroo diinagdee seena qabeessa Raashiyaa waliin qabdu adda kutuu akka hin dandeenye ibsiti.

  10. Hambaan horii Bara Meetii holqa keessa argame

    Holqa keessa hambaan horii durii argame

    Madda suuraa, Yorkshire Dales National Park Authority

    Hambaan horii durii Bara Meetii (Bronze Age) turan holqa Yorkishaayer Deels keessatti arikiyolojistootaan argame.

    Qorattoonni kanneen holqa abuuran waliin dalagan haftee horii durii amma lafarraa badan, auroch, jedhaman argataniiru.

    Qorattoonni bakki sana kana dura namoonni bakka owwaalchaattis itti dhimma bahuu ragaa agarsiisu argachuu isaanii dubbatani.

    Dubbii Himaan akka jedhanitti, ragaan kuni holqi kuni bara durii maaliif oolaa akka ture mul'iseera.

    Gabaasa kanatti dhihaatu:

  11. Chaayinaan namoonni 7,000 vaayirasii Chikunguyaa qabamuu beeksiste

    Aangawoonni vaayirasiin kuni akka hin babal'anne ''tarkaanfii jabaa'' fudhachuu beeksisaniiru

    Madda suuraa, Getty Images

    Ibsa waa'ee suuraa, Aangawoonni vaayirasiin kuni akka hin babal'anne ''tarkaanfii jabaa'' fudhachuu beeksisaniiru

    Chaayinaa keessatti vaayirasiin busaadhaan walqabatee dhufu namoota 7,000 irratti mul'achuu aangawoonni gabaasan.

    Taateen kuni eega baatii Waxabajjiitii eegalee bulchiinsa Chaayinaa Guwaandong jedhamu keessatti mul'ate.

    Magaalaa Foshaan keessatti namoonni dhibee Chikunguyaan qabaman hospitaala keessa tursiifamuu qabu.

    Turtii torban tokko booda yookiin erga qoratamanii bu'aan qorannoo isaanii negatiiva agarsiise booda hospitaala keessaa bahu.

    Bookeen busaa yeroo nama hidditu kan babal'atu dhibeen kuni akka qufaa nama dhukkubsa, buusaa qaamarrattis nama dhukkuba.

    Takka takka waggaaf turuu danda'a.

    Dhibeen kuni Chaayinaa keessa baay'ee baramuu baatus biyyoota Afrikaa muraasa, akkasumas biyyoota Kibbaafi Kibba Bahaa Eeshiyaa keessa bal'inaan beekama.

  12. Abbaan alangaa waliigalaa US qorannoo Tiraamp fi Raashiyaa irratti dhaddacha ajaje

    Paam Boondiin

    Madda suuraa, AFP

    Abbaan alangaa waliigalaa Ameerikaa Paam Boondiin himannaa shira Raashiyaageetii jedhamun Doonaald Tiraamp yeroo dheeraaf diinota siyaasaatiin maqaa na balleessuuf kan qophaa'e jedhanii himatan irratti himannaa seeraa akka banan ajaja dabarsan.

    Boondii abbaan alangaa federaalaa himannaa cimaa irratti akka banamuuf ajajuushee michuun BBC Ameerikaa 'CBS News' gabaaseera.

    Haata'u malee, himannaan dhiyaachuu danda'u maal ta'uu akka danda'uu fi eenyuun himatamuu akka danda'u ifa miti.

    Ji'a darbe Daarektarri Odeeffannoo Biyyaalessaa Ameerikaa Tulsi Gabaard, Pirezidantii duraanii Baaraak Obaamaa fi gareen nageenya biyyaalessaa isaanii "fonqolcha waggoota dheeraaf" Tiraamp irratti raawwataniiru jechuun himattee turte, yeroo gabaasa iccitii hin qabne Dimookiraatonni soba jedhanii moggaasan gadhiisteetti.

    Gabaard basaasaa waa'ee Raashiyaan filannoo Waayit Haawus bara 2016 gidduu seenuunshee Waayit Haawus Obaamaatiin siyaasa ta'e jedhamee Tiraamp Raashiyaa waliin walitti hidhuuf sobaan dhiyaate jechuun himatan.

    Tiraamp ammoo deebii kennaniin Obaamaan ''gantuudha'' jechuun himatan.

    Dubbi himaan Obaamaa himannaa sanaan ''waan ajaa'ibaati'' jedheera.

    Dimookiraatonni argannoo Gabaard keessaa wanti madaallii basaasaa Ameerikaa Ammajjii 2017 Raashiyaan duula filannoo Hilarii irratti miidhaa geessisuu fi sagalee ji'a sadii dura Tiraamp guddisuuf barbaadde jechuun xumure seera qabeessa hin miti jedhan.

    Gabaasni paartilee sabdaneessa koree basaasaa Seenetiin bara 2020 baase akka agarsiisutti, Raashiyaan duula filannoo Tiraamp bara 2016 gargaaruuf yaaltee turte.

    Haata'u malee, ji'a darbe daayreektarri basaasa biyyaalessaa dhimmicha himannaa dhiyaachuu malu ilaaluuf gara kutaa haqaatti dabarseera.

  13. Qondaalli waraana Indiyaa hojjettoota daandii xiyyaaraa reebe jedhamuun qoratamaa jiru

    QOndaala waraanaa Indiyaa hojjataa xiyyaara reebe

    Madda suuraa, Getty Images

    Poolisiin Bulchiinsa Kaashimiir kan Indiyaa jala jirtu, qondaalli waraana Indiyaa hojjettoota daandiin xiyyaaraa tokko, erga shaanxaa hayyamamu olitti kaffaluuf gaafatamee booda, rukute jedhame irratti qorannoo baneera.

    Taatee kun kan raawwatame Adooleessa 26, 2025 buufata xiyyaaraa Siriinaagaar keessatti yoo ta'u, erga viidiyoon namichi hojjettoota lafaa 'SpiceJet' ijjataa sibiilaatiin rukutu agarsiisu toora interneetii irratti vaayirasii ta'e booda, dhuma torban darbee mata duree oduu ta'eera.

    Dhaabbatichi akka jedhetti, hojjettoota dhaabbatichaa keessaa tokko reebicha irra gaheen ''caba lafee dugdaafi miidhama cimaa laagaarra'' irra gaheera.

    Qondaalli waraanaa, Riteesh Kumaar Siing, himannaa irratti dhiyaate haaleera.

    Akkasumas, hojaattoota xiyyaarichaatiin miidhaan narra gaheera jechuudhaan poolisiitti himannaa dhiyeessuun isaa himameera.

    Waraanni Indiyaa kun taatee kana ilaalaa akka jiru ibsuun, bu'aa qorannoo kanaa irratti hundaa'uun tarkaanfii dabalataa irratti akka murteessu ibseera.

    Waajjirri hariiroo hawaasaa isaa Dilbata darbe, ''Waraanni Indiyii sadarkaa naamusaa fi naamusaa olaanaa kabajuuf kutannoo qaba, himannaa hunda akka ciminaatti ilaala,'' jedheera.

    SpiceJet'n ibsa baaseen, taatee kun kan raawwatame yeroo Mr Singh balalii gara Delhii Srinagar irraa gara Delhiitti imaluutti mudate jedheera.

    Daandiin xiyyaaraa kun akka jedhetti, Mr Siing mi'a kaabinii daangaa hayyamame dachaa lama ulfaatu qabatanii deemaa turan.

  14. Tansaasa kallattii har'aatiin deebiineera!

    Hordoftoota BBC Afaan Oromoo harka fuunee bakka jirtan maratti.

    Tamsaasa kallattii kan ittiin odeessaalee ijoo addunyaa mara irraa gagabaabsiinee isin biraan geenyu kunoo amma eegalleerra.

    Odeessaalee kaan bal'inaan argachuuf ammoo Facebook keenya, marsariitii keenya, ykn WhatsApp keenya akkasumas YouTube keenya millachuu hin dagatiinaa.

    Bakka nagaa oolaa.

  15. Dubartiin shaanxaa ishee keessaa daa'imni waggaa lamaa argamnaan hidhaa buute

    Shaanxaa

    Madda suuraa, Getty Images

    Niiw Ziilaanditti dubartiin shaanxaa ishee keessatti daa'ima dubaraa waggaa lamaa baattee otoo atoobisiidhaan deemtuu qabamtee hidhamte.

    Dilbata kaleessaa kaaba biyyattii dhaaba konkolaataa Kaayiwaakaa jedhamutti imalaan tokko shaanxaan haa banamu jechuun booda poolisiin waamame.

    ''Konkolaachisaan erga shaanxicha keessaa waan socho'u arguun booda yaadda'ee bane jennaan daa'ima waggaa lamaa arge,'' jedhe poolisiin ibsa baaseen.

    Dubartiin ganna 27 to'annoo jala ooluun daa'ima akka malee qabachuun himatamteetti.

    Daa'imni hospitaala geeffamte, gubaa qaamaan alatti fayya-qabeettii tahuun himameera.

    Hariiroon daa'ima kanaafi dubartittii hamma yoona hin ibsamne.

  16. Dr. Girmaa Amantee UNtti bakka bu'aa dhaabbataa Gamtaa Afrikaa tahan

    Dr. Girmaa Amantee UNtti bakka bu'aa dhaabbataa Gamtaa Afrikaa tahan

    Madda suuraa, ENA

    Ibsa waa'ee suuraa, Dr. Girmaa Amantee UNtti bakka bu'aa dhaabbataa Gamtaa Afrikaa tahan

    Dr. Girmaa Amantee UN fi Dhaabbata Daldalaa Addunyaatti bakka bu'aa Gamtaa Afrikaa tahuun muudaman.

    Pirezidaantii Yuunivarsiitii Haroomaayaa kan turan Dr. Girmaa Amantee Jiniivaatti bakka bu'aa Gamtaa Afrikaa tahuun muudamuu isaanii Ministeerri Haajaa Alaa Itoophiyaa beeksiseera.

    Ministeerichi muudama kanaaf Dura Taa'aa Gamtaa Afrikaa tahuun dhiyeenya kan filaman Mahaammud Alii Yuusuf galateeffateera.

    Muudamni Dr. Girmaa Amantee kun shoora Itoophiyaan sadarkaa idil-addunyaatti Afrikaa bakka bu'uuf qabdu agarsiisas jedhe.

    Dr. Girmaa Amantee dhiyeenya ministira qonnaa tahuun tajaajilaniiru.

  17. Teeslaan hogganaasaa Iloon Maask doolaara biiliyoona 29 badhaase

    Iloon Maask

    Madda suuraa, Getty Images

    Teeslaan hogganaan olaanaasaa Iloon Mask dhaabbaticha akka hin gadhiisneef jecha bua'aa qooda kaampaanichaa doolaara biiliyoona 29 baadhaase.

    Bara 2018 yeroo qooda maallaqaa biiliyoona 50 argatu qooddattoota dhaabichaa biroof 'haqa miti' jechuun dhaddachi Ameerikaa kufaa godhee ture.

    Maask murtoo dhaddacha Deelweer irratti bara 2024 ol-iyyanoo dhiyeesse ture, kanaanis Teslaan qooddattoota kaampaanichaa Ilooniif doolaara biiliyoona 29 badhaasuun ''Iloon hogganaa olaanaa tahee akka turuuf wabii dha,'' jedhe. Dabaluunis ''keesumaa yeroo dhiibbaan hubannoon nam-tolchee akkaan jabaatee jirutti'' barbaachisummaan isaa murteessaa tahuu hime.

    Badhaasni kuni kaampaani konkolaataa kan keessatti aangoo sagalee kennuu Iloon ni jabeessaa jedhe.

    Kaampaanichi Iloon daldala bu'aa buusu ijaaruun ''seenaa hojiin mirkanaa'e qaba,'' jedhe.

  18. Raashiyaan isa Tiraamp niwkilaaraa galaana jalaa lama biyyattiitti siqsaa jedhan busheessite

    Niwkilaara galaana jalaa

    Madda suuraa, Bloomberg via Getty Images

    Waajirri mootummaa Raashiyaa Kireemliin isa Donaaldi Tiraamp niwkilaarri galaana jalaa lama gara Raashiyaattii haa dhiyaatan jedhan busheesse. Moskoon atakaaroo keessa galuu hin feetu jedhe.

    Pireezidantiin Ameerikaa Jimaata darbe yaada kennuun booda, dubbii himaan Kireemliin Dimiitrii Peeskoov, waraanni galaana jalaa Ameerikaa ergamarra akka ture himuun, muddamni homaa akka hin turre himan.

    ''Dubbii wal-xaxaafi eeggannoo barbaadutu marii'atamaa jira, danuun namaa waan kana miiraan hubata,'' jedhan Peeskoov. ''Haasaa niwkilaaraa akkasii irratti namuu of eeggannoo akka qabaatu,'' jedhan.

    Ergamaan addaa Ameerikaa Istiiv Wiitkoof Roobii dhufu Raashiyaa akka daawwatan ni eegama jechuun miidiyaan Raashiyaa gabaaseera.

    Torbee darbe Tiraamp, ''niwkilaarri galaana jalaa iddoo sirrii akka kaa'amu'' jechuun ajajanii ture.

    Pireezidantiin duraanii Raashiyaa Dimtrii Medveedeev ''jecha nama mufachiisu'' dubbatan jechuun deebii kana kan kennan.

  19. Qondaaltonni Israa'el duraanii 600 tahan Tiraamp waraana Gaazaa akka dhaabuuf iyyatan

    Namoota Israa'elitti hiriira bahan

    Madda suuraa, EPA

    Qondaaltonni nageenyaa sooruma bahan 600 tahan Israa'el hogganaa tikaa duraanii dabalatee Tiraamp'tti iyyata barreessuun waraanni Gaazaa battaluma akka dhaabbatuufi Israa'el irratti dhiibbaa akka godhan gaafatan.

    ''Ilaalcha amma qabnuun Hamaas kana booda yaaddoo tarsiimawaa fidu hin qabu,'' jedhan qondaalonni kunneen.

    ''Amanamummaan kee lammiilee Israa'el baayyee biratti olaanaa waan tahee fi dandeettiin Netaaniyaahuu, mootummaasaa karaa sirrii irra qajeelchuuf qabduun: Waraana kana dhaabsisii, kan butaman haa deebi'anii,gidiraan haa dhaabbatu,'' jechuun barreessan.

    Iyyanni isaanii kun yeroo Netaaniyaahun oppiresshinii waraanaa gara Gaazaatti bal'isuuf akka dhiibaa jiruufi mariin dhukaasa dhaabuu al-kallattii Hamaas wajjin adeemaa jira gabaasni jedhu yeroo bahaa jirutti dhagahame.

    Waraanni bara 2023 erga jalqabee Israa'el Gaazaa keessatti namoota 60,000 ajjeesuu ministeerri fayyaa Hamaasiin hogganamu gabaaseera.

  20. Waajjirri muummee Waldaa Addeessa Diimaa Gaazaatti argamu waraana Israa'eliin haleelamuu hime

    Gamee Waldaa Addeessa Diimaa Filisxeeme haleellaan miidhame

    Madda suuraa, Palestine Red Crescent Society

    Waldaan Addeessa Diimaa Filisxeem waraanni Israa'el waajira isaa muummee Gaazaatti argamurratti haleellaa raawwateen hojjetaan gargaarsaa tokko ajjeefamee sadii ammoo madaa'uu beeksise.

    Haleellaan Dilbata raawwatame kun "abiddi akka gamoo waajirichaatti qabatu" gochuu dhaabbanni gargaarsaa kun himeera.

    Haleellaan waajira Muummee Waldaa Addeessa Diimaa kibba magaalaa Gaazaa, Kahaan Yuniisitti argamurratti Israa'eliin raawwatame kun "ta'e jedhee kan raawwatame" akka ta'e dhaabbatichi ibseera.

    Waldaan Adeessa Diimaa akka jedhutti, Waajirri Muummee isaa kun Israa'eliin kan beekamuufi akka eegumsaatti kan ilaalamu hasxaa diimaa ifa ta'e qaba.

    Humni ittisaa Israa'el gamasaatiin, gabaasa gamoon Waldaa Addeessa Diimaa miidhameera, akkasumas namoonni Kahaan Yuniis keessa jiraatan walitti bu'insa keessatti hin hirmaanne miidhamaniiru jedhu gamagamaa jiraacuu BBCtti hiera.