Israa'el Gaazaa qabachuun 'waraanicha xumuruu fi Hamaas injifachuuf karoora gaariidha'- Neetanyahuu

Kora ariifachiisaa UN dursuun Neetaanyaahuun ibsi kennaniin Israa'el Gaazaa qabachuun 'waraanicha xumuruu fi Hamaas injifachuuf karoora gaariidha' jedhan.

Guduunfaa

  • Awustiraaliyaan Fulbaana keessa biyya Filisxeemiif beekamtii kennuuf
  • Israa'el Gaazaa qabachuun 'waraanicha xumuruu fi Hamaas injifachuuf karoora gaariidha'- Neetanyahuu
  • Kaabineen nageenyaa Israa'el karoora magaalaa Gaazaa to'achuu raggaasiseera
  • Awustiraaliyaan Israa'el akka magaalaa Gaazaa hin to'anne akeekkachiiste
  • Netaaniyaahuun karoorasaa Gaazaa irratti maal jedhe?
  • 'Hamaas buqqisuun waggaa lama fudhachuu danda'a'
  • Oduufi xiinxala BBC'f marsariitii, Facebook, WhatsApp fi YouTube keenya mil'adhaa.
  • Toora tamsaasa kallattii kaanaan duraarraa odeeffannoo argachuuf

Haguuggii Tamsaasa Kallattii

  1. Gaazaa keessatti loltoota Hamaas meeqatu hafeera?

    Loltoota Hamaas

    Madda suuraa, EPA

    Ibsa waa'ee suuraa, Loltoota Hamaas

    Onkoloolessa 7 bara 2023 yeroo hamaas Israa'el rukute loltoonni Hamaas gara 20,000 hanga 30,000 tahan Gaazaa keessa jiru jedhe gabaasaan BBC Jooy Inwuud.

    Amma Israa'el lakkoofsi loltoota kanaa gara 18,000tti xiqqaatera jetti. Gabaasaan BBC kun dubbii Antooniyoo Biliinken kaan duraa fayyadamuun ibse.

    Hamaas waraana kana fayyadamuun loltoota baay'ee leenjiseera jedhan. Sababni siaa aarii israa'el irraa kan ka'e namoonni hedduu waranaatti akka makaman taheera jedhan.

    Israa'el hoggantoota Hamaas hedduu fixxeetti. Ilaalcha siyaasaa isaanii garuu ajjeesuu hin dandeenye jedhe Inwuud.

  2. Beeljiyeem ambaasaadara Israa'el waamtee dubbiste

    Biyyoonni addunyaa murtoo Israa'el Gaazaa qabachuuf raggaasifte morman

    Madda suuraa, Reuters

    Ibsa waa'ee suuraa, Biyyoonni addunyaa murtoo Israa'el Gaazaa qabachuuf raggaasifte morman

    Yeroo murtoo Israa'el hordofuun biyyoonni addunyaa gurguddoon mormaa jiranitti Beeljiyeem ambaasaadara Israa'el waamuun dubbiste.

    Saawud Arabiyaan ''karoora Israa'el gaazaa qabachuuf baaste guutummaan guutuu nan morma'' jette.

    Dabaluun yakka uummata beelessuu, sanyii isaanii lafarraa balleessuu obboloota keenya Filisxeem irratti raawwatu ni balaaleffanna jette Saawud Arabiyaa.

    Poorchugaal murtoo Israa'el kanaan guddaa yaadda'uu himuun, kun tattaaffii dhukaasa dhaabuuf taasifamu fashaleessa jette.

    Joordaan karoora Israa'el kana mormuun, kun itti fufinsa imaammata mankaraarsaa Israa'el beelaa fi uummata marsuu akka meeshaa waraanaatti fayyadamuuti jette.

    Chaayinaan lafti Filisxeemoota kanuma Filisxeemidha. Isaaniin adda baasuun hin danda'amu'' jette.

    Deenmaark Israa'el murtoo ishee kana irra deebiin ilaaltee akka kaastu gaafatte.

  3. Tiraampi karoora Israa'el Gaazaa guutummaan qabachuuf jettu beekuu?

    JD Vaansii fi Min Dhimma Alaa UK, Deevid Leemii

    Madda suuraa, Reuters

    Ibsa waa'ee suuraa, JD Vaansii fi Min Dhimma Alaa UK, Deevid Leemii

    Itti aanaan pirezidaantii Ameerikaa JD Vaansi, kaayyoon US inni jalqabaa ''Hamaas lammiilee Israa'el nagaa kana booda haleeluu akka hin dandeenye mirkaneessudha'' jedhan.

    ''Kun ammoo kan mirkanaa'u Hamaasiin guutummaan balleessuudhaani'' jedhan.

    Vaansi Tiraampi murtoo Israa'el kana beekuu jedhamanii yoo gaafataman, marii mootummaa US fi Israa'el gidduutti gaggeeffame ibsuu akka hin barbaanne himan.

    Itti dabaluun Tiraamp rakkoo kana ni fura jedhanii, kaayyoon isaanii ''Hamaasiin dhabasiisuu fi rakkoo dhiyeessii namoomaa furuudha'' jedhan.

    MM UK, Kiir Istaamer torbe torbeen waa'ee Baha Gidduugaleessaa irratti yaaddoo qaban Tiraamp waliin dubbachaa turuu Ministirri Dhimma Alaa UK, Deevid Leemii himan.

  4. 'Uummanni Gaazaa hunduu ajjeefamuu danda'a- Jiraattota

    Dubartii Gaazaa yaaddoo qaban BBCtti himan
    Ibsa waa'ee suuraa, Dubartii Gaazaa yaaddoo qaban BBCtti himan

    Jiraattonni Gaazaa BBC Afaan Arabaatti akka himanitti karoorri Israa'el Gaazaa guutummaan qabachuuf qabdu ''murtoo du'aa lammiilee Filisxeem hunda irratti darbedha'' jette.

    Dubartiin tokko yoo dubbatan ''akkan yaadutti uummanni Gaazaa hundi ajjeefamuu malu, kun ammoo boombii Israa'eliin ykn beekaan taha'' jette.

    Jiraataan gara biraa tokko akka jedhanitti, ''kana booda bakka tokkoo gara bakka biraatti socho'uun hin danda'amu.''

    ''Uuummata kanaaf gameera. ammas ammas qe'eerraa buqqa'uun nuffisiiseera, dadhabsiiseera. Ijoollee keenyaaf nyaata kenninu hin qabnu'' jedhe.

    Jiraataan gara biraa ammoo ''nuyi Hamaas irraa homaa hidhata hin qabnu'' jedhe.

    Israa'el Hamaas injifachuuf jecha uummata Gaazaa kaampii tokkottan galcha jette.

  5. Biyyoonni addunyaa gurguddoon murtoo Israa'el Gaazaa fudhachuuf jettu akkamiin deebii kennan?

    Dahannoo Filisxeemota humna waraanaa Israa'eliin buqqa'anii

    Madda suuraa, Getty Images

    Ibsa waa'ee suuraa, Dahannoo Filisxeemota humna waraanaa Israa'eliin buqqa'anii

    Jarman fi UK'n biyyoota murtee Israa'el kana morman keessaati. Inumaayyuu Jarman kana booda meeshaa waraanaa Israa'elitti hin gurguru jette.

    Wantoonni jedhaman gabaabinaan kana fakkaatu:

    • Ministirri muummee Israa'el murtee Gaazaa guutumaan qabachuu kaabinee isaaniin raggaasisuu himan.
    • Chaansilarri Jarman Fireederik Merz mootummaan isaanii meeshaa waraanaa tokkoyyuu akka gara Israa'eliitti ergamuuf akka hin eeyyamne ibse.
    • MM UK, Kiir Istaamer, haala Gaazaa keessaa hammeessa jedhanii Israa'el irra deebiin murtoo ishee akka ilaaltu himan.
    • UNtti hogganaan mirgoota namoomaa Voolker Turk, murteen kun humnaan qe'ee irraa buqqisuu, ajjeechaa guddaa, yakka waraanaa fi miidhaa haga ;kana hin jedhamneef fidee dhufa jechuun balaaleffatan.
    • Israa'el keessaa maatiin namoota Hamaasiin butamanii murteen kun ''lubbuu firoota keenyaa inumaayyuu balaarra buusa'' jechuun sodaa qaban ibsan.
  6. Abbaas karoorri Israa'el 'balaa namoomaa kanaan dura hin argamne' fida jedhu

    Pirezidantii Filisxeem Mahmuud Abbaas

    Madda suuraa, Reuters

    Waajjirri pirezidaantii Abbaa Taayitaa Filisxeem Mahmuud Abbaas, murtee kaabinee nageenyaa Israa'el dabarse balaaleffachuun, "yakka guutuu" fi seera addunyaa kan cabsuudha jedheera.

    Pirezidaantichi ibsa baaseen, tarkaanfiin kun ''balaa namoomaa kanaan dura hin argamne'' akka fidu akeekkachiisuun, Israa'el imaammata ''duguuggaa sanyii, ajjeechaa, beelaafi uggura'' hordofaa jirti jechuun himateera.

    Ummanni Filisxeem dhugaa fe'ame kamiyyuu humnaan akka hin fudhanne ibsuun, mirga hiree murteeffannaa fi mootummaa walaba ta'ee fi Baha Yerusaalem magaalaa guddoo ishee godhate irra deebi'ee mirkaneessee jira.

    Ibsichi hoggansi Filisxeem hatattamaan Mana Maree Nageenyaa Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanitti dhiyaachuun walgahii hatattamaa Liigii Arabaa fi Dhaabbata Tumsa Islaamaa akka barbaadu ibseera.

    Ibsichi hoggansi Filisxeem hatattamaan Mana Maree Nageenyaa Dhaabbata Biyyoota Gamtoomanitti dhiyaachuun walgahii hatattamaa Liigii Arabaa fi Dhaabbata Tumsa Islaamaa akka barbaadu ibseera.

    Akkasumas pirezidantiin Ameerikaa Doonaald Tiraamp karoora kana dhaabuu fi nagaa dhaabbataaf dhiibbaa akka taasisaniif gidduu akka seenaniif gaafateera.

    Hubannoodhaaf: PAn kan Abbaasiin hoogganamuu fi kan sochii Faataah'n ol'aantummaa qabu, waggaa inni itti seeraan filatameen booda erga Hamaas bara 2007tti Gaazaa to'annaa jala galchee kaasee, kutaalee Weest Baankii qofa bulchaa ture.

    Hoggansi PA yeroo hunda waraana booda Gaazaa geggeessuuf qophii ta'uu cimsee dubbataa ture. Haata'u malee, haala gahaa ta'een dubbachuu dhabuu ykn tarkaanfii bu'a qabeessa hin fudhanne jechuun Filisxeemotaan qeeqamaa tureera.

  7. Jimmatti poolisiin shamarree dhimma nageenyaan shakkamuun hidhaarra turte gudeede adabame

    Shamarree gaddaa jirtu

    Madda suuraa, Getty Images

    Godina Jimmaatti miseensii poolisii qajeelcha poolisii Magaala Aggaarootti dubartii mana hidhaa keessa turte baasuun gudeede hidhaan adabamuu abbaan Alangaa Godinichaa BBCtti hime.

    Abbaa Alangaa Godina Jimmaatti, Haati Adeemsa Qorannoo Yakka Dubartootaa, Daa'immanii fi Namaan Daldaluu, Aadde Samiiraa Mul'isaa BBCtti akka himanitti, yakki kun dubartii umuriinshee waggaa 14-16 gidduu argamu irratti raawwatame.

    Qajeelcha poolisii Magaala Aggaarootti abbaa dabaree eegumsaa kan ture Itti Aanaa Saajin Lataa Abdiisaa ALI Gaafa Ebla 8 bara 2017tti galgala keessaa naannoo sa'aatii 2tti yakka kana raawwate jedhan.

    "Guyyaa sana miidhamtuun kun garaa na dhukube jechuun balbala mana hidhaa wayita reebdu abbaan dabaree eegumsaa kun 'mana fincaaniin si geessa' jechuun erga miidhamtuu baaseen booda yakka gudeeddii irratti raawwate" jedhan.

    Miidhamtuun tunis gocha irratti raawwatame kana dubartoota ishee waliin kutaa sana keessatti hidhamanii turanitti erga himatteen booda eeruun poolisii qaqqabuudhaan himatamaan kun to'annoo jala oolee qorannoon eegalamu dabaluun ibsan.

  8. US dursaa Venzuweelaa Nikoolaas Maaduroo to'achuuf badhaasa dolaara miiliyoona 50 dhiyeessite

    Pirezidantii Veenzuwelaa Niikolaas Maaduroo

    Madda suuraa, AFP via Getty Images

    Ameerikaan Pirezidantii Venzuweelaa Nikoolaas Maaduroo to'annoo jala oolchuudhaaf nama odeeffannoo kennuuf kennaa dhiyeessite dachaa lamaan guddisuun dolaara miiliyoona 50n qaqqabsiifte.

    Waashingitan pirezidanticha 'addunyaarratti nama isa ijoo qoricha sammuu namaa hadoochu dadabarsu'' jechuun himatte.'

    Pirezidantiin Ameerikaa Doonaald Tiraamp, yeroo dheeraaf Maanduroo qeeqaa kan turan yoo ta'u, filannoo sagalee waliin dhahuun jedhameen baatii Amajjii keessa gara aangootti deebi'an.

    Bu'aan filannichaas hawaasa addunyaa biratti bal'inaan fudhatama dhabee ture.

    Abbaan alangaa waliigalaa Paam Boondii, Ameerikaan badhaasa duraan beeksistee ture doolaara miiliyoona 25 (£18.6m) dachaa lamaan akka guddiifte ibsuun, Maaduroon kallattiin hojii daddabarsa qoricha sammuu namaa hadoochu waliin hidhata qaba jedhan.

    Ministirri Dhimma Alaa Venzuweelaa Yivaan Giil, badhaasni haaraan kun ''kan nama gaddisiisu'' jechuun ''olola siyaasaa'' jechuun moggaasaniiru.

  9. 'Haala amma jiruun Itoophiyaan sharafa alaa ga'aa qabdi kan jedhu amansiisaa miti'- Oggeessa diinagdee

    Noottii dolaara fi Birrii wal biratti

    Madda suuraa, Getty Images

    Itoophiyaan sharafa alaa ga'aa ta'e qabaachuu ibsuun, maallaqa gabaa sharafa alaa seeraan alaa keessa socho'u ammoo dhaaluuf dhaadatteetti.

    Bulchaan Baankii Biyyaalessaa Itoophiyaa, Obbo Maammoo Mihratuu, ibsa Roobii darbee haala sochii sharafa alaa fi caal-baasii sharafa alaa tibbana gaggeeffamerratti xiyyeeffachuun kennan, namoonni gabaa sharafa maallaqa seeraan alaa fayyadaman ''yoo of hin eegganne'' maallaqni isaanii akka dhaalamu akeekkachiisaniiru.

    Hammi sharafa maallaqa alaa baankonni biyyattii hawaasa daldalaaf dhiheessan ''dachaan dabaleera'' kan jedhan Obbo Maammoon, walumaa gala baankonni sharafa alaa dolaara biiliyoona walakkaatti tilmaamamu ji'a ji'an akka kennan dubbatan.

    Haata'u malee, haala diinagdee Itoophiyaarratti xiinxala kennuun kan beekaman ogeessi diinagdee Dr Guutuu Teessoo, haala diinagdee Itoophiyaa amma jiruun biyyattiif doolaarri hangamii akka ga'uu fi hangam akka barbaachisuyyuu beekuun nama dhiba jedhan.

    Itoophiyaan sharafa adda ta'e akkasheen argattu wanti godhame tokko hin jiru kan jedhan ogeessi diinagdee kun, ''akka nama diinagdee biyya kanaa hordofu tokkootti sharafi alaa biyya keenya keessa jiru ga'aadha kan jedhu na biratti fudhatama qabaachuu dhiisuu danda'a. Amanamaadha jechuuf na rakkisa,'' jedhan.

  10. 'Murtee kaabinee nageenyaa Israa'eliin booda Teel Aviviitti mormiin ummataa guddaa mudate'

    Ummata teel Aviiviitti murtee motummaa mormuuf bahe

    Madda suuraa, Reuters

    Karoora Beeniyaamin Netaaniyaahuun Magaalaa Gaazaa to'achuuf baasan irratti Israa'el keessatti ''mormiin ummataa guddaan'' uumamaa jiraachuu gaazexeessituun Israa'el BBC'tti himte.

    Taal Shinaayider, gabaastuun dhimma siyaasaa 'Times of Israel' akka jettetti, Israa'el keessatti ''aarii cimaan'' akka jiru himuun, halkan edaa bakkeewwan hedduutti murtee mootummaa kana mormuudhaaf daandiitti bahanii turan jette.

    ''Mootummaan tarkaanfii baayyee fudhatama hin qabne fudhachaa jira,'' jechuun sagantaa Raadiyoo 'BBC Radio 4 Today' jedhamutti himte.

    ''Sagaleen ummataa hundi tarkaanfii mootummaa kana baayyee kan mormu ta'u agarsiisa,'' jechuun, Netaaniyaahuun ''kan qilleensarra'' jiru fakkaata'' jetteetti.

    Mootummaan "furmaata dippilomaasii ykn siyaasaa barbaaduurra, yaada tarkaanfii humnaa dabalataa kana keessatti qabamee jira," jechuun dabalte dubbatti.

  11. Ministirri Mana-maleeyyuu UK mana dhuunfaasheerratti kiraa dabaluun walqabate hojii gadhiisan

    Rushaanaaraa Alii

    Madda suuraa, Getty Images

    Ministirri Mana-malleeyyii Rushaanaaraa Alii, aangoo gadhiisuu ishee Waajjiirri Ministira Mummee UK mirkaneesse.

    Aangooftuun tun aangoosaanii kan gadhiisan erga mana dhunfaasaanii kan baha Landanitti argamurratti kiraa dabaluudhaan himatamaniin boodadha.

    Ministirri tun mana jireenyaasaaniirratti erga waliigaltee kiraa addaan kutuudhaan gatii kiraa dabalaniin booda adeemsa hin mallee raawwatanii jiru jedhamuun himatamaniiti.

    Rushaanaaraa Alii akka aangoosaanii kan dhaabbilee tola-ooltummaa mana malleeyyii kanarraa ka'aniif namoonni siyaasaa mormitootaarraa dhiibbaan irratti taasifamaa tureera.

    Ministirittiin xalayaa ministira mummee UKtiif barreessiteen, "yeroo hunda ulaagaalee seeraa barbaachisoo ta'an hunda nan hordofa" garuu ammoo, gahee kanarra turuun "hojii guddaa mootummaa hojjatutti quufuu ta'udhaa'' jedhaniiru.

    Manni jireenya Ministirittii falmii kanaaf ka'umsa ta'e gurguruudhaaf jecha waliigaltee dhaabbataa kireessitoota waliin taasisan adda kutanilleen, baatii jaha keessatti manicha gatii olaanaadhaan kireessuudhaaf deebii'ee bahuu hordofeeti.

  12. Amma nu gahe, MM UK muddamni Israa'el Gaazaatti hammeessitu 'dogongora' jedhan

    MM UK Siir Kiir Istaarmar

    Madda suuraa, PA Media

    Ministirri Mummee UK, Siir Keer Istaarmar murtee kaabinee nageenyaa Israa'el Gaazaa keessatti "haleellaa daran hammeessuu dabarse dogongora" jechuun, mootummaan hatattamaan irra deebi'ee akka murticha ilaalu gaafatan.

    "Tarkaanfiin kun waldhabdee kana xumuruufis ta'e ykn namoota buutaman gadhiisisuuf omaa hin gargaaruuf. Dhiigni dabalataa akka dhangala'u qofa taasisa," jedhan.

    "Guyyaa hunda rakkoon namoomaa Gaazaa hammaataa dhufee namoonni butamanii Hamaas harka jiran haala suukaneessaa fi namommaa hin taaneen hidhamaa jiru."

    "Wanti nu barbaannu dhukaasa dhaabuu, gargaarsi namoomaa akka dabalu gochuu, namoota butaman hunda Hamaas harkaa gadhiisiisuu fi karaa mariitiin furmaata barbaaduudha. Hamaas egeree Gaazaa keessatti gahee tokkollee akka taphachuu hin dandeenyeetti hidhannoo hiikkachuu qaba."

    Itti dabaluun, ''michoota keenya waliin ta'udhaan, akka qaama biyyoota lamaatti karoora nageenya yeroo dheeraa naannichaarratti hojjataa jirra. Dhummarrattis, egeree ifa ta'e Israa'eliifi Filisxeemootaaf galmaan gahuuf hojjataa jira.

    "Haata'u malee, gama lachuunuu mariirratti amanamummaa gaariin waan hin hirmaanneef abdiin sun ija keenya duratti badaa jira."

    "Ergaan keenya ifadha: furmaanni dippilomaasii ni danda'ama, ta'us qaamoleen lamaan daandii badiisaarraa fagaachuu qabu."

  13. Goorillaan hirriyaa isaanii dhaltuu waggootaaf adda bahan barbaaduun beekamu

    Gooreellaan hiriyaasaanii baddee bara dheeraaf eeguu

    Madda suuraa, Dian Fossey Gorilla Fund

    Hariiroo goorillaan gaara keessaa dhaltuu tahan waliin ijaarratan isa yaadameen ol akka tahe qorannoo haaraan Ruwaandaatti gaggeeffame tokko agarsiise.

    Gorillaa dhaltuun yeroo garee haaraa gorillaa biraatti makamuu barbaaddu isaan keessaa gorillaa dhaltuu duraan beektu akka isaan keessa jirtu adda baasti.

    Qorattoonni Paarkii Biyyaalessaa Volkaanoo jedhamu Ruwaandaa keessatti argamu keessatti waggoota 20 oliif gareewwan goorillaa adda addaa irratti gaggeessaniiru.

    Qorattoonni kunneen akka jedhanitti gorillaa dhaltuun adda bahanii waggaa dheeraa yoo turaniyyuu garee adda addaa keessa galuun wal barbaadu.

    Garee haaraa itti makamtu keessa gorillaa dhaltuun waggoota dheeraa dura beektu jirti taanaan isaanitti makamti jedhan. Odeessa kanarratti bal'inaan dubbifachuudhaad asiin seenaa.

  14. Hogganaan paartii mormituu Israa'el karoora kaabinee nageenyaa 'balaafamaa' jedhan

    Yaahiir Laappiid

    Madda suuraa, Reuters

    Hogganaan paartii mormituu Israa'el murteen kaabinee nageenyaa magaalaa Gaazaa to’achuu murteesse ''balaa'' gara balaa hedduu birootti dabalataa'' geessiudha jedhan.

    Yaahir Laappid Magaalaan Gaazaa to’achuun namoonni booji’amanii jiran akka du’aniifi loltoonni Israa’el hedduun akka ajjeefaman taasisa jedhan.

    Karoorri kun ''guutummaatti faallaa yaada sadarkaa waraanaa fi tikaa guutummaati'' jedhan itti dabaluun. Akkuma kanaan dura gabaasne, hogganaan waraanaa Lt Jeneraal Eyaal Zamiir tarkaanfii kana akka hin fudhanne akeekkachiisaniiru.

    Netaaniyaahuun dhiibbaa ministeerota kaabinee nageenyaa warra leellistoota ta’anii (far-right) Itamaar Been-Gaviir fi Beezalel Simootrich irraa dhufeef jilbeenfachuu isaanii himatan.

    Akka yaadachiisaatti, gamtaan muummicha ministeeraa Israa’el deeggarsa ministeerota warra baayyee sabboonummaa leellisan kanneen Hamaas waliin waliigalteen yoo jiraate mootummaa gadhiisuuf doorsisan irratti hirkata.

  15. Keeniyaatti xiyyaarri kufee lubbuun nama ja'aa darbuu aanga'oonni himan

    XiyyaaraKeeniyaa caccabe

    Madda suuraa, Reuters

    Magaalaa guddoo Keeniyaa, Naayiroobiitti xiyyaarri xiqqaa qabeenyummaan isaa kan dhaabbata gargaarsaa ta'e tokko kufee caccabuudhaan lubbuun namoota ja'aa darbuu aanga'oonni naannichaa beeksisan.

    Dhaabbanni gargaarsaa Amiref jedhamu Kamisa waaree booda xiyyaarri buufata xiyyaaraa Keeniyaa Wilsan irraa ka'ee gara Somaaliyaa Hargeessaatti imaluu jalqabe gamoo mana jireenyaarratti kufee abiddi itti qabachuu beeksiseera.

    Komishinariin Kaawontii Kiyaambuu Henerii Waafuulaa paayiletii (balaliisaa) dabalatee harkiimonniifi narsoonni lubbuun isaanii darbuu kan beeksisan yoo ta'u, dabalataanis namoonni biro lama naannawaasana turan lubbuun isaani darbuu dubbataniiru.

    Namoonni lama ammoo miidhaan cimaa irra gahuu Komishinarichi ibsaniiru.

    Sababa balaa kanaa baruudhaaf qorattoonni gara bakka sanaatti ergamuun beekameera.

  16. Indoneezhiyaan Filisxeemoota madaa'an odola namni irra hin jiraannerratti keessummeessiti - dubbi-himaa

    Indooneezhiiyaa Filisxeemoota fuutee yaaluuf

    Madda suuraa, Teguh Prihatna/NurPhoto via Getty Images

    Indoneezhiyaan Filisxeemoota madaa'an 2,000 ta'an odola namni irra hin jirrerratti yaaluudhaaf akka ta'e dubbi-himaan pirezdantii biyyattii beeksisan.

    Haata'u malee, attamiin Indoneezhiyaa akka ittiin gahan irratti wanti jedhame hin jiru.

    Gidduugalli yaalii Odola Galang kan kibba Singaapooritti argamturatti tattaaffii qindoomina ministeera ittisaa fi dhimma alaa biyyattiin hundeessuuf yaaliin taasifamaa jira.

    Dhaabbanni Biyyoota Gamtomanii (UN) kanaan dura baqattoota lammii Veetnaam odola kana keessatti keessummeessaa kan ture yoo ta'u, yeroo weerara Kooviiditti dhukkubsattootaaf hospitaalli yaaliif achitti ijaaramee ture.

    "Kun baqachuu miti. Yaaliif qofaadha. Erga fayyanii kunuunsa isaanii xumuranii booda gara Gaazaatti ni deebi'u," jechuun dubbi-himaan kun kan dabalataan dubbatan.

    Biyyattiin yoo marii naannoo walitti bu'iinsa keessa jirtuu kanarratti hirmaattu kan jalqabaaf miti. Pirezidantiin ishee Piraabowoo Subiiyaantoo kanaan dura baatii Eblaa keessa Indoneezhiyaan namoota Gaazaa naannoo 1,000 ta'an dahoo kennuudhaaf banaadha jedhanii turan.

  17. Haannaa Hampitan shamarreen rakkoo ijaa hamaa irraa hanga taphattuu urjii ta'uu geesse eenyudha?

    Hannaa

    Madda suuraa, Getty Images

    Rakkoo ijaa hamaa tahe waliin dhalatte. Hakiimonni ammoo taphattuu kubba miilaa tahuu hin dandeessu ishee jedhaniiru. Karra eegduu Ingilaand, taphattuu urjii Waancaa Awurooppaa dubartootaa irratti argamte, Haannaa Haamptan.

    Rakkoo ijaa qabdu sirreessuuf ijoollumma aisheetti tajaajilli baqaqsanii yaaluu adda addaa godhameeraafii.

    Garuu hin milkoofne. Ammayyuu rakkoo sirriitti fageenyarraa ilaaluu qabdi.

    Hireen isheef kenname, kubba miilaa taphachuu hin dandeessu kan jedhudha. Inumaayyuu karra eegduu tahuu hin qabdu jedhan.

    Amma Waancaa Awurooppaa Dubartootaa Ingilaandi yeroo jalqabaaf dirree isheen ala injifatte kana irratti karra eegduu cimtuu tahuun achii as baate. Odeessa kanarratti dabalataaf dubbiifachuuf asiin seenaa.

  18. Waajjirri Netaaniyaahuu karoora Magaalaa Gaazaa to’achuu irratti qaban bal'inaan ibse

    Taankii Israa'el

    Madda suuraa, Getty Images

    Waajjirri Netaaniyaahuu ibsa karoora magaalaa Gaazaa to’achuuf ragga’ee fi “seera bu’uuraa shan waraana kana xumuruuf” bal’inaan ibsu baase, kaabineen sagalee caalmaadhaan raggaasiseera.

    "Humni Waraanaa Israa’el- IDF magaalaa Gaazaa to'achuuf kan qophaa'u yoo ta'u, ummata nagaa naannoo waraanaatiin ala jiruuf gargaarsa namoomaa ni dhiyeessa.''

    Kana gochuun "waraana kana xumuruuf" qajeeltoowwan armaan gadii bal'inaan kaa’eera:

    • Hamaasiin hidhannoo hiikkachiisuu.
    • Booji'amtoota hunda - lubbuun jiranii fi du'an deebisu.
    • Gaazaa waraanarraa bilisa gochuu.
    • Israa’el nageenya Gaazaa to’achuu.
    • Filannoo mootummaa siiviilii ta’e kan Hamaas ykn Abbaa Taayitaa Filisxeem hin taane qabaachuu.

    "Ministiroonni Kaabinee harki caalaan karoorri filannoo kaabineef dhiyaate kun mo'amuu Hamaas ykn namoota butaman deebisuu akka hin dandeenye amanu," jechuun xumura ibsi kun.

  19. Awustiraaliyaan Israa'el akka magaalaa Gaazaa hin to'anne akeekkachiiste

    Ministira Dhimma Alaa Awustiraaliyaa

    Madda suuraa, Getty Images

    Karoora magaalaa Gaazaa to'achuu Ministirri Muummee Israa'el Beenjaamiin Neetaaniyaahuu dhiheessuun kaabineen isaanii raggaasise irratti biyyoonni addunyaa yaada kennaa jiru.

    Awustiraaliyaan biyyoota karoora kana morman keessaati.

    Ministirri Dhimma Alaa Awustiraaliyaa, Peenii Woong ibsa baasaniin ''Awustiraaliyaan Israa'el karoora magaalaa Gaazaa to'achuuf qabatte akka hojiirra hin oolchine gaafachuu,'' eeran.

    Karoorri Israa'el kun rakkoo namoomaa Gaazaa keessa jiru daran kan hammeessudha jedhan.

    Dirqamaan uummata qe'eerraa buqqisuun seera idiladdunyaa sarbuudha kan jedhan qondaalli Awustiraaliyaa kun, faallaa karoora dhukaasa dhaabuu akka ta'es dubbatan.

    Tarkaanfiin Neetaaniyaahuu kun gargaarsa namoomaatti gufuu kan ta'uu fi Hamaas namoota Onkoloolessa 2023 bute akka gadi hin dhiisne taasisa jedhan.

    ''Furmaata biyyoota lamaan walqixa hirmaachisuun argamu qofatu nageenya waaraa mirkaneessuu danda'a. Biyya Filisxeem fi Biyya Israa'el jedhamuun mariin gaggeeffamuu qaba. Daangaan sadarkaa idiladdunyaa beekamtii qabu gidduusaanii jiraachuu qaba.''

    Ministirri Eegumsa Naannoo Awustiraaliyaa gamasaaniin mootummaansaanii ''karoora dirqamaan Gaazaa weeraruu cimsee akka mormu,'' dubbataniiru.

  20. Addeessarratti buufata nukilaraa ijaaruun dorgommii siyaasaatimoo dhuguma misoomaaf?

    Dirra Addeessaa

    Madda suuraa, NASA

    Ameerikaan Addeessarra ri'aaktara nukilaraa dhaabuuf karoorsiteetti. Karoora kana hanga bara 2030tti milkeessuuf kan dhiheeffate ejensii hawaa biyyattii Nasa ta'uu miidiyaaleen US gabaasaniiru.

    Kun qaama karoora Ameerikaan Addeessa iddoo jireenyaa dhaabbataa dhala namaaf gochuuf qabatteeti.

    Dhaabbati miidiyaa Politico jedhamu akka gabaasetti qondaalli Nasa biyyoota karoora walfakkaataa qaban lameen- Chaayinaa fi Raashiyaa maqaa kaasuun karoora qaban ibsan.

    Qondaalli Nasa kun biyyoonni lameen Addeessarratti ''bakka namoonni ga'uu hin qabne jedhanii daangaa sararuu danda'u,'' jedhan.

    Garuu milkaa'ina karoora kanaa fi yeroo karoorfame keessatti hojiirra ooluu isaarratti gaaffiin ka'aa jira.