
Madda suuraa, AFP via Getty Images
Ministirri Muummee Israa'el Beenjaamiin Netaaniyaahuu kaleessa qondaalota nageenyaa olaanoo waliin walgahii gaggeessanii turan.
Kun ammoo erga miidiyaaleen aanga'aa Israa'el maqaan ni eeramne garuu Netaniyaahuu mataasaa ta'a jedhamee bal'inaan amanamu waabeffachuun ministirri muummichaa bakka Filisxeemonni miliyoona lamaa ol jiraatan Gaazaa keessatti oppereeshinii waraanaa babal'isuun guutummaatti qabachuuf murteessuu gaabaasanii guyyaa tokkoon boodaa.
Akka miidiyaaleenIsraa'el gabaasanitti, Netaniyaahuufi yaada guutummaatti Gaazaa qabachuu jedhu kan mormu ajaja olaanaa Lt. Jeneraal Eyaal Zamiir gidduutti jechoota jajjaboo walitti deebisuun tureera.
Raadiyoon Kaan akka gabaasetti, "Gaazaa Istiriip guutummaatti weeraruun kiyyoo keessa galuufi lobbuu namoota butamaniifi loltootaa balaaf kan saaxiludha" jechuun walga'icharratti dubbate.
Taateen kun ammoo qoqqoodama hoggantoota siyaasaafi waraanaa gidduutti dhalateera jedhamaa jirudha.
Kanaan dura, hoggantoonni waraanaa Hamaas kanaan booda akka humna waraanaa gurmaa'eetti yaaddoon uumuu danda'u hin jiraatu jechuun hojii isan Gaazaa keessatti hojjetan dhumachuu dubbataniiru.
Maatiin namoota booji’amanii sochiin waraanaa babal’achuu akka danda’u gabaafamuun booda aariidhaan deebii kennaniiru. Waraanni kun kutaalee Gaazaa bakka namoonni booji’aman itti qabaman jedhamee amanamu seenuunisaa hin oolu.
Tarsiimoon mootummaan dhiibbaa waraanaa Hamaas irratti godhuun gadhiifamuusaaniif wabii ta’uu waan dadhabeef, booji’amtoota 20 lubbuun jiru jedhamee yaadamu baraaruuf yeroon dhumaa jira jedhu.
Yaadni sassaabame akka agarsiisutti, ummanni Israa’el harki guddaan waliigaltee Hamas waliin taasifamuun waraanni akka xumuramu ni deggeru.
Namoonni as jiran hedduun Netaaniyaahuun Gamtaa, kan deeggarsa ministeerota leellistoota ta'an yoo waliigalteen Hamas waliin jiraateef mootummaa isaa gadhiisuuf doorsisan irratti hirkatee jiraachuu mirkaneeffachuuf waldhabdee dheeressaa jira jedhanii amanu.

Madda suuraa, Reuters
Guutummaatti qabachuu jechuun hojii yeroo gabaabaa ykn yeroo
dheeraa fudhatu ta'uusaa ifa miti.
Tilmaamni kun qaama tooftaa
Hamaas waliigaltee dhukaasa dhaabuu fi booji’amtoota gadhiisuuf marii dhaabbaterratti laafinaa akka kennu dhiibbaa gochuuf taasifamuu ta’uu danda’a.
Garuu ministiroonni Itamaar Been-Gaviir fi Bezaleel Ismootich Filisxemota Gaazaa keessaa ari’uu - kunis lammiilee nagaa dirqiin buqqisuu,
yakka waraanaa ta’uu danda’a - fi Yihudoota waliin qubachiisuun ifatti
falmaniiru.